ortodoksiidhugaa | Unsorted

Telegram-канал ortodoksiidhugaa - Ortoodoksii ishee dhugaa

11955

"Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! Daandiin (Ortoodoksii) durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!" Er.6:16 👉 Join telegram channel https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT

Subscribe to a channel

Ortoodoksii ishee dhugaa

Kitaabolee Afuurawaa kanneen keessaa isa kam barbaaddu?

💠 Kitaaba Qulqulluu
💠 Kitaaba Sirna Qiddaasee
💠 Raajii Maariyaam
💠 Kitaaba Hiikoo Andimtaa
💠 Sirna Mana Kiristaanaa
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa
💠 Kitaaba Aksimaaroos
💠 Kitaabolee Kadhannaa
💠 Dubbii Maariyaam
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa Itoophiyaa
💠 Qabsuura Duuka Bu'ootaa fi k.k.f mobile kanaa gadi jiru keessaa argadhaa!


👇👇👇

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Kiristaanummaa keessatti nuuf kadhateera eyyee nuuf kadhateera, aarsaa godhe of dhiyeeseeraa eyyeen of dhiyeeseera, haa ta'uuti amma nuuf kadhataa yoo jedhamnu gonkumaa hin kadhatu maaliif! Isa tokkicha raawwate sana bara baraaf ka'eera, garasaa kan dhufan hunda isuman isaan fayyisa, Gooftaanis yeroo dubbatu
Ani namoota ati addunyaa keessaa naa kennitetti maqaa kee beeksiseera. Isaan kan kee turan; ati isaan naa kennite; isaanis dubbii kee eeganiiru.
“Ani warra dubbii isaaniitiin natti amananiifis malee isaan kana qofaaf hin kadhadhu; kunis yaa Abbaa, akkuma ati na keessa jirtu, anis si keessa jiru sana, akka hundi isaanii tokko taʼaniif. Akka ati na ergite addunyaan akka amanuuf isaanis nu keessa haa jiraatan.''Yohannis 17:6, 20-21
Nuun jedheera. Dabalees qulqulluun phawuloos''Ilmi calaqqisa ulfina Waaqaa ti; eenyummaa Waaqaas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee samii irra mirga Waaqa ulfina qabeessa sanaa taaʼe.''Ibroota 1:3. Altokko hunduma raawwate mirga abbaa ta'eera.kana boddee waa'ee maalii nuuf kadhataree, inno lubummaansaa akka Malkatsedeek kan barabaraati(Ibroota 7:20).
Angafni Luboota Kakuu haaraa ''Kiristoos Iyesuusii qofadha''. Luboonni kakuu haaraa lubummaa isarraa fudhatan aangoo fi humna isaatiin ni hojjetu.

Nageenyi Gooftaaa hunda keenya wajjiiniin haa ta'u!
t.me/epheson1

Dassuu I.
10/09/2017

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

💠Lallaba abba keenya abba gabra kidan itti argattan join taasisa❤️

@abbagebrekidan
@abbagebrekidan
@abbagebrekidan

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

🎧🎵Faaruu eenyuu dhaggeeffachuu barbaaddu?


👤F/taa Firaanol Moosisaa

👤 F/ttuu sister hiwet teferra

👤F/taa Mendaayee Berhaanuu

👤 F/taa Yilmaa Hayiluu

👤F/taa Dn Abeel Mekbbeb

👤 F/taa Diyaaqon Muluken Kebede


👤 F/taa Tewodroos Yooseef

👤 F/ttuu Faasikaa Dinquu

👤 F/ttuu Bezawork Asfaaw

👤 F/ttuu mirtnesh Tilahun

👤 F/ttuu Worknesh

👤 F/taa Ytbarek Tegeny

👤 F/taa Ge/Yohannes Ge/Tsadek


🌐 Faaruu Ortodoksii hunda 🎶

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Faaruu Ga'ela argachu barbaddu?

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

🎧🎵Faaruu eenyuu dhaggeeffachuu barbaaddu?


👤F/taa Firaanol Moosisaa

👤 F/ttuu sister hiwet teferra

👤F/taa Mendaayee Berhaanuu

👤 F/taa Yilmaa Hayiluu

👤F/taa Dn Abeel Mekbbeb

👤 F/taa Diyaaqon Muluken Kebede


👤 F/taa Tewodroos Yooseef

👤 F/ttuu Faasikaa Dinquu

👤 F/ttuu Bezawork Asfaaw

👤 F/ttuu mirtnesh Tilahun

👤 F/ttuu Worknesh

👤 F/taa Ytbarek Tegeny

👤 F/taa Ge/Yohannes Ge/Tsadek


🌐 Faaruu Ortodoksii hunda 🎶

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Goftaan Du'aa Ka'uumsa booddee hanga gara samiitti ol ba'utti eessa ture?

Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos guyyaa erga du’aa ka’ee booddee, hamma guyyaa afurtamaatti lafuma kanarra jiraataa ture. Yeroo kanattis yeroo gara garaatti Duuka Bu’oota isaatti mul’atee isaaniin barsiisaa ture. Gooftaan Du’aa Ka’umsa booddee duuka bu’ootatti mul’atee, sodaa isaanii irraa isaan jajjabeessaa tureera.
Kitaaba irrattis akkas jedhameera.
“Yaa Tewoofiloos, hojii Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos raawwachaa fi barsiisaa ture, hundumaa duraan dursee kitaaba irratti barreesseera. Duuka bu’oota Afuura Qulqulluutiin filate ajajee, hanga guyyaa ol-baheetti kan jiru siif barreesseera. Dhukkubbii erga fudhateen booddee ajaa’iboota baay’ee agarsiisuudhaan, guyyaa afurtama guutuu isaanitti mul’achaa, waa’ee mootummaa Waaqayyoos isaanitti himaa fi isaan barsiisaa, jiraataa ta’ee ofii isaa isaanitti mul’ise. HDB. 1:1
1. Gooftaan Du’aa ka’umsa booddee:Imaltoota Emaahusitti mul’ate:
“Guyyaa sanattis isaan keessaa namoonni lama, Iyyaruusaaleem irraa hamma boqonnaa jahaatama kan fagaattu gara mandara maqaan ishee Emaahus jedhamuutti deeman. Walii walii isaaniitiiniis waa’ee waan ta’e hundumaa haasa’aa turan. Isaanis kana osoo waliin haasa’anuu fi qoratanii Gooftaan keenya Iyyasuus gara isaaniitti dhiyaate; isaan wajjinis deeme. Akka isa hin beekneefis ijji isaanii qabamee ture. Gooftaan keenyaas, “Gaddaan deemaa; inni isin walitti haasa’aa jirtan kun maalii?”isaaniin jedhe. Maat. 24:13

2. Bakka Toomaas hin jirretti Iyyaruusaleemitti Duuka bu’ootatti muldhate:
Maat. 24:36, Maar. 16, 14:
“Kana osoo waliin dubbatanii Gooftaan keenya Iyyasuus gidduu isaanii dhaabatee, “Nagaan isiniif haa ta’u; hin sodaatiinaa; anadha” isaaniin jedhe. Isaan garuu ni sodaatan; ni rifatanis; ekeraa waan argan isaanitti fakkaate. Innis akkana isaaniin jedhe, “Maaltu isin rifachiisaa? Laphee keessan keessattis yaadni akkanaa maaliif kaka’aa? Harka koo fi miila koo ilaalaa; na qaqqabaas; ana akkan ta’es beekaa; akka ana irratti agartan ekeraan lafee fi foon hin qabuutii.” Kanas jedhee harkaa fi miila isaa isaanitti agarsiise. Rifaatuu irraayis kan ka’e, ammayyuu osoo hin amaniin, gammadaniis osoo dinqisiifachaa jiranii, “Waan nyaatamu tokkollee asii qabduuyii?” isaaniin jedhe. Isaanis qurxummii waadame irraa muraa tokko; nadhii dammaa irraayis xiqqoo kennaniif. Irraa fuudhees fuuldura isaanitti nyaate; kan hafes fuudhee kenneef.

3. Duuka Bu’ootatti Bakka Toomaas jirutti Mul’ate:
Guyyaa saddeet booddees irra deebiin bartootni isaa keessa osoo jiranuu, Toomaasis isaan waliin osoo jiruu, balballi cufamee osoo jiruu, Gooftaan keenya Iyyasuus ni dhufe. Gidduu isaaniis dhaabatee, “Nagaan isiniif haa ta’u” isaaniin jedhe. Kanaan booddee Toomaasiin, “Quba kee garanatti fidiitii harka koo ilaali; harka keetis fidiitii cinaacha koo keessa galchi; amani malee shakkaa hin ta’iin” jedheen. Toomaasis, “Gooftaa koo, Waaqa koo” jedhee deebise. Gooftaan keenya Iyyasuusis, “Waan na agarteef na amantee? Eebbifamtoonnillee osoo hin argiin kan amananiidha” jedheen. Gooftaan keenya Iyyasuusis kitaaba kana irratti kan hin barreeffamne, ajaa’iboota biroo hedduu ta’e bartoota isaa fuulduratti raawwate. Haa ta’u malee, kan barreeffame Iyyasuus, Inni Kiristoos ta’e Ilma Waaqayyoo akka ta’e isin akka amantaniif, amantaniis maqaa isaatiin jireenya bara baraa akka argattaniifidha. Yoh.20:24-31

4. Galaana Galiilaa irratti Duuka Bu’oota torbaaf mul’ate:
“Kanaan booddee, Gooftaan keenya Iyyasuus Galaana Xibiriyaadoos cinaatti irra deebiin bartoota isaatti mul’ate; akkanattis itti muldhate. Simi’oon Pheexroos, Diidiimoos kan jedhaniinis Toomaas, Qaanaa Galiilaa irraa kan ta’e Naatinaa’el, Ijoolleen Zabdewoosii fi bartoota keessaa lama isaan waliin turan.” Yoh. 21:1
5. Warra kudha tokkotti Tulluu Galiilaa itti mul’ate:

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

FAARUU HAARAA ❤️

❤️❤️❤️Subscribe like sher godha 👇👇🙏👇

https://youtu.be/_iPWiBTOva4?si=m4p5GbizGU2VslpR

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Channalota akkami argachu barbaduu?

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Yeroo hundaa ergamootni isa ni eegu, hamaan tokko isa hin argatu" jedhee dhagaa sana jalaa immoo humna isaatiin tsabala akka harma haadha isaa mi'aawu burqisiiseefii, "Gannata keessaa immoo bishaan akka aannanii kan mi'aawu ergamoonni koo ni.
fiduufi" jedhe. Abbaa fi haati isaa qaama lubbuudhaan dhufanii isa jajjabeessu turan. Erga guddatee booda immoo damma moggee nyaachaa ture.

𝑳𝙖𝙡𝙡𝙖𝙗𝙖𝙖 𝑭𝙞 𝑾𝙖𝙧𝙚𝙚𝙜𝙖𝙢𝙖 𝑰𝙨𝙖𝙖

➥#Qulqulluu_Yohaannis yammuu waggaa soddoma (30) guutu gammoojjii irtaa bahuun kutaa biyya Yihuudaa keessa naannoo laga Yurdaanos nanna'uudhaan, "Qalbii keessan jijjiiradhaa; hojii gaarii hojjedhaa; tulluun gadi haa jedhu; jal'aan haa qajeelu, cuuphamaa!" jechuun lallaba isaa ifatti eegale. [Maat.3:1, Luq. 3:1]. Namoonni baay'een lallaba isaa irraa kan ka'e "maal haa goonu?" jechuudhaan gaafatanii, cuuphaa qalbii jijjiirrannaa cuuphamaa turan.

➥Bara sana kutaa biyya Yihuudaa bulchaa kan ture mootii jal'aan
Heerodoos jedhamu, Waaqayyoon kan hin beekne, obboleessi isaa lubbuudhaan osoo jiruu seera cabsee haadha manaa obboleessa isaa Filiphoos kan 'Heroodiyaadaa' jedhamtu jalaa fudhatee ture. Qulqulluu Gabri'eel galgala yeroo isaan ciisan sagalee [lallaba] Yohaannis cuuphaa fakkeessee isaan dheekkamaa ture. Isaan immoo Yohaannis isaanitt fakkaatee ajjeesuus ni barbaadu turan. Garuu arguu hin dandeenye. Yeroo hunda isaan ni dheekkama ture. Halkan sana ka'anii ni barbaadu turan. Garuu hin argan. Ogeessa abbaa qorichaa barbaadanii kutaa ciisichaa isaanii keessa kiyyoo diriirsanii qabuuf ni barbaadu turan. Garuu hin dandeenye. Kanaafis baay'ee rakkatan; cubbamoonni nagaa hin qaban waan ta'eef. Yohaannis hojii lallaba isaa itti fufe. Namoonni baay'een cuuphaa qalbii jijjiirannaa cuuphamaa rakkina
isaaniif furmaata argachaa akka dhufan gaafa dhagahu gaafa dhagahu Filiphoos dhaqee itti iyyate. Yohaannis osoo hin sodaatiin fuula mootichaa dura dhaabbatee, "Haadha manaa obboleessa kee fuudhuun siif hin ta'u" jedhe. Heroodiyaadaan garuu, 'Filiphoosiin ajjeesi, isa booda akka garaa keenyaatti waliin jiraanna" jettee ajjeesiste. Yohaannis gaafa kana dhagahu fuulaa fuulatt lamaan isaanii ifate; abaare. Yeroo kana mooticho Heroodos fi Heroodiyaadaan inaafanii irratti ka'an. Qaammee haafa lamaa (2) qabanii mana hidhaa keessa buusan. Osoo Yohaannis mana hidhaa keessa jiruu mootichi Heroodos guyyaa yaadannoo dhaloota isaa kabajachuudhaan dhangaa guddaa qopheessee hiriyyoota isaa hedduus irratti affeeree ture. Affeerrraa sanarrattis intalli Heroodiyaadaa maqaan ishee Xermeeririiyaa jedhamtu yeroodhaaf uffata
gammachuu kan fakkaatu, garuu booddeen isaa du'a kan ta'e sirbuudhaan mootichaa fi hiriyyoota isaa gammachiiste.

➥Yeroo kana mootichas ta'e affeeramtoonni isaa gammachuu keeessi isaa gaddaan guutame gammadaa turan. Mootichis intalittii waamee, "maal akkan siif godhu barbaadde?" jedhee gaafate. Isheenis deemtee harmee ishee gaafatte jennaan harmeen ishees, "morma Yohaannis kutii naaf kenni jedhi" jette. Intalittiinis deebitee yammuu mootichaan akkas jettu innis ni nahe. Sababni isaas uummata waan sodaateef jechuudha ( uummatni Yohaannisiin fudhatee waan tureef). Haa ta'u malee waadaa dursee seene waan ta'eef mormi Yohaannis kutamee akka kennamuufii ajaje. Guyyaan kunis #Fulbaana_lama(2) ture. Mormi Yohaannis yammuu irraa cite fooliin
isaa urgooftuurra kan caalu ture.

𝑫𝙝𝙪𝙢𝙖 𝑱𝙖𝙡'𝙤𝙤𝙩𝙖𝙖

➥#Heroodiyaadaa:- Isheee kun akkuma Qoreeyiin, Daataanii fi Ebeeroon warra seera Waaqayyoo cabsan sanaa lafti afaan bantee fayyaatti ishee liqimsite.[S.Lakk.16:30-35]. Wardiyaan isaanii dhufee harka ishee qabee nan baasa gaafa jedhu harki ishee citee hafe.

➥#Xermeeniyaa (Intala Heroodiyaadaa):- Isheen kun immoo maraachuudhaan qodaa mana isaanii keessaa erga caccabsitee fixxee dhumarrattis qodaa mana mootii keessaas ol seentee caccabsiteee, mataa ishees ofii isheetiin of tarsaaftee mooticha fuldura dhaabbattee, 'haadha manaa obboleessa keetii fuudhuun siif hin

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Yeroo Haannan ulfa turtettis ajaa’ibni gara garaa raawwatameera. Haannan adaadaa Barseebaa jedhamtu qabdi turte. Adaadaan ishee kunis ija tokko qofa qabdi ture. “Yaa Hanna Waaqayyo si yaadateera natti fakkaata harmi keetis gurrachaa’eera, hidhiin kees goggogeera” jettee garaa Haannaa yoo qaqabduttu ijji ishee ifeefii jira. (Hiikkaa Galata Maariyaam)

Dabalatanis mucaan eessuma ishee tokkotu du’ee osoo bo’aafii jirtuu yemmuu siree reeffi isaa irra jiru qabattee boosutti, gaaddidduun ishees reeffa irra bu’e. Gurbichis ol ka’ee “Nagaan siif haa tahu, haadha lafaa fi samii kan uumee” jedhee dhugaa baheera. (Hiikkaa Galata Maariyaam)
Kanarraa kan ka’e Yihudoonni itti hinaafutti ka’an. Kuni osoo gadameessa keessa jirtu, akkana kan godhe guyyaa dhalatte akkam nu godha laata? Kanaan dura sanyiin isaanii Daawit fi Solomoon, waggaa 40 40 nu bitanii darbaniiru; kan dhalachuuf jiru kun immoo akkam nu godhinna laata?” jedhanii itti hinaafutti ka’an.
Tulluu Libaanositti Dhalachuu Maariyaam
Yihudoonni waan itti hinaafaniif Haannaan gara gaara (Tulluu) Libaanositti jalaa baqatte. Achumaanis Haannan gaara Libaanos irratti Dubroo Maariyaamii deesse. Dhaloota ishee kanas Ogumma qabeessi Solomon ilmi Daawit akkas jedhee faarfateeraaf:

“Yaa kaadhimaa koo Libaanosii koottu, Libaanosii koottu, roggee Tulluu Amaanaa irraa, roggee Tulluu Siinaarii fi Heermon irraa, iddoo jireenya leencotaa irraa, Tulloota qeerransaa irraayis ilaali”(Weedduu Weedduu Caalu 4:8)

Yemmuu Haannan gaara Libaanositti deessus namoonni Haannaa beekan gara Tulluu Libaanositti ishee gaafachuuf waan nyaatamu hidhatanii (qabatanii) gaaricha irra ol bahuun gaafataniiru. Kanaaf hanga hardhaatti kunoo gocha sana yadachuudhaanf Caamsaa bultii tokkotti alatti bunni ni danfa, mulluun ni affeelama, Daabboonis ni caba, sirni gara garaa dhalachuu Dubroo Maariyaam nama yaadachisanis ni adeemsifama.

Egaa dhalachuun ishee Addaammii fi sanyii isaa hundaaf fayyina fi abdii ture. Aabbaa Hiriyaaqos; monokseen galateeffannaa(Qiddaasee) Maariyaamii barreesse, “Yaa Maariyaam Addaam yeroo jeennata keessaa ari’ametti abdiin isaa sidha” jedheeera. Yemmuu abboommii Waaqayyo diiganitti, Waaqayyo, “dhala dhala kee irraa dhaladheen si fayyisa” jedhee waadaa galeefi waan tureef, waadaa kana Addaam,Waaqayyo eenyurraa dhalatee akka isaa fi sanyii isaa fayyisu ni hawwa, ni abdatas ture. Kana qofa osoo hin taanee Aabbaa Hiriyaaqos fakkeenya hedduun fakkeesse Dubroo Qulqulleettii Maariyaam ni galateeffata. Biqiltuu Jaannata kan keessaa fi alaan dalleeffamtee, burqaan boolla bishaanii si dha” jedheen. Kunis cufamtee kan chaappeefamte jechuudhaan kan Qulqulluu Efreem dubbate faana wal fakkaata. Isheen haadha wareegamtootaati, duuka bu’ootaafis kabaja kan taate, ergamootaafis obboleetti dha, qulqulluummaa isaaniitiin fakkeefamti waan taheef.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Guyyaa hardhaa kanatti leencatti kan fakkeessame qulqullicha Maariqoos isicha abbaa wangeelaatu yaadatamee oola.

Innis bartoota torbaatamii lama keessaa isa tokko dha.

Maqaan isaa inni jalqabaa Yohaannis jedhama.
Ho.Duk.15፥39

Abbaan isaa
Arisxobuloosi dha.
Tajaajilaa Gooftaa dha ture.

Haati isaas
Maariyaam jedhamti.
Dubartoota qulqulloota soddomii lamaan keessaa ishee tokko dha.

Duuka bu'ootni bakka walitti qabaman akka hin dhabneef furtuu mana isheetii duuka bu'ootatti laattee mana ishee tajaajilaaf kan gadi lakkiste dha.
Ho.Duk.12፥12

Gaafa guyyaa shantamaffaa Afuurri qulqulluun kan bu'e manuma isheen arjoominaan laatte kana keessatti ture.

Kanaafuu manni isheen duuka bu'ootaaf laatte kun mana kiristiyaanaa ishee jalqabaa taate.

Akkuma ishee kana abbootiin keenyi durii, haadholiin keenyi duriis kaffaltii tokko malee lafa qabiyyee isaanii mana kiristiyaanaaf gadi lakkisanii araddaa isaanii irratti manni kiristiyaanaa akka ijaaramu gochaa turuu isaaniitiin bara baraan seenaan isaan hin irraanfatu..

Galatni guddaan isaaniif haata'u!

Nuti garuu hardha maal hojjechaa jirra laata?

Dallaa mana kiristiyaanaa cabsaa hinjirruu???

Daangaa mana kiristiyaanaa dhiibbachaa hin jirruu???

Lafa mana kiristiyaanaa saamaa hin jirruu???

Kan keenya kanallee mee dhiisaa!

Garuma seenaa qulqullicha Maariqoositti otoo deebinee wayya.

Inni ijoollummaa isaatti afaan yoonaanii, roomaayisxii fi ibraayisxii dhaan oogummaawwan garaagaraa nama barate dha.

Maatiiwwan dhibbaaf digdama keessaa umurii dhaan baay'ee ijoollee kan ture isa dha.

Haata'u malee nama tajaajilaaf garuu baay'ee barbaachisaa ture dha.
2Ximo.4፥11

Kanaafuu wasiila isaa Barnaabaasiif Pheexroosfaa duukaa bartuu isaanii ta'ee ajajamuudhaan baay'ee tajaajilaa tureera.

Kan Pheexroos isaafii hiikeefii boqonnaa kudha ja'a kan qabu wangeelas barreesseera.

Kanaa booda tajaajilaafi bakki itti ramadameeru iskindiriyaa dha waan ta'eef ottoo magaalaa byyattitti seenaa jiruu kopheen miila isaatii jalaa citee nama kophee hodhu Aniyaanoos nama jedhamu bira geessate.

Sababuma kanaan iskindiriyaa keessaa yeroo jalqabaaf nama kana barsiisee maatii isaa waliin cuuphee kiristiyaana taasise.

Itti fufuunis guutummaa iskindiriyaa keessatti wangeela waliin ga'ee barsiisee lubbuu namoota baay'ee Kiristoosiif booji'ee guyyaa hardhaa kanatti lafarra harkisamaa turee wareegamummaa dhaan boqateera.

Erga dhugaadhaaf dhabatanii wareegamumnaa akkasii kana kaffaluun dirqama dha.

Waaqayyo eebba isaatiin hunduma keenya haa eebbisu!

Seenaa isaa baldhinaan hubachuu dhaaf kitaaba sinkisaara guyyaa hardhaa dubbasadhaan afeerraa kooti.

Ayyaana gaarii!

.....╭✥✥✥✥✥✥✥✥✥╮
.......✥┈┈••●◉✞◉●••┈••✥..........
. Abbaa Niqoodimoos
...........30/08/2017 B.A
.......Tulluu jireenyaa irraa
.......✥┈┈••●◉✞◉●••┈••✥..........
.....╰✥✥✥✥✥✥✥✥✥╯

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Oduu Aagaa
Waldaan Duuka Bu'ootaa wiirtuu Qellem Wallaggaa hundeeffamee yeroo muraasa keessatti tajaajilaa hedduu kennuu irratti argama ammas suuqii meeshaalee mana kiristaana banuun gatii madaalawaadhaan tajaajila kennuu irratti argama kanneen nu quunnamuu barbaaddan
+251931123510
+251917451545
+251922187519
Naannoo Baankii Gadaa duraatti argamna

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

amantaa tajaajilaan qofatu amantaaf quuqamaa?

Manneen kiristaanaa cuufamaan haa banamaan, kan lafti fi qabeenyi ishee irraa fudhatame haa deeb'aan, manneen amantaa baraaruuf ibsi ijaannoon fi hiriirri deegarsaa illee yoo jiraate manneen amantaa baraaruuf haa ijaannoon fi laphee tokkon haa dhabbannu.

Mana kiristaanaa tokkitii abboottiin hundeessanittis ni amanna jennee kadhannaadhaan ijaannoo amantaa keenyaa ibsannu, hojiidhaanis haa agarsisnu.

3. Amantoota fi barattoota dilbaata

A. Amantoota manneen amantaa jalaa cuufaniif lubbuu baraaruuf yoom hojjeetama? Manni amantaa sababa jala cuufameef baayinni isaanii torbaas haa ta'u, kudhan; isaaniif tajaajilli hin barbaachisuu? Barsiasa wangeelaa leenjisuuf isa mallaqaa qabau, nama qabutu carraan kennamaaf malee sababa hanqina tajaajila cuufuuf karoorfamee miti. Bakka tokko tokkotti maatii qeesii, ykn bulchaa bataskanaa, geggeessaa biyyaa laallabaafi mana lubummaa yoo ta'ee iijooleef aangoon lubummaa kennamaaf malee waan filatameef, waan sirna barnoota aangoo lubummaaf isa geesisu waan irra gaheef miti.

Manneen amantaa baayyee isaanii barataa dilbaata hin qaban. Barataan dilbaata lafee dugdaa bataaskaanaattidha. Mindaa maleefi bilisummaan tola oltummaan tajaajilu. Hunduma irraa bilisadha. Manneen amantaa hedduun cuufamaanis ji'aan al tokko ykn waggaatti al tokko guyyaa ayyaanaa illee akka banamu kan taasisaan ijoollee barattoota dilbaatafi waldoollee Afuuraadha. Mee manneen amantaa barattoota dilbaata hin gurmofne caasaa mana amanta keessaa karoorsee ijoollee gurmeesse eenyuudha? Karoora deegarsaa qabuusii? Bakka tokko tokkotti immoo barataan dilbaata illee akka diigamaanis hojjeetanis jiru. Amantootni jiraate, barattootni dilbaata badanii, manneen amantaa cuufamaniis homaa keessoonisaaniis bicuu illee kan hin riifanne geggeesitootni mana amantaa jiru. Gaafa budeena isaanitti dhufu garuu nama gurmeessee, kanneen biroo mallaqaan bitee naaf dubbadhaa jedhaanis heddummataa jiru.

Manaaf yoo quqamne kanaaf haa quuqamne dubbannu. Haa hojjannuus.

4. Manneen barnootaa abinaatii

Tajaajila keessoof dirqaama dhalootni barachuu qaba. Mana kiristaanaa dhaloota dhufuuf kan dabartee jiraattu fi tajaajila jireenyaa kennituudha. Kanaaf manneen barnoota kana kan dur jiraan guddisuu, kan hanqina qaban cimsuu, bakka hin jireetti ijaaruudha. Dhalootni duula miidiyaa gartuu dhiisee bataskaanaa fi dhaloota qofa haa baraaru. Ta'ees baratee nama eeguurra ofiif aangoo lubummaa fudhatee hanqina tajaajilaa haa furu.

Dhugummaan amantaaf nan inaafa yoo jette, bataskaanaa fi tajaajilaaf inaafii hojjedhu. Waan budeenaa fi dhimma biroo keessa bahi. Boru Gooftaan gaaf gatii kennu, gatii kantuu dhabbadhu maal akka sin jedhu gaafas hubatta.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

🎧🎵Faaruu eenyuu dhaggeeffachuu barbaaddu?


👤F/taa Firaanol Moosisaa

👤 F/ttuu sister hiwet teferra

👤F/taa Mendaayee Berhaanuu

👤 F/taa Yilmaa Hayiluu

👤F/taa Dn Abeel Mekbbeb

👤 F/taa Diyaaqon Muluken Kebede


👤 F/taa Tewodroos Yooseef

👤 F/ttuu Faasikaa Dinquu

👤 F/ttuu Bezawork Asfaaw

👤 F/ttuu mirtnesh Tilahun

👤 F/ttuu Worknesh

👤 F/taa Ytbarek Tegeny

👤 F/taa Ge/Yohannes Ge/Tsadek


🌐 Faaruu Ortodoksii hunda 🎶

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Channel tajaajila Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Afaan Oromootiin kennan filachun join godha!

👇👇👇

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

''Angafa Lubootaa''ሊቀ ካህናት
Angafni Luboota Kakuu haaraa eenyudha ?
Kakuu moofaa keessatti Angafni luboota jira hojii isaa inni guddaan aarsaa dhiyyeessuudha. Innis sanyii lewwii kan ta'edha. Aarsaan gosa gara garaa jira. Inni guddaan garuu waggaatti altokko gara qulqulleetti (kutaa mana qulqulluummaa isa sadaffaadha) kan dhiyaatu guyyaa fayyina ''yom kippur'' jedhamtutti kan dhiyyeessuudha. Gaaf kana jalqaba irratti waa'ee ofii isaa boddee ammoo waa'ee uummatichaaf aarsaa dhiyeessa.
''Aroonis waggaatti yeroo tokko gaanfawwan iddoo aarsaa irratti aarsaa araara buusu haa dhiʼeessu; aarsaan waggaatti dhiʼeeffamu kun dhiiga aarsaa cubbuu kan araarri ittiin argamu wajjin dhaloota dhufu keessatti haa dhiʼeeffamu. Aarsaan kunis Waaqayyoof waan hundumaa caalaa qulqulluu dha.''Baʼuu 30:10. Kadhannas ni geggeessa, hojiinsaa inni guddaan garuu aarsaa dhiyyessuudha. Angafni luboota kakuu moofaa hamma inni du'uutti hin jijjiramuu tokko qofadha. Yeroo inni du'uu namni biraa(ilmi isaa angafaa) bakka isaa buufama. Luboonni fi Leewoonni isa jala jiru inni angafa isaaniitii, isaaniin ni to'ata. Kakuu haaraatti angafni luboota kara sanyiidhaan daddarbu hin jiru haafera. Gooftaan Iyesuus Kakuu haaraa keessatti Angafa Luboota jedhama.Angafni lubummaa isaas kan bara baraa waan ta'eef Qulqulluun Phawuloos''Egaa angafa luboota ol aanaa guddicha isa samiiwwan keessa darbe, Iyesuus Ilma Waaqaa waan qabnuuf kottaa amantii keenya jabeessinee qabannaa.'' Ibroota 4:14.
Innis akka warra kakuu moofaa baraan kan daangeeffamuu miti kan bara baraati (duuti isa bira hin jirtu, du'a du'a isaatiin ajjeeseera kanaaf angafa luboota barabaraati).''Luboonni durii sababii duuti akka isaan tajaajila itti hin fufneef isaan dhowweef baayʼee turan''Ibroota 7:23. Isaani kakuu moofaa baay'ee turan, Kanaaf angafni lubootaa kan bara baraa waan jiruuf kan biraa hin barbaachiisuu angafni tokkichi jira. Akka warra kaanii cubbuu ofiif dursee aarsaa dhiyyeessuun isarraa hin egamu, innoo qulqulluudha.
''Egaa Angafa luboota qulqulluu, kan mudaa hin qabne, kan xurii hin qabne, kan cubbamoota irraa adda taʼe, samii olittis kan kabajame akkasii qabaachuun nu barbaachisa. Inni akka angoofa luboota kaaniitti guyyuma guyyaan duraan dursee cubbuu ofii isaatiif, ergasii immoo cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeessuun isa hin barbaachisu. Inni yommuu of kenne sanatti al tokko yeroo hundaaf cubbuu namootaatiif aarsaa dhiʼeesseeraatii.''Ibroota 7:26-27.
Angafa luboota sila ta'eef aarsaa dhiyeessera akka warra kaanii hoolaa fi allattiwwan miti Aarsaan ofuma isaatii. Kanaaf aarsaan kakuu duraa kan nuuf hin barbaachiisne, dhiigni qaraaniyoorratti dhangala'e sun bara baraan aaraarsa ta'eera, lammaffaa aarsaan biraa waa'ee cubbuu keenyaaf hin dhiyaatu, aarsaan guddichi ilmi Waaqayyoo Iyesuus Kiristoos nuuf dhiyaateera. Aarsaa sana kan bara baraa godhe kaa'e. Dabalees qulqulluun phaawuloos ''Inni garuu erga aarsaa tokkicha bara baraan cubbuudhaaf dhiʼeessee booddee gara mirga Waaqaa taaʼe.''Ibroota 10:12.
Angafa Lubaa waan ta'eef nuuf kadhataa? Hojiin angafa luboota inni tokko waa'ee uummataaf kadhachuudha. Kiristoos Iyesuus akka Angafa lubootaatti kadhateera. Isaas wangeela yohaannis boqonnaan 17 kana nuutti agarsiisa. Dabalataan gaafa guyyaa jimaata.
Yesuusis, “Yaa Abbaa, isaan waan hojjetan hin beekaniitii isaaniif dhiisi” jedhe ''Luqaas 23:34. Kanaaf inni kadhateera eyyeen, amma ni kadhataa ''miti''. Kadhannaan inni altokko nuuf dhiyeesse, aarsaan(foonii fi dhiiga isaa) inni altokko nuuf dhiyeesse, bara baraan ni hojjeta. Isumaan araaramna. Hojii araarsummaa fi kadhannaan gargarii.akkasumas kadhannaan Gooftaan geggeesse fi kan qulqullootaas walhin argu. Kadhannaan Gooftaa (araarsummaa, አስታራቂነት) wanti adda isa taasisu guddichi aangoodhaan kan taasifamedha(deebii hin egu, innis deebisaadha waan ta'eef), kan qulqullootaa garuu akkas miti ni kadhatu kadhannaa isaaniif deebii barbaadu ni egu(mul'ata 6:9).

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Filmii Waregamtoota Liibiyaa Afaan Oromotin Qopha'ee  Channel Asiin Gadii jOin Gochuun Argadha👇👇👇

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Ijollen ortodoksi qofaf
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️
⬜️⬜️⬜️ play▶️ ⬜️⬜️⬜️
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️
_
Ijollen ortodoksi qofaf
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️
⬜️⬜️⬜️ play▶️ ⬜️⬜️⬜️
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️

Ijollen ortodoksi qofaf
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️
⬜️⬜️⬜️ play▶️ ⬜️⬜️⬜️
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️
_
Ijollen ortodoksi qofaf
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️
⬜️⬜️⬜️ play▶️ ⬜️⬜️⬜️
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️
⬜️

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Filmii Waregamtoota Liibiyaa Afaan Oromotin Qopha'ee  Channel Asiin Gadii jOin Gochuun Argadha👇👇👇

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Bartootni kudha tokkoon garuu, gara tulluu Gooftaan keenya Iyyasuus ajajetti, gara Galiilaa deeman. Yommuu isa arganis ni sagadaniif; gariin isaanii garuu ni maman. Gooftaan keenya Iyyasuusis itti dhiyaatee akkas jedheen, “Aboon hundi dachee fi samii irratti naaf kenname. Egaa, dhaqaatii maqaa Abbaa, kan Ilmaa fi kan Afuura Qulqulluutiin cuuphuudhaan ormoota hunda barsiisaa. Waanan isin abboome akka eegan barsiisaa. Anis hanga bara xumura addunyaa hundumaatti isin waliin nan jiraadha.” Maat. 28:16
(Gooftaa_Tokkicha)

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

"የሠራዊት ጌታ እግዚአብሔር ዘርን ባያስቀርልን ኖሮ፥ እንደ ሰዶም በሆንነ እንደ ገሞራም በመሰልነ ነበር። "
ኢሳ 1:9
"Otoo Waaqayyo Gooftaan sanyii nuuf hambisuu baatee akka Sadoom taana turre; Gamooraas ni fakkaanna ture" Isa. 1:9

"መሠረቶቿ በተመረጡ ተራሮች ላይ ናቸው፤ እግዚአብሔር የጽዮንን ደጃፎች ይመርጣቸዋል። ከያዕቆብ ከተሞች ይልቅ"
መዝ. 86:1-2
"Hundeen ishee tulluuwwan filatamoo irraati; Waaqayyo iddoo buufata Yaaqoob caalaa
buufata karreen tsiyoon ni filata"
Far 86:1-2

"ሙሽራዬ ሆይ ከሊባኖስ ከእኔ ጋር ነይ" መኃ. 4፡8
"Yaa misirroo too liibaanoosi na wajjin koottu"
Weeduu 4:8

እንኳን አምላክን ለወለደች ለእመቤታችን፡ ቅድስት ድንግል ማርያም ልደት በዓል አደረሰን!!!
Baga guyyaa ayyaana dhaloota Waaqayyo kan deesse giiftii keenya Qulqulleetti Durboo Maariyaamiin ittiin nuun gahe!!!

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

🎧🎵Faaruu eenyuu dhaggeeffachuu barbaaddu?


👤F/taa Firaanol Moosisaa

👤 F/ttuu sister hiwet teferra

👤F/taa Mendaayee Berhaanuu

👤 F/taa Yilmaa Hayiluu

👤F/taa Dn Abeel Mekbbeb

👤 F/taa Diyaaqon Muluken Kebede


👤 F/taa Tewodroos Yooseef

👤 F/ttuu Faasikaa Dinquu

👤 F/ttuu Bezawork Asfaaw

👤 F/ttuu mirtnesh Tilahun

👤 F/ttuu Worknesh

👤 F/taa Ytbarek Tegeny

👤 F/taa Ge/Yohannes Ge/Tsadek


🌐 Faaruu Ortodoksii hunda 🎶

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

ta'u' yeroo jettu mootichi itti aaree
morma ishee kuchisiisee galaana keessa buusnaan qurxummii guddaan immoo liqimse!

➥#Heroodos (mooticha):- Inni kun immoo abbiyyuu isaa nama Harxaa jedhamuun qaama olaanaatti himatamee aangoo isaa irra kaafamee mana hidhaatti galfame. Achuma keessattis ni maraate. Dhumarrati, dha'icha ergamaa Waaqayyootiin rukutamee raamma'ee du'e. [HDB. 12:23].

𝑴𝙤𝙧𝙢𝙖 𝑸𝙪𝙡𝙦𝙪𝙡𝙡𝙪𝙪 𝒀𝙤𝙝𝙖𝙖𝙣𝙣𝙞𝙨

➥Heroodiyaadaan intala ishee irraa morma Yohaannis fuutee rifeensa mataa isaatii irraa haadnee miila siree keenyaa jala firfirsina jechuudhaan maddii isaa kabaltee arraba isaa gadi harkistee, "kanadha mitii inni hamaa dubbachiise" jechaa mataadhaan yammuu isheen waraanuuf jettu
Waaqayyo garuu mormi Yohaannis lubbii godhattee koochoo baastee akka isheen barristu taasise. Akkuma, "warri Waaqayyootti amananii jiraatan humni isaanii ni haara'a; akka joobiraa kochoodhaanis ni balali'u; ni fiigu; hin dadhabanis" jedhu [Isaay. 40:31] keenyaa mana ishee itti diigee balali'ee gara gaara ejersaa iddoo itti Gooftaan barsiisaa jirutti dhaqee miila isaa jalatti kufeee sagadeefi. Gooftaanis morma Yohaannis fuudhee dhungate. Ni eebbises. Dubroon Maariyaam garuu, "osoo abbaan kee Zekkaariyaasii fi haati kee Elsaabex morma kee citee kana fakkaatu argan maal jedhu laata?" jettee boosse. Yeroo kana Gooftaan keenya waan hunda isheetti himee ishee jajjabeesse. Yohaanni cuuphaan immoo morma isaa qofaan waggaa kudha shan guutuu akka inni addunyaa naanna'ee lallabu eebbisee kenneef! Akkuma ajaa'iba
Waaqayyoon harki lama qofti mooticha Bilxaasoor irratti "Maanee teqeel faares" jettee barreessuun raajii hojjette sana [Daan. 5:1] mormi Yohaannisis raajii hojjete. Reeffa isaa immoo duukaa buutonni isaa fudhatanii awwaalcha Elsaay biratti awwaalan.

➥Mormi Yohaannis cuuphaa garuu yeroo inni biyya lafaa kana irra naanna'ee lallabu daldaltoonni baay'een sagalee isaa dhagahanii qarshii isaanii gatanii qabachuuf duukaa fiiganii baay'ee dadhaban. Garuu hin dandeenye. Mormi Yohaannis erga lallaba isaa fixee Eebla 15 bara 45tti boqote.Faarfannaa qulqulloota ergamoota Waaqayyoodhaan gara samiitti galataan lubbuun isaa yeroo ol fudhatamu, reeffi isaa immoo awwaalcha Elsaay irratti awwaalame. Gooftaan keenyas waadaa isaaf
galeeraaf! Kunis; yaadannoo kee kan godhate, nama seenaa kee barreesse, nama seenaa kee barsiise, nama seenaa kee dhaggeeffate, hanga dhaloota shantamaatti siifan fayyisa ittiin jedhe.

🙏𝑬𝙚𝙗𝙗𝙞𝙞 𝙛𝙞 𝙠𝙖𝙙𝙝𝙖𝙣𝙣𝙖𝙖𝙣 𝙞𝙨𝙖𝙖 𝙣𝙪 𝙬𝙖𝙟𝙟𝙞𝙣 𝙝𝙖𝙖 𝙩𝙖'𝙪.Ameen!

~~◌◌◌◉◌◌◌~~◉
✍#Kennaa_Mucaa_Tawaahidoo️✍️

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

𝑸𝙪𝙡𝙦𝙪𝙡𝙡𝙪𝙪 𝒀𝙤𝙝𝙖𝙖𝙣𝙣𝙞𝙨 𝑪𝙪𝙪𝙥𝙝𝙖𝙖
━━━━━━⊱✠⊰━━━━━━

➥#Qulqulluu_Yohaannis cuuphaa qulqulloota keessaa wanti adda isa godhu Gooftaan harka isaatti cuuphamuu isaatiinidha. Kana waan ta'eef kiristaana tokkoof waa'ee qulqulluu kanaa waan bu'uuraa beekuun dirqama isaa fi akkasuma
eebba guddaa kan qabudhas!

𝑫𝙖𝙡𝙤𝙤𝙩𝙖𝙖 𝑭𝙞 𝑮𝙪𝙙𝙙𝙞𝙣𝙖 𝑰𝙨𝙖𝙖

➥#Qulqulluun_Yohaannis dhuma bara kakuu moofaa irratti Gooftaa ji'a dursee missiraachoo qulqulluu Gabri'eeliin qajeeltota umuriin isaanii deemeeru Lubicha Zekkaariyaas fi Qulqulleettii Elsaabex irraa dhalate. [Luq. 1:1]. Tajaajila isaas osoo gadameessa haadha isaa keessa hin bahiin dursee kan eegale ture. Kunis yammuu Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam osoo Gooftaa ulfooftee jirtuu gara Elsaabex deemte sana gadameessa keessa osoo jiruu gammachuudhaan utaalee Gooftaa fi haadha Gooftaa baatteef galata dhiyeessuu isaatiin ture. [Luq. 1:44]
Guddummaan isaas dursee raajotaan [Isaay. 40:3; Milk. 3:1], itti aansees Gooftaa keenyaan [Mat. 11:11]
dubbatameefii ture. Bara boodaas abboonni waa'ee isaa baay'ee
jedhaniiru. Qulqulluun Qeerloos, "Bakkalcha barii biiftuu dura turedha" jedha. Hayyichi Xarxaluusis, "Inni ergamaa qofa osoo hin taane ibsaadhas" jechuun waa'ee isaa dubbata. Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee immoo seenaa isaa bal'inaan barreesseera. Kunis;

➥#Yohaannis_cuuphaan kan dhalate akkuma Gooftaa bara mootummaa Heroodsitti ture. Kana ta'uusaatiinis yammuu Heroodsi dhalachuu Gooftaa aangoosaaf sodaatee daa'imman Beteliheem waggaa lamaa gadi ajjeesisaa ture sana ergamaan Waaqayyoo akkuma Yoseef fi Dubroo Maariyaamitti daa'ima isaanii qabatanii gara Gibtsi akka godaanaan itti hime sana Zekkaariyaas fi Elsaabexittis daa'ima isaanii qabatanii gara gammoojjii Siinaatti akka godaananiif itti himee ture. Yammuu sana Lubichi Zekkaariyaas garuu
Elsaabexiin, 'ani mana Waaqayyoo dhiisee hin deemu ati mucaa kee qabadhuutii baqadhu' jedhee gaggeessee nagaa itti dhaamee mana Waaqayyoo tajaajiluuf biraa deebi'e.

➥#Qulqulleettiin_Elsaabex gara Waaqayyootti bo'aa mucaa dulluma keessa argatte baattattee halkanii fi guyyaa deemtee gammoojjii Siinaa keessa geessee dhagaa guddaa tokko cina dhaabbattee lafa itti boqottu dhabdee gara Waaqayyootti boosse. Yeroo kanatti dhagaan sun humna Waaqayyoon isaaniif banamtee keessa jiraachuu eegalan. Dhagaan kun yeroo bonaa itti qabbanaa'aa, yeroo gannaa immoo itti ho'aa ture.

➥#Lubicha_Zekkaariyaas manaa qulqullummaa keessatti albeedhaan qalanii ajjeessan. [maat. 23:35]. Yammuu Yohaannis waggaa torba guutu haatisaa Elsaabexis achitti
boqotte.Yohaannis waan godhu wallaalee ishee cina taa'ee bo'aa ture. Yeroo kana Gooftaan godaansa Gibxii irraa deebi'ee Naazreet ture. Innis guyyaa kana ganama gara bosona Siinaa ilaalee bo'uu jalqabe. Yeroo kana haati Isaa Dubroon Maariyaam, 'maal taatee boossa' jettee isa gaafatte. Innis, 'adaadaan kee Elsaabex gammoojjii Siinaa keessatti boqottee Yohaannis cinaa ishee taa'ee yeroo boo'un arge' jedheen. Giiftii Maariyaamis sagalee olkaastee boosse.

➥Yeruma kana mucaan ishee Gooftaan keenya Iyyesuus Kiristoos humna isaatiin duumessa abboomee duumessa yaabbatanii bira gahan. Yeroo sana Yohaannis nama biraa argee waan hin beekneef fiigee bosona seene. Yeroo kana Gooftaan sodaa isa irraa fageessee isa jajjabeesse; "Nuti firri kee waan gaarii
siif gochuudhaaf gara kee dhufne" ittii jedhe. Dubroo Maariyaam fi Soloomeen ishee miicanii kafanan. Qulqulluun Mikaa'el fi Gabri'eel akka isaan boolla qotan abboome. Lubichi Zekkaariyaas fi Simi'oon raajichi qaama lubbuudhaan dhufuun seera kadhannaa hiikamaa raawwatanii akka isaan awwaalan taasise. Isaanis waan abboomaman raawwatanii bakka irraa dhufanitti deebi'an. Gooftaan keenyas mucicha eebbisee gara Naazreetitti deebi'uudhaaf kaanaan Dubroon Maariyaam fudhannee galla malee asitti hin dhiisnu jettee boosse. Yeroo kana Gooftaan, "bakki jireenya isaa hanga waggaa 30tti asumadha.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Caamsaa 1

Dhalachuu Dubroo Maariyaam.

“Yaa kaadhimaa koo Libaanosii koottu, Libaanosii koottu, roggee Tulluu Amaanaa irraa, roggee Tulluu Siinaarii fi Heermon irraa, iddoo jireenya leencotaa irraa, Tulloota qeerransaa irraayis ilaali”(Weedduu Weedduu Caalu 4:8)

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!
Namoonni (amantaan) tokko tokko, haadha Waaqayyoo Dubroo Maariyaamii,waan caalatti kabajan isaanitti fakkaatee, isheen sanyii namaa miti, humnaa olitti (human Aariyaamiiti) jedhu. Isheen garuu sanyii namaati kan argamtes hidda Daawit irraayi. Kitaabni Qulqulluunis kanuma raga baha. Haaluma kanan:
• “Kunoo firri kee Elsaabex” jedhamuun ishee (Luq 1:35).
• Gooftaan kan fudhate (uffate) foon Abirahaam tahuu isaa (Ibroota 2:16).
• Hiddi dhaloota Gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos yemmuu lakkaawwamu sanyii namootaa keessatti lakkaawwamuu isaa (Maat. 1:1). Kan jedhan hundinuu kan ibsan isheen gosa namaa tahuu isheeti. Abbootni amantaa Ortodooksii Tawaahidoo garuu sadarkaa qulqullummaa (olaantummaa qulqullummaa) ishee yoo ibsan obboleettii ergamoota jedhanii waamaniiru.
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos fooniin dubroo Maariyaam irraa akka dhalate ilaaleerra. Kunis hidda dhalootaa maqaa abbootaatiin caqasame irraa kan hubannudha.
Dhaloota dubroo Maariyaam jalqaba irraa yemmuu ilaalluu, seenaa nama ajaa’ibu fi kan adda ta’e arganna. Teektaa fi Batriqaa kan jedhaman haadha warraa fi abbaa warraatu ture. Namoonni kuni dubroo Maariyaamiif gara duubatti dhaloota jahaffaa turan. Warra baay’ee sooressaa kuni hafe hin jedhamnee turan. Qabeenya guddaa haa qabaatan malee dhala dhabuudhaan yeroo dheeraadhaaf gaddaa fi Waaqayyotti booyaa turan. Baay’ina qabeenya isaanii irraa kan ka’e sa’aa fi qotiyyoo isaanii gaanfa irratti warqii hidhaniif ture. Akkasumaan gaddanii osoo jiran guyyaa tokko abjuu nama ajaa’ibsiisu tokko argan. Abjuun isaanis jabbii adiin yoo mooraa isaanitii baatu, jabbiin sunis jabbii wal fakkaatu dhalaa deemuudhaan jahaffaa irratti garuu yoo addeessa dhaltuu fi adeessi kuni ammoo torbaffaa irratti yoo biiftuu dhaltu argan. Iccitii abjuu kanaas baruudhaaf nama abjuu hiikuu beeku bira deemuudhaan abjuu isaanii itti himatan. Namni abjuu hiiku sunis “daa’ima ni deessu, jabbileen fakkenya daa’immaniiti, dhaloota jahaffaa irratti kan addeessa agartan garuu kan hanga ammaa olitti dhalatan irraa, daa’ima namaa hunda kan caalu ni deessu, iccitiin biiftuu sana garuu anaaf hin ibsamne, tarii raaja yookaan mootii tahinaa laata?” jedheen. Isaanis waa’ee biiftuu sana ‘yeroon haa hiiku’ jedhanii gara mana isaanitti galan. Kana booda dhala ni argatan, maqaa daa’ima dhalattes He’emaan jedhaniin, hiikni isaas “wareega koo argadheera, naaf dhaqqabeera” jechuudha. He’eman Derden, Derden immoo Toonaa, Toonan Siikaariin, Siikaar Heermeellaa, Heermeellaan ammoo Haannaa deesse. Haannan ammoo Iyyaaqeemiitti heerumte. Garuu dhala dhabuun Teektaa fi Batriqaa irra gahaa ture sun deebi’e Haannaa fi Iyyaaqeem irraas gahe. Isaanis dhala dhaban.

Daa’ima dhabuu isaaniitiinis gadda guddaatu itti dhagahamaa jiraachaa turan. Dhala dhabuu isaaniitiin ilaalcha badaa namoota irraa isaan irra gahaa ture keessa tokko akka fakkeenyaatti yoo ilaalle guyyaa tokko gara mana qulqullummaa kennaa kennuuf yoo deeman, lubni mana qulqullummaa sun “Isin immoo Waaqayyo cubbuu keessaniin mitii kan dhala isin dhoowwate?” jechuudhaan kennaa isaanii harkaa fudhachuu dide. Kanaanis baay’ee gaddaa turan.
Guyyaa tokko muka jala taa’anii yoo bullaallan ijoollee isaanii wajjin taphatan Haannan agartee “Yaa Waaq kan bullaallaa kanaaf dhala kennite anaaf dhala na dhoowwattee ani uumamni koo dhagaa irraatii laata?” jettee gadditee boossee kadhatte. Achumaanis “maaloo yaa Waaq yoo ilmoo nuuf kennite dhiira tahu qotee nuuf haa laatuu hin jennu, dubaras yoo taate, bishaan waraabdee, qoraan cabsitee akka nuuf ergamtu hin barbaannu; mana kee keessatti akk guddattu siif kennina jedhanii Waaqayyoon kadhatan. Sana booda Waaqayyo kadhannaa isaanii ni dhagahe, Haannanis ergamaa Waaqayyootiin missiraachoon itti himame. Ni ulfooftes.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

"ጥበብሰ መድኃኒነ ውእቱ ዘቤዘወነ በጥብሐ ሥጋሁ ወተሣየጠነ በንዝኀተ ደሙ ወኀረየነ ለመንግስቱ ለዓለም ዓለም።" ቅዳሴ ዲዮስቆሮስ
"Ogummaanis Qoricha keenya isa Foon isaa aarsaa godhee nu fayyise; Isa dhangala'uu Dhiiga isaatiin nu firoomfate ; Isa Mootummaa isaatiif bara baraaf nu filateedha. Qiddaasee Deyoosqoorewoos.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

https://m.youtube.com/watch?v=WKPFnukmCUU&t=586s&pp=2AHKBJACAQ%3D%3D

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Manneen kiristaanaa baraaruuf qofa irratti haa xiyyeeffaannu.

Hubadhu. Dhugaa jiru osoo hin dubbisi Like fi comment hin godhiin! Ragaa jiru yoo barbaadame hundasaa basuun dirqaama ta'a.

1. Manneen kiristaanaa taajaajila Ishee

Mana kiristaanaa gaaf jennu, tokko gamoo itti waaqeffannuudha. Manneen amantaa Waaqeffannaa magaalaa fi baadiyaa, Kaateediraalii fi Dabriin tokkodha. Ishee baajeeta qabduu fi hin qabnees tokkodha. Gooftaan keenya garreen gad deebi'aa fi tuffatamaaf, isaan abdii hin qabneef abdii kennuudha. Har'a caasaa mana kiristaanaa keessa kan hojjeetu mana kiristaanaa baadiyaa fi ishee lafaan Gammoojjii bakka konkolaataan hin geenye yaadatuu? Ishee baajeta hin qabnee ishee durgoo hin kenninee tajaajila bakka sanatti nu ergaa, ykn ni deemna jedhuu? Manneen kiristaanaa kutaa biyya lallaaba tokko keessaa 200 yeroo cuufamu, mirri gaddaa itti dhaga'amaa? Yeroo phaaphaasiin Gibxiirraa akka Itiyoophiyaatti lama ykn afur dhufan, phaaphaasootni biyyaa shan ta'aanitti manneen kiristaanaa hedduun heddummaanitti, phaaphaasootni hedduu kan qooqa danda'aaniis biyyaa lallabaaf rammadaanitti manneen amantaa cuufamuu? Pirojeektii itti fuufinsa manneen kiristaanaa fi misooma karaa maraa, egeeree bataskaanaafis kan hin hojjennee fi kan jiraan illee hin yaadanne, abbaa fi barsisaa lallaaba ta'uun keenya maqaaf moo maal waan isaa? Dachee irratti dhimma budeenaaf, dhimma biroof garee fi gartuu adda qodnuun tajaajilaas jedhamaa? Dhimma bataskaanaa fi lubbuu baraaruu, tajaajila Waaqayyoo jaalatu moo namni akka nu jaalatuuf tajaajila? Biyyaa lafaa irratti jaalatamuuf moo samii irratti maqaan keenya akka barreeffamuuf, hojiin keenyaas akka firii qabeessummaaf nuuf galma'uuf moo isaa Maqa keef jettee dhama'ate jedhamuuf?

Manneen kiristaanaa hundi osoo cuufamanii? Inni budeennif qofa bataaskaana keessa gale eessa lixa? Silaa tajaajiltuu fi cuufamuun isaa daantaa hin qabaniitii!

2. Manneen kiristaanaa qabeenya ishee

Manneen amantaa biyya lallabaa isheen baadiyaa tajaajilaaf cuufamte, gar tokkeen ishee lafti ishee irraa fudhatameera. Namoota humna qabaniin lafti ishee yeroo fudhatamu koreen sabakaa, barattootni dilbaata fi Amantootni tokkummaan seeraa mootummaadhaan yeroo qabenya deebisuun himata abbaa murtii irratti saqaan; kutaan biyya lallaaba kutaa seeraa osoo mindeessee qabuu, osoo mana kiristaanaaf dubbachuu qabuu, mana kiristaanaatti dugda gatachuudhaan namoota humnaan lafa baataskaanaa fudhate sana irraa mallaqaa malaamaltummaadhaan fudhachuun dubbiin akka salphisaanii ilaalaan, akka lafti bataskanaaaf hin deebine gufuu ta'aan hedduudha. Sababa kanaaf bakka danda'amneetti namoota dhuunfaan qabeenyi bataskaanaa nama dhuunfaaf ta'ee, lafti isaas irraa fudhatamees ni jiru. Manneen ijaannoon amantootaa fi koree sabakaa wajjin ta'uun dhabbataan kutaa biyyaa lallabaa irra abdii kutuu fi caasaa paarsaantiis kafaluu dhabaanis ni jiru. Kun immoo turee, bubulee bataskaanni guutuummaatti caasaa malee akka harka ummataa galu taasisa. Rakkoon kunis isumma warri caasaa keessa sababa budeennaaf galan uumaniin kan mul'ateedha.

Manneen kiristaanaa magaala jirtu hedduun isaaniis kaartaa hin qaban. Koreen sabakaa gubayee fi amantootni waliin ta'uun gaaffii fi yaada mootummaa ni gaafatu. Deegarsi kutaa biyya lallabaa fi caasaan olii gonkuma kan hin jirre, deegarsa kennuu caalaa paarsantii gaafachuun akka isaanif salphaatu, manni kiristaanaa qabeenya guutuu qabattee dhabbachuu fi dhiisuun daantaa isaanii akka hin taane kan rawwataan ni jiru. Abboottiin sirna bulchinsaa irra jirtaan Waaqayyoo fulduratti maal akka du'aa keessanii booda deebiftaan hin beeknu. Dhimma deegarsaa xiqqoof yoo argamaan illee durgoo humna olii fudhachuun caalmatti bataskaana daraarsuun maaliif barbaachise?

* Kanaan jedhu amantootaa fi warreen tola oltumaaf tajaajilaaniif qofaaf suugni ykn keennan barbachisa moo? Isiinif hin barbachisuu? Amma amantootni fi koreen sabakaa gubayee isaan mindaa malee halkaanii fi guyyaa amantaa isaaniif dhabbataan, barattoota dilbataa, waldoollee Afuuraa fi luboota ijoollee isaanii osoo mindaa xiqqoon jireenyanii geggeessaa mana

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

ጾም ስግደቱ ሲቀር ጸሎቱም ተረሳ፤እኛ መሞት ጀመርን አንተ ስትነሳ:: Waalaloo gaababduu Deacon Henok Haile kana bu'uura godhannee xiqqoo ishee haa barannu.

Namni guyyaa ayyanaa hedduminaan mana amantaa adeemu, borumti sana nama tokko lama argama. Ayyaana dhugaatii addaa addaa, muuziqaan tuutan sirbuun ayyaanicha akka hoo'isaanitti lakkawu. Jireenyi afuurummaa keenya ni dadhaba. Nyaanni fi dhugatiin immoo bakka ol aanaa argata. Kitaaboollee afuura dubbisuun, faarfannaa dhageeffachuun, abboommii Waaqayyo eeguun yeroo sooma qofa jennee akka ogeessi Solomoon hunduu yeroo qaba jedhu yeroo kan itti rammadnu immoo namoota xiqqoo miti. Yaa namaa! Waaqayyo hanga bara baraatti Isiin wajjin nan ta'a jedhe malee hanga yeroo sooma ykn immoo ayyaana qofa miti jenne.

Tibba kana Gooftaan maal nu barsisee? Warreen sodaatanii baqqqatan jaalalaan walitti qabee, warreen isa hin beeknu jedhanii ganaan osoo isaanitti hin mufataan amantaa isaanii cimee jira. Egaa Warreen shakkinee jirru Toomaas wajjin quba keenyan bakka waraaname galchinee Waaqummaa isaa amannee, yaa Gooftaa, Waaqa koo haa jennee laphee gonkaan haa waaqesinu, warreen sodaatan duuka bu'oota wajjin mana Maariyaam haadha Maarqoositti qabamnee sagalee hin sodaatinaa kan jedhu afaan Gooftaa irraa sagalee jajjabinaa fi taasgabbeessuu dhageenyee addunyaa iyyaa ajjeechaa, dibbee rukkuttaa badii kana irraa amantaan jabannee tarru hin sodaatinaa haa dhaggeenyu. Achumaan kennaa afuura Qulqulluun guutamnee yeroo Gooftaan mana balbala cuufaa seenee banu ilaalee hojii Gooftaa ajaa'ib jennee afaan keenya haa qabannu. Durbee Maariyaam fi duuka bu'oota wajjinis kadhannaa fi soomaan haa ciimnu.

Yeroo Gooftaan wadaa kaakuu ykn macaafa Kidaanii barsisuu miila isaa jaala teenye barumsa jireenyaa Maariyaam obboolleettii Alaazaar fi duuka bu'oota wajjinis haa baraannu. Akkuma Qulqulluun Maatiwoos gadamaa Qoroontoositti erga soome booda afuurri hamoon irraa faagatee booda Ergamoonni itti siqaanii tajaajilaan, yeroo fannifamuu qormataa diinaa Luboota Ayihudoota fannisi fannisi jedhanii fannisaan ,duuka ka'umsaa booda bakka awwalchaa Ergamoota itti siiqan tajaajiluu waan eegalaaniif yeroo isaanii Qulqulluu Qulqulluu Qulqulluu jedhaanii sirna Qulqulleessuun Gooftaa tajaajilaan nuttis sirna Qulqulleessuu irratti hirmannee yeedalloo isan jalaa haa qabnu. Yeroo inni guyyoota 40 kana jireenya foonii booda jireenyi keenya maal akka ta'e hubannee narraa baradhaa jedheeerawoo jireenya sana irraa barannee ittin haa jiraannu. Sababni isaas Yaa'iqoob sagalee Waaqayyoo dhaggeessaanii kan ittin jiraatanii ta'aa malee kan ittin baddaan hin ta'inaa jedhamneerawoo. Yeroo duuka bu'oonni aangoo phaaphasummaa fudhataanii " Gara addunyaa kana adeemaa, maqaa Abbaa Ilmaa Afuuraa Qulqulluun nama hundumaa cuuphaa duuka bu'oota koo taasisaa" (Maat 28:19_20), "Ofii keessanii fi mana kiristaanaa dhiiga Kiristoos akkaa eegdaanii Isiin hoo Phaaphaasoora Isiin mudeen jira" jedhee imaanaa itti kennuus yaa'ii mudaa Phaaphasoota Sinoodoosii argamnee gammachuun abboota keenya akka simaannu.

Yaa saba Kiristaanoota!
Soomaaf sagadni hafee kadhaa hirraanfanne;
Ati du'aa kaanaan nu du'uu jalqabne kana akka irraa caalaan jireenya Gooftaa fkkachuutti of madaaqsinu maqaa Waaqayyoon jalaalan isiinif dhaama. Waaqayyo hanga dhumaa akka isa wajjin jiraannu nu haa taasisu.

Читать полностью…
Subscribe to a channel