oromoquen | Unsorted

Telegram-канал oromoquen - Shamarran jannata 😍😘

1208

✍O Allah forgive me, ✍have mercy on me, ✍guide me, ✍ support me, ✍protect me, ✍provide for me and ✍elevate me. ✍Amen ya Rabbii ✍اللهم إني ✍ أسألك إيمانا دائما ✍وأسألك قلبا خاشعا ✍وأسألك علما نافعا ✍وأسألك يقينا صادقا

Subscribe to a channel

Shamarran jannata 😍😘

🌹 Chaanaalota babbareedoo fi jaalatamoo barnoota irraa argachuu dandeessan isiniif qabannee dhiyaannee jirra.
Maarree isinis join godhaa !!
Warreen chaanaalii beeksifachuu barbaaddan immoo @ibnu_surur qunnamaa!!
🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏🙏

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

Assalamualyeekum Worahamtullaahi wobarakaatuhu

kabajamtootaa obboleewwan muslimaa hundi kan hundee ykn bu'uura amantaa ofii baruu barbaaddan kunoo nutis barnootawwan hundee islaamaa tahan karaa gabaabinaan qabannee isiniif dhihaanne jirra isinis carraa kanatti fayyadamuun mata-dureewwan gaditti isiniif tarreessine kanarra tuquun Kottaa gahee keessan bahadhaa isiniin jenna.

🚸Barnoota Aqiidaa 🚸

🚸Barnoota Toohidaa 🚸

🚸Barnoota seenaa/siiraa 🚸

🚸Barnoota waa'ee iimaana🚸

🚸Barnoota Toowbaa 🚸

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

‏اللهم فاطر السموات والأرض، عالم الغيب والشهادة رب كل شيء ومليكه أشهد أن لا إله إلا أنت، أعوذ بك من شر نفسي وشر الشيطان وشركه، وأن أقترف على نفسي سوءً أو أجره إلى مسلم

صلاة العصر أثابكم الله 🤍

Yaa Rabbii Uumaa samii fi dachii, Beekaa beekumsa fagoo fii dhihoo tahe, Gooftaa fi Mootii waan hundaa, Si malee gabbarri biraa akka hin jirre ragaa nan baha. Badii lubbuu kootii, badii sheyxaanaa fi shirkii isaa irraa, badii ofirratti raawwachuu ykn muslima irratti fiduu irraa sitti maganfadha.

Salaata Asrii, Rabbiin isin ha woffaqu 🤍

Telegram
Facebook

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

#Dalagaa teetiin galata akkamii barbaadda?

•Nama dalagaa isaatin addunyaa qofa argatuu fedhu, kan isii malee waan biraa hin barbaanne sun akka nama kuffaaratii, waan rabbiin isaa kennuu fedhu, isaa kenna, waan inni argatuu fedhee miti sanuu nama isaa kennuu feedheef, kuffaarri waa haddu hawwaa, garuu muraasa isaa malee hin argatu,

inumaa isaaniraa hedduun muraasa sanuu argatuu fedhaa, haa tayuu osoo hin argatin hafa, akkasitti hiyyummaan addunya'aa aakhira'aa isarratti walitti qabamti, eega waan addunya'arraa argateen xiqqo qanani'e aakhira'atti ibidda jahanm seena Isaa jibbama fi rahgmata Rabbirraa darbama ta'e.

•Ammoo namni mu'minni durummaa Aakhiraa filatee, yoo addunyarraa waa argate tolte ammoo yoon argatin, wanni inni yaadu akka hiyyummaan inni keessa jiru durummarra isaa caaltu Rabbi biratti.

*Namni Aakhiraa maraxatee, Dalagaa aakhiran maltu dalage, amanee waan aakhiraan malu dalage, Dalagaan isaanii waan galata qabaati kan Rabbiin iraa qeebalee, sawaaba isaanii kennu.

Yaa rabbi nu milkeessi.

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

#Dalagaa teetiin galata akkamii barbaadda?

•Nama dalagaa isaatin addunyaa qofa argatuu fedhu, kan isii malee waan biraa hin barbaanne sun akka nama kuffaaratii, waan rabbiin isaa kennuu fedhu, isaa kenna, waan inni argatuu fedhee miti sanuu nama isaa kennuu feedheef, kuffaarri waa haddu hawwaa, garuu muraasa isaa malee hin argatu,

inumaa isaaniraa hedduun muraasa sanuu argatuu fedhaa, haa tayuu osoo hin argatin hafa, akkasitti hiyyummaan addunya'aa aakhira'aa isarratti walitti qabamti, eega waan addunya'arraa argateen xiqqo qanani'e aakhira'atti ibidda jahanm seena Isaa jibbama fi rahgmata Rabbirraa darbama ta'e.

•Ammoo namni mu'minni durummaa Aakhiraa filatee, yoo addunyarraa waa argate tolte ammoo yoon argatin, wanni inni yaadu akka hiyyummaan inni keessa jiru durummarra isaa caaltu Rabbi biratti.

*Namni Aakhiraa maraxatee, Dalagaa aakhiran maltu dalage, amanee waan aakhiraan malu dalage, Dalagaan isaanii waan galata qabaati kan Rabbiin iraa qeebalee, sawaaba isaanii kennu.

Yaa rabbi nu milkeessi.

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

۞- Irra bareedaan,irra urgaawaan,irra mi'aawaa fii irra caalaan wayii duniyaa kana irratti TOWHIIDA.

۞-Laa ilaala illallaah! Maalumaa akkanatti TOWHIIDA bareeche?. Maalumaatu akkanatti isa urgeeyse?. Maalumaatu akkanatti isa mi'eeyse?.  Subhaanallaahil Aziim».

✓. Yaa Sayyidii! Yaa mowlaaya!  Garboota si qofa gabbaran kanneen siin durooman warra Towhiidaa kanneen sunnaa fii towhiida irratti jiraatanii sunnaa fii towhiida irratti du'an nu taasisi. »ღ

۞-Warrabbis-Samaa'i! duniyaa kana keessatti tolli akka towhiidaa nuuf kennee towhiida irratti nu jiraachisee towhiida irratti nu ajjeesuu caalte tokkolleen numa hin jirtu.»ღ


Sha'ban 25,1446H


/channel/keyralumma

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

Fazakkir / yaadachiisi || Dalagaa tikfachuu
﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩﬩

يَٰٓأَيُّهَا ٱلَّذِينَ ءَامَنُوٓا۟ أَطِيعُوا۟ ٱللَّهَ وَأَطِيعُوا۟ ٱلرَّسُولَ وَلَا تُبْطِلُوٓا۟ أَعْمَٰلَكُمْ

#Yaa warra Rabbitti amane Rabbifii Rasuula dhagayaa, Dalagaa keessan cubbuu dalaydanii hin balleessinaa, diliin gariin, dalagaa balleessiti tokko kafaruudhaann, namni kafare, wanni gaarin inni dalage marti duraa baddi.

#Ammoo diliin gariin, dalagaa hin balleessitu sawaaba dalagaa balleessiti, nama garsiifatuuf dalaguun faa, namni garsiifataaf salaatu sawaaba hin qabuu. haa tahuu salaanni isaa hin baddu, ammas waan kennaniin dhaaddatuun sawaaba waan kennanii balleessiti.

#Waan kennanin dhaaddatuun yoo Rabbiin waan gabroota isaatii godheen dhaadatuu taate malee, waan namaa kennan dubbatuun gaariii miti dalagaa fardii, tan akka salaataa eega itti seenanii cabsuun, uzriiin male'itti, hin gayu sun salaata balleeysuu taya, ammo sunnaan akkasii miti yoo sunnaa hajjiitifii umra'aa taate malee.

https://www.facebook.com/Keyralumma

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

⭐ الحكم 𝙷𝙸𝙺𝙼𝙰𝙰𝚆𝚆𝙰𝙽
☾︎𝔻𝕌𝔹𝔹𝕀𝕀𝕎𝕎𝔸ℕ 𝕆𝔾𝕌𝕄𝕄𝔸𝔸 𝕐𝕂ℕ ℚ𝔸ℝ𝕌𝕄𝕄𝔸𝔸☽︎

Fakkeenyi mu'imnaa akka fakkeenya kanniisaatii; nyaata gaariin ala hin nyaatu, dalagaa gaariin alas hin hojjatu Imaamu Ash-Ashaafi'ii
⭐⭐⭐

"Dondha namaati jechuun nama maqaan kiyya isa biratti dubbatamee ana irratti rahmata hin buufne."
Tirmiiziin akka gabaasanitti
⭐⭐⭐

Namni waan xiqqoo argatee Rabbiin hin galatoofnfanne, baay'ees yoo argate Rabbiin hin galatoonfatu, namni namas hin galatoonfanne Rabbiinis hin galatoonfatu. Beeyhaqiitu gabaase

⭐⭐⭐

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

KUTAA 5️⃣FFAA 
Kutaa 4ffaa dubbisuu hubadhaa
SIIRAA (SEENAA) NABII MUHAMMAD ﷺ 

SIIRAA-LAKK.1B
Sammubani
1.1 Impaayara Roomaa
Impaayarri Roomaa impaayara bahaa “impaayara Bezantaayin” jedhamun kan beekkamuudha. Biyyoota akka Giriik, Balkaan, Eeshiyaa, Sooriyaa, Filisxeem, Ijibt fi Kaaba Afrikaa guutuu bulchaa turan. Magaalan guddittiin isaanii Konistantipol (Istanbul yeroo ammaa) turte. Impaayarri Roomaa kuni mootummaa zaalimaa (cunqursaa guddaa raawwatu)fi ummata bulchuu garmalee kan hacuucu ture. Akkuma beekkamu yoo humni alaa biyya tokko qabatu, jiraattota biyya sanii too’anna jala oolchuuf tooftaaleen badaan inni hin fayyadamne hin jiru. Mootummonni abbaa irree kunniin ummata bulchaniif mararfannaa wayitu hin agarsiisaniif. Ummanni Sooriyaa liqaa isaanii kafaluuf hanga ijoollee isaanii gurguruu gahanitti rakkoon diinagde impaayara Roomaa jalatti garmalee itti cime.

Gama biraatin hawaasni Roomaa wal faalleessuu fi jeequmsa guddaan kan guuttameedha. Kitaaba “Qaroominna Darbee fi Ammaa” jedhu keessatti jechi kuni dhufee jira: Jireenya hawaasumma Bezantaayin keessatti jeequmsaa fi wal faallessuu guddaatu ture. Amantin sammuu isaanii keessatti hidda qabatee jira moloksummaan kan babal’ateedha. Biyyatti keessatti namni aadaan (tara saw) qorannoo amanti keessatti garmalee kan gadi lixuu fi falmii Bezantayiinin kan of ko’oomsu ta’e. Gama biraatin ummanni wanta faaydaa hin qabnee taphaa bashannanu fi badii keessatti taruun kan haguuggamaniidha..”2

1.2 Impaayera Pershiyaa (Iraan)
Impaayerri Pershiyaa impaayara Bezantayin caalaa guddaa fi humna cimaa qabaa ture Amantin kijibaa akka Zorostrayinismi fi Misraayism lafa Pershiyaa keessatti kan babal’ataniidha. Amanti Misraayismi (maaniyya) jaarraa 3ffaa keessa nama Maani jedhamutu hundeesse. Ergasii jalqaba jaarraa 5ffaa amantin Mazdakiyyah wanta badaa hunda hayyamu mul’ate. Kanarraa kan ka’e fincilli qotee bultootaa ni babal’ate saamtonni mana dureeyyi seenun ni saamu. Dubartoota ni qabu ykn ni hidhu qabeenyaa fi manneen ni too’atu. Lafti qonni fi manneen akka waan duraan homtu keessa hin jiraanne ta’an. Sababni isaas qotee bultoonni waan irraa dheessaniif lafa kana kan qotu hin jiru.

Moottonni isaanii dhaalan bulchu. Ilmaan Aadami ol bakka guddaa kanneen of kaa’anii fi garmalee mufsidoota (balleessaa kan babal’isan) turan. Sababni isaas, sanyii gooftaa isaanii akka ta’anitti of ilaalu. Wanti Pershiyaa keessatti oomishame hundi qabeenyi mootota ta’a. Ergasii haala hin yaaddamneen qisaasessu daangaa darbee qisaasessu. Qotee bultoonni baay’een takkaa gibira humnaa olii sodaachun takkaa immoo loltummatti seenu irraa sodaachuun lafa isaanii gatanii iddoolee waaqefannaatti baqatan. Lolli impaayara Pershiyaa fi Roomaa jidduutti yoo baname mootumman pershiyaa kuni ummata isaa kaayyoo ofii gahuuf itti fayyadama. Lola ykn waraana kanarraa ummanni homaa hin fayyadamu. Kan fayyadamu mootii qofa.

2-Haala ummata Hindii Awrooppaa fi Arabaa

2.1 Ummata Hindi
Islaamni dhufuun dura naannawa jaarraa 6ffaa keessa Hindiin wallaalumma keessatti tan tarteedha. Gochoonni fokkuun jirraattota hindiitiin akka qulqulluutti ilaallaman manneen waaqefanna keessatti raawwatama turan. Dubartoonni gatii fi kabaja homaatu akka hin qabnetti ilaallamaa turan. Dubartii abbaan manaa irraa du’e gubuun aadaa ta’uun ummata kana keessa babal’ate jira. Dhiirsi ishii erga du’ee booda yoo jiraatte, kan biraatti heerumuun ishii irratti haraama (dhoowwamaa) dha. Hindin addunyaa irraa kophatti bahuun gara wallaalumma guddaatti geesse. Jiraattoonni biyyatti seeraa nyaata ofirratti jabeessan (Fkn foonii fi oomisha horii soorachu dhiisu Biqiltoota qofa nyaatu).

Sadarka hawaasummaa yoo ilaalle warroonni amanti seera baasan jiraattota biyyatti sadarkaalee afuritti qoodu: Sadarkaa 1ffaa- Raagdu fi namoota amantii. Isaan kuniin “Baraahama” jedhamu.

SIIRAA-LAKK.1C itti fufa inshaa'llaah.....
/channel/keyralumma

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

Keyralumma Page ✍️ Facebook

Hariiroon rabbii wajjin qabaatan

Mukuu nama baasti
Nama suphiti
Jalqaba citiinsa hin qabne
Rabbiin immoo yoggaa si jaallatte

Ni mul'ata ifaan isaa
Fuula keerratti
Amala keerratti
Deemsa keerratti
Ejjennoo keerratti


Dachiidhaafii wanna isheerraa siif laaffisa
Akka qalbii kee isatti malee waan biratti hin rarraaneef

Waaninni jaalatu jaallatta
Waaninni jibbu jibbita
Dhoksaatti mullataattis akkanni si waliin jiraachuusaa agarta
Nageenyaafii tazgabbiin jiraatta


Yaa Allaah hariiroon gaarii si waliin qabaachuu nuuf hiri

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

✍️𝙂𝘼𝘼𝙁𝙁𝙄𝙄 𝙆𝙀𝙀𝙉𝙔𝘼 𝘼𝙍𝙍𝘼𝘼
𝙆𝘼𝙉𝘼𝙍𝙍𝘼𝙏𝙏𝙄 𝙃𝙄𝙍𝙈𝘼𝘼𝘿𝙃𝘼𝘼✍

➖➖➖➖➖➖➖➖➖
by @keyralumma ✍️

1️⃣ Yeroo jalqabaatiif Namni Saatii kudha lamaan Tilmaamee kaahe Akka woktiin/yeroon Salaataa beekamuuf eenyu jedhama?

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

@keyralumma @keyralumma

Yaa Gaazaa Rabbiin Siif hafaadha, gaafa namni hafne..
يا غزة يبقى الله، حين لا يبقى احد..

فلسطين_حرة_وستبقى_حرة_للأبد🇵🇸🇵🇸🇵🇸"وَلَا تَحْسَبَنَّ الَّذِينَ قُتِلُوا فِي سَبِيلِ اللَّهِ أَمْوَاتًا بَلْ أَحْيَاءٌ عِنْدَ رَبِّهِمْ يُرْزَقُونَ" 💔🇵🇸🇵🇸🇵🇸

🇵🇸الارض لنا والقدس لنا والله بقوته معنا ✌🏻✌🏻✌🏻✌🏻✌🏻✌🏻✌🏻✌🏻حسبنا الله ونعم الوكيل اللهم انصر اخواننا في فلسطين اللهم امين يارب العالمين والصلاه والسلام على سيدنا ونبينا وحبيبنا محمد✌️✌️♥️فمن أَلِفَ المشهدَ فقد خان
ومن اعتادَ المنظرَ فقد خذلَ..!

حَسْبُنَا اللَّهُ وَنِعْمَ الْوَكِيلُ 💔
Rabbiin Keenya nuuf gahaadha

https://www.facebook.com/share/1FerBGD3VQ/

Shear 🌹👇 join 👇
T.me/keyralumma

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

"Yaa Rabbi qalbii koo naa qajeelchi" jechuu hin dagatin.
Rabbiin yoo qalbii kee qajeelche wanti hundi siif salphata.

Yaa Rabbi qalbii keenya qajeelchi towbaa keenya qeebali 🤲

Salaata Magriiba 💜

لا تنسى أن تلح ب " اللهم اهدِ لي قلبي "
فإنه والله لو ه‍ٌدي قلبك هَان عليك كل شيء.‌💜

اللهم اهد لنا قلوبنا و تب علينا 🤲

صلاة المغرب 💜

@keyralumma

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

اللهُم أحسن عاقبتنا في الأمور كلّها، وأجرنا من خزي الدُنيا وعذاب الآخرة، اللهُم أحينا مُسلمين، وتوفنا مُسلمين، وألحقنا بالصالحين. 🤲🤲🤲

صلاة المغرب أثابكم الله 💜


Yaa Rabbi dhimma hunda keessatti bu’aa gaarii nuuf kenni, salphina adunyaa fi azaaba aakhiraa irraa nu oolchi. Yaa Rabbii Muslima taanee haa jiraachuu, Muslima taanee haa duhuu, warra qajeeltotaa waliin wol nudhaqqabsiisi 🤲🤲 Aamiin allaahumma Aaamiin

Salaata maghriiba, Rabbiin mindaa 💜 isiniif haa kaffalu

Share ☪️☪️👇👇
T.me/keyralumma

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

@keyralumma @keyralumma

.🎇 Yaadachiisuu fi Gammachiisuu🌹

👇🎁👇🎁👇🎁👇🎁👇

👉💥 Kamisa aduun lixxee hanga Jimaata lixuutti sekondii hundi isii keessa jiru dilbii/qabeenya hojii gaarii of keessa qaba

👉🌹 Kanaaf Rasuularratti (SAW) Salawaata baay'ee buusaa♥

👉✅ Namni yeroo hunda Nabiyyiif Rahmata kadhate, yaaddoon isaa ni hir'ata, dilii isaas ni araaramama. 🍃🌾

Yaa Rabbi Caalaa keenya Muhammad, maatii isaa, fi sahaabota isaa hunda irratti barakaa fi nagaa buusi.

🌨🌹🌨🌹🌨🌹🌨🌹🌨

Dhugumatti Rabbiin Nabiyyii irratti barakaa ni buusu, Malaaykonni Isaas [Rahmata kadhatu]. Yaa warra amantan nagaa fi rahmata irratti buusaa

🌨🌹🌨🌹🌨🌹🌨🌹


.🎇 تذكير وتبشير🌹

👇🎁👇🎁👇🎁👇🎁👇

👈💥 ‏من مغرب يوم الخميس إلى مغرب يوم الجمعة كل ثانية فيها خزائن من الحسنات🍃☘

👈🌹 ‏فـــأكـــثـــروا مـــن الـــصـــلاة عـــلـــى الـــنـــبـــي♥

👈✅ ‏فإن من لزم الصلاة على النبيّ كُفي همّه و غُفر ذنبه🍃🌾

ٱللَّـﮬـُمَّ صـَلِِّ وَسَلِّـمْ ؏َـلَے سَيِّدِنَـا مُحَمـَّد ﷺ وَ؏ـَلَے آلِـہِ وَ صَحْبِـہِ أَجْمَـ؏ـينْ

🌨🌹🌨🌹🌨🌹🌨🌹🌨

﴿إِنَّ اللَّهَ وَمَلَائِكَتَهُ يُصَلُّونَ عَلَى النَّبِيِّ يَا أَيُّهَا الَّـذِينَ آَمَنُـوا صَلُّـوا عـَلَيْهِ وَسَلِّمُوا تَسْلِيمًا﴾"

🌨🌹🌨🌹🌨🌹🌨🌹

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

#Dalagaa teetiin galata akkamii barbaadda?

•Nama dalagaa isaatin addunyaa qofa argatuu fedhu, kan isii malee waan biraa hin barbaanne sun akka nama kuffaaratii, waan rabbiin isaa kennuu fedhu, isaa kenna, waan inni argatuu fedhee miti sanuu nama isaa kennuu feedheef, kuffaarri waa haddu hawwaa, garuu muraasa isaa malee hin argatu,

inumaa isaaniraa hedduun muraasa sanuu argatuu fedhaa, haa tayuu osoo hin argatin hafa, akkasitti hiyyummaan addunya'aa aakhira'aa isarratti walitti qabamti, eega waan addunya'arraa argateen xiqqo qanani'e aakhira'atti ibidda jahanm seena Isaa jibbama fi rahgmata Rabbirraa darbama ta'e.

•Ammoo namni mu'minni durummaa Aakhiraa filatee, yoo addunyarraa waa argate tolte ammoo yoon argatin, wanni inni yaadu akka hiyyummaan inni keessa jiru durummarra isaa caaltu Rabbi biratti.

*Namni Aakhiraa maraxatee, Dalagaa aakhiran maltu dalage, amanee waan aakhiraan malu dalage, Dalagaan isaanii waan galata qabaati kan Rabbiin iraa qeebalee, sawaaba isaanii kennu.

Yaa rabbi nu milkeessi.

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

#Dalagaa teetiin galata akkamii barbaadda?

•Nama dalagaa isaatin addunyaa qofa argatuu fedhu, kan isii malee waan biraa hin barbaanne sun akka nama kuffaaratii, waan rabbiin isaa kennuu fedhu, isaa kenna, waan inni argatuu fedhee miti sanuu nama isaa kennuu feedheef, kuffaarri waa haddu hawwaa, garuu muraasa isaa malee hin argatu,

inumaa isaaniraa hedduun muraasa sanuu argatuu fedhaa, haa tayuu osoo hin argatin hafa, akkasitti hiyyummaan addunya'aa aakhira'aa isarratti walitti qabamti, eega waan addunya'arraa argateen xiqqo qanani'e aakhira'atti ibidda jahanm seena Isaa jibbama fi rahgmata Rabbirraa darbama ta'e.

•Ammoo namni mu'minni durummaa Aakhiraa filatee, yoo addunyarraa waa argate tolte ammoo yoon argatin, wanni inni yaadu akka hiyyummaan inni keessa jiru durummarra isaa caaltu Rabbi biratti.

*Namni Aakhiraa maraxatee, Dalagaa aakhiran maltu dalage, amanee waan aakhiraan malu dalage, Dalagaan isaanii waan galata qabaati kan Rabbiin iraa qeebalee, sawaaba isaanii kennu.

Yaa rabbi nu milkeessi.

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

Assalamu aleyikum werahmetullaahi woberekatuh
Baga rabbiin ayyaana woggaa eidal ad-ha Arafaa kan bara hijraa 1446tin nagaan isin gahe Eid Mubarak

🌙🌟عيد مبارك 🌴🌴تقبل الله منا ومنكم صالح الأعمال 🌴🌴كل عم وأنتم بخير🌟🌙🌹 Eid-Mubarek 🌙🌹ዒድ-ሙባረክ🌹🌙

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

SEENAA KUTAA 1️⃣4️⃣FFAA

KUTAA 1️⃣4️⃣FFAA (D)
Kutaa 13ffaa dubbisuu hubadhaa
SIIRAA (SEENAA) NABII MUHAMMAD ﷺ 

SIIRAA-LAKK.3D
Yeroo Nabiyyiin (SAW) ergaman san ummanni Roomaa fi Pershiyaa gabrummaa moototaa jalatti kufanii jiru. Ummanni kuni yaada ofii ibsachuu hin danda’an. Garuu Araboonni gabrummaa mootii jalatti hin kufne. Bilisummaa guutuu qabu. Yaada ofi akka fedhanitti ibsatu. Bilisummaa fi gootummaan isaan qaban ergaa Islaama guddaa kana akka baadhatanii fi addunyaatti geessan sababa guddaa ture. Namni mataa ofiitii bilisummaa yoo hin qabaatin, akkamitti nama ykn biyya biraa bilisoomsu danda’aa?

Kuni haala fi amaloota ummataa yeroo sanii biiftuun Islaamaa itti baatedha. Sababni biraa Nabiyyiin Makka keessaa itti filatameef du’aayin nabii Ibraahimii fi Ismaa’il qeebalamuudha. Manni jalqabaa ibaadaf dachii irratti namootaaf ijaarrame Ka’abaadha. Qur’aana keessatti:

“Dhugumatti, Manni jalqabaa tolli isaa kan baay’atee fi aalamaaf qajeelcha ta’uun ilma namaatiif kaa’ame (hundeefame) kan Bakkah (Makkaan) jiruudha.” Suuratu Aali-Imraan 3:96

 Nabii Ibraahimi fi Ismaa’il bu’uura mana jalqabaa kana (Ka’abaa) erga olkaasanii booda akkana jechuun du’aayi godhan:

“Gooftaa keenya! Ergamaa isaan irraa ta’e, kan keeyyattoota (aayaata) Kee isaan irratti qara’u, kan kitaaba fi ogummaa isaan barsiisee isaanis qulqulleessu isaan keessatti ergi. Dhugumatti, Ati akkaan Injifataa, Ogeessa.” Suuratu Al-Baqarah 2:129
Du’aayin tunis fudhatama argachuun (qeebalamuun) nabiyyiin xumuraa Makkaan keessaa ni ergame.

Sababni biraa, teessumni lafaa odola (jaziiraa) Arabaa handhuraa waamicha Islaamaa addunyaa guutuu itti dhaqabuuf iddoo mijaawadha. Odola jechuun lafa bishaanin marfameedha. Odolli Arabaa biyyoota akka Saa’udi Arabiyaa, Yaman, Kuweet, Omaan, Bahreeni, United Arab Emirates fi Qaxaarin of keessatti qabata.

Odolli Arabaa kuni ardii Eeshiyaa keessatti haa argamuyyuu malee ardii Afrikaa fi ardii Awroppaatti dhiyoodha. Naannawa kanatti qaroominni kan dagageedha, amantiin kan cimee fi karaaleen daldalaa as keessa qaxxaamuru. Odolli Arabaa humnoota gurguddoo yeroo san wal dorgoman lama jidduutti argama. Humna Kiristaanaa fi humna majuusaa, humna dhiyaa fi humna bahaa. Humni Kiristaanaa impaayara Roomaa bahatti argamuudha. Humni majuusa immoo impaayara Pershiyaa dhiyaatti argamuudha. Kana hunda waliinu mootummoota lamaan kanniinif hin bitamne. Daarin ishiitin gosoota xiqqoo yoo ta’e malee. Odolli Arabaa teesummaa lafaa gaarii irra waan tureef wiirtuu namoota addunyaa guutuu itti waaman ta’e.

Dr.Hasan Kamaal-din Yuniversiti Riyaada irraa qo’annoo fi qorannoo gaggeessen bu’aa kanarra akka gahee ni labsa: Giloobi Ardii irratti Makkaan handhuura dachiiti. Qorannoo isaa sarara kaartaa fageenya bakki hundi Makkaa irraa qaban safaruun jalqabe. Kanas kan godheef, kaartaa fayyadamee meeshaa qiblaa agarsiisuu sirreessuf carraaqaa ture. Osoo carraaqu tasa Makkaan walakkaa (handhura) addunyaa irratti akka argamtu kaartaa irratti argate.[2]  

Kana hundaaf Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Makkaan iddoo ergamaan itti bahuu fi ergaan Isarraa itti bu’u ergasii tuqaa ka’uumsaa Islaamni addunyaa guututti itti faca’u akka taatuf filate.

“Rabbiin ergaa Isaa eessa akka kaa’u hunda caalaa beeka.” Suuratu Al-An’aam 6:124
/channel/keyralumma

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

KUTAA 1️⃣1️⃣FFAA  (3A)
Kutaa 10ffaa dubbisuu hubadhaa
SIIRAA (SEENAA) NABII MUHAMMAD ﷺ 
Nabii Muhammad (SAW) Maaliif Araboota irraa ergaman?
Siiraa kutaa darbe keessatti haala ummataa fi amantii addunyaa jaarraa 6ffaa ilaalle turre. Jaarraan kuni jaarra dukkanni wallaalummaa fi zulmii addunyaa haguugeedha. Karaan tokkichi dukkana kana itti deemsiisan aduun nabiyyummaa bahuudha. Garuu Nabiyyiin kuni eessaa yoo bahe, dukkana kana salphatti deemsiisuun danda’amaa? Haala ummataa fi teessuma lafaa bakka Nabiyyiin kuni keessaa bahuu qorachuun baay’ee barbaachisaadha. Ummata filoosofin guuttame keessaa osoo nabiyyiin bahee sila filoosofii sani fi yaada badaa qalbii isaanii irraa haaqun hangam akka ulfaatu mee itti yaadi! Ammas, ummata dabeessaa fi gootummaa hin qabne keessaa Nabiyyiin osoo bahee silaa akkamitti ummanni kuni itti gaafatamumma ergaa Rabbii baadhachuun ummata birootti geessu danda’aa? Ammas, teessumni lafaa handhuura addunyaa irraa kan fagaate fi addunyaa biroo dhaqqabuuf kan ulfaatu yoo ta’e, nabiyyin bakka akkanaati yoo bahee akkamitti ergaa kana addunyaatti geessun danda’amaa? Kanaafu, ifa nabiyummaa addunyaa ibsu kanaaf bakka sirrii filachuun barbaachisaadha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Rabbiin ergaa Isaa eessa akka kaa’u hunda caalaa beeka.” Suuratu Al-An’aam 6:124
Mata-duree kana ilaalchisee dubbii Abul Hasan Nadawi itti haa fufnu:
Rabbiin hikmaa (ogummaa) Isaatiin aduun nabiyummaa dukkana bittineesituu fi addunyaa ifaa fi qajeelinnaan guuttuu odolaa Arabaa irraa akka baatu barbaade. Odolli Arabaa kuni dukkanni isaa dukkana hundarra caalu ifa garmalee barbaadu ture. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waamicha kana jalqaba akka fudhatan, ergasii addunyaa fagoo hundatti akka geessan Araboota filate jira. sababni isaas,saleedaan qalbii isaanii qulqulluu ture. Barreefamni dhokataa fi gadi fagoon irraa haquu fi balleessun ulfaatu saleeda kanarratti (qalbii isaanii) irratti hin barreefamne. Dhimmi isaanii akka Roomaanotaa, Pershiyootaa, Hindoota fi Girikootaa miti. Roomaanonni, Pershiyoonni fi Girikoonni yeroo sanitti beekumsa isaanii,hogbarruu dagagee, qaroominna guddaa fi filoosofii bal’aan kan raata’an turan. Guduunfaa nafsee fi yaadaa hiikun salphaa kan hin taanetu isaan bira ture.(Warroonni kunniin garmalee filoosofii fi yaada sobaa adda addaatti waan taraniif qalbii isaanii irraa amantii fi yaada sobaa deemsiisun baay’ee ulfaatadha.
Garuu Araboonni saleedaa qalbii isaanii irra barreefama salphaa harki wallaalummaa fi baadiya barreesse malee homaa hin jiru. Kanaafu, barreefama salphaa kana haquu fi dhiquun bakka kanaa barreefama haarawa irratti katabuun salphaadha. Beekumsa yeroo ammaattin yommuu ibsamu: Araboonni warra “Al-Jahlul Basiix (Wallaalummaa Salphaa” ti. (Wallaalummaa salphaa jechuun beekumsa wanta tokkoo dhabuudha. Fkn, Lolli Badr yommuu gaggeefame jedhamee namni yoo gaafatame, “Ani hin beeku” yoo jedhe, kuni walaallummaa salphaadha.Namni wallaalummaa salphaa qabuu aalima (hayyuu) ta’uu danda’a.) Araboonni yeroo sanatti walaalummaa salphaa kana waan qabaniif haala salphaan fayyisuun ni danda’ama. Ummanni biroo qaroominnaa fi falaasfaan dagaagan immoo “Al-Jahlul Murakkab (Walaallummaa Walitti naqameen)” kan tuqamaniidha. Walaallummaa Walitti naqame (makame) jechuun wanta tokko faallaa inni irra jiruu hubachuudha. Fkn, Lolli Badr yommuu gaggeefame jedhamee namni tokko yoo gaafatame, “Akka Hijraatti bara 3ffaa” yoo jedhe, kuni walaallummaa walitti naqameedha. Lolli Badri akka hijraatti bara 2ffaatti gaggeefame. Namni kuni faallaa dhugaa lola Badrii waan hubateef wallaalummaan isaa wallaalummaa walitti naqameedha.) Walaallummaa walitti naqamee sammuu keessaa haquun garmalee ulfaata. Sababni isaas, namni kuni soba akka dhugaatti ilaalun waan amaneef, amantiin qalbii isaa keessatti lixee jira. Kanaafu, amantii sobaa kana haaqun garmalee ulfaata. Garuu namni wallaalummaa salphaa qabu, waa’ee wanta sanii waan hin beeknef, amantiin sobaas ta’ee amantiin dhugaa qalbii isaa keessatti hin lixne.Kanaafu, amantii fi yaada dhugaa yoo itti fidan haala salphaan fudhata.
Kutaa 12ffaan (3B)itti fufa..

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

Assalamualyeekum Worahamtullaahi wobarakaatuhu

kabajamtootaa obboleewwan muslimaa hundi kan hundee ykn bu'uura amantaa ofii baruu barbaaddan kunoo nutis barnootawwan hundee islaamaa tahan karaa gabaabinaan qabannee isiniif dhihaanne jirra isinis carraa kanatti fayyadamuun mata-dureewwan gaditti isiniif tarreessine kanarra tuquun Kottaa gahee keessan bahadhaa isiniin jenna.

🚸Barnoota Aqiidaa 🚸

🚸Barnoota Toohidaa 🚸

🚸Barnoota seenaa/siiraa 🚸

🚸Barnoota waa'ee iimaana🚸

🚸Barnoota Toowbaa 🚸

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

🔔Habibi Do U know Who you are?.
::::::::
^^^^^^^
^^^^^^^
::::::::
Follow it We will tell you?.

🗡Obboleessa koo✅.
📌Ati Nama rabbiin filate.
📌Ati nama Rabbiin kabajedhaam.
📌Ati nama rabbiin Jannata sana qopheesseefiim.
📌Ati bar Kan bakka ergamaa rabbii ﷺ buutee ergaa isaanii baatte jirtu.
📌si'iim Kan Har'a Bakka Umari fii Hamzaa jirtu.
📌Si'iim Silaa kan har'a Akka mus'aab ibnu umeeyrii Biyya da3waadhaan jijjiirtu.
📌Si tureem silaa Kan rakkoo hawaasa muslimaa addunyaa kanaaf furmaata barbaadu.
📌si tureem silaa kan Aduwwii qur'aanaa,aduwwii masjiidaa,aduwwii hijaabaa, kan deebisuu qabu.
📌si tureem kan Adeemsa ittiin bulmaata shar'aatiif kan karaa mijeessuuf si'iim silaa kan shariaan addunyaa bulchuu qabu.
📌Ammallee suma kan ulamaa'ii keenya dhumaa jiran/kan umriin deeman kana irraa beekumsaa isaanii fuudhee dhaloota dhufutti dabarsu.


🔰Sidhaam, yaa akhii, yaa obboleessa Koo
dammaqqi ofbari
🔰Simalee kan biraa hin eegin.
👉 Kan maqaa muslimummaa qabdu hundi

💠Muradhuu ka'ii baha Galaana MODERNIZATIONII FII Fashioning keessaa.

💎Galaana Gowwummaa fii Dagamiinsa warra dhihaa keessa bahuuf Yoom deemsa jalqabda?.

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

#Addunyaa kanarratti nama dura qalamaan waa katabe huccuu hodhe miya lolaa tolfate beekumsa urji'iitifii hisaabaa qabu beektuu? Eenyu laata meeqan keenyatu beeka nama tahe seenaasaas? 👇👇

Qissaa Nabi Idriis aleeyhi salaam

#Ummata isaa salaatatti ajajuu ture, Ammallee zakaata baafatu'utti gorsuu ture. Inni Rabbi isaa biratti jaalatamaadha.

#Inni nama dhugaa keessa hoonga gaye nabiyyi'i, Rabbiin Bakka isaa ol fuudheee jira samii torbanitti ykn afreessa'atti ykn jannatatti ol fuudhee jira eega du'ee jiraachisee.

#Akka ulamaan je'anitti anbiya'arraa namni afur nama jiru lama lafarra jiran: khadiirifii, ilyaasi. lama samii keessa jiran: iisa'aafii Idriisi. idriis samii afreessa'aa, keessa jira idriis abaabiyyee {nuuhi} .

#Idriis nama dura dursoo eega {aadamii} ergame, inni nama dura dursoo : qalamaan waa katabe kan dura dursoo huccuu hodhe, kan dura dursoo miya lolaa tolfate kan beekkomsa urji'iitifii hisaabaa qabu.

#Wanni idriis isaan je'aniinif isaatu darasaa, dura dursoo, kitaaba qaraate jecha'aafi Anbiyoota Rabbiin isaan badhaase qananiise keessaa tokko. Isaan warra qajeelchamanii anbiyyumma'aaf maraxamani.

#TafsirDrMuhammedRashadrahimahullah

Fecabook

Telegram

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

Ibiddi Israa'el akka haaraatti jalqabe..!!

Gaazexaan Israa'el Yedioth Ahronoth akka gabaasetti Naannoo Latrun kan Yerusaalem keessatti argamu tti ibiddi deebi’ee kan ka’e yoo ta’u, aanga’oonni garee ibidda dhaamsan gara naannoo sanaatti ergaa jiru.

الحرائق الآن تشتد
اللهم زد وبارك
Amma ibiddi gubaan itti cimaa jira
Yaa Rabbii baay'isi, barakaa keessatti godhi

https://www.facebook.com/100008173545323/posts/pfbid0YDGxDhwgdQkaUQnBKA59w96ZHLYbz4SHVxuNPYbetmdZu7QhLfGfHcyToaychbXNl/

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

KUTAA 1️⃣FFAA
❂ بِسْمِ اللّهِ الرَّحْمـَنِ الرَّحِيمِ ❂
Sagantaa barnoota haaraa
SEENSA (JALQABA)
SIIRAA (SEENAA) NABII MUHAMMAD ﷺ    

  ✺ SEENSA (A)
Dhugumatti Faaruun hundi kan Rabbiiti Isa ni faarsina ni gargaarsifanna araarama Isa kadhanna Sharriwwan nafsee keenyaa fi hamtuwwan hojiiwwan keenyaa irraa Rabbiin eeggamna Nama Rabbiin qajeelche kan isa jallisu hin jiru Nama Rabbiin jallinna keessatti dhiise kan isa qajeelchu hin jiru Rabbii Tokkicha shariika hin qabne malee dhugaan gabbaramaan akka hin jirre ragaa nan baha Akkasumas Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta’uu ragaa nan baha.

Yaa warra amantan! Sodaa dhugaa Rabbiin sodaadhaa Muslimoota taatanii malee hin du’inaa Suuratu Aali-Imraan 102

Qajeelcha fi seenaa nabiyyi barachuun Muslimoota hundaaf dhimma garmalee barbaachisaa ta’eedha Kaayyoolee baay’ee galmaan gaha Isaan keessaa ijoon Namummaa Ergamaa Rabbii ﷺ hojiwwan isaa dubbiwwan isaa fi wantoota inni mirkaneesse beekun Isatti hidhachuu Muslimni akka nabiyyi ﷺ jaallatu taasisu Nuti yeroo Nabiyyiin Qureeshotatti daaw’a godhu bira hin jirru Kanaafu akkamitti osoo isa hin beekin isa jaallachuu dandeenyaa? Kanaafu karaan tokkichi nabiyyi ﷺ itti jaallatanii fi hordofan seenaa isaa siiraa barachuudha.

 Seenaa Nabiyyii barachuu fi qo’achuu keessa Nabiyyiin abbaa manaa akkami hogganaa akkamii bulchaa akkamii barsiisaa akkamii abbaa murtii akkamii daa’i akkami Zaahida akkamii akka ture beekna Haala fi eenyummaa keenya osoo adda hin baasin hundi keenyayu seena Nabiyyii qo’achuu irraa faaydaa guddaa arganna Daa’in namni gara Islaamatti namoota waamu maloota marsaalee daaw’aa marsaalee hundaaf karaa sirrii hordofuu qabu seenaa Nabiyyii ﷺ keessatti ni argata Seenaa kanarraa wanti daa’in fayyadamu namootaan akkamitti akka wal qunnamuu fi Islaamatti waamu Nabiyyiin ﷺ jecha Rabbii oltaasisuuf humna guddaa akka baase itti dhagahamu gufuwwanii fi rakkoolee isa qunname akkamitti akka too’ate rakkoolee cimaa fi fitnaa fuundura dhaabbanni sirriin maal akka ta’e ni barata.

Barsiisaan-manatti ykn mana barnootatti ijoollee barsiisus seenaa Nabiyyii ﷺ keessatti nabiyyiin dhaloota hawaasa Musliima seenaa guddaa hojjatan akkamitt akka barsiise fi guddise ni barata Dhaloonni jalqabaa harka nabiyyii irratti baratanii fi guddatan dhaloota hundarra gaarii ta’anii fi seenaa eenyullee hin hojjatin hojjatanii kan darbaniidha. Bahaa dhiya addunyaa keessatti adli haqummaa babal’isan.

Hogganaan waraanaas seenaa Nabiyyii keessatti ﷺ sirna jabaa wal qabate tooftaa garmalee gadi fagoo fi cimaa ta’e loltuu fi ummata karaa adda addaatin hogganu ni argata Nabiyyiin ﷺ akkamitti haqaan akka hojjatu ummata muslimaa tokko godhe fi hawaasa keessatti namoota gadhee akka munaafiqota waliin akkamitti akka jiraate ni barata.

Ammas aalimman hayyoonni Qur’aana hubachuuf seenaa nabiyyii siiraa qo’achuu qabu Sababni isaas seenaan Nabiyyii wanta Qur’aana keessa jiru hojiin agarsiisa sababa aayan itti buute ibsa aayata baay’ee ifa godha Kanaafu kuni hundi Qur’aana hubachuu murtiwwanii fi barnoota isa keessaa baasuu irratti isaan gargaara.

Ammas daldalaan siiraa irraa kaayyoo daldalaa karaa fi sirna itti daldalan barata Namoonni rakkoolee fi qormaata adda addaan qoramanis obsaa fi gadi dhaabbannaa guddaa sadarkaa ol’aanaa baratu Karaa daaw’a Islaamaa keessatti jabeenyi isaanii ni jabaata Rabbiin irratti hirkachuun isaanii ni guddata xumurri gaariin warroota taqwaa qabaniif akka ta’e ni mirkaneefatu.

Ummanni siiraa keessatti adaba naamusa ol’aanaa amaloota faarfamoo amantii qulqulluu ibaadaa sirrii qulqullinna qalbii karaa Rabbii keessatti qabsoo jaallachuu karaa Isaa keessatti shahiidummaa wareegamaa barbaadu fi kan biroo baratu Kanaafi Ali bin Husseen Rahimahullahu akkana jedha Akkuma Qur’aana irraa suurah boqonnaa barannu duula Nabiyyis ﷺ barachaa turre Ammas Ismaa’il bin Muhammad bin Sa’d bin Abi Waqqaas akkana jedha Abbaan kiyya duulaa Ergamaa Rabbii ﷺ nu barsiisaa fi nutti lakkaa’a ture Akkanas jedha kuni hambaa abbooti keessaniiti kanaafu yaadannoo ishii hin gatinaa.. itti fufa insha'allaah..

/channel/keyralumma

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

Ergamaa Rahmataa jaalallee keenya #Nabi_Mohammed irratti salawaata haa buusnu ﷺ💘

Ergamaan Rahmataa jaalallee keenya #Nabi_Mohammed ♥️ﷺ💘 akkana jedhan: Namni obboleessa isaatiif bakka inni hin jirretti dua'aii kadhate, maleekan isaaf ramadame ni jedha: Aamiin, siifis kanuma. waan isaa kadhatte argatta jedhu.

Mee #Obboleessa keessan jaallattanuuf maal kadhattu? maal hawwituuf kan bakka hundaa itti #roorrifamaa jiruuf
#kan hidhaa jiru Kan rakkinni jireenyaa #qaalainsi waan hundaa itti jiruuf 🙏👇

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

@keyralumma @keyralumma

Ergamaan Allaah Akkana
Jedhan:- صلى الله عليه وسلم

Sadaqaan dhoksaan
Kennatan Dallansuu
Rabbii Dhaamsiti,

Dalagaan gaariin ammoo
Kufaatii Akka malee irraa
Nama tiksa.

Fira fufuun Ammoo
Umrii Namaa Ida'a,

✍️Abu Huzeyiifa

Shear 🌹👇"
T.me/keyralumma

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

الســـــــــــــــــــــــــــلام عليــــــــــــــــــــــــــــكم
ورحمة الله وبــركاتـــــــــــــــــــــــــــــه
•═══════════•
❂ بِسْمِ اللّهِ الرَّحْمـَنِ الرَّحِيمِ ❂

MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA
Sagantaa barnoota haaraa

KUTAA 1️⃣FFAA ✍
MALLATTOO LAAFINA IIMAANAA

✺ YAADAA GULAALAA
◉ Kitaabni mallattoo dadhabinna
iimaanaa jedhamu kuni irra filatamaa kitaabban waayee iimaanaa keessatti qopheeffame keessa isa tokko.
Abbaan isa qopheesses sheekha guddaa beekamaa shekh Muhammad saalih almunajjid Rabbi irraa haajaalatu.
Akkana jechuun nama beekamaatu kitaaba beekama ummata muslimaatiif gumaache jechuudha. Ustaaz gaalii abbaaboor carraaqa jabaa godhee afaan keenya afaan oromootti hiikee akka ummanni keenya waayee towbaa murteessituu kana afaan isaatiin dubbisee hubatu godhe. Rabbiin kan kqopheesseefii kan hikes isaan lameenu irraa haajaalatu jannataanis galata haa galchuuf. Nutis gulaallee maxxansaafii karaa interneetiinis raabsinee akka ummata keenya bira gayu goone. Rabbiin nurraa haaqeebalu.

• Dhumarratti ummata keenyaa hundaan keessaattu dargaggootaafii
barattootaan kitaaba kana akka dubbistanii irraa barattan isinii dhaamsa dabarsina. Jaarraan jirru jaarraa beekkomsaa saayinsiifii teeknoloojii waan taheef barnoota islaamaarratti akka jjajjabaattan
isiniin jennaa. Barnootaafii ogummaa qabdaniinis diin keessan akka tajaajiltan isin yaadachiisna.


⊱ DURSA ABBAA HIIKE
بسم الله الرحمن الرحيم

✍️Maqaa Rabbii akkaan mararfataa akkaan rahmata godhaa ta’eetiin
الحمد لله والصلاة والسلام على رسول الله نبينا محمد وعلى آله وصحبه أجمعين

◉ Faaruun hunduu kan Rabbii ilma namaa dhabama irraa argamsiisee akka Isa gabbaranus ajaja Isaa Ergamaa Isaatti buuseeti. Rahmanniifi nageenyi Nabiyyii keenya Muhammadiifi nama hanga Guyyaa Qiyaamaatti isaan hordofe cufa irraa haa jiraatu.

• Kana booda:
• Sababni Rabbiin ergamaa nutti ergeef akka nuti hamileedhaan isa gabbarruufi Garuu yeroo haala keenya amma itti jirru kana ilaallu hamileen ibaadaa nu keessaa fuudhamee jira. Ani kan nama biraa hin beeku malee hamileen kiyya zeeroo ta’ee jira jechuun danda’a. Rabbiin hamilecha nuuf haa deebisu. Egaa wanti kun dhukkuba guddaadha. Dhukkubni kamuu sababa mataa isaa qaba. Iddoo sababa isaa ga’uun duratti garuu namni tokko dhukkubsateera moo hin dhukkubsannee beekuuf mallattoon ittiin baran jiraachuun dirqama ta’a. Erga kanaatiiyyi sababni baramee wallaansi itti barbaadama.

✿ Yoo tarkaanfii kana hordofnee wallaansa dhukkuba kanaaf barbaanne –inshaa’a Allaahu- hamileen ibaadaa keenyaa nutti deebi’ee nashaaxaadhaan Rabbiin gabbaruu dandeenya. Egaa mallattoo dhukkuba dadhabina iimaanaa sababa inni ittiin uumamuu danda’ee fii wallaansa isaa baruuf kitaabni Shaykh Muhammad Saalih Almunajjid barreesse kun akkaan bu’a qabeessa. Nama isa dubbiseefi bu’aa guddaa buusa jechuu abdiin qaba. Sababa kanaaf hangan danda’een Afaan Oromoottis hiikuuf yaale. Nama dhukkuba iimaana isaa wallaannatee hamilee gahaa ta’een Rabbiin gabbaru hunduma keenyaa Rabbiin nu haa taasisuu. Ummata keenyas Rabbiin hamilee ibaadaa kan Qur’aana qara’uu du’aa’ii kadhachuu salaata sunnaa salaatuu sooma sunnaa soomuu zikriiwwan jechuu salaata jamaa’aatti hirmaachuufi kkf irratti nashaaxa gahaa nuuf haa kennu. Rahmanniifi nageenyi Ergamaa Rabbii maatii isaanii sahaabota isaaniifi namoota hanga Guyyaa Qiyaamaatti isaan hordofan cufa irra haa jiraatu.
☞︎︎︎Gaalii Abbaaboor✍︎

Kutaa 2ffaan itti fufa inshaa'llaah.....

/channel/keyralumma

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

۞- Bu'ura kana haffazi.»

«  Waan diinni diina isaatitti hin raawwanne wallaalummaan wallaaltoota irratti raawwatti. Kanaafi Muusaan ﷺ wallaaltoota irraa ta'uu irraa rabbitti ﷻ maganfatee ammas Rabbiin nabiyyii isaa ﷺ akka wallaaltoota irraa garagalu isa ajaje.»ღ

«Gara bakka beekumsa irraa argattuu socho'i. fuula miidiyaa beekumsa irraa hin argannee deddeemtee umrii teetiin qumaara hin taphatin».ღ

✓. Beekkumsi wallaalummaa irraa nama baasu beekumsa wahyii lamaaniiti.»

Читать полностью…

Shamarran jannata 😍😘

@keyralumma @keyralumma
🌷Assalaamualeyikum Worahamatullaahi Wobarakaatuhu🌹 اسلام عليكم ورحمة الله وبركاته🌷

☪️ Gaaffiif deebii keenya arraa kanaratti hirmaadhaa ✍️

1.Maqaan haadha warraa Nabiyya llaahi Aadaam maali?, (Sallallaahu aleyhi wa sallam)

A. Maryam
B. Hawwaa

2.Maqaan haadha warraa Nabiyya llaahi Luux maali?, nagaan isa irra ha jiraatu.

A. Waaliha.
B. Rahmaa

3.Maqaan haadha warraa Nabiyya llaahi Ibraahim maali, nagaan isa irra ha jiraatu.

A. Saarra.
B. Kaw'ulaa

4.Maqaan haadha warraa Nabiyya llaahi Is-haaq maali, nagaan isa irra ha jiraatu.

A. Rifqaa.
B. Waali'a

5.Maqaan haadha warraa Nabiyya llaahi Daawud maali, nagaan isa irra ha jiraatu.

A. Zeyinab.
B. Ajalaa.

6.Maqaan haadha warraa Nabiyya llaahi Ayyuub maali, nagaan isa irra ha jiraatu.

A. Asinaat.
B. Liyaa.

Deebii keessan asiin👇 nuu barreessaa.
👉 @Ibnuabbaas ✍️

T.me/keyralumma

Читать полностью…
Subscribe to a channel