ortodoksiidhugaa | Unsorted

Telegram-канал ortodoksiidhugaa - Ortoodoksii ishee dhugaa

8413

"Gara karaatti as ba'aatii ilaalaa! Daandiin (Ortoodoksii) durii, karaan inni ba'eessi sun amma eessa jira?' jedhaatii gaafadhaa! Boqonnaa akka argattanitti karicha irra adeemaa!" Er.6:16 👉 Join telegram channel https://t.me/+UE8OsP4gdv93PxwT

Subscribe to a channel

Ortoodoksii ishee dhugaa

“Sagalee Waaqayyoo Kan Baratan Hunduu Ijoollee Waaqayyootti.” (Room.8:14).
“Nuti Kiristoos isaa fannifame lallabna!” (1Qor.1:23).

B/saa Dammalash Isheetu Telegram irratti Argachuuf jOin taasisa 👇👇👇❤️.... ➡️ See more!

                👇👇👇
        🫱✨ See More✨
        🫱 ✨See More ✨
                 👆👆👆

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Egaa ilaalaa kan warra dubartoota kaanii osoo maqaan hin dhahamin kan dubartoota afur qofti maqaan isaanii hidda dhalootaa kana keessatti maaliif dhahame seeturee? Seenaan isaanii guddaa waan ta’eefi malee,Waaqayyo kan warra Israa’eloota qofas akka hin taane ibsuuf malee!

Yemmuus manguddoonni Ruutiin ni eebbisanis Waaqayyo akka Raaheel akka Liyaas siif haa godhu jedhanii(Ruut 4;11)
Yaa saba Waaq yaa maati waaq,kan jaalala caalu hin jru,namas yoo dhugumaan jaalanne kan caalu arganna,jaalala fakkeessoo irraa of haa qusannu,hiriyaa keenyas haa ta’u maatii keenyas haa ta’u,nama kamiinuu faayidaan walqabsiifnee jaalachuu hin qabnu,yemmuu sana Waaqayyo ni muldhata.Waaqayyo jaalala jedhamee barreeffameera. Maaloo kiristaanonni hiriyoota keenya irratti gantuu hin ta’inaa,himattoota hin ta’inaa,nama yaraa yaadu hin ta’inaa,duuti isin duuba jirtim!Amantaa jaalala qabduun addunyaa haa moo’annu,Waaqayyo nu haa yaadatu,hunduma keenya haa yaadatu,anas garbicha isaa
Naahim

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Garaagarummaa Meeroonii fi Qibaa Qiddusii(Dibata Qulqulluu) Maalinni?
-
Jechi meeroonii jedhu Afaan Giriikii irraa kan argame yemmuu ta’u kan mi’aawu, kan urgaa’u kan laphee nama hawwaatu jechuu dha. Foolii gaarii kan qabaatuu fi akka zayita kan fakkaatu ta’ee dibata qulqulluu dha. Meerooniidhaan kennaa Afuura Qulqulluu arganna. Namni cuuphamu,bishaaniin erga cuuphamee booda qaamni isaa meerooniin mallatteeffama. Bultoo Waaqayyoo akka ta’uufis kennaan Afuura Qulqulluu ni laatamaaf (1Qor 6:20,1Phex 1:18-19). Dibata Qulqulluu(Qibaa Qiddus) kan jennus dibatuma qulqulluu ta’ee fayyina foonii fi lubbuu kan ittiin argannuu fi iccitiin qandiilaa kan ittiin raawwatudha.
-Meerooniin irra deebi’amee nama hin dibamu, altokko qofa guyyaa cuuphaa raawwatama. Sanarraan kan hafe dhimmoota akka meeshaalee qulqullaa’oo fi bataskaana haaraa eebbisuuf oola. Dibata qulqulluun(Qibaa Qidduusiin) garuu irra deddeebi’amee namootaaf yemmuu dhukkubsatanitti ni raawwatama
-Meerooniin biqiltuuwwan gosa gara garaa irraa walitti qabamee qophaa’aa, Qibaa qiddusiin garuu ija ejersaa irraa qophaa’a
Meerooniin kadhannaa phaaphaasotaatin qofa qophaa’a, Dibata qulqulluun(Qibaa Qiddusiin) garuu namoota biroonis ni qophaa’a.
-Meerooniidhaan Iccitii meeroonitu raawwatama, Qibaa-qiddusiidhan ammoo Iccitii Qandiilitu raawwatama. Iccitiin Qandiilii ykn dibata qulqulluu dhibee (dhukkuba) fooniis ta’ee kan lubbuu kan fayyisu dha. “Isin keessaa kan dhukkubsate yoo jiraate luboota waamee kadhannaan yaa raawwatamuuf, dibata qulqqulluus yaa dibamu”(Ya’i.5:14-15).
-Namoonni meeroonii dibadheen fayye jedhu,dogongoraan malee qibaa qiddusii jechuu isaaniti.
(Madda:Kitaaba Qannoonaa fi kan ibaarraa)

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Seekondii 20 booda nii haqama 👀

Nama dursee join godhe 20'f badhaasa daawwanna mana Amanta Qophaeera 😱

Dafaa nama 20 qofa 👏

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

✍Guyyaa 50ᶠᶠᵃᵃ (#Pharaqilixoos)

➥Ayyaanni Pharaqilixoos:
Pheenxeqostee jedhamee kan beekamu yoo ta'u,guyyaa shantammaffaa jechuu dha.
➥Pharaqlixoos jechuun immo cinaa kan dhaabatu, kan jajjabeessu, kan nama gargaaru jechaa dha.
➥Guyyaan Kun guyyaa Hafuurri qulqulluun duuka bu'oota isaatif itti bu’e dha.
➥Guyyaan kun guyyaa dhaloota mana kirsitaana ti jedhuun abbootni. Gooftaan " Kunoo isa abbaan koo isin abdachiise isiniifnan erga, garuu akka nama uffannaa guutuu uffatuutti waaqa irraa humna hamma argattanitti mandaricha keessa turaa" isaaniin jedhe." Luq 24:49
➥Akkuma jedhaman Duuka bu'ootni Gooftaa osoo Iyyarusaaleem keessa hin bahin ni eegani.Gooftaan keenyas du'aa moo'ee ka'ee guyyaa 40ᶠᶠᵃᵃ isaati gara Waaqatti ol bahe,dabalatan ragaadhaf (HE 1:4).Sana booda guyyaa 50ᶠᶠᵃᵃ isaanittis hundii isaani Afuura Qulqulluun guutaman jedha sagaleen Waaqayyoo. HE 2:1-2
➥Ayyaanni guyyaa shantammaffaa inni "Phenxeqostee" jedhamee beekame yommuu ga'e, hundinuu iddoo tokkotti walitti qabamanii turan.Dingatas huursaan waaqa irraa akka bubbee bubbisuutti dhaga'amee, manicha isaan keessa jiranis guute.
➥Gooftaan keenyas kan dubbateef amanamaadha waan ta'eef Duuka Bu'ootni iddoo tokko ta'aanii osoo jiran Afuuri Qulqulluun bifa arraba abiddaa fakkaatun isaan irraa bu'e.HE.2:3-4
➥"Arraba ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mul'atan, gargar tamsa'aniis, wanti akka arraba ibiddaa kun tokkon tokkon isaanii irra taa'an.Yommus hundumti isaanii Afuura qulqulluudhaan guutaman; akka Afuurri dubbachuu isaa isaaniif kennetti, afaan garaa garaa dubbachuu jalqaban."afaan tokkon kan dubbata turan afaanota 71 itti dabalun afaanota 72 godhatan.daandii du'aa irraa saba Waaqayyoo dubbii sagalee Waaqayyootin ni deebiisan.
➥Lallaba Pheexroos dhagahanii namootni kuma sadi guyyaa sanatti cuuphamaniiru (HE 2:14).
➥Sabni hundi isaani afaan ittin dhalataniin dubbii sagalee Waaqayyoo yoo dhagahaniitti ni dinqisiifatan. (HE 2:5-21)

🌹🌹Gooftaan jajjabeessaa kan ta'e Afuura qulqulluu bartootaaf isaaf erge hunduma keenyaaf nuuf yaa ergu🌹.Ameen

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Fakkeenyummaa meeshalee galateeffannaa mana Kiristaanaa

Meeshaaleen galateeffannaa mana kiristaanaa keenya keessatti kan yeroo gara garaatti Waaqayyoon galateeffachuuf dhimma itti baanu yemmuu taan keessumattuu Tsanaatsilii, kabaroo (dibbee) fi dhaabbannoo (Maqoomiyaan) meeshaalee addatti manni kiristaanaa keenya ittiin beekkamtudha.Dabalataanis meeshalen akka faaggaa, baganaa, ulullee fi Masinqoos galateeffannaadhaaf ni oolu.

+++Tsanaatsilii
Tsanaatsiliin keessumattu faarfannaa fi kadhannaa halkan guutuu irratti meeshaa tajaajila baldhaa kennudha. Tsanaatsil jechuun sagalee dammaqsituu; bilbila jechuudha. Meeshaa kana dur irraayyuu abbootni itti fayyadamaa turaniiru. Kanaaf faarfataa Daawit (Faar 150:5 ) irratti ‘sagaleen isaa bareeda kan ta’e tsanatsiliidhan galateeffadhaa’ jedha. Tsanaatsiliin baattowwan moggaa lama qaba. Isaan lamaan kunis fakkeenya kakuu moofa fi kakuu haarati. Baattowwan moggaa kana lamaan dagalee kan diriiranii baattowwan kana walqabsiisan lama ni agarra. Kunis ammoo fakkeenya Yaabbannoo dacheerraa kaatee hanga samii diriirte kan Yaaqob halkan abjuun arge sanaan fakkeeffama. Jaalala namaa fi jaalala Waaqayyoonis fakkeeffama. Xumurri jaalalaa kana lamaan waan ta’eef. Yaabbanicharra baalli sibiilaa nannaawanii sagalee dhageessisan ammoo fakkeenya ergamootaati. Ergamootni yaabannoorra oliif gadi yemmuu deeman Yaaqob argeera waan ta’eef(Uma 28:12). Fiixee gara olaanurras isaa irras boca dagalee sabbata Waaqatiin kan walqabsiisun agarra. Innis fakkeenya waadaa Waaqayyoo Noohif galedha (Uma 9:12).

+++Dhaabbannoo (Maqoomiyaa)
Itti-hirkata jechuudha.Hordoftoonni amantichaa sirna kadhata qiddaasee irratti kan qabatan yoo ta
u, keessumattuu margeetonni/luboonnis / sirna kadhannaa halkan guutuu keessatti itti fayyadamu. Abbootni amantaa jalqaba dhaabbanicha irra keessa olfuudhuudhaan gara gadiitti gadi buusu,Gooftan samii irraa bu’uu isaa ibsuuf,akkasumas bitaa mirgaas naannessu kunis addunyaa naanna’ee barsiisuu isaa ibsuuf, Haanaa fi Qayyaafaa,Philaaxos birattis isa qabanii deddeebisuu isaa muldhisuuf, deebisaniis ammoo lafaan rukutu, Gooftaan duuti hin malleef hin duune gara boolla awwaalaa bu’uu isaa ibsuuf achi boodas isa duraa caalaa olkaasu, olba’uu isaa muldhisuuf,dhumarras akka duraa lafaan rukutuu osoo hin taane suuta qubachiisu, lammata Gooftaan murteef gara biyya lafaa akka dhufu ibsuuf. Dhaabbannoon Addaamiif abdii taasifamee kan kenname fakkeenya fannooti.Fakkeenya ulee raajaa Museetinis ni fakkeeffama.

+++Dibbee(Kabaroo)
Kitaaba qulqulluu irratti meeshaalee galateeffannaa keessaa tokkodha.Sirna Maahileetii irrattis tajaajila kenna.Itti fayyadamni isaas buuura Kitaaba qulqulluu kan qabudha. Kakuu moofaa keessatti kabaja Waaqayyoof ittiin faarfatu (Faar 149.3,Faar 150.4), Kabaja Taabota kakuuf ittiin faarfataa turan( 2Sam 6:5).
Hiikkaa dibbee(kabaroo) gabaabbinaan
Abbootni waa
ee kabaroo (dibbee) hiikkaa fakkeenyaa baldhaa gadadoo Gooftaa keenyan walqabsiisanii barsiisu. Kabaroon fakkeeya Gooftaa keenyati.Akkuma kabaroon yemmu rurrukutamu asii achi darbamu Gooftaanis dhala namaaf jedhee asii fi achi daddarbamee rurrukutamuu Isaa,gadadoo heddu arguu Isaa kan nutti agarsiisudha.Yihudoonni iddoo gara garaa oliif gadi oofuudhan isa dhiphisuu isaa agarsiisa ( Maat. 27፡21). Kabaroo gara afaan baldhaan jiru fakkeenya malakootaa,inni garaa dhiphaa ammoo fakkeenya Gooftan foon uffachuu fi inni baldhaa tae sun dheerina dhiphoodhan mullachu agarsiisa jedhanii barsiisu abbootni. Uffati diiman kabarootti maramu ammoo uffata kalameedaa Gooftan guyyaa Fannoo uffateef fakkeenya yoo tau, uffati(gogaan) kabaroon ittiin xaxame ammoo fakkeenya Gooftaan keenya nuuf jedhee garafamee dirmammaaee kan ibsudha. Hidhaan kabaroo mormarraa ittiin goone rukunnu ammoo fakkeenya hidhaa Gooftaan ittiin hidhamee harkifameeti. Dhaabatanii rukutuu, sochoosuu fi lafa godhanii rukutuunis hiikaa mataasaa qaba.
(Madda Koorsii Bu
uuraa Fuula 159-161)

Galatni Waaqayyoof haa ta`u!

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Filmii Waregamtoota Liibiyaa Afaan Oromotin Qopha'ee  Channel Asiin Gadii jOin Gochuun Argadha👇👇👇

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Channalota akkami argachu barbaduu?

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Kana boodas MuseenAaronii fi Hoor akka magaala eegan taasisuun gara tulluu Siinaatti ol bahee Waaqayyo waliin dubbate. Guyyaa fi halkan 40 osoo homaa hin nyaatiin soomeera( Ba’u.32-34). Innis Tsillaatii qabatee yoo deebi’u Israa’eloonni waaq-harkee dhaabanii yoo ililchanii gammadanii taphatan argee aaree darbannaan tsillaatichi harkaa kufee cabeera. Tsillaatii cabes lammata akka hojjetu Waaqayyo isa ajajeera. Yemmuu Israa’eloonni bishaan dheebotanis ulee isaatin burqisiisee Israa’elootaaf kenneera.Waaqayyo Musee yeroo 570 haasofsiiseera. Kanarraa kan ka’e ‘si fuula kee argu malee’ jedhee Waaqayyoon kadhatee ture.Waaqayyos ‘Booda yoon foon uffadhee dhaladhu TulluuTaaboritti na agarta’ jedheen. Akkasumas ni ta’e.(Seera ba’uu boqonnaa 3-13).

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

🎧🎵Faaruu eenyuu dhaggeeffachuu barbaaddu?


👤F/taa Firaanol Moosisaa

👤 F/ttuu sister hiwet teferra

👤F/taa Mendaayee Berhaanuu

👤 F/taa Yilmaa Hayiluu

👤F/taa Dn Abeel Mekbbeb

👤 F/taa Diyaaqon Muluken Kebede


👤 F/taa Tewodroos Yooseef

👤 F/ttuu Faasikaa Dinquu

👤 F/ttuu Bezawork Asfaaw

👤 F/ttuu mirtnesh Tilahun

👤 F/ttuu Worknesh

👤 F/taa Ytbarek Tegeny

👤 F/taa Ge/Yohannes Ge/Tsadek


🌐 Faaruu Ortodoksii hunda 🎶

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Daqiiqa 30 booda ni bada

Channel tajaajila Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Afaan Oromootiin kennanidha join Taasisa!

👇👇👇

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Filmii Waregamtoota Liibiyaa Afaan Oromotin Qopha'ee  Channel Asiin Gadii jOin Gochuun Argadha👇👇👇

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

“Waaqayyo Gooftaan sagalee gammachuutiin, sagalee fiinootiinis ol ba'eera;”
Far. 47:5

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

➪ 6.Daawwiiti fi Israaeloonni hunduu faarfattoota waliin,baganaa,maseenqoo, kabaroo, tsinaatsilii fi fiinoodhaan waaqayyoon duraatti humnaa guutun faarfachaa turaan. 2ffaa Sam.6:5
Seenaa baraa 1ffaa,13:8 /ዜና 13:8

𝑮𝙖𝙡𝙖𝙣𝙣𝙞 𝙬𝙖𝙖𝙦𝙖𝙮𝙮𝙤𝙤𝙛 𝙦𝙪𝙡𝙦𝙪𝙡𝙡𝙚𝙚𝙩𝙩𝙞𝙞 𝙙𝙪𝙗𝙧𝙤𝙤 𝙢𝙖𝙖𝙧𝙞𝙮𝙖𝙖𝙢𝙞𝙞𝙛 𝙛𝙖𝙣𝙣𝙤𝙤 𝙞𝙨𝙖𝙖𝙛 𝙝𝙖𝙖 𝙩𝙖'𝙪🙏

~◌◌◌◉◌◌◌~
✍Kennaa Mucaa Tawaahidoo✍️
~◌◌◌◉◌◌◌~

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

“Waaqayyo yoo eyyame kanaas ni taasifna,' (Ibr 6፥3)

Mana Kiristaanaa waan hundaan misoomtee, guddattee, amantootni fi tajaajiltootni ishee waan hundaan guddaa akka ta'aan yoo dhugummaatti yaadne!

"National Orthodox father's and Servants panel Discussion" qopha'ee hanqinaa fi rakkoowwaan wal xaaxaaf furmaata haa kennamu.

Kottaa yaa Sabaa; Oromoo Ortodooksii fi manneen Kiristaanaa Oromiyaa keessa jirtuuf dhugaa laphee Waaqayyo arguun ni yaadna yoo ta'e, ni quuqamnaa yoo ta'e, borumtii ishee tajaajilaan akka guddattu yaadna yoo ta'e walitti gufuu ta'uu safuu fi aadaa, namuusa amantaa cabsuu dhiifnee;-

* Angaafa Phaaphasootaa kutaa biyyaa lallaabaa tajaajilaan fi mudaamaan hunda wajjin osoo qooqaan, eessatti dhalateen, lagaa fi kanneen biroon wal hin ilaaliin "Laphee tokkon" akka Waaqayyoo nu gidduutti argamutti

* Hayyoonni manneen Kiristaanaa ogummaa adda addaadhaan manneen amantaa fi biyya tajaajilaan

* Hayyoota Yuunivaarsitii fi Kolleewwaan Afuuraa kan tajaajilaan

* Koreewwaan Waldoollee Afuuraa geggeessaan

* Obboolleewwaan biyya ambaa jiraattaanis karaa seerri qabeessaan pirojjeektiwwaan mana kiristaanaaf akka hojjeettaan haala qajeeloo mijjeessuu, leenisuu fi qajeelchuu.

* Tajaajiltootaa barsisaa Wangeelaa fi Faarfannaadhaan tajaajilaan

Akkuma qulqulluun Phaawuloos " Isiin gidduu jaarsoolleen hin jiranii?" Jedhe yaada amantaa fi akka jaarsollee yaada bilchaataa qabannee "National panel Conference fi Seminary" qopheessuudhaan maarii waloo;-

1. Piroojeektiiwwaan mana amantaaf barbaachisaan (Amantootaa, Tajaajiltootaa, manneen kiristaanaa ishee magaalaa fi baadiyaa irratti) kan xiyyeeffatee maari'achuudhaan hojiitti hiikuu.

2. Ergama Wangeelaa akkamitti akka rawwatamu fi adeemsa isaa

3. Kolleejjiiwwaan Afuuraa, manneen barnootaa Abinaatii, gidduu galeessaa leenjiiwwaan adda addaa wiixinuu fi hojiitti hiikuu

4. Tajaajiltootaa fi abboottii addunyaan dursan qopheessuun mana amantaa borumtii ishee jijjiramaa barbachisu fidan, osoo irratti hojjeetamaa adeemamee gaariidha. Mana kiristaanaas kan fayyadu inni guddaan kanadha. Waaqayyoos kan jaalatu gamtaa tajaajila dhugaa fi tokkummaa mudoo hin qabne kanaanidha. Tajaajila jalaala hin qabne, Waaqyyootti kan hadhaa'edha. Maqaa fi ulfina keneyaaf osoo hin taanee mee Amantootaa fi ulfina Waaqayyoof haa tajaajilu. Yeroo sana ulfina fi kabaja Waaqayyoorraa arganna. Wareegamtootni ofii isaanii gad of deebisaanii Waaqayyoon kabajichisaan. Waaqayyoos hanga handara dachee amantoota gidduutti kabaja kennee, mana Qulqullummaa fi Tsilaatiin, guyyaanis maqaa isaaniin mogaafame. Har'a nuttis kabajaa jirra.

Koottaa, yaada kana gara hojiitti hiiknee Oromoo Ortodoksii fi manneen Amantaa Oromiyaa jirtuuf haruma haa hojjennu.

Waaqayyo gara gaariitti haa qajeelchu. Abbootaa fi tajaajiltootaas laphee tokko haa taasisu. Amantootni illee qajeelummaa fi gaaramummaan deddebi'aa jiru, kanneenis gara gaariitti nuuf haa deebisu.

** *** ***** Kitaaboollee armaan dura maxxanse 36dha. Hanqina tajaajila gamaa kanaan furuudhaaf keennaa kan kennee fi taasisee Waaqayyoof galatasaa.

1. Fayyina Ilma Namaa
2. Hoolaa Faasikaa
3. Madaallii Ortodoksawaa
4. Kabaja Qulqullootaa
5. Kabaja Taboota 1ffaa
6. Kabaja Tabootaa 2ffaa
7. Dhaloonni hubatu eenyuudha?
8. Cuuphaa fi sirna Isa

Kan hiikamaan
1. Yeeyyiiwwaan buttuu
2. Adeemsa Jireenya Afuuraa
3. Jireenya galata qabu
4. Daandii Amantaa
6. Iccitii utubaa Shanaan
7. Hundee Amantaa
8. Ergamootaa
9. Dhukkubbii
10. Mana kiristaanaa xiqqoo
11. Jandarabaa Itiyoophiyaa
12. Firiwwaan Afuuraa
13. Haadha Ifaa
14. Kiristoos cubbamtoota jaalata lakk 1 hanga 3
15. Akkamitti haa eegallu lakk 1 hanga 3
16. Mootii Nageenyaa lakk 1 hanga 3
17. Akkamitti Macaafa qulqulluu haa dubbifnu lakk 1 hanga 5
18. Yaada sammuu keenyaa akkamitti haa to'aannu lakk 1 hanga 3

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Mallattoo Fannoo guddaa kana tuquudhaan waan isiniif bahu ilaalaa!


👇👇👇

✞✞✞✞✞✞
✞❤✞❤✞
✞❤✞❤✞
✞❤✞❤✞
✞❤❤❤ ✞ ❤❤❤✞
✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞
✞❤❤❤ ✞ ❤❤❤✞
✞❤✞❤✞
✞❤✞❤✞
✞❤✞❤✞
✞❤✞❤✞
✞❤✞❤✞
✞❤✞❤✞
✞❤✞❤✞
✞✞✞✞✞✞

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

"Lafa ati duututtan dua"
(Ruut 1:17)

Kitaaba qulqulluu kessatti jaalala dinqisiisaa jiran keessaa tokko jaalala Ruutii fi Nuhaamin gidduu jirudha.Guyyaan namatti hin toltu yeroo hunda, Nuhaamin dubartiin jedhamtu baqaan biyyaa abbaa Warraa ishee fi ijoollee dhiira lamaan ishee qabattee biyya Mo
aab jedhamutti baqatte. Biyya sanatti Abbaan warraa irraa due ijoollen ishee lamaanis Warra Moaab keessa dubrtoota Ourfaa fi Ruut jedhaman fuudhanii osoo jiran,waamichi Waaqayyoo guyyaansaa hin beekkamu waan taheef, waggaa kudhan keessatti ijoollen Nuhaamin lamaanuu duan.
Yeroo kana egaa Nuhaamin Abbaa manaa ishees, ijoollee dhiiraa lamaan ishees dhabdee baayy
ee waan gadda cimaa keessa turteef, biyyi isheen irraa baqattee dhuftes gaarii tauu hubatte biyyatti deebiuuf kaate.
Yeroo biyyatti deebitu garuu,ijoollee dubraa lamaan,niitolee mucoolee isheetti carraa cufuu hin barbaanne, eebbiftee akka isaan biyya isaanitti hafanii nama biraatti heeruman itti himte. Isaanis gadda guddadhan si biraa hin hafnu jedhaniin.Isheen garuu irra deddeebitee isaanin yemmuu akeekkachiistu, Ofiraa kan jedhamtu boossee dhungattee biraa deebite. Ruut kan jedhamtu garuu, gara gurra isheetti siqxee akkas jette "Lafa ati dhaqxu anis nan dhaqa;
Lafa ti jiraattu nan jiraadha
Sabni kee saba koo ni ta’a
Waaqayyo kees Waaqayyo koo ni ta’a
Lafa ati duututti anis achitti nan du’a." jetteen. Ejjannoo Ruut erga agartee booda Nuhaamin Ruutin dirqisiisuu hin barbaanne,waliin gara biyyaa galan. Jechi Ruut Nuhaaminiin jette kun baayyee cimaadha, hanga duaatti siwaliinan jira jettee kakatte, sanarras dabartee Moaabi fi Israael aadaa fi amantaan isaanillee gara gara taus, "Sabni kee saba kooti,lafa ati awwaalamtuttan awwaalama" jettee mirkaneessiteefi.Kuni jaalala kitaaba qulqulluu keessatti barreeffaman keessaa ajaaibsiisadha. Jaalalli dhugaa gosti,biyyi, gaddi,gammachuun, yeroon hin daangessu.Jaalalli dhugaa hin moofau yeroo hunduma haaradha, namni jaalalaaf bitamnaan,hundumti jaalalaa gadi akka tae ni hubata,humna hammeenyaa caalaa humni jaalalaa akka injifatus abdiidha qaba.
Qulqulluu Phaawulos akki jedhe "Luga ergamootaan illee dubbachuu yoon danda’e jaalala yoo hin qabaanne akka meeshaa waca qabuu akka sagalee tsanaatsiliitis"(1Qor 13:1).
Ammoo akka mammaaksa biyyaatti "Ilmii fi niitin Ilmaa wal hin jaalatan jedhama. "Amaat innaa Miraat: waan jedhutu jira mammaaksi Amaaraa tokko, yeroo baayyee wal lolu,walitti mufatu.Dhiibbaa haadhaatin akka haadha manaa isaa hiiku kan taasifamus jira, akkasuma dhiibbaa haadha warraatin Ilmi akka Haadha deessuu isaa hin gaafanne godhamus jira.Kuni lamaanu sirrii miti. Ruuti fi Nuhaamin irraa yoo baratan garuu seenan kuni laphee isaanii cabsa.Hammam kan jiraatanuufi. Waaqayyo ammoo kaffaltii qaba.Kaffaltii kanas maaliin beekna yoo jenne,hojii gaarii fi amantii ishee kanaaf Waqaayyo Ruut nama biyya Mo
aab kana ishee badhaaseera.

Nuhaamin Israael erga dhuftees cimtee kaate,jaalala ishee itti fufe. Reefu biyyaa bahanii biyyatti deebiu waan taheef Nuhaaminfaa waan nyaatan hin qabanu ture.Kanaaf Ruut Nuhaaminiin beela oolchuf maasii keessaa qaarmii itti funaantti ture. Yemmuu maasii keessaa qaarmii guurtu nama guddaan Bo’eez jedhamu ishee arge. Ishees jaalatee ni fuudhe,ni dabarteef; Nuhumaanminifis akkasuma. Bo’eez nama qabeenya qabu heerumte,barris ni dabreef,qaarmii guuraa turte,garuu isheen orma(warra gosa Israa’el) hin taane taatee osoo jirtu lakkoofsi ishee lakkoofsa hidda dhaloota gooftaa Iyyasuus Kiristoos keessa galeeef! Kanaaf wangeelli keenya inni ulfaatoon yemmuu saaqamu Qulqulluu Maatewos maqaa ishee dhahe. Akki jedhe:
“Bo’eez Ruut irraa yoobeedin dhalche..yoobeed Iseeyin dhalchee; Iseey Daawit’ Daawit... Solomoon …(Maat 1:5) jedhee booda Iyyasuus gara hidda Yooseefin dubroo irraa dhalachuu ibse.(Yooseef caqasamuun Isaas hiddi latiinsa Israa’elitti gara dhiiraan waamama waan ta’eef malee,inni kan ishee eegu akka ta’e Yoseef Q/Maariyaamiin firooma dhiigaa waan qabaniif Kiristoos abbaa malee sanuyyuu Dubrummaadhaan Qulqulleettii Dubroo Maariyaam irraa akka dhalate beekamaahda.).

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

“Sagalee Waaqayyoo Kan Baratan Hunduu Ijoollee Waaqayyootti.” (Room.8:14).
“Nuti Kiristoos isaa fannifame lallabna!” (1Qor.1:23).

B/saa Dammalash Isheetu Telegram irratti Argachuuf jOin taasisa 👇👇👇❤️.... ➡️ See more!

                👇👇👇
        🫱✨ See More✨
        🫱 ✨See More ✨
                 👆👆👆

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

🎧🎵Faaruu eenyuu dhaggeeffachuu barbaaddu?


👤F/taa Firaanol Moosisaa

👤 F/ttuu sister hiwet teferra

👤F/taa Mendaayee Berhaanuu

👤 F/taa Yilmaa Hayiluu

👤F/taa Dn Abeel Mekbbeb

👤 F/taa Diyaaqon Muluken Kebede


👤 F/taa Tewodroos Yooseef

👤 F/ttuu Faasikaa Dinquu

👤 F/ttuu Bezawork Asfaaw

👤 F/ttuu mirtnesh Tilahun

👤 F/ttuu Worknesh

👤 F/taa Ytbarek Tegeny

👤 F/taa Ge/Yohannes Ge/Tsadek


🌐 Faaruu Ortodoksii hunda 🎶

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

“Humna dhiiga waggaa 12 dhangala’e battalatti qoorse!”

Gooftaa Iyyasuus yemmuu lafa kanarra deddeebi’ee barsiisaa turetti ajaa’iba gurguddaa raawwachaa tureera. Ajaa’ibni inni raawwates wangeela keessatti barraa’ee argama. Ija bana, lamxiirraa nama dhiqa, afuura hamoo baasa, nama waggaa 38 dhukkubsate fayyisa, naafa diriirsa, kan abdii kutate hundaaf abdii ta’a, nama du’e du’aa kaasa, kan tuffatamn ol isaan qaba ture. Ajaa’iba inni raawwate keessaa tokko dubartii dhiigni qaama ishee keessaa waggoota 12’f dhangala’aa ture fayisuu isaati. Seenas isaas Wangeela Maatewos 9:18,Maarqos 5:21, Luq 8:40 irratti barraa’ee argama.
Haalli inni fayyises ammoo ajaa’iba. Dubartiin kun dhiiga ishee harcaasaa maayilii heddu waliin tarkaanfattee turte. Gara isaatti dhufuun dura garuu qabeenya ishee hunda dhukkuba kanarraa fayyuuf qabeenya ishee hunduma warra qoricha qabna, ni fayyisna jedhanitti fixxee ture. Xumura irratti garuu gara Gooftaa Iyyasuus dhufte. Keessa isheettis amantii ‘nan fayya’ jedhuun guutamtee turte. “Yoon uffata isaa tuqe nan fayya” jettee ofitti dubbatte. Hubadhaa namatti hin turre,keessa ofiitti haasofte. Dhaqxees namoota waldhiiban gidduudha uffata isaa tuqxe. Dhiigni ishee keessaa dhangala’aa tures biliqa sana goge.Goguun dhiiga ishees battaluma isheetti beeksise. Gooftaa Iyaysuus garuu humni Isaa yemmuu Isa keessa ba’u itti dhagahama ture. Kanaaf “ eenyutu na tuqe jedhee gaafate. Duuka bu’oonni isaa garuu “nama kana hunda keessaa akakmitti eenyutu na tuqe jetta” jedhaniin. Inni garuu humni isaa akka nama amantii qabu tokko fayyiste kan isa waliin turan hubachiisuuf duubatti jedhee isaan gaafate. Ishenis wanta Waqaayyo isheef raawwate waan beektuf sodaachaa dhuftee ‘ana’ jettee dura isaatti gombifamte. Gooftanis mucaakoo amantaan kee si fayyiseera, nagaan deemi,dhukkuba keerrayis fayyiteerta” jedheen. Isheenis nagaan galte.
Hubadhaa,kaayyon fayyisuu Goofta lafa kanarratti dhufuunsaa xumurri fayyina foonii miti, Fayyina lubbuuti malee. Fayyina foonii kennaadhaan duuka bu’oonnis raawwacha turan; fayyisuun Gooftaa adda, fayyisuun gooftaa foonis lubbus. Humni fi aangon isaas hammana hin jedhamu. Jabaadha. Kan isaaf hin danda’amne hin jiru keessa keenyatti amannee yoo itti himanne hunduma ni raawwata.ifiti dubbanne waaqayyotti yaa boonyu nu dhagaha.Humni isaa jabaadha.Tokkoon tokkoon keenya dhukkuba fooni fi dhukkuba lubbuun qabamneerrahoo, kanaaf ammoo humna dhukkuba keenna dhiqu barbaaddachuun nuuf ta’a. Humni fi faarfannaan koos Waaqayyo,qoricha kootis jedhanii akkuma raaja Musee fi Israa’el faarfatan(Ba’uu 15:2), Humni nu fayyisu ammoo Gooftaa fi fayyisaa keenya Waaqa Keenya fi qoricha keenya Iyyasuus Kiristoos hanga bara baraatti!.Galatni Abbaaf Isa Ilma Isaa tokkicha gara biyya lafaatti ergeef; Galanni Ilmaaf Isa Qaraaniyoorra oolee Ilkee du’aa cabsee bilisa nu baaseef; Galatni Afuura Qulqulluuf; Iccitii dhokate kan nuuf ibsee humna fi dandamannaa nuuf kenneef hanga bara baraatti!

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

🌎Yeroo tokko qofa Tuqa waaqa Addunya Uumee lubbun galatenfadha ፣ Yero tiqxan bakki isin geechu isin fayyada !
                 👇👇👇

.            ✦              ‍ ‍ ‍ ‍                  ,    

.             .   ゚     .         🌑            .     
 ˚                     ゚     .               .      🌎 ‍ ‍ ‍ ‍ ‍ ‍ ‍ ‍ ‍ ‍ ,                * .                    .           ✦           ˚              *             
.             .   ゚ 
      ,       .                               ☀️                                *         .           .             .                                                               ✦      ,         *   🚀        ,    ‍ ‍ ‍ ‍               .                  *          ✦                                .                  .        .        .     🌑            .        

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

🎧🎵Faaruu eenyuu dhaggeeffachuu barbaaddu?


👤F/taa Firaanol Moosisaa

👤 F/ttuu sister hiwet teferra

👤F/taa Mendaayee Berhaanuu

👤 F/taa Yilmaa Hayiluu

👤F/taa Dn Abeel Mekbbeb

👤 F/taa Diyaaqon Muluken Kebede


👤 F/taa Tewodroos Yooseef

👤 F/ttuu Faasikaa Dinquu

👤 F/ttuu Bezawork Asfaaw

👤 F/ttuu mirtnesh Tilahun

👤 F/ttuu Worknesh

👤 F/taa Ytbarek Tegeny

👤 F/taa Ge/Yohannes Ge/Tsadek


🌐 Faaruu Ortodoksii hunda 🎶

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Waamicha Kabajaa Phaaphosotaa ilaalchisee Waan sirrachuu qabu jedhee yaadu ================================ Waamicha maqaa Phaaphaasii ብፁዕ አቡነ እገሌ afaan gi'iiziin jedhamu Afaan Oromootti yoo hiiknu 'Qulqulluuu' abbaa abaluu jechuun sirrii miti. Qulqulluu kan jedhamu paatriyaarikii qofa. Sinoodoosiin Qulqulluudha. Isaan immoo dursaa sinoodoosii waan ta'aniif Sinoodosicha bakka bu'uun Qulqulluu fi Eebbifamoo Abbaa abaluu (ብፁዕ ወቅዱስ አባ እገሌ) jedhamu malee isaaniyyuu dhuunfaadhaan akka Qulqulluu tokkootti ilaalamanii miti. Kanaaf Phaaphasota maqaa kabajaa isaaniin waamuu yoo barbaadne EEBBIFAMOO jenna. Fknf EEBBIFAMOO ABBAA SAAWIROOS,Paatriyaarkiif immoo QULQULLUU FI EEBBIFAMOO ABBAA MAATIYAAS jenna. Miidiyaaleen sirna mana Kiristaanattii hin beekne yoo dogoggoran hin komannu ni barsiifna malee. Kanneen keenyaa irraa dogoggora akkasii arguu fi dhaga'uun garuu nama qaanessa.

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

RAAJAA MUSEE

Maqaa Abbaa kan Ilmaa kan Afuura Qulqulluu Waaqa Tokkoon. Ameen. Kutaa 7ffaa:

Israa’eloonni sababa Yooseefiin gara Masrii bu’an.Haa ta’u malee, bittaan warra Fara’oonotaa yeroodhaa gara yerootti baay’ee itti hammaachaa dhufe. Isa keessaa tokko Raaheel abbaan warraa ishee waan irraa du’eef dabareen suphee dhiitti turte. Isheenis osoo suphee dhiittuu ciniinsuun ishee qabee jennaan, “Hangan ijoollee koo dahee dhufutti naaf heeyyamaa,” jette warra ishee hojjisiisu gaafatte. Isaan garuu ishee didan. Inumaayyuu,“Dhiigni namaa suphee jabeessaa asuma keessatti dahiiti waliin dhiiti,” jedhaniin. Yeroo kana boossee imimmaan ishee walitti qabuun gara samiitti ol facaaste. “Waaqni Israa’eel uumte hin jirtu moo,” jette. Imimmaan boo’icha ishees hanga samii Raamaatti dhagahame(Erm 31:15). Kanaanis Waaqayyo Israa’eloota yaadate. Bara sanatti Israa’eloonni dhiira yeroo dahan yoosuma deesiftuun isaanii ni ajjeesti ture. Abbaan isaa Anbaram jedhama. Innis, yemmuu dhalatu warri Masrii akka jalaa hin ajjeesneef haati isaa ji’a sadi Musee dhoksite.

Kana booda dhoksuu waan dadhabdeef, waan akka bidiruu xinnoo dhallaadduu irraa hojjetame tokko fuutee leeleedhaafi hapheedhaan maaragdee mucicha isa keessa ciibsitee qarqara laga Abbayyaa goote. Obboleettiin isaa immoo wanta isa irra gahu ilaaluuf alaalaa irraa fagaattee too’atti ture. Yemmuu intalli mooticha Fara’oon dhiqachuudhaaf gara laga Abbayyaa dhuftu dubroonni isheedhaaf ergaman isa Museeen keessa jiru arganii itti fiiganii bananii yoo ilaalan daa’ima ta’ee argame. Innis ni bo’a ture. WarraIbrootaa keessaa waan ta’eef garaan ishee ni jibbe. Obboleettiin isaa garuu fiigdee dhuftee intala mootichaan,“Hoosiftee akka siif guddiftuuf dhaqee warra Ibrootaa keessaa takka siif waamuu,” jette. Intalli mootiis, “Eeyyee dhaqi,” jetteen. intalattiin dhaqxee haadha Musee waamtee fidde. Intalli mootichaas,“Mucaa kana fuudhi guddisi gatii siifan kenna,” jetteen. Harma ishee hoosiftee guddiste. Kana booda erga guddatee booda fiddee intalatiitti kennite. Isheenis ani bishaan keessaa baasera jettee Musee jettee moggaafte(Ba’uu. 2:10) Museen nama ga’aa erga ta’ee booda gaaf tokko gara sanyii isaatti gadi ba’ee hojii isa ba’aa ulfaataa isaanitti ta’e sana ni ilaale,namni Masrii tokko nama warra Ibrootaa keessaa isa tokko yemmuu rukkutu arge,innis asiifi achi ilaallatee booda namicha Masrii sana ajjeesee reeffa isaa cirracha jala dhokse. Guyyaa itti aanuttis ammoo Israa’elootni lama yoo wal lolan“Maaf walloltu jedhee gaafannaan,tokko si eenyutu abbaa murtee nu irratti si godhee?Moo akkuma kaleessa nama Masrii ajjeeste sana anas ajjeesuu barbaadda?” jedheen. Yemmuus Museen ni sodaate in yaadda’es.Dubbichi beekamu hin hafu jedhee gara luba Miidiyaamitti baqate. Yeroo achi gahus ijoollee dubroota Miidiyaam gargaaree bishaan obaaseef,innis mana isaaniitti gale. Yootoris intala isaa Siifooraa Museedhaaf ni kenneef. Ilmas ni deesseef(Ba’u.2:11-25,Ibr.11:24-26,Duuk.7:23-29,Lakk.12:1).

Bara dheeraa boodas mootiin Masrii ni du’e.Waaqayyos Israa’eloota ni yaadate. Waaqayyoos Musee ni waame. Akka saba isaa bilisa baasuufis Waaqayyo itti dubbate. Guyya tokko osoo bushaayee Yootoor tiksuu tulluu Kooreeb Siinaatti ergamaan Waaqayyoo arraba ibiddaa isa huuxxii qoraattii keessaa boba’u keessaatii Museetti muuldhate. Museenis gara huuxxii qoraattichaa ilaalee “kunoo huxxicha irratti abiddi ni argama,garuu hin gubanne. Yemmus Museen,“Wanta guddaa muuldhatu kana itti goree nan ilaala.Huuxxiin qoraatti kun maaliif hin gubanne laata?” jedhe. Waaqayyos achitti ‘Musee’‘Musee’ jedhee waamee,“Lafti ati irra dhaabbatte qulqulludhaatii kophee kee baafadhu,” jedheen. Yemmus Waaqayyo,“Ani Waaqayyo Waaqa abbootii keetiiti,” jedheen. Gadi qabamuu warra Israa’eliis akka argee fi isaan akka baasuuf isa filachuu isaa itti hime. Ulee ajaa’iba ittiin hojjetus fudhatee gara Fara’oon deeme. Fara’oonis dheekkamsa sagaliin inni kurnaffaa du’a hangafootaa fi inni kudha tokkoffaa galaana Eertiraa liqimsiisuundhiphina guddaadhaan Israa’eloonni akka galaana Eertiraa ceehan taasise(Ba’u.14:1-15:21,Ibr.11:27-29).

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Ijollen ortodoksi qofaf
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️
⬜️⬜️⬜️ play▶️ ⬜️⬜️⬜️
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️
_
Ijollen ortodoksi qofaf
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️
⬜️⬜️⬜️ play▶️ ⬜️⬜️⬜️
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️

Ijollen ortodoksi qofaf
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️
⬜️⬜️⬜️ play▶️ ⬜️⬜️⬜️
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️
_
Ijollen ortodoksi qofaf
°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°°
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️
⬜️⬜️⬜️ play▶️ ⬜️⬜️⬜️
⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️⬜️
⬜️

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Kitaabolee Afuurawaa kanneen keessaa isa kam barbaaddu?

💠 Kitaaba Qulqulluu
💠 Kitaaba Sirna Qiddaasee
💠 Raajii Maariyaam
💠 Kitaaba Hiikoo Andimtaa
💠 Sirna Mana Kiristaanaa
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa
💠 Kitaaba Aksimaaroos
💠 Kitaabolee Kadhannaa
💠 Dubbii Maariyaam
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa Itoophiyaa
💠 Qabsuura Duuka Bu'ootaa fi k.k.f mobile kanaa gadi jiru keessaa argadhaa!


👇👇👇

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Mallattoo Fannoo guddaa kana tuquudhaan waan isiniif bahu ilaalaa!


👇👇👇

✞✞✞✞✞✞
✞❤✞❤✞
✞❤✞❤✞
✞❤✞❤✞
✞❤❤❤ ✞ ❤❤❤✞
✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞✞
✞❤❤❤ ✞ ❤❤❤✞
✞❤✞❤✞
✞❤✞❤✞
✞❤✞❤✞
✞❤✞❤✞
✞❤✞❤✞
✞❤✞❤✞
✞❤✞❤✞
✞✞✞✞✞✞

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Baga jalabultii Ayyaana Waggaa Yaadannoo haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaamiin nagaan isin gahe!

Dabra Mixmaaq eessadha?

Sababni guyyaan kun kabajamuuf maalifi?

Abbootiin waa'ee Dabra Mixmaaqitti ibsamuu ykn mudhachuu haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam maal jedhan?

Qulqulluun Ephifaanewoos bifa haadha keenya Qulqulleettii Dubroo Maariyaam akkamitti ibse?

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

𝐊𝐀𝐁𝐀𝐑𝐎𝐎/ከበሮ
━═━═━═━═━

➥Akka baruumsa Ortoodoksii Tawaahidootti kabaroon gahee Guddaa fi icciitti guddaa qaba.Kabaroon fakkeenyaa gooftaa keenyaa lyyaasus Kiristoos jechuudha.

𝑸𝙖𝙖𝙢𝙤𝙤𝙩𝙖 𝑲𝙖𝙗𝙖𝙧𝙤𝙤

➩1.𝐊𝐮𝐭𝐚𝐚 𝐁𝐚𝐥'𝐚𝐚:- Fakkeenya waaqummaa kan agarsiisudha. Arjummaa, Dhiifama,Gaarummaa, araarrii fi barrii bulchiinsa isaa kan dhumaa hin qabnee nu yaadachiisa.

➩2. 𝐊𝐮𝐭𝐚𝐚 𝐃𝐡𝐢𝐩𝐡𝐚𝐚:-Amala namuummaa Gooftaa lyyaasus Kiristoosin fakkeeffama. Samii samiirra bu'ee Dubree Maariyaam irraa qaama dhiphaa fi hojjaa gabaabaan dhalachuun fakkeeffama.
Yoh.1:1-14.

➩3.𝐔𝐟𝐟𝐚𝐚𝐭𝐚 𝐊𝐚𝐛𝐚𝐫𝐨𝐨 :- Uffaata gooftaa keenyaa lyyaasus Kiristoos irraa Ayihuudoonni baasun carraaa buufataani, Kalaameeda diimaa itti uffiisani Uffaata yeroo awwaallamu ittiin gannaazan, Uffaata Ayihuudoonni ija hidhuun eenyutu si dhahee? Jechuun ittii qoosaniin fakkeeffama.

➩4.𝐓𝐞𝐞𝐩𝐡𝐚 𝐊𝐚𝐛𝐚𝐫𝐨𝐨𝐧 𝐈𝐭𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐐𝐚𝐛𝐬𝐢𝐢𝐟𝐚𝐚𝐦𝐞𝐞:- Kun gooftaa lyyaasus Kiristoos Yeroo Ayihuudoonni yoo rukkutan dirmaammuu dugda isaa irratti mul'isaanin fakkeeffama.Kan kabaroo ittin fanniifannuu immoo, Haada ayihuudoonni itti hidhuun duraa fi duubbatti ittin buutanin,Harkaa lamaan kan walitti ittiin hidhaaniin, fakkeeffama.Keessa dibbee kan jiru cirraacha lakkoofsan 3 ykn 5 baay'ataniidha. Kunis icciitin isaa yoo 3 ta'ee fakkeenya
saduummaa sillaaseetin fakkeeffama. Tokkuummaan sillaasee ammoo kabaroo tokkoo keessatti argaamu isaatti. Yoo 5 ta'ee icciiti mana amantaa shanaaniin fakkeeffama.

𝑨𝙠𝙠𝙖𝙖𝙩𝙖 𝑲𝙖𝙗𝙖𝙧𝙤𝙤 𝑰𝙩𝙩𝙞 𝑫𝙝𝙤𝙤𝙛𝙣𝙪/𝑹𝙪𝙠𝙪𝙩𝙖𝙢𝙪

➥Kabaroon yeroo dhahaamu akkumaa yeroo faarfannuu bitaa fi mirgaatti harkaafi qaama keenyaa sochoosnu kabaroos waliin sochoosu qabna. Kunis hiika mataa isaa qaba.

#Gooftaa_Keenyaa_iyyaasus_Kiristoos:- Haanna irraa gara Qaayyaaffa,Qaayyaaffaa irraa immoo gara philaaxoos erguun rakkisaa turaan nu yaadachisaa. Akkasumaa yeroo rukkutamuutti garanaa fi garaas sochoosun keenyaa makaraa sana yaadachuu keenya. Abboonni keenya
galgalaa Qinee Maahileeti irraatti Kabaroo lafa teechisuun ofiifis ta'aani dhahuu.Kun Gooftaan keenya lafaatti kufee rakkinaa hedduu arguu agarsiisa.

𝑲𝙖𝙗𝙖𝙟𝙖𝙖 𝑲𝙖𝙗𝙖𝙧𝙤𝙤𝙛 𝑲𝙚𝙣𝙣𝙪𝙪 𝑸𝙖𝙗𝙣𝙪𝙪

➥Kabaroon fakkeenya gooftaa keenyaa lyyaasus Kiristoos waan ta'eef kabajaan godhamuufi qaba.Hundii keenyaa yeroo dhoofnus yeroo teechisnu kabajaa godhuufi qabnu:-

➩ Sodaa waaqayyoon guuttamnee qabuu fi dhahuu.

➩ Yeroo dhoofnu seeraa isaa eegne dhahuu.

➩ kabaroon baanne daangaa malee uttaalu dhiisu

➩ Uffaata sirna qabeessa uffaanne qabuu/ Naxalaa Gabaabaa, Uffaata gabaaba, fi kkf dhiisu

➩ Shamaraan mataa qullaa, dhirrii mataatti uffaanne qabuurra of qusaachu.

➩ Dibataa garagaraa dibannee qabu dhiisu, / Qalamaa qeensa, kan nyaarra, kan hidhii, kan mataa-

➩ Ammumaan qabe hin kennu jechuun kabaroorraatt wal-ifaachu fi wal loluu dhiisu

➩ Yoo lafa goonu lafattii darbuu dhiisu.

➩ Yeroo rukutamuun alaatti rukutuurraa of dhoorku.

➩ lddoo seera qabeessa fi seeraan teechisuu qabnaa.Fkn,Yeroo teechisnuu cinaachani fi fannifamuu qaba.Yoo dhaabne teechisnu,yeroo qaama dhiphaa gara gadii, bal'aan garaa olii ta'uu qabuu.

𝑲𝙖𝙗𝙖𝙧𝙤𝙤𝙣 𝑴𝙖𝙘𝙖𝙖𝙛𝙖 𝑸𝙪𝙡𝙦𝙪𝙡𝙡𝙪𝙪 𝑰𝙧𝙧𝙖𝙩𝙩𝙞𝙞 𝑪𝙖𝙖𝙛𝙖𝙢𝙚𝙚𝙧𝙖?

➧Macaafni qulqulluun iddoo hedduutti maqaa kabaroo fi fayyiidaa isaa dubbaata. Isaaniis:

➪1.Obboolleettin Aroon raajiittiin Maariyaam kabaroo harkaatti fudhattee, dubbartoonnii hunduu kabaroo rukutaa duuka bu'aan.Seer. Bahuu. 15:19-20

➪2.Osoo natti himtaan turee gammaachuu, faarfannaa, kabaroo fi kiraaraan isiinin gaggeessa ture. Seer. Uuma. 31:2

➪3.Maqaa kee gammaachuu galateeffatu kabaroo fi baganaadhani faarfatu. Faar. Daw. 149:3

➪4.Kabaroo fi faaruun isaa jajaadha Faar. 150:4

➪5.Maseenqoo, kiraara, kabaroo,uluullee, daadhii waaynis qabu. Isa 5:12,

Читать полностью…

Ortoodoksii ishee dhugaa

Eebbifamoo Abbaa Saawiroosi hoji gaggeessaa mana lubummaa walii galaa, eebbifamoo abbaa Diyoosqooroos ammoo barreessaa qulqulluu Sinodoosii ta'uun filataman. Bara hojii gaarii isinii hawwina.

Читать полностью…
Subscribe to a channel