ortodoksiidhugaa | Unsorted

Telegram-канал ortodoksiidhugaa - Ortoodoksii ishee dhugaa

8413

"Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! Daandiin (Ortoodoksii) durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!" Er.6:16 👉 Join telegram channel https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT

Subscribe to a channel

Ortoodoksii ishee dhugaa

🌿🌿 seenaa Qulqulluu Pheexiroos fi phaawulos🌿🌿

Guyyaa kana duuka bu’oonni lamaan Qulqulluu Pheexiroosi fi Qulqulluu Phaawuloos guyyaa itti wareegaman kan itti yaadatamu dha.
Akkasuma yaadannoo Aabboo(Gebre menfes qiddus)

Qulqulluu Pheexiroos

Qulqulluu Pheexiroos Beetasaayidaatti Galiilatti dhalate (Yoh 1:45). Gosti inni irraa dhalates Gosa Roobeel jedhama. Yeroo ijoollummaa isaattis seera Yihudootaa baratee guddate. Boodas mana ijaarratee haadha manaa horatee qurxummii kiyyeessee jiraachaa ture. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos garuu qurxummii kiyyeessuu gachisiisee duuka bu’aa isaa taasise. “Kana booda qurxummii miti nama kiyyeesita” jedheen. Sana boodaas duuka bu’oota waliin Gooftaa irraa baratee hanga guyyaa Gooftaan fannifamuuttis biraa hin dhabamne ture. Gooftan ol ba’uu isaan durattis erga du’aa ka’ee booda, gara Galaana Xibriiyaanoos cinaatti itti muldhatee “Pheexiroos ilma Yoona na jaalattaa?” jedhee yeroo sadi irra deddeebi’ee gaafateera. Kanaanis “da’aa koo eegi, hoolota koo bobbaasi” jedhee akeekakchiisee adaraa itti kennee jira.

Qulqulluu Pheexiroos tajaajila lallaba wangeelaa baldhaa taasise. Roomaa deemuun duratti Iyyaruusaaleemi fi Samaariyaatti,Lidaa fi Iyyoopheetti, Eeshiyaa Xiqqootti, Phanxoosi fi Qephedooqiyaatti, Galaatiyaa fi Biitaniyaatti akasuma biyyoota biraa heddu keessa deemuun wangeela barsiisee kiristoosiin lallabeera. Boodas gara Roomatti ce’eera. Roomattis wangeela barsiise dhukkubsattoota fayyisee sababa ibidda Roomaa keessatti ka’ee Roomaa balleesseen, bara Neeroon Qeesaar kiristaanotni hedduun dhumaa waan turaniif innis qabamee wareegame. Yemmuu fannifamus “ ana akka Gooftaa ol na hin garagalchinaa gadi na gombisaatii na finnisaa” jedhee gadi gara galee fannifame.

Qulqulluu Phaawuloos

Akkasumas guyyaa kana Qulqulluu Phaawulosis kan itti wareegame dha. Qulqullu Phawulos biyyi isaa Israa’el gosa Biniyaam irraa iddoo magaalaa Tarsees jedhamtutti dhalate. Lammummaa Roomaa qaba tures.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon.Ameen!

◉Baga Mikaa'ela Waxabajjii 12n isin gahe.

Hiikaan jecha Mikaa’eeli jedhu, “kan akka Waaqayyoo eenyu?” jechuudha.
◉ Ergamaa qulqulluu Mikaa’eel, ergamoota jiran hundumaaf hangafa ta’ee kan muudameedha.
Ergamaan kun kan Luba Iyyaasuu gargaare (Iyyaasu 5:13), kan Israa’eloota yemmuu Misraadhaa gara Kana’aanitti imalan masakaa/gaggeessaa ture dha.
◉Ergamaan kunis, naannoo warra Amooriyaanotaa kuma saddeettama ajjeesuun, Hizqiyaasin kan gargaaredha (Isa 37:36).
◉Raajaan Daani’eelis, waa’ee ergamaa kanaa dubbateera akkas jedhee; “Kunoo warreen hangafoota jajjaboo keessaa tokko, Mikaa’eeliin na gargaaruuf dhufe" (Dan. 10:13)

Akkasumas, “Bara sanatti waa’ee ijoollee saba keef kan dhaabatu inni hangaftichi Mikaa’eel ni ka’a” jedhamee barraa’eera (Dan 12:1)
➲Yeroo mara nu gargaaruuf balali'ee nubira haa ga'u R.Dan. 9÷21

◉Ergaa Yihuudaa irrattis (Yihudaa lakk.9), hangafti ergamootaa Mikaa’eel garuu, yemmuu Diyaabiloos waliin wal mormu; waa’ee foon Musee yemmuu dubbatu “Gooftaan si haa ifatu” jedhe malee; jecha arrabsoo dubbachuuf hin feene jedhee, waa’ee obsa qabeessummaa ergamaa kanaa dhugaa baheera.

“Kana booddee, samii keessatti lolli ni ta’e, Mikaa’eel ergamoota isaa wajjiin bineensa akka jawwee sanaan ni lole, bineensichi akka jawwee sunis, ergamoota isaa wajjiin deebisee isa ni lole. Bineensichi mirga hin arganne, deebi’ee isaaf ergamoota isaatiif samii keessatti iddoon hin argamneef” (Mul’.12:7)

#Seenaa!
Waxabajjii 12; Guyyaa kana qulqulluu Mikaa’eel Afoomiyaa harka Seexanaa jalaa kan itti baasedha. Afoomiyaan, haadha warraa nama Astaaraaniiqoos jedhamu kan biyya Kilqiyaa jedhamtu keessa jiraata turaniidha. Isaan lachanuu Qulqulluu Mika’eel kan jaalataniifi ji’a ji’aan yaadanno isaa kan godhan ture. Kan beela’e ni nyaachisu, kan dheebote ni obaasu, qarshii isaanis rakkataaf maqaa Qulullu Mika’eliin ni kennu ture. Abban warra Afoomyaa gaafa dhibamu akkas jetteen, “Dubartiin erga abbaan warraa irraa du’ee rakkachuun ishee hin hafu, anis akka qorumsi narra hin geenye kunoo ilma hin qabu, waan tokko hin qabu, kanan ittiin kadhadhu fakkii qulqulluu Mika’eel kaasisiitii naaf kenni jetteen. Innis, fakkii Qulqulluu Mika’el, meetii fi warqii irraa hojjisiisee kenneef.

Abbaan warraa Afoomiyaas, yeroo muraasa booda ni du’e. Akkuma jedhame, Afoomiyaan erga inni du’ee booda, halkanii-guyyaa Waaqayyoon kadhachuutti jabaatte. Guyyaa guyyaattis hojii hafuuraan gudachaa dhufte. Fuula fakki Qulqulluu Mikaa’eel kana durattis sagadaa turte. “Eegumsi kee ana irraa hin fagaatin” jettee kadhatti turte. Rakkataa gargaaruus, guyyuma guyyaan hojii godhateetti. Yeroo kana Sexanni itti hinaafee, hojii hafuuraa ishee kana irraa ishee gufachiisuuf, hinaafee Manguddoota fakkaatee, daa’ima qabatee gara mana ishee dhaqe. Gargaartuun ishees, akka namni ishee barbaadu itti himte, Afoomiyanis yemmuu isaan agartu, “kootta ol seena waliin Waaqayyo kadhanna” jettee, gara mana fakkiin Mikaa’eelii jiru sanatti waamte, yeroo sana, “lakki nuti kadhaneerra ol hin seennu jedhanii deebisaniif. Ammas, wanti ati gootu kun gaarii miti guyya dulloomte kan si gargaaru hin jiru, horii kee of duraa akkanumaan hin fixin, amma gara kadhannaaa seenuu hin barbaannu; nuti dursinee siifis, nuufis kadhanne dhufne” jedhaniin.

“Ammas, koottu haatii warraa Mootii Anooriyoos jedhamu diinan jalaa ajjefamteetti, kanaaf, koottu isaaf si heerumsiifna, akkamitti erga abbaan warraa koo du’ee dhiiraa waliin hin bulu jetta?” jedheen, tokko keessa jaarsa fakkaatee. Isheenis deebiftee, “ergaa kitaabni qulqulluun jedhe nan beeka; bullallaan ille yoo abbaan warraa irraa du’e qeensa isheen arraba ishee tarsaafti malee, dhiira biraa bira hin geessu, yoo dirqama itti ta’es, hiriyoota ishee wajjiin ajjeefti, ati akamitti akkas jetta? kun hojii Seexanaati malee kan kiristanaa miti” jetteen.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

👉Maaloo dubbisi hiriyoota keef hiri👈

✥ Laguu /Sooma/ Duuka bu'ootaa ✥
👉Laguun (lagannaan) maali? Laguun jecha afaan Oromoo yammuu ta'u, hiikni isaas dhiisuu, dhorkamuu, of qusachuu, hiika jedhan ni qabaata.
👉Namni maaalirraa lagata?? Sera barsiisa mana amantaa Ortodoksi tawaahidoo itiyoophiyaatiin namni kiristyaana ta'e Marti dursa lagachuu kan qabu cubbuu dha. Cubbuurraa of qusachuun kiristyaanotaaf filannoo dorgomaa hin qabnedha. Yeroo laguutti keessattuu yeroo laguu duuka bu'ootaa kanatti hanga sa'a 9:00tti sooratarraa of qusachuun Serra abbotni nuuf kaa'anidha. Yeroo soomatti soorata gabbisoo ta'an kan akka foon, hanqaaquu, aannan, dadhaa,fi kkfn tasuma hin nyaatamani.
👉dhuguma Laguun kun kan #lubootaati?
Oromoon yammuu mammaaku "waan doofaan tokko gadi dhaabe hayyuu kitilli hin buqqisu" jedha. Waan nama dhibu ani umurii koo kana keessatti wagga waggaan oduu dhugaarraa fagoo kana dhagahaan jiraadhe. Kan nama dhibu garuu Manni kiristyaanaa laguu lubaa, daaqonii, manoksee, phaaphaasii jedhamu kan hin qabne ta'uu isheedha. Laguun namni waggaa 7 olii kiristyaana ta'e kamuu lagachuuf dirqama itti qabaatu, kan armaan gadii 7n dha.
👉 laguu raajotaa
👉 Laguu gaadii
👉 laguu nannawwee
👉 Laguu gooftaa
👉 Laguu duuka bu'ootaa
👉 Laguu fayyinaa
👉 Laguu maariyaamii
Isaan kun torbanuu laguu labsiiti. Laguun labsii kun Hundi kan kiristyaana hundaati malee laguu qeesii kan jedhamu hin jiru.
👉 laguun kun waggaa waggaadhaan guyyaan inni itti eegalu dhaabbataa miti. Abbootni akkuma jedhan ayyaana guyyaa shantammafaa kabajnee wiixata akka eegallu nuuf himaniiru. Laguun kun baayyinni guyyaa isaas dhaabbataa miti. Guyyaa xiqqaan isaa 15 guyyaa baayyeen isaa 49 dha. Kan bars 2014 kun bultii 28 dha.
👉 laguun kun bu'uu afuura qulqulluu booda duuka bu'ootni kan soomanidha. Maalif jennaan kiristoos fakkeenya isaaniif kaa'ee darbe hordofan. Kiristoos erga cuuphamee afuura qulqulluu bifa gugeetiin isarra qubatee kabajamee booda gara lafa onaa qorontoos deemee guyyaa 40f halkan 40 lagateera. Duuka bu'ootnis erga afuurri qulqulluun bifa abiddaan isaan irratti bu'ee qooqa biyya hundaa dubbachuu danda'aniin booda hojii duuka bu'ummaa isaanii soomaan eegalaniiru. Duuka bu'ootnni addunyaa bushoofte minyeessuuf dursa kan isaan raawwatan lagannaadha. Nuti hoo biyya keenya burjaajofte tasgabbeessuuf jilba keenya waaqayyoof binnee maaf hin lagannu? Maalif sababa baayyisna? Qurxummiin hin nyaatamaa? Sooma qeesiiti miti?? Gaaffii jedhu yaada foonii maalif hin fageessinu? Yoom lubbuu keenyaaf loogna? Silaa inuma laganna maalif deebii dhabne? Arraba keenyatu hin laganne. Miila keenyatu bakka hin taane deemuurraa hin laganne. Harka keenyatu hammeenya raawwachuurraa hin qusatamne. Gurra keenyatu oduu waraanaa dhagahuurraa of hin qusanne. Afaan keenyatu obboloota gidduutti jibbaaf Lola labsuurraa hin laganne. Waaqayyoo qulqulluudha waan qulqulluu jaalata uffata miti laphee qulqulluu jaalata laphee keenya qulqulleessinee haa lagannu yoos eebba arganna.
👉👉Sooma eebbaa nuuf haa ta'u.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

=Dhuguma Waaqayyo Bara Hamaa Kana Dabarsuu dadhabee???==

Kunoo Isaayaas Deebiisaa Akkas jedha!

Mee Qalbiin Dubbisi!

(Raajii Isaayaas  59:1-12 )

➢Kunoo, harki Waaqayyoo gabaabbatee isin fayyisuu hin dadhabne, gurri isaas duudee iyya keessan dhaga'uu hin dhabne;

➢Yakki keessan isinii fi Waaqayyo keessan gidduu goree gargar isin in ittise, akka isiniif hin dhageenyettis sababii cubbuu keessaniitiif Waaqayyo fuula isaa isin irraa in deebise;

➢Harka keessan dhiigaan, barruu keessanis yakkaan xureessitaniittu; afaan keessaniin soba in dubbattu, arraba keessaniinis micciiramummaa in dhageessiftu.

➢Namni firdii qajeelaadhaan adeemu, namni dhugaadhaan faradus tokko illee hin jiru; isin dubbii waa'ee hin baafne in amanattu, sobas in dubbattu; hammina garaa keessa in kaa'attu, jal'inas garaa keessan keessaa in baaftu.

➢Isin akka nama hanqaaquu mar'ataa cabsee ilmoo ishee yaasuuti, akka nama fo'aa sariitii fo'uutis; namni utuu hin beekin hanqaaquu sana yoo nyaate in du'a, hanqaaquu isa cabu keessaa immoo ilmoo bofaatu ba'a.

➢Fo'aan sariitii isin fo'attan uffata hin ta'u, isuma ofii dhooftan sana iyyuu uffachuu hin dandeessan; hojiin keessan nama rakkisuu duwwaa dha, harka keessaniin waan hamaa in hojjettu.

➢Isin jal'ina hojjechuutti in fiigdu, dhiiga nama yakka hin qabnee dhangalaasuuttis in ariifattu; yaadni keessan jal'aa dha, gara itti adeemtanittis hojiin keessan diiguu fi balleessuu duwwaa dha;

➢lafa dhaqxanitti nagaa buusuu hin beektan, daandii keessan irras firdiin qajeelaan hin jiru; karaa jal'aa irra in adeemtu, namni yaada keessan duukaa bu'us nagaa hin qabu.

➢Kanaafis jarri, "Firdii qajeelaan nu irraa in fagaate, qajeelummaanis nu bira hin ga'u; nuyi ifa in eegganna, garuu kunoo, dukkanatu dhufa; nuyi ifa guyyaa in abdanna, amma iyyuu garuu dukkana limixii keessa adeemaa jirra.

➢Akka nama jaamaa keenyan qaqqabannee, akka nama ija hin qabnee karaa in barbaaddanna; akka waan dimimmisaa'eetti guyyaa saafaadhaan in gufanna, warra ciccimoo keessattis akka warra du'anii in taane.
➢Hundumti keenya akka amaaketaa in gururiina, gaddinees akka gugee in aadna; firdii qajeelaa in abdanna, inni garuu hin jiru; fayyina in eegganna, inni garuu nurraa fagoodha!

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Of eegganoo Mana Kiristaanaa Keessa Seenuuf Taasifamu!

Mana kiristaanaa kan dhufnu kadhannaaf galateeffannaaf, sirna galatoo raawwachuuf akkasuma barumsa barachuuf waan taeef wanti nuti yaadnee manaa baane kun akka nuuf raawwatuuf of eeggannoon keessa fi alaan taasifnu jira. Akkuma mana nama dhuunfaa tokkotti seennutti mana kiristaanaa seenuu osoo hin taane yaada fi qalbii addaan xiyyeeffannoo kenninee sodaa Waaqayyoon mana kiristaanaa keessa seenuu qabna. Qophii fi of eeggannoo taasifnu keessaa kan armaan gadii keessatti argamu:
• Waaqayyo kadhata keenya akka nuuf dhagahuuf nama wal lollee fi wal mufachiifneen araaramnee dhiifama waliif taasifnee seenuu qabna. Akkuma kadhata irratti “yakka keenya akkuma nuti waliif dhiisnu atis yakka keenya nuuf dhiisi” jennee kadhannu kadhanni keenya sun dhugaa ta
uusaa fi fudhatama akka argatuuf nuti waliif dhiisuu qabna.
• Falfala,moraa fi kan kana fakkaatan goosifachaa fi raawwachaa mana kiristaanaa dhaquun buaa hin qabu(Mulata 22:15)
• Machaaanii alkoolii dhuganii mana kiristaanaa dhaquun dhoorkadha(Lewo 10:8)
• Qulqullina qaamaa fi uffataa eeguudhaan mana kiristaanaa dhaquun barbaachisaadha(Ba
uu 19:10)
• Dubartoonni torban laguu isanitti mana kiristaanaa keessa seenun dhorkadha.Torban laguutti kadhannaa isanii kan gaggeessan dallaa mana kiristaanaa keessatti malee mana kiristaanaa ol hin seenamu. Akkasuma dhiira yemmu deessu hanga guyyaa 40 fi dubra yemmu deessu guyyaa saddeettamaatti mana kirstaana hin seenamu.
• Dhiirri guyyaa dhangalaoon sanyiisaa dhangalaetti mana kirstaana hin seenu,boriisaatti garuu dhagna isa dhiqatee seenuu dandaa.
• Mana kiristaanaa yemmuu ol seenan kophee lukarraa baafachuun barbaachisaadha(Ba
uu 3:5)
• Mana kiristaanaa yemmuu seenan uffata uffatanii seenuun barbaachisaadha.Qullaa taanii ykn qaama qullaa muldhisaa seenun dhoorkadha.
• Yemmuu mana kirsitaanaa ol seenan “Yaa mana kiristaanaa fakkeenya Iyyaruusalem ishee samii nagaan siif yaa ta
u” jedhanii ol seenu.
• Yeroo mana kiristaanaa seennus qaama keenya mallatoo fannootiin of mallateessuudhaan kallattii Taabonni argamuun yeroo sadi sagaduun barbaachisaadha.Kunis Abbaaf Ilmaaf Afuura Qulqulluf nan sagada jechuudhaan yeroo sadi sagaduun Sillaasef sagaduu kan ibsu yoo tau, fooniin, lubbuun afuuranis yaa Waaqayyoo siifan bitama hiikaa jedhu qaba. Iddoo qulqullummaasaatti Waaqayyoof sagadaa waan jedhuufi(Faar 28:2).Uummanni biyyaas seensa karra sanaa sanarratti Waaqayyoon duratti guyyaa sanbattanii fi seensatti Waaqayyoof yaa sagadan(Hiz 46.3,Erm 26.2) akkuma jedhu mana kiristaanaa duraa salamfachuun ni sagadna.
• Akka seera mana kiristaanatti keessumattuu ganamaafi galgala gara mana kistaanaa deemuudhaan salamfachuun barbaachisaadha. “Kan na dhagahu eebbifamaadha, karaa koos kan eegu eebbifamaadha, guyyaa guyyaadhanis seensa karra mana kootti kan deddeebi
u fi waltajjii manakoo kan eegus eebbifamaadha” akkuma jedhu (Fakkeenya 8.34). Kunis Waaqa nagaan nu bulche akka nagaan nu oolchu, kan nagaan nu oolches ammoo akka nagaan nu bulchu jennee kadhannaa taasifnudha.
• Mana kiristaana keesatti kolfi taphni, mariin dhuunfaa, dubbiin yaada dhuunfaa adeemsisuun dhoorkadha. Kunis iddoo qulqulummaa foonii fi dhiigni Gooftaa itti dhangalauudha waan taateef.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Yeroo Haannan ulfa turtettis ajaa’ibni gara garaa raawwatameera. Haannan adaadaa Barseebaa jedhamtu qabdi turte. Adaadaan ishee kunis ija tokko qofa qabdi ture. “Yaa Hanna Waaqayyo si yaadateera natti fakkaata harmi keetis gurrachaa’eera, hidhiin kees goggogeera” jettee garaa Haannaa yoo qaqabduttu ijji ishee ifeefii jira. (Hiikkaa Galata Maariyaam)

Dabalatanis mucaan eessuma ishee tokkotu du’ee osoo bo’aafii jirtuu yemmuu siree reeffi isaa irra jiru qabattee boosutti, gaaddidduun ishees reeffa irra bu’e. Gurbichis ol ka’ee “Nagaan siif haa tahu, haadha lafaa fi samii kan uumee” jedhee dhugaa baheera. (Hiikkaa Galata Maariyaam)
Kanarraa kan ka’e Yihudoonni itti hinaafutti ka’an. Kuni osoo gadameessa keessa jirtu, akkana kan godhe guyyaa dhalatte akkam nu godha laata? Kanaan dura sanyiin isaanii Daawit fi Solomoon, waggaa 40 40 nu bitanii darbaniiru; kan dhalachuuf jiru kun immoo akkam nu godhinna laata?” jedhanii itti hinaafutti ka’an.
Tulluu Libaanositti Dhalachuu Maariyaam
Yihudoonni waan itti hinaafaniif Haannaan gara gaara (Tulluu) Libaanositti jalaa baqatte. Achumaanis Haannan gaara Libaanos irratti Dubroo Maariyaamii deesse. Dhaloota ishee kanas Ogumma qabeessi Solomon ilmi Daawit akkas jedhee faarfateeraaf:

“Yaa kaadhimaa koo Libaanosii koottu, Libaanosii koottu, roggee Tulluu Amaanaa irraa, roggee Tulluu Siinaarii fi Heermon irraa, iddoo jireenya leencotaa irraa, Tulloota qeerransaa irraayis ilaali”(Weedduu Weedduu Caalu 4:8)

Yemmuu Haannan gaara Libaanositti deessus namoonni Haannaa beekan gara Tulluu Libaanositti ishee gaafachuuf waan nyaatamu hidhatanii (qabatanii) gaaricha irra ol bahuun gaafataniiru. Kanaaf hanga hardhaatti kunoo gocha sana yadachuudhaanf Caamsaa bultii tokkotti alatti bunni ni danfa, mulluun ni affeelama, Daabboonis ni caba, sirni gara garaa dhalachuu Dubroo Maariyaam nama yaadachisanis ni adeemsifama.

Egaa dhalachuun ishee Addaammii fi sanyii isaa hundaaf fayyina fi abdii ture. Aabbaa Hiriyaaqos; monokseen galateeffannaa(Qiddaasee) Maariyaamii barreesse, “Yaa Maariyaam Addaam yeroo jeennata keessaa ari’ametti abdiin isaa sidha” jedheeera. Yemmuu abboommii Waaqayyo diiganitti, Waaqayyo, “dhala dhala kee irraa dhaladheen si fayyisa” jedhee waadaa galeefi waan tureef, waadaa kana Addaam,Waaqayyo eenyurraa dhalatee akka isaa fi sanyii isaa fayyisu ni hawwa, ni abdatas ture. Kana qofa osoo hin taanee Aabbaa Hiriyaaqos fakkeenya hedduun fakkeesse Dubroo Qulqulleettii Maariyaam ni galateeffata. Biqiltuu Jaannata kan keessaa fi alaan dalleeffamtee, burqaan boolla bishaanii si dha” jedheen. Kunis cufamtee kan chaappeefamte jechuudhaan kan Qulqulluu Efreem dubbate faana wal fakkaata. Isheen haadha wareegamtootaati, duuka bu’ootaafis kabaja kan taate, ergamootaafis obboleetti dha, qulqulluummaa isaaniitiin fakkeefamti waan taheef.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Lalaba seexana

Seexanni gaafa cubbuu tokko nu hojjechiisuu barbaadu, dursee waa'ee araarama Waaqayyoo bal'inaan nutti lallaba.

Erga cubbuu sana hojjennee booda immoo, waa'ee haqaan murteessummaasaatiifi yoo akkam ta'eyyuu dheekkamsasaa jalaa kan nuti hin baane ta'uusaa isa duraanii caalaa iyyee nutti dubbata. Lallabasaa isa jalqabatiin akka nuti cubbuu hin mormineef dhibaa'ota nu taasisa. Lallabasaa isa lammaffaan immoo akka nuti gaabbii hin seenneef abdii nu kutachiisa.

Lallabni gaggaragalaa akkaasii kun "kan seexanaa" dha. Namni cubbuutti kufuusaan dura kan inni yaaduu qabu murteessummaa Waaqayyoo yeroo ta'u, erga cubbuutti  kufee booda garuu kan inni yaaduu qabu araarama Waaqayyootidha.

Murteessummaan Isaa akka nuti cubbuu hin hojjenneef nu eega; araaramni Isaa akka nuti gaabbii seennuuf nu dhiyyeessa.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Gota Koo Goota
Madaan Madaa Suphu
Isa Ofii Dhiphataa
Nana Oolchu Dhiphuu

Abbaa Koo Abbaa Ofii Du'ee
Nama Oolchu Du'a
Abbaan Akka Kee
Eessumatti Argama

Abbaa Dhiphuu Namaaf
Ofii Isàa Dhiphatu
Du'a Unuun Oolchuuf
Kan Lubbuu Isàa Laatu
Waaqa ko Maqaan Kee
Haa Ulfaatu

Maatiin Fayyisaa Addunyaaf Jaalalleewwan Gooftaa Baga Guyyaa Yaadannoo Fayyisaa Addunyaa Geessan
Jaalallisaa
Gargaarsisaa
Araarrisaa
Dhiifamnisaa
Nu Faanaa Has Jiraatu Baraa Hanga Baraatti

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Yaa dubaroo maaliin si fakkeessinu
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬

➲Kitaaba qulqulluu kakuu moofa keessati fakkeenyoolin armaan gadiitti tarreffaman hundi haadha keenya dubaroo maariyaamin ni fakkefama.

➲Dubbi maariyaam seera uumama keessati:-
➛Guyya Dilbaatataatin, Taabot ishee samii,
➛Guyya gaafa Dafiino, Samii, Duumessa,
➛Guyya gaafa Faacaasa, Muka jireenyaa, Muka gannata,
➛Guyya gaafa Roobi, Guyya gaafa Kamisaan, Guyya gaafa Jimaata, Guuya gaafa Sanbaata, Garrumma abeelin, Dooni nohiin, Guuge noohii, Sabatta waaqayyo noohi, muka staabeqiin, Maasi abrahaam, Kadhimamu ribqaan, Masilaali ya’iqoobiin, Ulee yaa’iqoobi, Wal’aanso yaa’iqobi 

➲ Dubbi maariyaami seera ba’uu keessati
➛Muka phaaxoosii,
➛Ulee musee,
➛Waarqi masoob,
➛Lafaa koorebi,
➛Irre musee,
➛Tabba siina,
➛Kaku bidiruu waaqayyo ykn taabota,
➛Baattu ibsa, Duunkana ooriti, Uffata aroon,
➛Aarfanno warqee, Stillati museetii.

➲Dubbi maariyaam seera lakkosaa keessati:
➛ Jirmaa wayiinnitii,
➛Aarfanno warqee musee,
➛Ulee aroon

➲ Dubbi maariyaam seera keessa deebi keesati:
➛Maasa qulqulleti 

➲Dubbi maariyaam kitaaba iyyasu  keessati:
➛dhaala kaleeb,
➛raga siida iyyaasu

➲Dubbi maariyaam kittaba abboota murti keessati:
➛humna baarqi,
➛shurrubba soomson,
➛rifeensa geediyoonin ni fakkeffamti

➲Dubbi maariyaam kitaaba saamu’eel keessatti:-
➛taaboota stiyoon,
➛battu shittu saamu’eel,
➛maseenqoo daawitiin ni fakkeffamti

➲Dubbi maariyaam kitaaba moototaa keessatti:-
➛mana qulqulluma soloomon,
➛teesso soloomon,
➛duumeessa eeliyaas,
➛masoobi warqii eeliyaas,
➛okkote eeliyaas

➲Dubbii maariyaam kitaaba xoobit keessati:-
➛dhaala naabutee,
➛ijaa ifaa xoobitin ni fakkeffamti

➲Dubbi maariyaam kitaaba yoodit, aster fi iyoob keesati:
➛jecha beekumsa yooditi

➲Dubbi maariyaam faaru daawit keessati:-
➛mootitti, maagala waaqayyo
➛kocho guuge,
➛korma haara,
➛rifeensa daawwit,
➛tullu stiyoon,
➛nageenya dhuga,
➛haadha keeny stiyoon, stiyoon 

➲Dubbi maariyaam kitaaba faaru faaruu caalu keesati:-
➛ababoo suufi, teeso,
➛misirro libaanoos,
➛gannata cuufamte,
➛gugee solomoon,
➛suulamaxiss
 
➲Dubbi maariyaami kitaaba raajicha isaa’iyas keesatti:
➛qomoo qulqulletti,
➛arsaa barbadaa, durboos haadhas, raajitti,
➛ulee iseeyi,
➛duumessa ariifatu,
➛kitaaba cufaamte,
➛lafa dheebotte,
➛mooti mootota.

➲Dubbi maariyaami kitaaba raajicha eermiyaas keesatti:-
➛baala abeemileek

➲Dubbi maariyaami kitaaba raajicha isqii’eel keesatti:
➛baattu kiruubel,
➛mana qulqulluma cufamten ni fakkeffamti

➲Dubbi maariyaami kitaaba raajicha  daani’eel keesatti:
➛tabba daani’eel,
➛galata mi’aawa ijoole sadani, taate mul’aata ykn raaju daani’eel,
➛boola leencootan ni fakkeffamti

➲Dubbi maariyaami kitaaba raajicha hoose keesatti:-
➛lafa

➲Dubbi maariyaami kitaaba raajicha amoost keesatti:-
➛fudhatamu amoost 

➲Dubbi maariyaami kitaaba raajicha mikkiyaas keesatti:
➛beeteliheemi 

➲Dubbi maariyaami kitaaba raajicha iyyu’eel keesatti:-
➛burqa eebba 

➲Dubbi maariyaami kitaaba raajicha abdiiyyu keesatti:
➛tabba abdiiyuu

➲Dubbi maariyaami kitaaba raajicha yoonaas keesatti:-
➛eegdu yoonaas

➲Dubbi maariyaami kitaaba raajicha naahoom keesatti:-
➛qoricha naahoom

➲Dubbi maariyaami kitaaba raajicha inbaaqoom keesatti:
➛tabba faaraan 

➲Dubbi maariyaami kitaaba raajicha soofooniyaas keesatti:-
➛mul’aata soofooniyaas

➲Dubbi maariyaami kitaaba raajicha haage keesatti:-
➛badhaasa haage

➲Dubbi maariyaami kitaaba raajicha zekkariyaas keesatti
➛battu ifaa warqee

➲Dubbi maariyaami kitaaba raajicha miilkiiyaas keesatti:
➛galma qulqullu milkiyyas.


    

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

"Qorichi Kee Ana Jedhiin"
"Ani akkan dubbadhuuf gara laafina keetiin arraba koo tuqi. Akkan si jaalladhu kan na dirqamsiiftu, Yoon deebii hin kennine aariin kee gubatee dahoo kan na dhowwatu Ani siif maali? Si jaallachuu dhiisuun mataan isaa gadadoo mitii?" Yaa!Gooftaa waaqa koo gara laafina keetiin naaf deebisi ati anaaf eenyu? Akkan si dhaga'uuf natti dubbadhu, kunoo gurri laphee koo si duratti banamee jira. , Yaa Gooftaa koo baniitii, "Lubbuu kootiin, Qorichi kee ana" jedhiin. Sagalee kana fiigichaan hordofee dhumarratti si qabachuun barbaada;si dhaga'ee gara keetti fiiguudhaan, sirratti of gatuun barbaada, maaloo fuula kee ana duraa hin dhoksin, akkan hin duunetti, du'us fuula kee haa argu qofa malee."

(Gorsa Abbummaa Qulqullicha Awugisxiinoos)

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Amantaa keessanitti jabaadhaa!
Ce'uu keessanitti boonaa!
Waaqa isin ceesiseef dhugaa bahaa!!!
✍️ Galanni Waaqayyoof haa ta'uu Ameen
Araarsumman haadha keenyaa Qulqulleettii Dubaroo Maariyaamii, eegumsi ergamootas nu biraa hin dhabamin.
▶Deessuu Haadhaa Waaqayyoo kan taatee Dubroo Maariyaamiif galanni haa ta'uu.
▶Ulfaataa kan ta'ee Fannoo Gooftaa keenya Iyyasuus kiristoosiif galanni haa ta'uu.
▶Sugni wareegamtootas nu waliin haa ta’u. Hanga bara baraatti.
Horaa Bulaa
Jabaan Waaqa
Ebl 09/2015
Qoph Fiqaaduu Moosisaa
Tulluu Taboor jalaa
/channel/KAOO21

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

⛪️ Moggaasa Maqaa Guyyootaa Dilbata Du'aa Ka'umsa booda
❤ Wiixata - Maa'idoot jedhama:-
➡️ Maa'idoot jechuun Ce'uu, qaxxaamuruu, darbuu jechuudha. Guyyaa Faasikaa keenya kana irratti du’aa ka’uun Kiristoos dukkana irraa gara ifa ajaa’ibaatti, du’a irraa gara jireenyaatti, si’ool irraa gara Gannataatti, Dhiphinaa fi salphina irraa gara ulfinaa fi Kabajaatti darbuu keenya yaadanna.
❤ Kibxata- Toomaas jedhama.
➡️ Guyyaa kana Toomaas Gooftaa argee amanuu isaa, Gooftaa koo fi Waaqa koo jedhee ragaa ba’uun isaa ni yaadatama. Yoh. 20:27-29 irraa kan fudhatame
❤ Roobii - Alaazaar jedhama.
➡️ Guyyaa kanatti du’aa ka’uu fi jireenya kan ta’e Gooftaan Keenya Iyyasuus Kiristoos Alaazaariin du’aa kaasuu isaa yaadanna. Guyaa kanas Kiristoos mataa jireenyaa kan humna du'aa dhabamsiise, sirna awwaalchaa balleesse du'aa ka'umsa akkasumas Kiristoos Mootii injifannoon Gara samiitti olba'e ta'uu isaa ragaa baana.
❤ Kamisa- Kamisa Addaam jedhama:-
➡️ Guyyaa kanatti Abdiin Addaamiif kennamee fi kakuun isaaf galame akka raawwatamee fi Addaamiifi ijoolleen isaa nuti bilisa akka baane bilisummaa keenya yaadanna.
❤ Jimaata- Mana Kiristaanaa Qulqulleettii:-
➡️ Guyyaa kana waa'ee du'uu fi du'aa ka'uu Kiristoosiin Manni Kiristaanaa hundeeffamuu ishee lallabama. Kiristoos isheef of kennee dhiiga isaatiin furii godhee jabeessee fi qulqulleessee du’aa ka’uu isaatiin injifannoo kenneefii ishee kabajuun isaa ni dubbatama. Mana Kiristaanaa yeroo jennu Gamoo ykn ijaarsa jechuu keenya miti amantoota, Kiristaanota jechuu keenyadha malee. Kiristoos kan inni du'e Gamoodhaaf miti waan ta'eef.
❤ Sanbata Duraa- Dubartoota Qulqulloota :-
➡️ Guyyaa kana dubartoonni qulqulloonni qaama Kiristoos urgooftuu dibuuf dukkana keessaa gara awwaalichaa dhufanii du’aa ka’uu Kiristoosiin dursanii arguun isaanii yaadachuun ni lallabama.
❤ Dilbata - Du'aa ka'uu Lammaffaa:- .
➡️ Guyyaa kanatti Kiristoos yeroo Sadaffaaf duuka buutota isaatti mul’atee nagaa lallabee aangoo kennuun isaa ni lallabama.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

†✝† Baga ifa Ayyaana du'aa Gooftaa nagaa fi jaalalaan isin gahee nu gahee.†✝†
†✝† Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokko Ameen. †✝†
              †✝† Ifa Du'aa  ka'uu †✝†
†✝† Uumaan Addunyaa hundaa, Waaqni bara baraa, waaqni Ilmaa gooftaan  keenya Iyyasuus Kiristoos Guyyaa akka har'a kana uffata ittiin kafanan naa hiika osoo hin jedhiin, bollaa Awwaalchaa naa banaa osoo hin jedhiin amalummaa aangoo isaatiin kaa'eera baga gammaddan. 
††† Kanaa booda guyyoota 50f akkas jennee nagaa wal gaafannaa.
     ††† Kiristoos du'aa ka'e
     ††† Humnaa fi Aangoo Guddaan
     †††  Seexana hidhudhaan
     ††† Addaam bilisoomsudhaan
     ††† Nagaanii fi Jaalalli
                       ††† Ta'ee
✍️ Dhugumatti Waaqni keenya du'a isaan, du'a ajjeesee, du'aa ka'umsa isaatiin jireenya nuf kenneera gammachuun nuf ta'a. Fayyisaan Addunyaa Haadha isaa dubroo Maariyaami irra dubrummaan akka dhalate, bolla Awwaalchaas osoo hin diigi keessa ka'eera. Mana cufaa osoo hin baniin seenee Duukaa bu'oota isaan " Nagaan isiniif haa ta'uu" jedheenira.
Guyyaa du'aa ka'umsa gammachuu jalqabaa Giiftii keenya qulqulleetti dubroo Maariyaam ni qooddatti.  Ishee caalaa Addunyaa gaddaan miidhamtee hin jirtuuti. Isheetti aansee Maariyaam magdalaawiiti du'aa ka'umsa isaa argiteetti, lallabdeettis.
††† Guyyaa kana gadduun nurraa hin jiraatum. Du'aa ka'umsa isaatiin kan nahaanii fi jeeqaman seexana, Ayihudootaa fi gartuu Barbaan qofaa turaan.
††† Waaqni Ilmaa Iyyasuus Kiristoos eebbaa du'aa ka'umsa isaa nurraa gargaar hin basin. Addunyaa kanaaf nagaa, jaalalaa fi suga haa kennuufi  
††† Gaarummaa fi dhiifamni Gooftaan keenya hundumaa keenya irra haa buluu. 
††† "Isa jiraataa maaliif du’oota keessa barbaaddu? Innoo ka’eera as hin jiru; Gaaliilaa osoo jiruu waan inni isinitti himee ture yaadadhaa. 'Ilmi namaa harka warra cubbamootaatti kennamuuf, fannifamuuf, guyyaa sadaffaattis du’aa ka’uuf jira' jedhe" ittiin jedhan.††† Luq 24:5-8
††† " amma garuu Kiristoos warra rafaan keessa Hangafa ta'ee du'aa keessa ka'eera. Duuti karaa nama akkuma dhufe du'aa ka'umsi karaa namaa ta'eera. Hundu karaa Addaam akkuma du'uu,  akkasumas hunduu karaa Kiristoos immoo jiraata ta'u. " ††† 1ffaa Qor 15:20.
    ††† Galanni waaqayyoof †††
†††  Hanga bara baraatti Ameen
  Qoph Garbicha (Fiqaaduu) Waaqayyoo Moosisaa. 
                    Ebl 08/2015 †††
/channel/KAOO21

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

"ከሙታን ተነሥቶ ሲኦልን ረግጦ በሞቱ ሞትን ደመሰሰው”
    መጽሐፈ ኪዳን

እንኳን ለጌታችን ለኢየሱስ ክርስቶስ ብርሃነ ትንሣኤ በሰላም  አደረሳችሁ!

"Du'a irraa ka'ee Si'ool irra ejjatee du'a isaatiin du'a balleesse" 
   Kitaaba Waadaa

Baga Ayyaana Du’aa Ka’uu kenya iyyesuus kirstoos nagaan Isiin Gahe !

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Kanas Daawit akkas jedhe,“Isaan uffata koo in hirmaatan, wayyaa koottis carraa in buufatan.” — Far. 22:18

Buufata_11ffaa

Ergaa uffata irraa mulqanii booddee fannoo irraatti bakka harkaa fi lukaa isaa itti mismaaraan waraanan ture.
Faarfataan Dawit "harkaa fi lukaa koo na warannan" raajin jedhus ni raawwate. Far.21:16

Buufata_12ffaa

Buufanni kun kan Inni Lubbu Isaa dabarsee kenne
“Iyyasuus yommus sagalee guddaadhaan iyyee, "Yaa abbaa ko, lubbuu koo harka keettan kennadha!" jedhe. Utuu inni kana dubbatuus lubbuun Isaa ni baate.”
— Luq. 23:46
“Yaa gooftaa, ati Waaqayyo amanamaa dha, ati ana furteetta; ani immoo hafuura koo harka keetti nan kennadha.”
— Far. 31:5

Buufata_13ffaa

Awwaalaaf gara Geetesemaanii yemmuu fudhaatan bakka itti dadhabanii lafa Isaa kaa'anii aara galfatanidha. Dadhabbii isaanii du'atti fakkeessee, aara galfachuu isaanii immoo du'aa ka'uutti fakkeessee Hisqi'eel raajii dubbateera; “Isin yaa saba koo! Ani awwaala keessan banee isa keessaa yommuun isin baasu, ani Waaqayyo akkan ta'e isin in beektu;”
— His. 37:13

Buufata 14ffaa

Bakki kun iddoo awwalcha Isaati. Kunis bakka Yooseef iddoo awwaala haaraa ofiif qopheeffate kan namuu itti hin awwalaminitti awwaalamuu Isaati! Maat.27:59-60.
Kanas Daawit raajeera, (Faar.30:1-5)
//

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Isheenis, “Koottu dhuguma jaarsa dhugaa yoo monoksee taate, fakki Mikaa’eel kana dhungadhu” jettee yoo itti fiddu, Seexanichi koola baase, “na moo’atte, Mikaa’eela Waxabajiitti balaan sitti buusa, na eegi “jedhee itti dhaadatee achii bade. Ji’a kurnaffaa irratti, Qulqulluu Mikaa’eel fakkaatee, askeemaa godhatee, harkatti ulee fannoo of irraa hin qabne qabatee, halkan walakkaa rafaa isheen lafaa jirtutti, gara Afoomiyaatti dhufe. “Afomiyaa, akkam jirta? Soomni fi Kadhannaan kee Waaqayyoon biratti dhagahamee jira, kunoo, Waaaqayyootu na erge jedheenii, gara manaa isheetti ol seene. Waaqayyos, baay’ee sitti gammade” ittiin jedhe. Afoomiyaanis, “Ati eenyu, maqaan kee hoo eenyu jedhama?” jetteen. Innis, “Ani Qulqulluu Mikaa’eel dha, yeroo darbe Seexanni si dogongorsuuf dhufee, guyya kanas, Mikaa’eelli bakka biraa waan deemuuf dhufeen si balleesa jedhee sitti dhadatee ture, anis kanumaafan si baraaruuf samii irraa dhufe” jedheen.

“Ammas, naaf sagadi, siif jecha warra samii keessa jiraatan hunda dhiiseen dhufe” jedheen. Isheenis, erga Qulqulluu Mikaa’eel taatee, maaf uleen kee fannoo of irraa hin qabne ree? kunoo akka fakkii mana koo jiruu kanatti?” jetteen. Innis sobee, “Lakkii samiirra kun hin jiru” jedheen. Isheenis deebiftee, lakki chaappaa mootii malee kan nama dabarsu hin jiru, anis mallattoo fannoo malee si hin amanu jetteen, kunoo, erga dhugaa Mikaa’eela taatee dhungadhu jettee, fakkicha sana itti fiduuf kaate. Yeroo kana aaree, seexanummaa isaa bifa isaa jijjiiree itti muldhisee, ka’ee ishee hudhee ajjeesuuf qabate. Yeroo kana isheenis, “yaa Qulqulluu Mikaa’eel, humna diinaa harkaa na oolchi” jettee yoo iyyattu, Qulqulluu Mikaa’eel dhufee, rukutee lafatti kuffise. Seexannis, “maaloo, hanga adunyaan kun darbutti na hin balleessin”, jedhee kadhate. Seexannis kana booda, iddoo maqaan kee dhahamuu fi fakkiin kee jiru gonkumaa hin gahu jedheefi kakate.

Sana booda, Qulqulluu Mikaa’eeliin gara Afoomiyaatti deebi’ee kadhannaan kee siif dhagahamee jira; gara mana kiristaanaa deemii kadhadhu, lubbuun kee ni boqatti jedheen. Lubbuu kees gara abbaan warraa kee Astaaraaniqoos jirutti nan geessa jedheenii, gara samitti ol ba’e. Afoomiyaanis, Phaaphaasii, lubootaa fi diyaaqonoota manatti waamtee waan qabdu hunda rakkataadhaa akka kennan taasifte. Abbootnis, kadhannaa akka isheef taasisan gaafatte. Isaanis, kadhannaa taasisaniifii, fakkicha qulqulluu Mikaa’eel sana yoo dhungattu, fakkichi koola baase balali’ee gara mana kiristaanaa Qulqulluu Mikaa’eel jirutti dhaqee ofumaan taa’e.

Guyyuma kana ergamaa qulqulluu Mikaa’eel Baahiraaniin xalayaa du’aa isaa Waaqa biraa ergamee dhufee, gara jireenyaatti kan deebisefidha.

Galanni Waaqayyoof haa ta’u;
Suugni ergamaa qulqulluu Mikaa’elis, nu waliin haa ta’u.
Hanga bara baraatti. Leel!

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Baga ayyaanaa yaadannoo Qulqulluu Angafa Ergamootaa Mikaa'eel waggaa geessan.

Qulqulluun Mika'eel gufuu jireenya keessaan Isiin fulduraa qulqulleessee jireenya keessanis haa midhaagsu. Ameen nuuf haa taasisu.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

#Seenaa kabaja Ayyaana Haadha keenya Maariyamii Caamsaa 21-25 (Dabra Mixmaaq)....#share
#Gibtsitti kan argamtu maqaa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin kan ijaaramte Gullilaatii Mana Kiristaanaa Dabra Mixmaaq irratti Dubroon Maariyaam Caamsaa 21-25 tti walitti fufiinsaan ibsamuu ykn muldhachuu isheetiin, Sabni Kiristaanaa Ayyaana yaaadannoo ishee ni kabaju.
Haati keenya Qulqulleettiim Dubroo Maariyaam ilma ishee Iyyesuus Kiristoos waliin gara dachee Gibtsiifi Itoophiyaatti yeroo godaantee turtetti iddoo yeroo ammaa kana «Dabra Mixmaaq» jedhamutti boqotanii ture. Gooftaa keenyas bakkicha eebbisee iddoo isheen itti ibsamtu ykn muldhattu akka ta'uuf Waadaa galeefii waan tureef, yeroon isaa yeroo gahetti Dabra Mixmaaq Gaddamamee (Kawaala ta'ee) iddoo buufannaa Monoksoota hedduu ta'e. Dabra Mixmaaqittis haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam ifa uffattee, raayyaan Ergamootaa isheetti marsayetoo yeroo sanattis Suraafeel Ultuu ykn Maa'ixantii isaanii qabatanii sagadaniif, akkas jechaas ishee galateeffatan «Abbaan Samii irraa ilaalee kan akka kee hin arganne, sirraas nama ta'e» (Kitaaba Sinkisaaraa, Caamsaa 21)
Wareegamtoonnis akka aangoo  kabaja isaaniitti haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiif sagaduuf icciitawaa kan ta'aan fardeen isaaniin irra ta'aanii gara isheetti dhiyaatan. Jalqaba irrttis hangafni Wareegamtootaa Qulqulluun Giyoorgiis hunda dursee ni sagadeef, boodarras warreen kaan bifa walfakkaataan sagadaniif. Kana boodas Qulqulluun Marqooriyoos farda isaa irra taa'ee gara isheetti dhufuun ni sagadeef. Qulqulloonnis kabaja isheef itti dhiyaatanii ni sagadaniif, itti aansuunis Mootiin Heeroods kan isaan ajjeesise Daa'imman Beeteliheem ni sagadaniif, jaalalaa fi gammachuudhaanis ni taphatan. Namoonni naannoo sana turan Kiristaanonnis, warreen hin amannes kana yeroo arganitti gammachuudhaan Addunyaa biraa keessa waan jiran itti fakkaata ture. (Kitaaba Sinkisaaraa, Caamsaa 21)
Namoota Dabra Mixmaaqitti walitti qabaman keessaa
Namoonni Dabra Mixmaaq fi naannawaa ishee guyyaa itti Dubroo Maariyaam arganitti warreen hin amanne kan itti amanan, kan balleessan araarsummaa isheetiin araaraa fi dhiifama kan itti argatan, kanneen amananis guyyaa itti eebbifaman ture. Uummannis ishee kadhatanii wanti dhaban hin jiru ture. Raajonni, Duuka bu'oonni, Qulqulloonni, Wareegamtoonni, Durboonni, Monoksoonni, Ergamoonni, Hangafoonni Ergamootaa Dubroo Maariyaamiif yeroo sagadanis ni muldhatu ture.
Ilmi ishee Gooftaan keenya, Qorichi keenya Iyyesuus Kiristoos dursee bara Sigaawweetti Dabra Mixmaaqitti akka ibsamtu bu'uura waadaa inni galeefiitiis Itoophiyaa irraa, Gibtsii irraa, Armaniyaa irraa, Sooriyaa irraa, Room irraa, Tsirii irraa ykn Griikii irraa, Faars irraa dachee ykn iddoo Dabra Mixmaaqitti dunkaana dhaabanii ykn dunkaana buufatanii Caamsaa 21 jalqabee hanga Caamsaa 25 tti gammachuu guddaadhaan ayyaana Haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam kabajuu ni jalqabu. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam osoo adda hin kutiin Caamsaa 21-25 tti Ergamootaa waliin, Hangafoota Ergamootaa waliin,  Raajota waliin, Duuka Bu'oota waliin, Qulqulloota waliin Wareegamtoota waliin,
Durbootaa fi Monoksoota waliin ta'uun isaanitti muldhatti ture. Kan amanes, kan hin amannes ishee arga ture. Kiristaanonni amanan amantaan isaanii yeroo cimuuf, kanneen hin amanne ammoo ilma ishee Iyyesuus Kiristoositti amanuun kennaa ilmaa fi maqaa Kiristaanummaa ni argatu ture.
Gullilaatii sana irrattis yeroo ibsamtu ykn muldhattu, yaadaan, lubbuun, fooniin Qulqulleettii kan taate haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaam miidhaginni fuula ishee fi ifti bareedina ishee garmalee ajaa'ibaa waan tureef Luboonnis uummannis akkuma Elsaabeet «Haadha Gooftaa keenyaa nuuf ibsamuu ykn muldhachuu keetiif nuti akkam carra qabeessotaa» jechuun ni iyyu ture. Haati keenya Qulqulleettiin Dubroo Maariyaamis isaan eebbisti ture. biyya keenyattis haala addaatin Gadaamii Maaramii Tsaadqaanetti guyyoota kana yaadachaa kabajamti.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

“Waaqayyo gooftaan sagalee gammachuutiin, sagalee fiinootiinis ol ba'eera;”
— Far. 47:5
Baga ol bahuu Gooftaa keenya fayyisa keenya Iyeesus kiristosin siin gahe.

Ayyaana gaarii

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

“Waaqayyo Gooftaan osoo sanyii nuuf hanbisuu baatee akka Sodoom taanee, Gamooraas fakkaannee ture.'' Isay 1፥9

Baga Guyyaa dhaloota Haadha keenya Dubroo Maariyaam ittiin nuu gahe !!!

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Caamsaa 1

Dhalachuu Dubroo Maariyaam.

“Yaa kaadhimaa koo Libaanosii koottu, Libaanosii koottu, roggee Tulluu Amaanaa irraa, roggee Tulluu Siinaarii fi Heermon irraa, iddoo jireenya leencotaa irraa, Tulloota qeerransaa irraayis ilaali”(Weedduu Weedduu Caalu 4:8)

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen!
Namoonni (amantaan) tokko tokko, haadha Waaqayyoo Dubroo Maariyaamii,waan caalatti kabajan isaanitti fakkaatee, isheen sanyii namaa miti, humnaa olitti (human Aariyaamiiti) jedhu. Isheen garuu sanyii namaati kan argamtes hidda Daawit irraayi. Kitaabni Qulqulluunis kanuma raga baha. Haaluma kanan:
• “Kunoo firri kee Elsaabex” jedhamuun ishee (Luq 1:35).
• Gooftaan kan fudhate (uffate) foon Abirahaam tahuu isaa (Ibroota 2:16).
• Hiddi dhaloota Gooftaa keenyaa Iyyasuus Kiristoos yemmuu lakkaawwamu sanyii namootaa keessatti lakkaawwamuu isaa (Maat. 1:1). Kan jedhan hundinuu kan ibsan isheen gosa namaa tahuu isheeti. Abbootni amantaa Ortodooksii Tawaahidoo garuu sadarkaa qulqullummaa (olaantummaa qulqullummaa) ishee yoo ibsan obboleettii ergamoota jedhanii waamaniiru.
Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos fooniin dubroo Maariyaam irraa akka dhalate ilaaleerra. Kunis hidda dhalootaa maqaa abbootaatiin caqasame irraa kan hubannudha.
Dhaloota dubroo Maariyaam jalqaba irraa yemmuu ilaalluu, seenaa nama ajaa’ibu fi kan adda ta’e arganna. Teektaa fi Batriqaa kan jedhaman haadha warraa fi abbaa warraatu ture. Namoonni kuni dubroo Maariyaamiif gara duubatti dhaloota jahaffaa turan. Warra baay’ee sooressaa kuni hafe hin jedhamnee turan. Qabeenya guddaa haa qabaatan malee dhala dhabuudhaan yeroo dheeraadhaaf gaddaa fi Waaqayyotti booyaa turan. Baay’ina qabeenya isaanii irraa kan ka’e sa’aa fi qotiyyoo isaanii gaanfa irratti warqii hidhaniif ture. Akkasumaan gaddanii osoo jiran guyyaa tokko abjuu nama ajaa’ibsiisu tokko argan. Abjuun isaanis jabbii adiin yoo mooraa isaanitii baatu, jabbiin sunis jabbii wal fakkaatu dhalaa deemuudhaan jahaffaa irratti garuu yoo addeessa dhaltuu fi adeessi kuni ammoo torbaffaa irratti yoo biiftuu dhaltu argan. Iccitii abjuu kanaas baruudhaaf nama abjuu hiikuu beeku bira deemuudhaan abjuu isaanii itti himatan. Namni abjuu hiiku sunis “daa’ima ni deessu, jabbileen fakkenya daa’immaniiti, dhaloota jahaffaa irratti kan addeessa agartan garuu kan hanga ammaa olitti dhalatan irraa, daa’ima namaa hunda kan caalu ni deessu, iccitiin biiftuu sana garuu anaaf hin ibsamne, tarii raaja yookaan mootii tahinaa laata?” jedheen. Isaanis waa’ee biiftuu sana ‘yeroon haa hiiku’ jedhanii gara mana isaanitti galan. Kana booda dhala ni argatan, maqaa daa’ima dhalattes He’emaan jedhaniin, hiikni isaas “wareega koo argadheera, naaf dhaqqabeera” jechuudha. He’eman Derden, Derden immoo Toonaa, Toonan Siikaariin, Siikaar Heermeellaa, Heermeellaan ammoo Haannaa deesse. Haannan ammoo Iyyaaqeemiitti heerumte. Garuu dhala dhabuun Teektaa fi Batriqaa irra gahaa ture sun deebi’e Haannaa fi Iyyaaqeem irraas gahe. Isaanis dhala dhaban.

Daa’ima dhabuu isaaniitiinis gadda guddaatu itti dhagahamaa jiraachaa turan. Dhala dhabuu isaaniitiin ilaalcha badaa namoota irraa isaan irra gahaa ture keessa tokko akka fakkeenyaatti yoo ilaalle guyyaa tokko gara mana qulqullummaa kennaa kennuuf yoo deeman, lubni mana qulqullummaa sun “Isin immoo Waaqayyo cubbuu keessaniin mitii kan dhala isin dhoowwate?” jechuudhaan kennaa isaanii harkaa fudhachuu dide. Kanaanis baay’ee gaddaa turan.
Guyyaa tokko muka jala taa’anii yoo bullaallan ijoollee isaanii wajjin taphatan Haannan agartee “Yaa Waaq kan bullaallaa kanaaf dhala kennite anaaf dhala na dhoowwattee ani uumamni koo dhagaa irraatii laata?” jettee gadditee boossee kadhatte. Achumaanis “maaloo yaa Waaq yoo ilmoo nuuf kennite dhiira tahu qotee nuuf haa laatuu hin jennu, dubaras yoo taate, bishaan waraabdee, qoraan cabsitee akka nuuf ergamtu hin barbaannu; mana kee keessatti akk guddattu siif kennina jedhanii Waaqayyoon kadhatan. Sana booda Waaqayyo kadhannaa isaanii ni dhagahe, Haannanis ergamaa Waaqayyootiin missiraachoon itti himame. Ni ulfooftes.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Gorsa Warra Bultii godhachuu barbaaduuf
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬

(Q.Yohaannis Afaan Warqeetiin)

✍Waan hundumaan dura kaayyoo gaa'elaa beekuu qabdu. Jireenyi keenya maaliif gaa'elli akka ishee barbaachisu hubachuu qabdu. Kanaan ala waan kan biraa hin gaafatiin. Kanaaf kaayyoon gaa'elaa maalii? Maaliif waaqayyoo gaa'ela hundeesse? Qulqulluu Phaawuloos kan dubbate haa qalbeeffannu, "Qorama ejjaa ooluudhaaf garuu, dhiirri adduma addaan haadha manaa ofii isaatii haa qabaatu, dubartiinis adduma addaan abbaa manaa ofii isheetii haa qabaattu". (1 Qor 7: 2)

✍"Hiyyummaa keessaa akka baatuuf jedhee? Moo qabeenya akka argattuuf jedhe? Lakki! Kanaaf maal jedharee? Ejja irraa akka of eegnuuf, oftoo'achuu akka dandeenyuuf , qulqullummaa qabeenya keenya akka taasifnuuf fi, waahila gaa'ela keenyatti gammanne Waaqayyon akka galateeffannuf jecha malee. Argitanii kennaan, bu'aafi fayidaan gaa'elaa kanadha.

✍Kanaaf yaa ijoollee koo! isinin kadhadha faayidaa guddaa dhiistanii ija keessan waan xiqqoo irra hin qubachiisinaa. Gaafa hiriyaa gaa'elaa keessan filattan waa'een qabeenyaa isiniif ajandaa ijoo ta'uu hin qabaatu. Qabeenyaf jedhee hiriyaa gaa'elaa isaa inni filatu #duudaadha, qabeenyi bor baduu danda'a. Kanaaf gaa'elaaf namni ati filattu kam caalaattuu qabeenya afuurummaa ilaali. Addunyaa kanattis isa dhufuttis caalaatti kan si gargaaru isa kana waan ta'eef.

✍Yaa Abboota koo, Abrahaamiin fakkaadhaa.
Abrahaam ilma isaa Yisihaaqiif gaafa haadha warra barbaaduuf, qabeenya hin ilaalle, maatii mootiis hin ilaalle, bareedina afaaniis madaallii hin taasifne ykn ulagaalee kan biroo hin tarreessine. Qulqullummaa lubbuu malee. Yaa harmoolii koo ijoollee dubaraa keessan akka Ribqaatti guddisaa.

✍Isinis dargaggoonni warri fuudhuu barbaaddan Yisihaaqiin fakkaadhaa. Guyyaa gaa'ela keessaniiitti sirba, daankiraa, kolfaa fi baacoo, waca dibbee fi kiiboordii, agarsiisa Diyaabiloos kan biroos hin yaadiinaa! Kana irra hoo, waan gootan hundarratti akka Waaqayyon isin dursu kadhadhaa.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Duraanis kan turtee amantiin
tokkumaa ortodooksii dhumaa(2)
ni amanaa ni jabaana daandiin ishe dhumaa

ዱራኒስ ከንቱርቴ አመንቲን ቶኩማ ኦርቶዶክሲ ዱማ (፪)
ኒ አመና ኒጀባና ዳንዲን ኢሼ ዱማ

Diroom yaalachii naat andiit haaymaanot ortoodooksinat (2)
ihi intsanaalan indinaalan
barsuwaa mangad heedan

ድሮም ያለች ናት አንዲት ሃይማኖት
ኦርቶዶክስነት (፪) እህ እንጸናለን
እንድናለን በእርሷ መንገድ ሄደን

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Guuyyaa shantammaffaatti
Guuyyaa 50ffaatti Afuura Qulqulluun Guutamanii
Duukaa-bu'oota Gooftaaf kennamef aangummaani
Deemani lallabani hanga handaara biyya lafaatti
Afaan dhagahaniin akka isaaniif galutti

Yoo hin dhageenye Ta'e akkamitti amanaa
Oduu itti fakkaata sagaleen fayyinaa
Sanyii iddoo maleetti facaafame ta'a
Biqilee guddachuu akkamitti danda'a
●Maaliif daangeffama tajaajjilli keenyaa
●Ganda qofa miti ga’u qaba addunyaa

Gammachuu foonsaaniif tasa iddoo hin laannee
Qilleensa Mijataaf haala hin eegganne
Sammuu Qulqulluun tajaajilu isaani
Wangeela gooftaatiin lubbuu misoomsani

Meetii itti kenname qotanii hin awwaallee
Addunyaa ittiin mi'eessan malee
Mootummaan Waaqayyo dhala addaam maraafi
Of ganuun lallabani saba hundumaafi


t.me/Galateeffamaadha

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

⛪️ Moggaasa Maqaa Guyyootaa Dilbata Du'aa Ka'umsa booda
❤ Wiixata - Maa'idoot jedhama:-
➡️ Maa'idoot jechuun Ce'uu, qaxxaamuruu, darbuu jechuudha. Guyyaa Faasikaa keenya kana irratti du’aa ka’uun Kiristoos dukkana irraa gara ifa ajaa’ibaatti, du’a irraa gara jireenyaatti, si’ool irraa gara Gannataatti, Dhiphinaa fi salphina irraa gara ulfinaa fi Kabajaatti darbuu keenya yaadanna.
❤ Kibxata- Toomaas jedhama.
➡️ Guyyaa kana Toomaas Gooftaa argee amanuu isaa, Gooftaa koo fi Waaqa koo jedhee ragaa ba’uun isaa ni yaadatama. Yoh. 20:27-29 irraa kan fudhatame
❤ Roobii - Alaazaar jedhama.
➡️ Guyyaa kanatti du’aa ka’uu fi jireenya kan ta’e Gooftaan Keenya Iyyasuus Kiristoos Alaazaariin du’aa kaasuu isaa yaadanna. Guyaa kanas Kiristoos mataa jireenyaa kan humna du'aa dhabamsiise, sirna awwaalchaa balleesse du'aa ka'umsa akkasumas Kiristoos Mootii injifannoon Gara samiitti olba'e ta'uu isaa ragaa baana.
❤ Kamisa- Kamisa Addaam jedhama:-
➡️ Guyyaa kanatti Abdiin Addaamiif kennamee fi kakuun isaaf galame akka raawwatamee fi Addaamiifi ijoolleen isaa nuti bilisa akka baane bilisummaa keenya yaadanna.
❤ Jimaata- Mana Kiristaanaa Qulqulleettii:-
➡️ Guyyaa kana waa'ee du'uu fi du'aa ka'uu Kiristoosiin Manni Kiristaanaa hundeeffamuu ishee lallabama. Kiristoos isheef of kennee dhiiga isaatiin furii godhee jabeessee fi qulqulleessee du’aa ka’uu isaatiin injifannoo kenneefii ishee kabajuun isaa ni dubbatama. Mana Kiristaanaa yeroo jennu Gamoo ykn ijaarsa jechuu keenya miti amantoota, Kiristaanota jechuu keenyadha malee. Kiristoos kan inni du'e Gamoodhaaf miti waan ta'eef.
❤ Sanbata Duraa- Dubartoota Qulqulloota :-
➡️ Guyyaa kana dubartoonni qulqulloonni qaama Kiristoos urgooftuu dibuuf dukkana keessaa gara awwaalichaa dhufanii du’aa ka’uu Kiristoosiin dursanii arguun isaanii yaadachuun ni lallabama.
❤ Dilbata - Du'aa ka'uu Lammaffaa:- .
➡️ Guyyaa kanatti Kiristoos yeroo Sadaffaaf duuka buutota isaatti mul’atee nagaa lallabee aangoo kennuun isaa ni lallabama.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

MAA'IDOOT ማዕዶት
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Afuura Qulquluu Waaqa Tokko Ameen.
††† Kiristoos du'aa ka'e
††† Humnaa fi Aangoo Guddaan
††† Seexana hidhudhaan
††† Addaam bilisoomsudhaan
††† Nagaanii fi Jaalalli ta'e
††† Gammaachuu fi nagaanis ta'e.
✍️ Maa'idoot jechuun jechi isaa jecha Gi'iizii yoo ta'uu hiikaan isaa immoo "ce'e, ce'uu, ce'umsa" jechuu dha. Bu'uura Maddaa kana irratti hundaa'uudhaan "ce'e" 'መሻገር' bakka lamattii qoodnee ilaalla.
Akkuma beekamu Gaafa ayyaana faasikaa kan yaadatamuudhaa qaban baay'ee isaaniitu jiru. Haa ta'u malee gaafa guyyaa faasikaa waa'ee tokko tokkoo isaanii dubbachudhaaf waa'ee isaanii keessattis immoo Iyyasuus kiristoos isa fannifame lallabuudhaaf akkuma Qulqullichi phaawuloos
"...Waa'ee Gidewoon, Baaraaq, Saamson, Yiftaa, Daawit, Saamu'el akkasumas waa'ee raajotaa isinitti odeessuuf immoo yeroon ana hin ga'u. Ibro 11³² jedhee dubbate sana Guyyaa tokkittii keessatti waan kana hundumaa ibsuudhaaf yeroon hin ga'u. Kanaafuu manni amantaa keenyaa seenaan kun hundumtuu akka ukkaamamee hin hafneef jecha seenaa kana hundumaa keessattis ammoo Kiristoosiin lallabuudhaaf Guyyoota faasikaadhaa booda jiran hundumaa
maqaa itti moggaaftee
© MAA'IDOOT => Wiixata
© TOOMAAS => kibxaata
© ALAAZAAR => Roobii
© ADDAAM => Kamisa
© Qulqulleetti Mana kiristaanaa => Jimaata
© KIDDUSAAT AANIST " Dubartootaa qulqulluu" => Sanbataa
© DAAGMAAY TINSAA'EE " Du'aa ka'uu 2ffaa" => Dilbataa jechuudhaan hojii Gooftaa ittiin ibsitii. Kanaafuu gyyaan faasikkaatti aanee kan jiru Wiixaatni MAA'IDOOT jedhama.
✍️ MAA'IDOOT jechuun akkum armaan oliitti ibsame CE'UU jechuudha.
Guyyaan kunis ayyaanni faasikaa kabajamee bulee gaafa guyyaa wixaata kan yaadatamee ooludha.
Kutaa inni jalqabaa ce'umsa fakkeenyawaa (ምሳሌያዊ መሻገር) ce'umsaa yeroo kan jedhuu ta'aa. kunis uummanni Israa'eel garbummaa Biyya Gibxii jalatti waggaa 430 erga turaan boodaa Waaqayyo raaja musee kaase, dhibbuu,gidiraa fi gabrummaa lafa Gibxii jala isaan akka baasuuf akka ajajee fi innis ajaja sana fudhalatee fedha waaqayyoon walaba ba'uu isaan isaani kan of keessatti qabatuu dha. Waaqni Abbaa dhibbuu fi gidiraa uummata Israa'eel irra ga'uu jala akka ba'aanif musee gargaaree Yeroo isaan Aduun miidhamaan duumessa gaddisiisee, yeroo isaan dheebotaan kattaa keessa bishaan burqisiisuun oobasee, yeroo galaanni itti guute ulee museedhaan Raajii hojjete bishaan akka gimbiitti dhaabee isaan ceesisuu isaati.
Kutaan inni 2ffaa immoo guyyaa fayyisaan keenya fi Faasikaa keenya kan ta'e IYYASUUS KIRISTOOSIIN
☞ Dukkana keessaa gara ifatti
☞ Du'a irraa gara jireenyaatti
☞ Si'ool irraa gara Jannataatti
☞ Abaarsa irraa gara eebbaatti
☞ Salphina irraa gara ulfinaatti
☞ Garbummaa irraa gara bilisummaatti
☞ Gadda irraa gara gammachuutti...
Ce'uu keenya yaadachaa Waaqa oolmaa kana hundumaa nuuf oolee kana ittiin lallabnudha.
Inni rakkina keenyaaf furmaatadha.
Inni dadhabbii keenyaaf humnadha.
Inni dhukkubbii keenyaaf qorichadha.
Inni gaaffii keenyaaf deebbiidha.
Inni jireenya keenyaaf bu'uradha.
Inni eenyummaa keenyaaf miidhaginadha.
kanaafuu isaatiin du'a irraa gara jireenyaatti ce'uu keenya waan beeknuuf guyaa kana MAA'IDOOT
Jennee guyyaa ce'umasa keenyaa sana ittiin yaadachaa Waaqa nu ceesise kanas (...HADDAAFEE NEFS...) Jennee Gochaa isaa ittiin dhugaa baana.
1Yoh 3¹⁴ " HADDAAFEE NEFS" Jechuun CEESISAA LUBBUU jechuudha.
Ceesisaan lubbuu keenyaa kunis IYYASUUS KIRISTOOSI DHA.
Galatniif ulfinni daangaa hin qabne MAQAA CEESISAA LUBBUU KEENYAA IYYESUUS KIRISTOOSIIF HAATA'U.
Egaa amantaan ortodooksii tawaahidoo tokkummaa namoota ce'aniiti.
kanaafuu
Namni ce'e hin sodaatu hin sodaatiinaa!
Namni ce'e hin raafamu hin raafamiinaa!
Namni ce'e hin yaada'u hin yaadda'iinaa!

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

"Isa jiraataa maaliif warra du'an keessa barbaaddu? Innoo as hin jiru ka'eera."
Luq 24:5-6

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

"Isa Jiraataa Du'oota keessaa Maaliif barbaaddu? ka'eera malee as hin jiru. ilmi Namaa Harka cubbamootaatti Dabarfamee akka kennamuufi Fannifamu, guyyaa sadaffaattis ka'uun dirqama jedhee yeroo galiilaa ture isinitti akka dubbate yaadadhaa."

luuqaas 24:5

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Kiristoos du'aa ka'eera
Humna guddaa fi Aangoo isaatiin.
Seexana hidhee
Addaam bilisa bahe
Kana boodaa
Nagaa fi Gammachuun ta'ee!

Baga Ifa du'aa ka'uu Kiristoosiin nu gahe.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Buufata Daandii Fannoo 14'n (1-14)

Adda-babayii Philaaxoos irraa eegalee hanga tulluu Qaraaniyootti buufata fannoo 14 argina.

Buufata-1ffaa

Adda-babayii Philaaxoos ‘Liixoosxiraa’ jedhamutti Gooftaan yeroo jalqabaaf Philaaxoos dura iddootti dhaabatedha.

Dhaddacha sobaa kana irratti ragaawwan sobaa yemmuu irratti baaa turanitti ni callisa ture. Yemmuu hangaftni luboota “Ilmi Waaqayyoo Kiristoos sidha moo?” jedhee gaafatutti garuu akkas jedhee deebiseef;

“Eeyyee Anadha;Ilmi namaa mirga Isa humna qabeessaa taa
ee duumessa samiitiin yemmuu Inni dhufu ni argitu” jedheen. ( Marq.14:61-64)

Dubbiin kunis raajiidhaan karaa qulqulluu Daawit dubbatameera. “Mootonni biyya lafaas ni kaani; hooggantoonnis Waaqayyo irratti; Masichi irrattis akkas jedhanii tokkummaadhaan walitti qabamani…” (Faar.2: 7-8).

Buufata-2ffaa

Liixoosxiraa irraa gara Geetesamaanii karaa geessuu fi bakka Gooftaan yeroo jalqabaaf itti reebamedha. “Kana booda Philaaxoos Gooftaa keenya Iyyasuusiin ni garafe” (Yoh.19:1)

Dubbii kanas raajaan Isaayyaas dubbateera; “Yaa Gooftaa dubbii keenya eenyutu nu amana? Irreen Waaqayyoos eenyutti mul
ate?Waaeen keenya fuula Isaa duratti akka daaimaa, akka marga lafa gogaa irra jiruu tae. Bifaa fi miidhagina hin qabu; kunoo argineerra. Naatoos hin qabu; bareedinas hin qabu. Bifti Isaas kan tuffatame, ilmaan namaa hundumaa keessaas isa gad-deebiaa, nama garafame; gidiraas kan simatedha. Fuula Isaas naanneffateera waan taeef Isa xiqqeessani; hin kabajnes” (Isa. 53:1-3)

Buufata-3ffaa


Bakka Gooftaan yeroo jalqabaaf Fannoo baatee itti kufedha. Yoh.15:17. Isa hundaa qabu qabanii, akka hoolaa qalamuutti harkisan. Innis jaalalaan isaan duukaa deeme.

Raajaan Isaayyaas akkas jedhee waggoota heddu dura dubbateera. “Doboloon kee maaliif diimatee? Uffanni kees maaliif uffata nama cuuphaa wayinii keessa bu
ee fakkaatee? …erga jedheen booda,
Itti fufees, "Namni Isaan gargaaru akka hin jirren bare; kanaafuu Irree ofii kootiinan isaan fura” (Is. 63:2-5) jedha.

Buufata-4ffaa

Bakki kun bakka Dubroon Maariyaamii ilma Ishee wajjin itti wal argitedha. “Fannoo Gooftaa keenya Iyyasuus bira haati Isaa Maariyaamiin, obboleettiin haadha Isaa, Maariyaam haati manaa Qalayoophaa, Maariyaam isheen Magdalaas dhaabbatanii turan.

Taatee kanas Yohaannis akkas jedhee barreesseera; “Gooftaan keeya Iyyasuusis, haadha Isaa fi duuka buaa isa Isa jaallatu waliin dhaabbatanii yemmuu isaan argetti, haadha Isaatiin “Ilaa mucaa kee” jedheen; Duuka buaa isaatiinis, “ilaa haadha kee” jedheen. Saatii sana qabee duuka buaan sunis fudhatee mana isaatti gale” Yoh. 19:2 5-2 7) jedha.

Gadda Isheen gaafa sana gadduuf jirtu Simi`oon jaarsichi akkas jedhee raajee ture; “Lubbuu kee irra seefiitu darba” jedheen (Luq 2:34) jedheen.

Buufata-5ffaa

Iddoo Simoon namni Qareenaa fannoo Gooftaa irraa fuudhee itti baatedha. (luq 23:26). Mt. 15:20-22)
Kunis raajiidhaan kan dubbatamedha. (Faar. 141:2-5)

Buufata-6ffaa

Veeroonikaan bakka fuulasaarra dafqa haxoofteefidha. " Kunis dubbatamee ture. (Sirak 6:14-17)

Buufata 7ffaa

Bakka yeroo lammaffaaf Gooftaan fannoo baadhatee itti kufedha. Kanas Isaayyaas raajeera (Is. 53:4-6). . (Is. 53:7,9)

Buufata 8ffaa

Bakka Gooftaan dubartootaa Yihuudaatiif dubbii raajii dubbatedha
“Saba sana keessaa namoonni danuun isa duukaa turan; isaan keessaa dubartoonni immoo qoma isaanii rukutachaa boo'aafii turan; Iyyasus garuu gara isaaniitti garagalee, Yaa intaloota Yerusaalem, ofii keessanii fi ijoollee keessaniif boo'aa malee, anaaf hin boo'inaa!” (Luq. 23:27-28).

Buufata_9ffaa

Bakka fannoo baadhatee Gooftaan yeroo sadaffaaf kan itti kufedha.
Daawit raajiidhaan dubbateera. “Ani lafatti nan maxxanfame, ati akka dubbii keetti lubbuu anatti deebisi!” — Far. 119:25

Buufata_10ffaa

Bakka uffatni Gooftaa irraa itti mulqamedha.

“''Kanaafis; "Kottaa kittaa kana hin tarsaafnu, carraa buufannee abbaa inni ba'uuf ilaalla!" waliin jedhan. Kanaanis dubbiin macaafaa inni,"Wayyaa koo hirmaatanii, uffata koottis carraa buufaatan"jedhe in raawwatame.”
— Yoh. 19:24

Читать полностью…
Subscribe to a channel