ortodoksiidhugaa | Unsorted

Telegram-канал ortodoksiidhugaa - Ortoodoksii ishee dhugaa

8413

"Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! Daandiin (Ortoodoksii) durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!" Er.6:16 👉 Join telegram channel https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT

Subscribe to a channel

Ortoodoksii ishee dhugaa

Du'a wareegamtootaatiin amantaan ni eegamti,amantaan ni guddatti,manni amantaa ni jabaattii.kan du'an yeroo moo'an,ka ari'an immoo moo'amtoota ni ta'u....duuti wareegamtootaa ofii isaaniyyuu jireenya isaanitiif badhaasadha!!!

Qulqulluu Abiroos

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Carraan barnootaa waan si duraa miliqe seetee tii? Amma'uu carraalee barnootaa kumaatama qabda. Waan umuriin kee si jalaa miliqe seetee tii? Baroonni faamiin bor si eeggatan ta'aanii si eegaa jiruum? Nama na hubatu , nama naaf yaadu dhabeeni? Jetteettas taanaan , warra muraasa si hin dhageenye caalaa nuti warri si dhaga'uu feenu , "Hundumti keenya iyyuu as jirraatii ofii kee irratti waan hamaa hingodhin"

Dararamatu natti horame , jireenyatu natti dukkanaa'e , haala biyyattiitu abdii na dhabsiise jettemoo laa? Nutoo maal sima waliin jirra mitii? Rakkoo waliin keessa buune keessaatii utuu wajjin keessaa baanee hin wayyuu? Si'iin caalaa haala hammaateen nuti Phaawuloosonnii fi Siilaasonni hidhamnee fi reebamne , "Hundumti keenya iyyuu as jirraatii ofii kee irratti waan hamaa hingodhin" gaafa siin jennu nu dhaga'i.

Kanarra'uu , atis akkuma eegduu mana-hidhichaa , "Akkan fayyuuf maal godhu?" Jechuutiin karaa ittiin fayyitu gara mana-qulqullummaa isaatii tti dhiyaadhuu tii gaafadhu.

Michuu ko! Kan ati barreeffama kana dubbifte waan lubbuu jirtuufi dha. Barreeffamoonni baay'ee qaroo kee eeggatan , sagaleewwan baay'ee gurra kee barbaadan , imimmaanonni baay'een maarrabaa kee barbaadan , qoosaawwan baay’een kolfa kee barbaadan . . . amma'uu baay'eetu jiru.

Kanaafuu , Seexana leeyyaasisi. Akkasis isaan jedhi : -

"Yaa diina ko , yoon kufe nan ka'aatii , yoon dukkana keessas taa'e Waaqayyo ifa naaf ta'aatii anarratti hin gammadin" Miik. 7:8

Daaqunii Heenook Haayilee
A.L.I Onkoloolessa 2016
Meelbarn Awustiraaliyaa

Lubbuu dhiph'atteef sagaleen Waaqayyoo boqonnaa ta'e hundumaa bira akka ga'uuf; anis ergan isinitti lallabeen booda gatamaa akkan hin taaneef waa'eekoof kadhadhaa!

Bakka Koomentiin itti laatamu jalatti , “Dubbii gargaaru , yeroo barbaachisutti kan cimsu , warra dhaga'uufis ayyaana kan kennu malee , dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin ba'in!” Efe. 4:29

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

+ Ofii Kee Irratti Waan Hamaa Hingodhin +

Si haa qaqqabu obboleessa koo garaan si hammaateef kan jiraachuun si dadhabsiiseef , jireenyi kan siif gamteef , nama si dhaga'u kan dhabdeef , nama si gargaaru kan hin arganne michuu koo dararmteef!

Du'uun alatti furmaanni biraa sitti hin argamu jedheera taanaan , warri si fakkaatan dararmtoonni Phaawuloosii fi Siilaas mana-hidhaa keessa ta'aanii akkas siin jedhu.

"Ofii kee irratti waan hamaa hingodhin" HoD. 16:28

Nan beeka naanna'an kee allayyaa sitti ta'eera. Maaluma ta'a utuun hin uumamne ta'ee amma jettuutti dhiph'atteetta.
Miirri kun garuu , si'iin qofaa hin jalqabamne. Nama ta'ee uumamee kan jireenyatti hin hadh'eeffanne eenyuutu jira? Du'uus kan hin hawwine eenyuutu jira?

Kan du'a gomja'e si qofaa dha seetee?

"Maaliifan gadameessa keessaa ba'e? Utuu iji na hin argin utuun du'eera ta'ee" kan jedhe Tolaa Iyyoobiin hin dhageenyeenii? (Iyyo
10:18)

"Abboottan koorra hin caaluu tii lubbuu koo fudhadhu" jedhee akka du’uuf kan kadhate Eeliyaasiin hin arginee? 1Moot. 19:4

Yoonaasoo , "Ammas , yaa gooftaa jiraachuurra du'a naaf wayyaatii lubbuu koo ana keessaa fudhadhu isaan jedhe" isaa jedhuu hindhageenyeenii? (Yoonaas 4:3)

Haadhoo ko! Na'amanii! sababnisaa maalis haa ta'u maal , nama jiraachuun isa hin jibbisiifne seenaa keessatti barbaaddee hin argattu.
Kan du'i itti foolame , kan yaanni garaasaa duraa miidhame baay'ee dha. Qorumsi addaa sirra ga'e hin jiru.

"Kan namarratti ta'urraan kan hafe , homaa qoramni isinirra hin geenye ; garuu ammoo , hamma isiniif danda'aamuun olitti akka isin qoramtaniif Waaqayyo inni hin eeyyamne amanamaa dha , obsuufis akka dandeessaniif , qoramaa wajjin ammoo karra-ba'iinsaa isiniif tolcha" jedha kitaabni. 1Qor. 10:13

Tariitiis , meelachuu laph'ee keetii , gad-fageenya gadduu keetii argee ; yeroo wal-simataan argadhe jedhee akkati of-miituuf seexanni sitti xuxxuqachuu danda'a. Akkamitti yaanni akkanaa qalbii kootti dhufuu danda'e jettee hin jeeqamin. Seexanni , yaada jal'inaa kana si'i qofaaf utuu hin ta'in , Kiristoosiifis dhiyeesseera.

"Yoo mucaa Waaqayyoo taateefoo gara gadiitti ofiikee darbadhu" jedhee , Kiristoosumaanuu [Eenyummaasaa utuu hin beekin] akkanni of-darbatuuf ija-jabeessa yaale dha. Namni mucaa Waaqayyoo ta'e garuu , ofiisaa hin miidhu.
"Waaqayyoo Waaqa kee hin qorin" , "Sokki seexanana" jedhii tii seexana ofirraa abboomi.

Seexanni , Kiristoosiin , "Fiixee gamoo irraa darbatamuutiin mucaa Waaqayyoo ta'uu kee agarsiisi" yommuu isaan jedhu , Kiristoos , seexanaan sokkasii jedhee abboomuu isaatiin , ulfinaan gara samiitti ol-ba'ee mirga Waaqayyoo taa'e.
Obbolee ko! Atis Seexana hin dhaga'in , yaanni isaa , ofiikee miitee Uumaa kee wajjin akkati wal-dhabdu gochuufi dha. Seexana ofirraa abboomnaan , Hoolotaa wajjin mirga Waaqayyoo dhaabatta.

Rakkoon ati amma keessa jirtus indarba. Miirri hamaan amma sitti dhaga'aamu yoom iyyuu kan hin jijjiiramne hin se'in. Gaddichis , qof-galeessummaanis , abdi-dhabiinsis inuma darba. Dukkanichi inbari'a. Balballi cufame inbanama. Rakkinichi yeroo hiikametti ati dhibnaan garuu , hiika hin qabu.

Kanaafuu , rakkoo furamuuf jiruuf jettee murtoo galagalcha hinqabne hin murteessin. Of-balleessuun , rakkoo yerowaatiif jedhanii rakkoo fulla'aa keessa seenuu dha. Dhukkuba yerowaa irraa obbaafachuuf jettee waa'ee maaliif dhukkuba barabaraa fo'atta? "Kan du'e in obbaafate" namaa jedhuu dhageessee akka hin goyomfamne , duuti kan inni boqonnaa ta'u iyyuu gaafa Waaqayyo si waamu qofaa dha.

"Isin dadhabootanana , ba'aan keessan kan isinitti ulfaate gara koo kottaa ; anis , isinan boqochiisa" Gooftaan jedhe utuu inni si hin waamin of-bal'eessuun , dhiph'uu barabaraa fida.

Michuu ko! , "Ofii kee irratti waan hamaa hingodhin"

Gatii jireenya keetii beekta ta'innaa? Ati mee , mucaa Waaqayyoo kan inni siif jecha du'eedhaam. Si fayyisuuf jecha kan madaa'e , si kabajuuf jecha kan salphate , dheebuu si baasuuf jecha kan dheebote , sitti uwwisuuf jecha kan inni qullaa ta'e simaaf jedheetiim.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Yeroo cubbuudhaa kuftetti abdii kuttee kadhannaa kee adda akka hin dhaabne. Gaabbii hangan galutti jettee yoo kadhannaa kan dhaabdu yoo ta'e yoomiyyuu gaabbiu hin galtu. Sababni isaas kadhannaaniyyuu balbala dhugaa gaabbii galuuti.

(qulqulluu qeerlos isa jahaffaa-laga efraaxis fuula 87)

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Sanbattan Lamaanii

“Warra sanbattan koo osoo hin xureessin eegan, kakuu koottis jabaatan hunduma immoo, ani gara tulluu koo isa qulqullaa’aatti ol nan baasa,mana kadhaa isa kan koo keessattis isaan nan gammachiisa” (Isa 56:6)

Sanbata guddaa fi sanbata xinnaan torban torbaniin kan yaadaman yoo ta’u Itoophiyaa dabalaatee biyyoota addunyaa hedduu keessattis mootummaadhaafis guyyaa ayyaanaati. Guyyoota lamaan kana midhaan irraa  soomuunis sagaduunis  dhoorkadha. Sanbata xinnaan sooman yaadatamtu waggaa Keessatti sanbata xinnaa jala bultii ayyaana du’aa ka’uu gooftaa Iyyasuus duratti argamtu qofa dha. Haa ta’u malee sanbata guddaan sanbata Kiristaanaa waan taateef  guyyaa itti bataskaana dhaqnu,Wangeela dhageenyu, guyyaa gooftaa Iyyasuus gadaamessa haadha isaa keessa bule, itti dhalate,  guyyaa itti cuuphamee fi du’aa ka’e waan taateef adda fi kabaja guddaa qabdi. Hojii dadhabsiisoos yookaan hojii foonii itti hin hojjenu, hojii hafuuraatu itti raawwatama. Wangeela keessattis duuka bu’ootni,  “Sanbatni erga darbee jalqaba torbaniitti barii (gaafa sanbata guddaa,Maariyaan isheen magdalaa fi maariyaam isheen kaan awwalicha ilaaluu dhaqan”(Mat 28:1) kan jedhu sanbata guddaa ibsa.

Deebisees  Phaawuloos “Sanbata guddaa torbee dhumaa tokkoon tokkoon keessan hamma wal qixxaateef buusee walitti haa qabu” jedha (1Qor 16:2). Sanbata Kiristanaas kabajuun kan jalqabame mana hadha Maarqoos ayyaana Pharaqlixoos booda akka ta’e abbootni Ortodoksii ni ibsu. Hayyootni yaa’ii Niiqiyaa irratti  seera tuman( 318) akkas jedhan
“Guyyaa sanbata guddaa ganamaa barraaqaan ka’i gara bataskaanaa deemi,yeroo deemtuus laphee kee olii fi gadi hin raasiin sa’aatii qiddaasee ishee qulqulleettiis, dhukkubbii, du’a, du’aa ka’uu gooftaas yaadadhuutii sodaadhaan dhaabadhu.” (Amantaa Abbootaa kan 318, Boq. 20:22) .

Guyyaa kana qotuun, bocuun, haamuun, facaasuun, daldaluun, dhaddacha irra ooluun, dhoowwadha. Bataskaana dhaquun sagalee Waaqaa dhagahuun, Waaqa kadhachuunis hordofaa amantaa Ortodoksii tokkoof dirqiidha. kan hidhame hiiksisuu kan dhukkubsatee gaafachuu, kadhachuufiis, gargaarun  barbaachisaa dha.

✍ Sanbata xinnaan garuu hojiiwwan hafuuraa akkasumas hojiiwwan hafuura hin taane kan  sasalphaa ta’an itti ni hojjetema. Fakkeenyaaf  gabaa bahuu,  bituu gurguruu, dallaa cimsuu, maasii keessaa aramaa baasuun hin  dhoowwamne. Sababni isaas kiristaanni sanbata yoo kabaju akka Yihudoonni kabajanitti akka hin kabajne yaa’ii Loodoqiyaa irratti dhoowwamee jira waan ta’eefi.

“Sanbatatu namaaf umame malee namni sanbataaf hin uumamne egaa ilmi namaa sanbata irrtti iyyuu goofta dha” (Mar 2:27) akkuma jedhe fayyisaan keenya Iyyasuus Kiristoos  namni gooftaa sanbataati. Kanaaf namni beela’e guyyaa sanbata kanas ta’u midhaan daakame mana yoo hin qabaatne, guyyuma sanaaf daakkate nyaachu, kan ittiin bilcheeffatus yoo dhabe, muka guuree guyyuma sanatti nyaachuun cubbuu hin qabu, ilmi namaa kabajamaa dha waan ta’eef, sanbata diiguus miti, kunis kabaja ilmi namaa sanbata irrati qabu akka ibsu agarsiisa. Kanaaf lubootnis waan kana irratti hordoftoota irratti ba’aa adda ta’e fe’anii namni kiristaanummaa akka hin nuffine of eeggannoo gochuu akka qaban abbootni ni ibsu.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

#Abdii

"Waan tokko nan godha,wanta na boodatti hafe yaaduu dhiisee, wanta na dura jirutti nan hiixadha" (Fil 3:13)
Barri haaraan dhufaa jira. Yeroo Waqaayyo kenne keessatti bara namatu abdiin haaromfata malee guyyootni addatti qalama dibamanii fi hin dibamne hin jiran. Namni garuu yericha akka isaaf hiikkaa kennutti addaan qoqqooda. Qoqqoodes itti jiraata. Isa keessatti abdii horata. Isa darbe dagatee isa dhufu abdii taasifata. Atis hammam iyyuu gadda fi abdii kutannaa keessa jiraattu iyyuu bara haaraan simadha jedhii of qopheessi.
Of duuba deebitee yoo yoo ilaaltu tarii jireenya kee keessatti kan itti gammadde caalaa kan itti gadditetu jira ta’a. Kan itti boqotte caalaa kan itti dadhabdetu jira ta’a. Wantootni hedduun jireenya kee keessatti abdii si kutachiisan ta’a. Nama heddu wajjin waa meeqa karoorfatte, kaayyoo tokko qabattee, hardha namoonni sun si bira hin jiran ta’a. Hiriyoota hedduun nama hedduunis marfamte kan turte hardha garuu nama kophaa kee ofitti haasa’us ta’uu dandeessa. Wanta heddus argatte dhabde ta’a. Nama heddus of biraa dhabde ta’a. Hojii keetinis kufaatii fi mucucaachuu keessummeessite ta’a.
Hardha garuu of onnachiisi. Gammachuun yaada kee irraa madda. Akka ati itti hiikkatetti hiikama. Amma barri haaraan siif dhufaa jira. Isa dhabde qofa yaaddee,yookaan bakka waa irri dhabde qofa yaaddee jireenya kee of irratti hin hadheessin. Carraa hedduun akka dhufaa jirus waliin yaadi malee. Qilleensa haaraatu sitti qilleensa’a.Jireenya haaraa dhufu kana telesooppii adda ta’een ilaalii hiikaa itti kenni, itti kennii itti jiraachuuf tattaafachu.
Garuu tasuma abdii hin kutatin. Waaqayyoof wanti dadhabamu waan hin jirreef. Kan ati hin ta'u jette Waaqayyoof salphaadha. Kan ati kun xumura kooti jireenyi koo anaaf dhumate jette, Waqaayyo ‘ganaa jireenya eegalta’ siin jedha. Kanaaf abdiidiidhan Waqaayyotti hirkadhu.Dhukkubsachuu miti, du'u illee hanga boolla keessa nakaasutti nan amana jedhiin laphee keetiin. Alaazaar du'ee guyyaa afur booda boolla keessatti gooftaan isa yaadatee isas kaaseera waan taheef. Gatame irraanfatame, naman jaaladhuun fira dhiheenyaatiinis darbame jibbame hin jedhin, yoo akka garbaatti gurguramuudhaaf jibbamte iyyuu Waaqayyo biyya Misraatti akka Yooseef isa obboloota isaatiin gurgurame, hundaa ol ol qabe bulchaa taassie sana, sis ol si qaba waan taheef. Dhala dhabe Waaqayyo maaf dhala na dhoowwate ani namarraa hin uumamnee laata jettees garmalee hin dhiphatin, Ijoollen kennaa Waaqayyooti, Waaqayyo inni gadaamessa Haannaa banee Saamu'eel badhaase,'Dhabduun torba deesse' jettee akka galateeffattu si godhaati. Akka Elisabeetitti namoonni si hamatanis ati ilma biyyaaf namaaf Waaqafis tahu argattaati. Nama hinq abu dhukkubi koo na sakaale, an sichin nama ta’aa? Hin jedhin. Matsaaguun waggaa 38 booddaa Waqaayyo abdii itti horee isa fayyiseeraati.

Fageessii afuura baafadhu. Baruumsi naaf hin galu ani doofes hin jedhin Waaqayyo akka Qulqulluu Yaareed sammuu kee ifaan ni guutaati. Hiyyoome,daare dhabe dhibame, horiin koos na dura dhume jettee yeroodhuma hunda hin gumgumin. Yoo obsa qabaatte,Waaqayyo akka Iyyoobitti mana kee sifaan gammachuufi qabeenyaan guutati.
Kan humna qabu natti taphate, sodaadhe, humna kamiinan diina koo injifadha jettee hin cinqaminis, Waaqayyoon kee jabeesi qabadhu, inni Daawitiif Gooliyaad jilbiinfachiise,inni Sanaakireem qaanesse,Waaqayyo abbaan keenya kaleessaa sun hardhas nama abdiin eeggatan hundaaf ni dhaqqaba waan taheef.

Hardharra boru wayya, borurra iftaan wayya jedhi malee jireenya kaleessaa qofa yaadannoodhaan hin jiraatin. Isa caalu jiraachuf gara fuula duraatti hiixadhu. @nhf

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

“Inni ergasii sabaa wajjin mari'atee faarfatoota uffata qulqullaa'aa fi miidhagaa uffatanii Waaqayyoon faarfatan tarree in dhaabe; isaan yommuu loltoonni lolatti ka'an dura bu'anii, "Waaqayyoon galateeffadhaa, inni gaarii dha, gaarummaan isaas bara baraan in jiraata" in jedhu turan.”
— 2Sen. 20:21

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Maaliif Fulbaana keessa Bara Haaraa kabajna?

Kuta Duraa

Akkam jirtu? Kabaja bara haaraa irratti gaaffii heddutu ka’a. Gaaffiwwan ka’an kunis tokko tokko odeeffannoo gahaa dhabuurraa fedhii seena dhugaa jiru beekurraa kan maddanidha. Kanarra darbees maaliif bara haaraa Fulbaana keessa kabajna? Kan keenya miti, kan habashaati yaadonni jedhanis jiru. Ayyaanni bara haaraa Oromoo ammoo guyyaa kami, kana akka ayyaana keenyatti kabajuu qabnaa? gaaffiin jedhanis jiru. Seenawwan namoonni yaada pro-abyssinia qaban ammoo wanti sababa jedhanii tarreessanis jiru. Keessumattuu ammoo ka’uumsi isaa kan silaa sirriitti himamuu qabu himamuu dhabuudhaan, seenawwan dabalata ta’uu malan akka ‘waannaatti’ waan dhiyaataniif kana sirreessuudhaaf hubannoo koo isiniif qooduun barbaada. Kanas kutaa kutaadhan baay’isee osoo gabaabsee ibsee jechuun baay’isee gaggabaabsee kutaa lamaa sadiin nan dhiyeessa. Sababni isaas namni hedduun gaaffii kanarratti waan dhiphatuufi.
Jaqlaba irratti garuu bara haaraa Fulbaana keessa kabajuun bu’uura kitaaba qulqulluu qaba yaada jedhurraan ka’a. Kunis akkami yoo jenne akka armaan gadiitti.
Addunyaa irra kaaledara gara garaa heddu ta’antu jira. Isa keessaa tokko kaalendara sochii addeessaa irratti hundaa’ee lakkawwamu isa ‘Lunar year jedhamu yoo ta’u baldhinaan waqtii ayyaanotaa adda baafachuuf gargaara. Kunis ecclesiastical year jedhama. Warra addeessan kaalendara lakkaa’aniif Jiini jalqabaa fakkeenyaaf akka Hibruutti Niisaan jedhama yookaan kitaaba Qulqulluu Kakuu Moofaa irratti Abiib jedhama. Guyyaan jalqabaa ji’a kanaa kan oolus akka lakkoofsa Girigooriyaanotatti baatiwwan Bitootessaa fi Ebla gidduudha. Biyyootni akka Eeshiyaa hedduu lakkoofsa kanatti dhimma bahu. Kitaaba Qulqulluu irratti Waqaayyo Museedhaan ji’a Nisaan kana jalqabbii lakkoofsaa baraa akka taasifatan akka armaan gadiitti abboomeera.
Ba’uu 12:1- Waaqayyoo biyya Misraatti Musee fi Aaroniin akkas jedhee itti dubbate “Kuni jalqaba baatiiwwan hundaa isiniif haa ta’u ji’a jalqabaa waggaa isiniif haa ta’u jedhe.
Garuu baatiin Niisaan kun jalqaba lakkoofsa waggaati malee bara haaraa Ibrotaati jechuu miti. Waaqayyo akka lakkaa’aniif baatii Nisaan kana jalqabbii taasifadhaa haa jedhuun malee akka boqotaniif garuu baatii torbaffarratti akka ayyaaneeffatan abboomeera. Kanas caqasa kanaa gadiirraa hubanna.
“Waaqayyo Museedhan akkas jedhe ‘Israa’eliin akkas jedhii itti himi: ji’a torbaffaatti guyyaa jalqabaatti boqonnaa, sagalee faaggaatinis yaadannoo, yaa’iin qulqulluunis isiniif yaa ta’u(Lewwii 23:23). Egaa akka ecclestiastical year kanaan yoo lakkaawwame Nisaan irraa ji’a torbaffaan Fulbaana keessa ta’a. Kanaaf Israa’elootni bara haaraa kan kabajan bu’uuruma kitaaba qulqulluu kanaan Fulbaana keessa. Afaan isaaniitin barri haaraan kun “Rosh Hashanah” yookaan jalqabbii bara haaraa jedhamee beekama. Kanas interneetii irratti Rosh Hashanah maali jechuun Afaan Ingliffaatiin maddeen heddu argachuu dandeeysu. Egaa ka’umsi Fulbaana keessaa bara haaraa kabajuu tokko kanadha.
Inni dhibi seenaadhaan Kushootni durii bara haaraa jedhanii kan kabajan baatii Fulbaanaa kana keessa. Isaan keessaa madda qaroominaa kan turan kushootni biyya Masrii keessumattuu bonnii darbee lagni Abbayyaa ennaa bishaan guutuu fi midhaan oomishuu eegalan waan ta’eef akka bara haaraatti baatii kana ni kabaju. Guyyaan kun guyyaan urjiin sirius jedhanii waaman samiirratti muldhatuu fi guutuu bishaan Abbayyaa akeeku waan ta’eefi.
Hafte seenaa sana ka’uumsa kan taasifatte manni kiristaanaa Masrii(Koptikii) dhiibbaa gara garaa dandamachuudhaan bara haaraa kan kabajju Fulbaana keessadha. Guyyaan isaan bara haaraa itti kabajanii fi kan Itiyoophiyaa takkittiidha. Isaan ammoo maqaa bara haaraa isaanii kana ‘Nayrouz’ jedhuun. Kanallee maddeen dhibi irraa interneetii irratti dhugeeffachuu dandeessu.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Namni Jannata ka galu lubbuudhan malee foonin miti,Dubroo Maariyaam ammoo foon uffatee erga kaate gara Jannataa kan galte miti,gara samii Iyyaruusalem isa namni booda yoo mishaa dalage foonin keessa galu jechuudha.Garaagarummaa kana akkanumatti yaa hubannu. Akkuma olbauu Gooftaa faarfataa Daawit "Waaqayyo sagalee ililchaatiin; Gooftaanis sagalee faaggaatin ol ba'e".(Faar 46/47:5.) jedhee faarfate isa ol kauu Dubroomaariyaam kanas “Gara boqonnaa keetii ka’i hoo, atii fi Taabtoni mana qulqullummaa keetis” (Faar 132:8) jedheera.
Hunduma olittis wanti nu hubachuu qabnu,Gooftaan jalqaba uumama uumee jiraachisaa ture,ofiisaa jaalala namaaf qabu ibsuuf foon namaa uffatee nu gidduu deddeebiee erga hojii fayyinaa raawwatee booda gara samiitti bakka kabaja isaa sanatti ol deebie jechuudha malee foon uffatee dhufuun isaa kun akka shakkitoonni jedhan kan Abbaa isaa irra isa kabajaan isa hirdhisee isa kan kadhatu,Abbaa isaa ammoo kan kadhatamu taasisu miti. Abbaa Ilmi Afuura Qulqulluun kabaja aangoo humna taayitaan tokkodha waan taeef Qaama sadan kana gidduu wal kadhachuun hin jiraatu!Buuurri kiristaanummaa keessumattu inni amantaa Ortodooksii waloomaa Gooftaa Iyyasuus Waaqa Waaqotaa Gooftaa Gooftotaa,Mootii Moototaa,Inni kan kadhatamu malee kan nuuf kadhatu akka hin taane jala murtee barsiifti,kanarratti “warra isa qofatti amanna” jedhaniinuu waldhabna,afuura foonii ija foonitiinis waan ilaalaniif dhugaa kana jalaa dhokse! Abbaa fi Ilmi Tokko(Yoh 10:30)

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Inni har'a Tulluu Taaboor irratti Kiristoosiif dhugaa bahe biyyaa abdii sana osoo hin dhalin hafe.

Ilaa yaa firaa! Har'aas faarfachuun, barsisuun, geggeessuu bulchinsaa keen keennaa afuuraa gara keetti jijjirtee ykn gartuu tokkof kennitee, ykn kan ofii keessaaniis taasiftanii "Nuyi ykb ana"" jettee keennaa afuuraa qulqulliuf of jaajja tanaan dhumni kee biyyaa abdii sana dhabuudha.

Yaa fira koo hubadhu! Museen ummataa Israa'eel geggeessuus "anadha" waan jedheef qofaf biyya ambaa ykn dhala Abbootiif galamtee sana akka hin dhalle ta'e.Yeroo amma kana bakka baay'eetti rakkoo umaa kan jiru "Ana malee" kan jedhuudha. Waldaa keenyaa malee, garee kana malee, abaluu malee kan jedhuu hedduummattee mana kiristaanaa irraatti midhaa fida jira. Hubadhuu ammas "ana malee " jechi jedhu ulfinaa Waaqayyoo fudhachuu , hojii isaa salphisu ta'a waan ta'eef. Waldaan kee kennaa tokkotti fayyadamee tajaajiluu danda'a. Egaa kennaan Waaqayyoo Waldaa ykn garee keettiin madalamee daangaan itti ta'uun "ana malee" jettaayyii ? Bu'aan isaa Daandii irraatti duute hafu malee dhamatiin kee duwwaa akka ta'e bari. Adeemsi milkiin jaalalaa malee hin ta'u. Waaqayyoo immoo jaalalaa dha. Egaa garee tokko ykn nama dhunfaan tajaajiluu jibbitee ana qofa kan jettu gaatiin dadhabbii kee du'a qofa akka ta'ee bari.

Kanan siin jedhu amma maqaa kee fi Waldaa keef arifatuu ykn inaaftuu dhiigaa Gooftaa kan qulqulloofteef maaliif hin dhiphaannee? Dhiigaa Gooftaan kan Qulqullooftee ilma nama akka ta'ee beektaa ? Osoo beektee isaa xurreesitee maqaa keef qofa arifataa ? Waayyoo yaa namaa! Gaheen keenya maqaafis miti, waldaadhafis miti. Nutti bataskaanni akka tajaajilaa gaarii argatu qofa barbadna osoo jettee nama dhunfa kennaa isaan tajaajiluu garee mana kiristaanaa tajaajiluu ana malee jettee hin jibbitu turte.Yaa fira koo hubadhu! Museen ummataa Israa'eel geggeessuus "anadha" waan jedheef qofaf biyya ambaa ykn dhala Abbootiif galamtee sana akka hin dhalle ta'e.Yeroo amma kana bakka baay'eetti rakkoo umaa kan jiru "Ana malee" kan jedhuudha. Waldaa keenyaa malee, garee kana malee, abaluu malee kan jedhuu hedduummattee mana kiristaanaa irraatti midhaa fida jira. Hubadhuu ammas "ana malee " jechi jedhu ulfinaa Waaqayyoo fudhachuu , hojii isaa salphisu ta'a waan ta'eef. Waldaan kee kennaa tokkotti fayyadamee tajaajiluu danda'a. Egaa kennaan Waaqayyoo Waldaa ykn garee keettiin madalamee daangaan itti ta'uun "ana malee" jettaayyii ? Bu'aan isaa Daandii irraatti duute hafu malee dhamatiin kee duwwaa akka ta'e bari. Adeemsi milkiin jaalalaa malee hin ta'u. Waaqayyoo immoo jaalalaa dha. Egaa garee tokko ykn nama dhunfaan tajaajiluu jibbitee ana qofa kan jettu gaatiin dadhabbii kee du'a qofa akka ta'ee bari.

@GutaCheru

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Gochoota Ayyaana Taaboree

Akka aadaa Oromootti keesumattuu Tuulamaa fi Maccatti, Ayyaana Ukee/Taaboree kana ayyaana ijoolleti jedhuun. Ijoolleen dhiiraa ganna 16 gadi jiran hirmaannaan ayyaana kana keessatti qaban guddaa waan ta’eefi. Kunis kan armaan gadiiti
1.Qaccee Dhukaasuu:- Ayyaanichi gaafa dhiyaachaa dhufu, ijoolleen qaccee footee, dhukaasti, qaaccaa faaqxee, qaccee babbareedaa tofachuun(foo’un) kan waliin dorgamanidha. Guyyaa ukee booddee qaccee dhukaasun ni dhaabata. Qe’eenis ‘tsax’ jedha! Qacceen bareedaan qaaccaa irraa hojjetame ammoo qarri(fiixeen) isaa madaabaraa keeshaatu itti godhama kunis akka sagalee qabaatufi. Ijoolleen gamtaadhan ta’anii lafa duwwaa naannoo isaanitti argamutti bahanii qaccee kana gamtaadhan dhukaasu. Namni qaccee gaarii hin qabaanne ni tuffatama. Akkasumas yeroo tokko tokko safara safaraan garee uumanii qaccee kanaan ennaa isaan wal qoodanii wal garafanii gootummaa walitti agarsiisanis jira. Qaccee dhukaasuun akka darbii darboo irraa hubannutti sagalee guddaa tulluu Dabra Taabor irratti dhagahame sana ka’uumsa akka taasifate ni barsiifama mana kiristaana akeenyatti.
2. Bixxillee- Akkuma beekamo ijoolleen bixxilee(daabboo) akkam alee jaalatti. Guyyaa kana ammoo guyyaa jaalala bixxillee kana dheebuu itti baatudha. Manatti bixxillee gaggaariin ni tolfamaaf, nyaanni guyyaa Kanaa bixxileedha. Akkauma guyyaa kana bixxileen dabalataa warra kiristannaa isaan kaaserraa ni eegama. Maatiin tokko ijoollee kiristannaa kaasan jaalalaa fi hordoffii qabaachuu isaanii bixxillee isaan ergamuu kanaan beekama. Warri kiristannaa kaase ijoollee kiristannaa kaasaniif lakkoofsa isanaaniiitiin bixxillee kana dachaa godhanii tolchanii erguufi. Kanaaf hanqinni bixxillee ayyaana kana irratti hin jiraatu.”Guyyaa bixxillee itti kololchan” jedhama. Kanaaf yoo taphatan
“Ukee ukee ukee baaloo
Kee nyaadhe kiyyaan si kabaloo” jedhu
Ka’uumsi bixxillee kunis akkasuma seenaa Dabra Tabaor irratti raawwatameen wal qabata.Kunis, ifti naannoo Tulluu Taaboor irratti bu’e sa’aatii dheeraaf waan tureef, ijoolleen tiksoonni sa’aatiin waan deeme itti hin fakkaanne, kanaaf osoo manatti hin galin turan. Kana kan hubatan maatiin waan ijoollee isaanii quunname baruuf bixxillee tolfatanii naannoo tulluu Taaboor akka dhaqan darbii darboo mana kiristaanaa keenyatti ni himama.
3. Godoo ijaarrachuu- Bakka tokko tokkotti keessumattu Lixa Oromiyaatti,guyyaa kana ijoolleen godoo xiqqoo guyyaa tokkoof ta’u ijaaru.Mukkeen akka reejjii,anfaaree,abbayyii fi ceekaa muruudhan mana xiqqoo ijaarratu, isa keessatti wal waliin ta’anii bixxillee isaanii nyaatu
4. Tapha//sirba ijoollee- Guyyaa kana ijoolleen dhiiraa tapha goobee taphatu, manarra naanna’anii goobee sirbuuun jiraattota faarsu. Jiraattonnis mana manarra ennaa isaan naanna’anitti bixxillee kennuuf. Goobeen caalatti dargaggoota/qeeroodhaan/ ayyaana Masqalaaf kan deemmau ta’ullee, ijoollee xixiqqoon goobee kan deemtu harka caalu ayyaana Tabaoree/ukee kanarrtti
Akkas jedhu
Goobeen dhuftee yaa dureessakoo
Jabilleen dhuftee karra naa bani
Duressakoo duumessakoo”
“Yaa dureessakoo doottinaa
Boolloo xaddee doottinaa
Yaa dureessakoo doottinaa
Ati maal dhabdee doottinaa”
….Warri nu kenne hammami gahaa?
Kuunoo hammana gaha
Kuunoo maali uffata?
Kuunoo waaroo uffata
Kuunoo maalin dubbata?
Kuunoo olii dubbata
Boolloo gadi fageechaa
Xiixaa itti jabeechaa
Wagga waggaan sin haa gahu
5. Waliin tapha- guyyaa kana waliin taphoota ayyanicha qofa ilaallatantu jira.kunis jechamaan kan ibsamanidha isan keessaa muraasa kaasuudhaaf
Ukee yaa ukee
Ukee bara kaanii
Kan miilli dagaanii
Ukee bara quufaa
Handaaqqotu dhuufaa
6. Ayyaanni ukee waaqxiin birraa dhiyaachaa jiraachuusaa agarsiisa. Jala bultii ayyaana bara haaraati,kanaaf yeroo abdiidhan ija qisanii qilleensa birraa achi ilaalanidha. Ganni darbaa jiraachuun itti hubatama. Inumaayyuu Handaaqqoo iyyitee halkan maaltu jiraa?Buhee dabartee ganna maaltu jira?” jedhama.
Egaa yaa saba, bakka aadaan kee jirtu beeki dagaagsi amantii kees cimsi//Ayyaana Gaarii!

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

“Ani isinittan hima, qabeenyichi yommuu gatii dhabu mana bara baraatti akka simatamtaniif qabeenya biyya lafa irraa isa hin amansiifne kanaan firoota baafadhaa!.”
— Luq. 16:9

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Yaa Beetaliheem biyya Raajotaa gammadi , Addaam inni lammaffaan, Kiristoos , so keessatti dhalateera'woo; Nama is a duraa Adaamiin si'oolii gara gannataattii deebisuuf, "yaa Addaam lafa turte gara lafaattis ni deebita" jedhee murtii du'aa itti murteesse irraa kaasuuf dhalate. Iddoo cubbuun baay'ee jirtutti kennaan Waaqayyoo in baay'atti.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Jaalala Abrahaam Waaqayyoof qabu kan nu hubachiisu keessaa tokko yemmuu Waaqayyo, “Ilma kee Aarsaa godhiiti naaf dhiyeessi,” jedheenitti tole jedhee ganamaan ka’ee qoraan aarsaaf barbaachisu falaxee, dargaggoota isaa keessa lama, ilma isaa Yisihaaqinis fudhatee harree fe’atee gara tulluu Mooriyaatti ol ba’e. Yisihaaqis wanta qalma ta’ee dhiyaatu waan hin barreef; “Yaa abbaa koo ibiddii fi qoraan qalmaa kunooti hoolan qalmaahoo eessaree?,” jedheen. Abrahaam deebisee, “Waaqayyo qalma gubamuufi hoolaa ni qopheessa,” jedhee walumaan gara Tulluu Mooriyaatti ol bahan.

Abrahaamis, qoraan qopheessee haaduu fudhatee yemmuu ilma isaa qaluuf ka’u ergamaan Waaqayyo, “Abrahaam Abrahaam ilma keerratti homaa hin raawwatin; ani akka ati ilma kee tokkichaaf hin mararfanne argeera.” jedheen. Abrahaamis of dugduuba yemmuu ilaalu korbeessa harangamaan qabame tokko argee isa qalanii aarsaa dhiyeessan. Abrahaamis maqaa sana ‘Yahiwee yir’ee’ jedhee moggaase(Uum 22:14). Hiikkaan isaas ‘Waaqayyo ni arga’ jechuudha. Namoonni kanaaf ammayyu ‘inni tulluu Waaqayyo irratti namaaf waa argamsiisudha’ jedhan. Haati warraa Abrahaam Saaraan waggaa 127tti boqotte. Abrahaam Yisihaaqin ala ijoollee 7 dhalfateera. Kan duraas Ismaa’el jedhama. Aggaar gargaartuu Saaraa kan lammiin Masrii taate irraa dhalate. Uuma 16:15. Erga haati manaa isaa Saaraan boqottee booda immoo dubartii Keexuraa jedhamtu fuudhee ijoollee jaha irraa dhalcheera (Uum.25:1-2). Sanyiin isaa akka biyyattii dhuunfatu raagni dubbatameefi ture. Abdiin isaan kenname kun immoo biyya lafaa kana qofaatti osoo hin taane samii irrattillee akka isaaf ta’u ni hubate (Ibr. 11:8-16). Waggaa 175 erga biyya lafaa kanarra jiraatee boqote. Ijoolleen isaaYisihaaqii fi Ismaa’eel holqa Makfelaajedhamutti isa awwaalaniiru(Uum.25:9:10). Maqaan isaas kakuu haaraa keessatti yeroo adda addaa ka’ee ni argina. Isaan keessaa akka fakkeenyaatti: Waaqayyoof akka nama ajajamuutti.(Yoh.8:39-40, Ibr.11:17-19, amantiin isaa akka tolummaatti akka lakkaa’ameefiitti(Room.4:3, Gal.3:6-7), namoonni addunyaa kana irra jiran hundi amantiidhaan ‘ilmaan Abrahaam’ jedhamanii akka waamamanitti(Room.4:11;9:7-8;11; Gal.3:7-9;29) kitaabni qulqulluun baldhinaan ibseera. Galanni Waaqayyoof haa ta’u. Waaqayyo kadhannaa qulqullicha kanaan nutti haa araaramu; sugni isaas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti. Ameen.
(Madda: Qulqullootaa fi Ayyaana Yaadannoo Isaanii)

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

“Jalqaba sagaleetu ture, sagaleen sunis durumaa eegalee Waaqayyo bira ture, sagaleen sunis Waaqayyo ture.” Kan jedhu Waaqayyo lamatu jira jechuu osoo hin taane tokkumaan durumaa eegalee jiraachuu isaa kan mullisudha.
D. Ta’ummaadhaan (Kunet): Abbaan onnee(qalbii) dha, Ilmi sagaleedha, Afuurri Qulqulluun ammoo Afuurumaan jireenyaatiin jiraatu. Kana jechuun ta’ummaan (jiraannaan) isaani onnummaa (qalbummaa) Abbaatiin yaaduun, sagalummaa Ilmaatiin dubbachuun, afuura baafannaa Afuura Qulqulluutiin jiraatu jechuudha.
Akkuma ol irratti ibsinetti Ilmi Abbaa irraa dhalatee yoo jennuu, Afuurri Qulqulluunis Abbaa irraa ba’e yoo jennu wal hin dursan. Akka Ilmi namaa abbaan umuriidhaan ilma dursuu miti. Akka Abrahaam Yisihaaqiin dursu, akka Yisihaaq Ilma isaa Yaaqoobiin dursu, wal irraa dhalachuun Sadummaa akkas miti. Kun yeruma tokkotti kan ta’ee dha.Yeroon kun itti ta’es hin safaramu, sammuun namaa bira hin ga’u.Waaqayyootu yeroo dursa waan ta’eef.
Garuu qaamaan sadii ta’anis “Waaqa Tokko” jenna malee “Waaqa Sadi” gonkuma hin jennu. Sillaasee jenna malee Sillaasotas hin jennu! Abbaan Abbaa jedhama malee Ilma hin ta’u, Ilmis Ilma jedhama malee Afuura Qulqulluu hin ta’u, Afuura Qulqulluunis Afuura Qulqulluu jedhama malee Abbaa yookan Ilma hin ta’u.
Qaamni sadanuu adduma addatti qaama adda tahe qabu malee qaama (dhagna) tokko miti.
Abbaan Ilma kan argamsiise, laphummaadhaan, Ilmi Abbaarraa kan argame sagalummaadhaan, Afuura Qulqulluunis Abbaa irraa kan argame Afuurummaadhaan, kanaaf qaamni sadan akkuma walitti hin makamne, hojiin isaanis walitti hin makamu. Kuni hundis wal hin dursu!
Galatni Waaqayyoof haa ta’u!

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

(Mulata Yoha. 127__12)
----------
"Samii irratti waraana guddaatu ta'e; Miikaa'eelii fi Ergamoonnisaa Jawwicha waraanani. Jawwichis Ergamoita sanaa wajjiin wal waraane, garuu isaaniin hin dandeenye. Kanaan boodas samii keessa isaan biratti iddoo hin arganne.
Addunyaa mara kan dogoggorsiisu Diyyabiloosii fi Seexana kan jedhamu jawween guddichi innis bofni inni durii (jalqabaa) sun ni kuffisame; gara dacheettis darbatame, ergamoonni isaas isaa wajjin gatamani.
Sagalee guddaa samii keessaan dhaga'e. Akkana kan jedhu.Amma Fayyisuu fi Humni, Mootummaan Waaqa keenyaa, Aangoon Kiristoos ni ta'e, guyyaa fi halkanis Waaqa keenya duratti kan isaaniin himatu inni himataan obboloota keenyaa gatameeraati. Isaanis Dhiiga Hoolichaarraan kan ka'e, jecha ragaa isaaniirraa kan ka'e isa injifatani. Lubbuu isaaniis hamma du'aattuu hin jaalanne.
Kanaafuu yaa warra Samii fi ishee keessa bultanii gammadaa, dachee fi galaanaaf garuu isiniif wayyoo, Diyyabiloos barri xiqqoon qofti akka isa hafe bareetu dheekkamsa guddaan isintti gadi bu'eeraatii....."
Waaqayyo uuman keenya harka deena keenya Diyaabiloos jalaa nu haa fayyifatu,
Haati keenya dubroo Maariyaamiin araarsummaa isheetiin nu haa gargaartu, hangafni Ergamoitaa qulqlluu Miikaa'eliin aangoo issaf kennameen seefii isaatiin seexanaa fi hojiisaa nurraa haa fageessu.
Amantaa fi naamusa kiristaanummaatti nu haa jabeessu.Ameen!!!

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Kiristoos waa'ee keef jecha du'eera. Siin garuu kan inni gaafate akkati duutuufiif utuu hin ta'in , akkati isaaf jiraattuufi dha. Waaqa siif du'eef akkamitti jiraachuu dadhabda?

Yaa michuu ko! Namummaan kee , namummaa ulfinaa dhiiga Gooftaan bitame dha. Qaamni kee , "Si dha" malee , "Kan kee miti" "Gatiin bitamtaniittuu tii isin kan ofii keessanii miti ; kanaafuu , foon keessaniin Waaqayyoon kabajaa" jedha

Kanaafuu , namummaa kee dhiiga Ilma Waaqayyoo kabajamaatiin bitame gatii rakasaan Seexanatti hin gurgurin. Seerri hin ajjeesin jedhu siinis indabalata. Namummaa kee mana-qulqullummaa ta'e diiguuf hin yaadin.
"Eenyumtuu mana-qulqullummaa Waaqayyoo yoo diige , Waaqayyo isa diiga ; manni-qulqullummaan Waaqayyoo qulqulluudhaa tii , sanuu , isini dha" 1ffaa Qor. 3:17

Namoonni si gaddisiisaniiru ta'innaa?

"Isaanittan agarsiisa ; gaafan du'ee obbaafadhe isaaniif gala" jettee , namootatti mufattee ofii kee hin miidhin. Ilaa dhuguman siin jedha! Ati duunaan , namoonni torbee tokko caalaa si hin yaadatan. Namoonni jireenya keetiif du'akeetiif gatii siif hin kennani. Hatattamaanis si irraanfatu. Namoota si irraanfataniif jettee Waaqa kee isa si hin irraanfanne hin gaddisiisin. Namoonni waa'ee keetiif dhimma hin qabani ; Waaqayyo garuu , qajjisni mataa kee illee utuu hin hafin lakkaa'ee beeka. Kan ofiikee miitu mitii tii rifeensumti mataa kee iyyuu akka isheen lafa buutu hin fedhu.

Utuma Waaqayyoon cubbuutiin gaddisiiftee iyyuu , jiraattee akkati gaabbii galtuuf malee , akkati duutu hin barbaadu. Abbaa kee dhaatii isaa wajjin jiraachuu baattus , akkati jiraattu nii barbaada. Mee fakkeenyaanan sitti hima : -

Dubartoonni lama mucaa tokkoon , "Dhala kooti" jedhanii wal-falmaatu , Ogeessicha Solomoon duratti dhiyaatani. Ogeessichi Solomoon albee baafatetu , "Mucicha gargar baaseen lamatti isiniif hira" isaaniin jedhe. Dubartiin isheen tokko , "Tole haa qooddannu" yoo jettu , haati isheen dhugaa garuu , "Dhalli koo hamma du'u isheen haa fudhattu" jette. Haadha ta'uun ishee kanaan beekame.

Michuu ko! Atis jireenyi kee Waaqayyoo wajjin ta'uu dhiisuu danda'a. Addunyaanis si dhuunfattee tti ta'a. Araada keessatti dhuubamtee , akka Somsoon kaasuu Daliilaan , akka Deemaasiin miidhagina Tasaloonqeen booji'amteetta ta'a. Waaqayyo garuu , abbaa kee dhaatii du'a kee hin barbaadu.

Akkuma haadha ishee , "Dhalli koo hamma du'u isheen haa fudhattu" jettee , Uumaan kee cubbuuma kee wajjinuu taanaan akkati duutu hin barbaadu. Isaa wajjin jiraachuu baattus , jiraachuu kee nii barbaada. "Du'a isa du'uu ani hin fedhuutii jedha Waaqayyo Gooftaan ; kanaafuu , deebi'atii jireenyaan jiraadhaa" Hiisq. 18:32

Cubbuun Yihudaa dhaa Gooftaasaa gurguruusaa hin turre. Ofiisaa ajjeesuusaa ti. Kan Waaqayyoon gaddisiisu yakka kee caalaa , isarratti abdii kutattee yommuuti of-miitu dha.

Michuu ko! jiraachuu kee kanneen barbaadan baay’ee dha. Uumaan , sababaa malee gara addunyaa kanaatti si hin finne. Jiraachuu dhiisuu keetinis wanti hir'atu jira. Nama siin fakkaatu kan biraa inni hin uumnee tii addunyaa kanaaf namni siin bakka bu'u hin jiru. Waaqni kabajaan gara addunyaa kanaatti si fide amma inni kabajaan gara ofii isaatiitti si fudhatuu tti , "Ofii kee irratti waan hamaa hingodhin"

"Eegduun mana-hidhaa sanaas hirriba isaarraa dammaqee balbaloonni mana-hidhichaa banamanii yommuu argetti , waan hidhamtoonni sun miliqan se'ee of-ajjeesuuf jecha yaadee albeesaa luqqifate. Phaawuloos garuu , sagalee guddaatiin : - Hundumti keenya iyyuu as jirraatii ofii kee irratti waan hamaa hingodhin jedhee iyye" HoD. 16:27-28

Namni kun hidhamaan waan miliqe se'ee isaa of-bal'eessuuf jedhuu , Phaawuloos , "Hundumti keenya iyyuu as jirraatii ofii kee irratti waan hamaa hingodhin" isaan jedhe.

Michuu ko! Atoo kan ati abdii kutatte waan maaltu si duraa miliqe seetee ti?

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

ሰው ሆይ! ጻድቅ መሆንን ትወዳለህን? አዎን ትለኝ እንደሆነ፥ እንግዲያውስ ለራስህ ንፉግ ለሌላው ግን ቸር ሁን፡፡

#ቅዱስ_ዮሐንስ_አፈወርቅ

Yaa nama! nama qajeelaa ta'uu nii barbaaddaa?
eeyyee kan naan jettu yoo ta'e,egaa ofii keetiif dhowwataa nama kan biraaf immoo gara laafessa ta'i!!!

Qulqulluu Yohaannis Afewarq

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

#Raajiin_Hojjechuu_Barbadaa
Namichii Tokkoo Abbaa afuuraa tokkoof gaffii dhiyessee.innis
"Rajii hojjechuun barbadaa "akkamin hojjedhuu jedheen!
       Abbaan kunis deebisaniif
"Namnii tokkoo wangelaa akkaa dubbisuu yoo barsistee ijaa bantee jechudhaa
"Hiyyessotaa akkaa gargaruu yoo barsistee naafa fayyistee jechudhaa
"Garaa manaa amantaa demuu akkaa danda'uu yoo gotee isaa hokkoluu isaa cabee fayyistetta
Du'aa kasuu yoo barbaddee ammoo gabbii akkaa galuu godhii yeroos namaa du'ee kastettaa jechudhaa::jedhii ammaa demii raajii hojjedhuu!!"!"
    📕💒💒💒💒💒
Ijoollee keenyatti yoo nutii wa'ee kiristoos ittii himuu barsisuu bannee Addunyaan kiristoos kan hin tanee hundumaa ittii himaa::
   👉isumaa facafametuu gahee hamamaa wan facasnuu ittii haa beeknu::
Cubbamonnii cubbamaa kan biraa irrattii cubbuu isanirra addaa ta'ee wan hojjeteef ittii murtessuu ::cubbuu wal fakkataa osoo hojjetees ittii ni murtessuu::
   👉Icciitii basuun enyuu ebbifamee
   Hubadhuu mucaan Noh akkaa abaramee
👉Namnii namummasaan ni qabaa dadhabbii
    Ittii murtessiin ittii himee malee karaa gabbii #Yoos du'aa kastaa kaa firaa koo ::
"Kan somaan kan kadhaatan fi kan tattafatan Qarshii hammaa isaan hin baasisnettii wan kamirrattiyyuu  kan argamaan ;Rakkinaan kan gidiraa argaan garuu galagalanii kan hin ilallee namoota hedduu nan bekaa"Qul.Basliyoos::
👉Amantaan hojii malee du'aa dha waan gatii nun gafannee qofaa irrattii hirmachuun argamuun ;Nuttii tollaan wa'een obbolotaa nuttii hin mul'atuu tanaan;gidiraaf,dhiphinnii,godansii,kufuun ,obbolotaa nuttii hin dhaga'amuu tanan bu'aa somaaf sagadaa ,kadhannaa kenyaa nu jalaa ballessaa::
👉Biqiltuun wanumaa dhabbatee fi bishaan obasaniif qofaa firii gahaa ta'ee hin kennuu ;
kununsaa barbadaa deddebi'anii hordofuu eguumsa barbadaa kellaa barbadaa !!Namniis somaaf sagadaa kadhannaa qofan gahaa hin ta'uu!!hojii garii,deddebi'ee lubaa /dr isaan of ilalchisuu dhan malee ::kanafuu ofii yoo somnuu karaa obbolessii kenyiis somuu danda'uu haa soqnuu;nutii yoo sagadnuu isaa ishee hin sagadneen gad ilaluu osoo hin tanee karaa innii ittin as dhiyatuu haa soqnuu ,yoo kadhannuus warraa hin kadhannee ,isaan amantii hin qaban ,waaqa hin beekan ,jennee of tuluu osoo hin tanee essaan garaa kadhannattii dhufuu ,akkaa isan hin kadhannee maltuu isan godhee jennee rakkoo isanirra yoo egallee furmataa isanii argannaa firii gariis baay'isnee horannaa! Rajii hojjennas amantanis guddannaa::yoo kana hin tanee garuu akkumaa namichaa faarisawwii  sanaa "Fulaa waqayyoo dhabbannee an akkaa  namichaa qaracii kanaa mitii nan somaa ,nan sagadaa ,kudhan kessa tokkoo nan kennaa ,akkaa isaa wan nan goneef galatakee jennee dadhabbii obbolessaa kenyaattii galataa galchannaa kadhannan kenyaa dumessaa gaditti hafaa::nu haa olchuu yaa firaa!!
👉Akkaa Qaracii sanaa ol jedhee garaa samii ilaluun kan naaf hin mallee anii namaa gadadamaa  Cubbamaadha maloo dhifamaa  nuf godhii nut Araramii  haa jennuu::
         #Demii rajii Hojjedhu

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Gooftaa kan deesse yaa abdii qulqullootaadurboo Maariyaam, ati kan eebbifamteedha, firiin garaa keetiis kan eebbifamedha. Addunyaa kana dura kan ture inni nama ta'e, sirraa kan dhalate foon keenya uffate, Afuura Qulqulluus nuu kenne. Baay'ina arjummaasaatiin fakkaattotasaa nu taasise. Ulfanaafi kennaa kan fudhatan dubartoota hedduurra ai ni caalta. Yaa Maariyaam Waaqa kan deesse, ati magalaa xiqqoo Waaqayyoanga'oon si keessa buleeti. Gooftaa Kirubeeliifi Suraafeelirra jiraatu harka keetti baatte. Baay'ina arjummaasaatiin uumama foonii hundumaa kan jiraachisu inni harma kee hodhe. Kunis hundumaa kan fayyisu Waaqa keenyadha. Bara baraaf nu eega, akka isaaf sagadnuufi galateeffannuuf inni nu uumeera.
Yaa qulqulleettii nuuf kadhadhu

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Qaammee(ጳጉሜ)
#Baga jala Bultii Qaammee bara 2015(Jala bultii bara 2016) nagaan geessan!

#Qaammee jechuun dabalata jechuudha. Dabalata kan jedhameefis akka lakkoofsa ji’aa biyya keenyaatti Qaammeen ji’a 13ffaa taatee waan dabalamteefidha. Isheenis waggaa saditti jechuunis bara Maatewoos, Maarqoosii fi Luqaas guyyaa shan kan taatu yoo tau bara Yohaannis guyyaa jaa ni taati. Jiini phaagumee kun jia 13ffaa jedhamtee yoo beekamteyyuu guyyoonni ishee keessatti argaman torbee tokko kan hin guunnedha. Phaagumeen biyya keenya Itiyoophiyaan biyyoota Addunyaa irra jiranirraa qofatti jioota kudha sadi akka qabattu kan ishee tasistedha. Jia phaagumee kana kan ittiin ilaaluu karaa Afuuraan tauun isaa beekamaadha. Akka barsiisa mana Kiristaana Ortodoksi Tawaahidootti fakkeenya bara dhuma jedhamtee yaadatamti. Kanarraa kan kae kiristaanonni soomaa fi kadhannaan akkasumas subaaee qabachuun fi gara laggeenii deemuun akkasumas guyyoota phaagumee keessa kan roobu bishaaniin cuuphamuun eebba argachuuf fedhii fi hawwiin isaan qaban addadha. Dabalataan guyyooni phaagumee kun guyyoota dhufaatii Gooftaa keenyaa jedhamees ni yaadama.
Keessumattuu guyyaa Ergamaa qulqulluu Rufaaeel Guyyaa fooddaawwan samii itti banaman jechuun waan amanamuuf kadhannaaf gara mana kiristaanaa deemuun kadhannaa laphee irraa maddeen Yaa Waaqayyo bara darbe nagaan akka nu eegdee fi nu tiksite bara dhufu kanas kan jaalalaa kan gammachuu fi badhaadhinaa nuuf taasisi! Bara soomaa fi kadhannaan galgalaa fi ganama gara keetti boouun foonkee fi dhiigakee isa qulqulluu itti fudhannu nuuf taasisi! Namoota hunduma waliin jaalalaan kan qabnu hunda waliin geenyee akka jiraanus nu taasisi jedhanii kadhannaa isaanii imimmaan waliin Uumaa isaaniif dhiyeessu.

#Waaqni uumaa keenyaa Abbaan jaalalaa, mootiin nagaa fayisaan keenya bara darbe kana nagaan nu eegee yeroo kanaan kan nu gahe bara isa dhufu kanas bara nagaa, jaalalaa fi tokkummaa nuuf haa taasisu.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Ta’us Fulbaana keeysa bara haaraa haa kabajnu malee lakkoofsi baraa kan kooptikii Masrii bara wareegamtootaa irraa lakkaa’uu eegala. Bara wareegamtootaa kan jedhamus bara Diyooqilxiyaanos Mootichi Roomaa kiristaanota addunyaa irraa itti duguugedha. Kunis akka faranjootati bara 284 dhaloota kiristoos booddedha. Barri kun keessattu kiristaanota Masriif akka malee hamtuu waan turteef sababa kanaan bara 284 kana irraa ka’anii tokko jedhanii lakkaa’uu eegalan. Barichas bara wareegamtootaa yookaan ammoo Ingliffaan Anno Martyrum or "Year of the Martyrs" ibsa jedhuu baricha duratti kaa’u. Haa ta’u malee baay’ina guyyoota waggaa tokko keessa jiraniifii waqtiilee afran waggaa keessatti naanna’aniif dhaha Julian ka’uumsa taasifata.
Itti fufa…
Kutaa itti aanu keessatti ayyaana bara haaraaf Fulbaanni maaliif filatame kan jedhuu akkasumas barri haaraa kan jedhamu dhaha Oromoo keessa jiraa? Yoo jiraate guyyaa kami? fi dhaha Oromoo keessumattu ‘Henna Boorana’ kan addeessan lakkaa’u fi guyyoota waggaa 354 qabu keessatti wantoota hammatamanii fi walitti dhufeenya dhaha kaan waliin qaban ilaalla. Abushaahir irraayis yoo yeroon jiraate waan itti daballutu jira.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Kabajamtoonni maatiin Waaqayyoo baga nagaa fi jaalalaan guyyaa ayyaana waggaa guyyaa ol ba'insa haadha keenya dubroo Maariyaamiin isin ga'e. Baga geenye. Waggaa dhufuunis nagaan tursee ittiin nu haa ga'u.Ameen!!!

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Garaagarummaa Ol bauu Gooftaa fi qulqollootaa gidduu jiru

"Samiirraa kan bu'een alatti gara samiitti kan ol ba'e eenyuyyuu hin jiru;innis ilma namaa isa samiirra jiraatu"(Yoh3:13). Jedha kitaabni. Kanaaf akkamitti Dubroo Maariyaam du’aa kaate jennee ayyaana Filchataa kabajna?
Deebii:
Waa’een ol ba’iinsa gooftaa ifadha, ifattis akkasitti taa’eera.
“Dubbii kana dubbates otuma isaan ilaalanuu gara samiitti ol fudhatame, duumessi isa simate ija isaanii duras ni dhoksee” (Hojii duuka bu’ootaa 1:9). Gara mirga Abbaa Isaa taa
uu isaa kan itti hubannudha. Ayyaanni kun Waaee Gooftaa Iyyasuus Kiristoos Caalatti Waaqummaa Isaa akka hubannu kan nu taasisudha:
Egaa kitaabni jala muree akkas jedhee osoo jiru, akkamiin Dubroo Maariyaam du
aa kaatee gara samiitti olbaate jennaree(Ayyaana Filchataa irratti) kan samiitti ol bahemmoo akka wangeelli jedhutti tokkicha innis Gooftaa Iyyasuus qofa” kan jedhudha.Deebiin kanaaf laatamu gara samiitti kan olbahe Gooftaa Iyyasuus qofa miti. Qulqulloonnis ol bahaniiru.Fakkeenyaaf raagaa Eeliyaas gara samiitti ol fudhatamuusaa Caqasa kanaa gadiirraa ni hubanna
“Osoo waliin haasaaa jiran saragallaan abiddaa fi fardeen abiddaa gidduu isaanii seenanii adda baasan. Eeliyaasis obonboleettidhaan gara samiitti ol bahe.”(2Mot 2:11) jedha.Akkasumas ammoo Addaam irraa dhaloota torbaffaa kan tae Heenok adeemsa isaa Waqaayyoon waliin waan taasiseef Waaqayyo akka isa fudhateefii duuti isaas akka hin dhagahamne kitaabi ni dubbata(Uma 5:24).Akkasuma ergamootni Waqaayyoos gara samittii akka ol bahan ni hubanna.
Egaa amma wanti ilaallu garaagarummaa olbahiinsa isaanii gidduu jirudha. Bakka isaan olbahanii dhaqan kun eessaa tokkomoo garaagarummaa qaba? Kan jedhu beekudha. Gooftaan kan ol bahe gara Teessoo Isaa gara Samii Aariyaam,gara Samii samii olii jedhamtee beekamtutti. Samiin Aariyaam kun samii Gooftan kabajaan irra jiraatudha.Waaqayyo bakka hunduma jira,kana beenna,wanta bakka hundumatti taus akka arguu fi ilaalu ni beekna. Taus ammoo jireenyi kabaja Isaa teesson isaa Aariyaamirra. Kanaaf “yaa Abbaa keenya samiirra kan jiraattu” jedhaa kadhadhaa jedhe Gooftaan yemmuu kadhata nu barsiisu. Samiin samii olii sunis samii Aariyaam tauushee kan hubannu ammoo wangeela Luqaas irraa yemmuu Gooftaa Iyyasuus dhalatu “Kabajni Waaqayyoof Aariyaam irratti haa tau”(Luq 2:14) ka jedhaniif kanaafi. Gooftaanis iddoon kabaja foon uffateen itti ol bae Aariyaam jechuudha.
Kan warra akka raaja Eeliyaas kanafaahoo eessatti ol bahaniree yoo jenne,gara dachee jiraattotaatti ol bahan. Jalqaba samiiwwan gara garaa hojii gara garaaf Waqaayyo uume jiraachuusaa beekuu qabna. Walumaagalatti Addunyaan beekaman 20tu jira akka barsiisa mana kiristaanaa keenyatti. Samiin takka qofa miti.Samii gurguddoon akka samiittis torbatu jira,isaan waa’ee uumamaa jalatti baldhinaan kan ibsamanidha. Fakkeenyaaf ergamootni kan irra jiraatans samiin sadan Iyyoor Raamaa Eerer jedhamu,isaan Waaqayyo ergamaaf yemmuu isaan barbaade malee bakki irra qubatanii jiraatan samii kana sadeenirra.Kanaaf Ramatti sagaleen dhagahame(Mat 2:17) jedhe wangeelli. Ol ba
uun haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyamis ammoo olbauu Gooftaa irraa addadha, samiin isheen irra jiraattus addadha. Uumamni uumaa isaa waliin kabaja tokkoon hin jiraatu, teessoo tokkorras hin taau hin yaadamus hin taus.Kanaaf Dubroo Maariyaam duaa kaate olbaate yemmuu jennu gara Aariyaamitti olbaate jechuu miti, barumsi akkas jedhus mana amantaa keenya keessa hin jiru.Dubroo Maariyaam kan erga duaa kaatee dhaqxe samii Iyyarusalem ishee haaraa jedhamturra. Iyyaruusalem ammoo samii nu duaa ka`uumsa booda abdiin eeggannu, namni gaarii hojjete addunyaan erga dabartee booda kan foonin keessa jiraatu gulummaa namoota waan gaarii hojjetaniiti. “Mootummaa Waaqayyoo si haa dhaalchisu” jedhamee kan ittiin eebbifamnus samii sanaafi.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Maqaa Abbaa kan Ilmaa Kan hafuura Qulqulluu Sadan waaqa tokkoo Ameen

" Kunoo, Museenii fi Eliyaas achitti isaanitti mul'atanii, isaa wajjin dudubbachaa turan."
(Maatewos 17: 3)

Baga Guyyaa gooftaan keenya gaara debretaaborirratti mullaateen isin ga'e.
        @Ortodoksiidhugaa
        @Ortodoksiidhugaa

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

“Gaarummaan Waaqayyoo garuu baraa hamma bara baraatti, warra isa sodaataniif, qajeelummaan isaas ijoollee ijoollee isaaniitiif itti in fufa;”
— Far. 103:17

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Ulee Aaron:

Qulqulluu Efreem namni biyya Sooriyaa haadha keenya qulqulleettii dubroo Maariyaamin akkanaan fakkeesseera. “Yaa Maariyaam sanyii dhiiraa malee nama ta’ee kan nu fayyise, Gooftaa keenya isa dhugaa Kiristoosiin kan nuuf deesse, ati akka ulee Aaroon ishee osoo hin dhaabamiin, bishaanis osoo hin dhugiin lalistee argamte fakkaatta.” jedhe.
Kitaaba qulquluu Kakuu moofaa, seera lakkoofsa 17:8 irratti uleen Aaron, akkuma ulee namni kamuu qabatu, gogduu turte. Garuu halkan tokkotti baala baaste, laliste, habaabofte, lawuzii bilchaates buuste argamte jedha kitaabni Qulqulluun. Kuni ajaa’iboota kitaaba qulqulluu keessatti argaman keessaa isa tokkodha. Uleen Luba Aaron gogduu turte kan kana hunda argamsiifte oso bishaan hin obsasini. Ammoos muka gogaa bishaan obsaaaniis dhiisaniis, deebi’ee ni lalisa jedhamee hin yaadamu. Garuu uleewwan hangafoota Israa’el 12 keessaa kan tasa akkatti lalisee argame ulee Aaron qofa.
Bishaani fi soorata(biyyoo jiidhaa) biqiltuu tokkoof barbaachisu malee biqiltuun hin biqilu. Kan Aaron garuu bishaan malee lalisee argame. Kanaaf ulee Aaron kanaan isheen fakkeeffamte. Kunis fakkeenya sanyii dhiiraa malee Afuura Qulqulluudhaan nama ta’ee kan nu fayyise Gooftaa kan nuuf deesse Dubroo Maariyaam isheen ulee Aaroniin fakkeeffamti jedhe. Nyaata fi dhugaatii isheerra argameen addunyaan waan fayyeef (Gooftaan nyaata dhugaa fi dhugaatii jireenyaa bara baraa waan ta’eef), isheen habaaboo Jannataa kan jedhamtes kanaafi. Dubroo Maariyaam Hewaan Lammaffaadha. Hewaan ishee jalqabaatiin Jannatni cufamuuf sababa ta’ee ture. Hewaan ishee lammaffaa kan taate dubroo Maariyaamin ammoo jannatni cufamee ture banamuuf sababa ta’eera jechuudha. Kanaaf dubbii fayyinaa ( Soteriology ) keessatti yeroo hunduma gahee dubroo Maariyam ni kaasna. Araarsummaa fi sugni qulqulleettii Dubroo Maariyaam hunda keenna waliin haa ta’u. Soomana gaarii//

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

"Waaqayyo garuu, “Ammuma iyyuu garaa keessan guutuudhaan, soomuudhaan, boo'ichaan fi gadduudhaan gara kootti deebi'aa!” jedha. Egaa laphee keessan tarsaasaa malee,uffata keessan hin tarsaasinaa! Waaqayyo Gooftan keessan arjaa fi araara-qabeessaa(dhiifama qabeessaa) waan ta'eef,
dheekkamsatti hin ariifatu,
dhiifamni isaas baay'eedha,
wanta hamaadhafis kan gaabbeedha waan ta'eef gara isaatti deebi'aa"
Raajii Iyyu'eel 2:12-13

Baga tsooma Haadha Keenya Qulqulleetti Durboo Maariyaam tsooma Filsataan nagaa fi fayyaadhan ittiin isin gahe nuun gahe!.
Tsoomicha irraa suuga fi eebbaa nuuf yaa laatu!
Biyyaa keenya fi ummata keenyaaf nageenya isaa nuuf yaa erguu!!!

🌼Jaalallii fi araarsummaan Qulqulleetti durboo Maariyaam hunda keenya waliin yaa ta'u!!!🌼
Ameen!

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Amantii fi Jireenya Abirahaam

Baga Ayyaana Waggaa Qulqulluu Sillaaseen isin gahe jechaa seenaa Abbaa keenya Abirahaam gabaabbinaan isinii dhiyeessa.

Maqaan isaa inni jalqabaa Abraam ture. Booda garuu Waaqayyo maqaa isaa gara Abrahaamitti jijjiireera(Uum.17:1-5); hiikni isaas ‘abbaa saba baay’ee’ jechuudha. Abrahaam abbaan isaa Taaraa jedhama. Warri isaa waaq-harkeetti bulu ture. Booda garuu guyyaa tokko waaq-harkichaan, “Beela’e beela na nyaachisi dheebodhee dheebu nabaasi” jedhee itti dubbate. Waaq-harkichis isa hin dhageenye. ‘Tole kunis yaa hafuutii na haasofsiisi’ jedheen. Innis harka namaan waan tolfame waan ta’eef dhagahuu hin dandeenye. Kanaanis waaq-harkee kana caccabsee Waaqayyoon barbaadutti ka’e. Uumama jiran hunda ni qorate, amala isaanis ni ilaale, aduu, qilleensa, duumessa hunduma ni ilaale;kuni hundi Waaqa akka hin taane ni hubate. Boodarras, “Yaa Waaqa biiftuu uumte natti muldhadhu,” jedhee kadhate.
Waaqayyos isaaf of ibse. Waaqayyo guyyaa tokko Abraamiin “biyya kee keessaa, lammii kee keessaa fi maatii abbaa kee keessaa ba’iitii gara biyya ani sitti agarsiisuu dhaqi” jedheen. “Ani saba guddaa sin godha; sin eebbisa; maqaa kees nan guddisa; eebbifamaas ni taata; qomoon biyya lafaa hundinuu sababa keetiif ni eebbifamu.” jedheen (Uum.12:1-6). Waaqayyos yeroo garaa garaa Abrahaamitti dubbateera(Uum. 12:1-6; 12:7; 13; 15:1-21;17;18;22:1-18; Duuk.7:2-3).

Kanarraa Abrahaam akkuma Waaqayyo isatti dubbate ka’ee ni adeeme. Looxis isa waliin ni adeeme. Biyya Kaaraanii yemmuu ba’u nama waggaa 75 ture. Gara biyya Kana’aanittis ni gale. Haati warraa isaas Saaraadha. Kana booda Abrahaam bara sanatti beelli hamaan waan ka’eef haadha warraa isaa fudhatee gara Masriitti deeme. Mootichi Masriis Saaraa ni jaalate; waa’ee ishees adda baafachuuf Abrahaamin waamee gaafate. Abrahaam garuu sodaatee waan tureef ‘obboleetti kooti’ jedheen. Abrahaam sodaa irraa kan ka’e akka isa hin ajjeesneef Saaraadhaan obboleetti kooti jedheen. Mootichis akka Saaraa bira hin geenyeef garuu Waaqayyo mootichaa fi maatii isaa ni dhahe. Saaraanis wanti tokkoyyuu osoo irra hin ga’in gara Abrahaam nagaan deebite. Mootichis Abrahaamin waamee ‘wanta akkasii maaf anarratti raawwatte? Isheen haadha warraa kee akka taate maaliif anatti hin himne” jedhee Abrahaamitti dheekkame. Mootichis qabeenyatajaajiltoota Abrahaamiifi Saaraa gargaaranwaliin ni kenneef. Kana booda Abrahaam dureessa ta’ee biyya Keebroon jiraachaa ture. Waan hunduu osoo guuteefii jiruu dhala waan hin qabneef jireenyi isaa kan gaddaan guutame ture.

Abrahaam keessummoota simachuu baay’ee jaalata ture. Guyyaa tokkos Qilxuu Mamree jala osoo taa’u, keessummootni namoota sadi ta’anii isa dura dhaabatan. Innis itti fiigee hamma lafa ga’utti hin qoomma’eef. Isa tokkoonis, “Gooftaa koo ani si duratti faara tolaadhaan ilaalameera yoon ta’e ana garbicha kee bira hin darbin. Mee bishaan xinnoo isinii haa fidanii miila dhiqadhaatii muka kana jalatti haara galfadhaa,” jedheen. “Tole,” jedhaniin, innis buddeena tolchisiisee, dibicha qalsiisee aannanii fi itittuu qopheessee isaan simateera. Isaanis haati warraa isaa Saaraan eessa akka jirtu gaafatan. Keessummoota kana keessaa tokko, “Bara egeree deebi’ee nan dhufa Saaraanis ilma ni deessi.” jedhe. Yeroo kana isheen dinqa keessa wanta namni kun jedhu dhagahaa waan turteef keessatti ni seeqxi ture. Sababa isheen kolfiteefis, “Ilmi isheen deessu Yisihaaq jedhamee waamama,” jedheen.Akkuma jedhame Saaraan waggaa 90tti Yisihaaqin dahuu dandeesseetti (Uum.17; 21:1-3).

Ammas barri beelaa dhufee biyya Geeraraa jedhamutti galaa ta’ee jiraate. Ammas mootiin Geeraraa akkuma mooticha Masrii sana Saaraa jaalate. Waaqayyo garuu halkan abjuun mootichatti muuldhatee akka Saaraa hin fuune; sana yoo godhee argame akka isa ajjeesu itti hime. Sana irratti mootichi nahee Saaraa deebisee Abrahaamifis harka fuudhaa meetii kuma tokko kenneeraaf.Abrahaamis mootichaa fi maatii isaa hundumaaf kadhatee fayyiseera. Abrahaam Waaqayyoon baay’ee jaalata.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Qulqulluu Sillaasee
“Egaa dhaqaa maqaa Abbaa fi Ilmaan, Afuura Qulqulluutiinis isaan cuuphuudhaan saba hunduma duuka bu’oota koo godhaa” (Maat. 28:19)
Iccitiiwwan shanan jiran kana keessaa dursinee beekuu kan qabnu iccitii Sadummaati. Akkuma Qulqulluu Qeerloos “Hunduma dura jireenya Sillaasee (sadummaa) dubbanna’’ jedhe. Waaqayyo durumaan dursee yeruma nama uumu qaamni isaa tokko ol ta’uu isaa jalqabumarraa kakuu Moofaa (Durii) keessatti yeroo nama uumu ibseera.
“Koottaa akka bifa keenyaa fi fakkeenya keenyaan nama ni uumna” (Uma. 1:26). Jechoonni “koottaa”, “ni uumna”, “keenya” jedhan kun qaamni Waaqayyoo tokko qofa akka hin taane muldhisu. Waaqayyo tokko, qamni isaa garuu sadii. Isaaniis Abbaa, Ilma fi Afuura Qulqulluu dha. Sadan Waaqa tokko jennee amanna. Barsiifni akkanaa kunis iccitii sadummaa jedhama.
Waaqayyoo uumaan tokko yoo ta’u tokkummaa isaa keessatti sadummaa qaba. Sadummaa isaa keessatti immoo tokkummaa qaba. Tokkummaan isaa sadummaa isaa hin dhuunfatu, sadummaan isaa ammoo tokkummaa isaa hin qoodu. Tokkummaa fi sadummaa isaa kanaan baraatii hanga baraatti jiraataa dha. Amaluumaa isaa kana keessattis wal dursuun, walduraa booda argamuun, wal caaluun, tokko dursee turee inni biraan itti aanee argamuun isa bira hin jiru. Kan Waaqayyo qofti beekuun tokkummaa fi sadummaa isaa kanaan galateessamaa, waaqaessamaa jiraata. Galanni fi ulfinni hanga baraa baraatti isaaf haa ta’u. Ameen.
Tokkummaa Sillaasee (Waaqayyoo)
Waaqayyoo tokko yoo jennuu maal maalini yoo jedhame jiraachuudhaan, soorummaadhaan, humnaan, jireenyaan, arjaa ta’uudhaan, olaanaa ta’uudhaan, Akkeenyummaatiin (malakootiidhaan), bu’uura ta’uudhaan, Afuuraan, mootummaadhaan, aangoodhaan, dhiifama godhuudhaan, bakka hundatti argamuudhaan, surraadhaan, nageenyaan, galateeffamuudhaan, dhiifamaan(sahele), dhokachuudhaan(ijaan muldhachuu dhabuudhaan) uumuudhaan, jireenyaan, sagadamuufiidhaan, maqaan, fageenyaan, suga namaa kennuudhaan, hinaaffaadhaan, dursaa ta’uun, qulqullinaan, amaluumaan, ifa ta’uudhaan, soorummaadhaan, gooftummadhaan, ogummadhaan, beekkumsaan, fi kan kana fakkaatan hundaan tokko dha. (Hayyootni amantaa hanga jechoota dhaabbatoo Gi’izii 62 ga’aniin tokkummaa isaa ibsu). Sillaaseen kabajaan wal hin caalaan, umuriidhaaniis wal hin dursan. Jireenyaan yoo jennuu immoo “Ani Abbaatti akkan jiraadhu; Abbaanis anaan akka jiraatu hin amantuu ree?” jedhame akkuma ibsame waliin jireenyi isaanii tokko (Yoha. 14:10).
Kakuu moofaa keessatti sirritti ifatti tokkummaa fi sadumman ibsamuu baatus, kakuu haaraa keessatti garuu baa’yee ifa ba’ee jira.
Sadummaan Isaa ammoo
A) Maqaadhaan: Abbaa Ilmaa fi Afuura Qulqulluu dha. (Maat 28:19. “Dhaqaatii Maqaa Abbaa, kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluutiin isaan cuuphuudhaan saba hunduma bartoota koo godhaa”) jedha.
B) Qaamaan: Abbaa, Ilmii fi Afuurri Qulqulluun qaama gonka of danda’e sadii malee akka Addaam yookaan akka nama dhuunfaa tokkoo qaaman tokko miti.
Qaamaan sadii yoo jennu ammoo akka qaama namaa miti. Qaamni namaa murtaawaadha; kan muldhatuudhaas, xinnaadhaas, kan tortorus. Qaamni Sillaasee garuu akkas miti ardii fi samii irratti qillensaa fi gad fageenya keessatti kan guute bakka hundatti kan argamu, jiraataa bara baraati. Gama biraatiinis qaamni tokko isa tokko irraa addaan ba’e jechuus miti. Amaluumaa keessa isaati malee.
C.Hojiin (Gochaan): Gochaan yoo jennu hojii amaluumaa isaatidha. Kunis Abbaan kan dhalu, jechuunis argamsiisaa, Ilmi kan dhalate, Afuurrii Qulqulluun immoo kan bahe jechuu dha. (Afaan Gi’iziitiin seretsee jedha) jenna. Abbaan Ilmaa fi Afuura Qulqulluu kan argamisiise yoo ta’u Ilmi fi Afuurri Qulqulluun immoo Abbaa irraa kan argaman jechuu dha. Abbaan Ilma fi Afuura Qulqulluu argamsiise, Ilmi fi Afuurri Qulqulluun immoo Abbaa irraa argaman yennaa jennu Abbaan dura turee, Ilmi fi Afuurri Qulqulluun immoo booda kan argaman jechuu miti. Sadanuu jalqabaa eegalee osoo wal hin dursiin tokkummaan turan malee.(Yoha.1:1—2).

Читать полностью…
Subscribe to a channel