jechotagaggaarii | Unsorted

Telegram-канал jechotagaggaarii - Jechoota Gaggaarii️️

18047

Chaanala Telegram keenya kana irraa odeessaalee Baha Giddu-galeessaa hordofuu ni dandeessu. Toora kana irraan taatewwan Siyaasaa, Diinagdee fi hawaasummaa dabalatee Seenaa biyyoota Baha Giddu-galeessaa (Middle east ) salphumatti afaan keessaniin hordofaa

Subscribe to a channel

Jechoota Gaggaarii️️

Aleeksii Navaalini mana hidhaa keessatti du'e..!!

Biyya mootii Abbaa irreen hoogganamtu keessatti mormaa ta'uun akka baandummaa (biyya ganuu) tti kan ilaalamu yoo ta'u Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadimar Puutiin mormuun ilaalcha mataa isaa kan biyya koo ni fayyada jedhee itti amanuun qabsoo siyaasaa geggeessaa tureen biyyattii keessatti fudhatamummaa guddaa kan argate Aleeksii Navaalini 'n xumurri isaa mana hidhaa keessatti du'uu ta'e.

Nam-siyaasaa jabaa akka Raashiyaa tti fudhatamummaa ol'aanaa goonfachuu kan danda'e Navaalini 'n filannoo irraa ugguuramuun mana hidhaa saayibeeriyaa sodaachisaa fi diilallaawaa keessatti hidhamee jiruu isaa dabarsuu erga jalqabee waggoota hedduu kan lakkoofsise yoo ta'u kaleessa mana hidhaa kana keessatti lubbuun isaa dabartee jirti.

Raashiyaan biyya mootolii gara-jabeeyyii, Goototaa fi weerartootaa yoo taatu buleessa Farra Aleksaandari hanga Joosef Istaalin 'tti gameessa Piitari haga Birejinevi 'tti mormitoota humna guddaa qaban mara hanga ajjeessanitti ciisanii kan hin bulle haga biyyaa ariyatanitti haara-galfii kan hin qabne Mootolii gara-jabeeyyii jajjaboon durii kaastee kan beekamtuu fi dorgomaa kan hin qabne guddittii Raashiyaa dha.

Kanaaf mormituun Pirezidaantii Raashiyaa Puutin dura dhaabbate marti yoo murtee du'aan adabame akka biyyattiitti waan ajaa'ibaa miti! Yeroo darbe hoogganaa Riphee loltoota wigineri Yavegini qilleensa irratti barbadeessee daandii irraa kan maqse Puutiin amma immoo mormaa isaa jabaa Navaalini Mana hidhaa keessatti ajjeesuun isaa himamaa jira.

Biyyoonni warra dhihaa heddumminaan faallaa Puutin dhaabbachuun beekaman keessoo isaaniitti morkiin siyaasaa jajjabaa jiraatus dhimma diinota biyya isaanii irratti ejjannoon isaanii tokko dha! Wal-galaafachuu dhabuun isaanii Addunyaa akka bitan yeroo isaan taasisu faallaa kanaa garuu biyyoonni akka Raashiyaa kanneen warra dhihaa waliin morkii jabaa keessa jiran wal-gaggaalafachuun wal nyaatanii humna ittiin warra dhihaa waliin morkatan qisaaseessuun duubatti of hambisuu itti fufanii jiru.

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Lolli ulfaataa addunyaa kanaa lola Sammuu fi onnee gidduutti taasifamu dha!

أخطر الحرب في العالم حرب بين العقل والقلب!

Onneen ni amana sammuun ni mama.

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Afriikaan Kibbaa deeggarsa Falasxiinotaaf qabsoo marsaa biraa jalqabuuf...
👇👇

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Dhugaa hadhooftuu...!!

Adwaa fi Minilikiin maaf walkeessa makan jadha namni tokko tokko, maal jachuudha?

Injifannoos ta'e injifatamuu, mo'ichas ta'e mo'amuu, gaariis ta'e hamaa, gammachus ta'e gadadoon... Biyya tokko keessatti raawwatamu, Mootii ykn bulchaa biyya sanaan yaadatama. Itti faarfamus ta'e itti abaaramuuf Mootii ykn bulchaa bara sana ture ilaallata.

~Aanolee irratti Miniliik'tu yakka genocide raawwate gaafa jannu, qaamaan Miniliik achi dhaqee miti, imaammata fi kaayyoo isaatu yakka sana raawwate. bara bulchiinsa isaa jalatti, waraana isaatu yakka sana raawwate. Adda dureetti miniliiktu gaafatama jachuudha.

~Adwaa irrattis injifannoo sana qooddachaa fi kan keenya fakkeessaa, Miniliikiin hin ilaallatu jachuun, of gowwoomsuu ykn wallaalummaa hamaadha. Mootiin kamuu ofii hin duulu. ajaja dabarsa, bara bulchiinsa isaatti wanta raawwatame hunda isatu itti waamama qaba.

Adwaa faarsaa Minilikiin hin faarsu jetta taanaan, of sobaa jirta Minilikumaan afarsaa jirta.
Dheengadda Tv biyyoolessaa irratti, maaf ekeraan Miniliik dhihaate kan jedhu wallaalummaadha. Golambaa Adwaa jalatti suuraa ka'aa, Minilikiin jibbuu hin dandeessu. Oromoon daangaa lafaa maal achii qabaaf duula dhaqe seeta, ajaja Atsee Minilikiin funyaan qabamee dhaqee dhume!
Adwaa fi Miniliik galagalcha dumbulloo tokkooti.
Yoo balfite lachuu, yoo jaallattes akkasuma.

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Bakka dhaloota Abiy Ahmed Gomma Aggaarootti Atsee Minilik maal godhe? 👇
~
Minilik akkuma Gomma dhufeen Masaraa A / Booqaa fi A /Jifaar magaalaa Aggaaroo bakka Baankii Daldala Itoophiyaa yeroo ammaa jiru gube. Qottaatti bataskaana ijaare.

Bara 1887 daangaa Limmuu fi Gommaa irratti lola cimaa gaggeesse. Lola kana keessatti gootonni Gommaa baay'een dhuman. Gootonni kun gosoota kanneen akka Dogooyyee, Inniraataa, Baaltoo, Nooqqilloo fi kkf turan.

Goototii bebbeekamoon dhuman;
Yaaddessoo Buundoo
Qixxeessaa Gaalloo
Quxal Daadhii
Abbachoo Oolchaa
Saamaa Bariisoo
Bariisoo Odaa fikkf

Akka Kitaaba "Seenaa Oromoo hanga jaarraa 20ffaa" keessa jiruutti, Ummanni Gommaa waggaa tokkoo ol Minilikiin lole. Beelaa fi dheebuun waraana nafxanyaa fixanii booda humna dabalataa itti ergameen injifataman. Yeroo tokkollee mataa gadi qabatanii hin beekan. Haala kanaan Minilik humna dhukaasaa Nafxanyaan Ingilizii irraa fudhateen cabee kolonii Amaaraa jalatti kufe.

Minilik hardha Ekeraan nurratti haasofsiisan kun Masaraan Mootii Gommaa ni gube. Gootota Oromoo fixee biyya fudhate. Dubartootaa fi daa'imman garba godhatee ooffate. Seenaan gabaabaan kun Magaalaa Abiyyi keessatti dhalate Gomma keessatti. Dhaloonni maal jedha?......🖋️

Maddi: Nabaanii Shaafii

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Bara Xaaliyaannoonni dhufan sagantaan raadiyoo Afaan Oromoo akka jalqabamu Xaaliyaanotaan taasifamee ture. Karaaleen hedduunis akka bahu taasiste, Bara 1936 G.C. keessa immoo inumaayyuu siidaa minilik buqqaasaniis turan.

Garuu ammas lammata bara 1941 G.C. keessa Atsee Haylasillaaseedhaan deebi'ee dhaabbate. Afaan Oromoos Raadiyoo cabsa jedhamee dhorkame. Hanga yoonaa siidaa Oromoon itti qalamee, harkaa fi harma itti murame, Oromiyaa keessatti mataa Oromoo irratti Siidaan kun dhaabbate.

Siidaa kana kaasuurra Nama waa'ee siidaa kana kaasuu dubbatutu dhabamsiifama.

Hacaaluu Hundeessaa illee kanuma irratti dhabne!

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Isin dirree Adawaa irra dhaabbattanii yeroo mootii keessan Minilik faarsitan nuti ammoo Adda Waraanaa Arsii fi Harargee irraan gootummaa Bakar Waaree fi Leenjisoo Diigaa yaadanna.

Nuti dhaloota Bakar Waaree fi Leenjisoo Diigaa ti.

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Namni kaleessa du'aaf eegan har'a Shaampiyoonaa tahe, sanuu galchii moo'ichaa isaanii mirkaneessite lakkoofsisuun!! #Sebastian_Hiller 💪

Never give up!! Keep your journey!!

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Qe'ee warra Mootii teessoo Mootummaa Abbaa Jifaar kan taate magaalaa miidhagduu Jimmaatti Koonfireensiin galateeffanna qindoomina Majliisa Federaalaan qophaa'ee guyyaa har'aa geggeeffamaa ture nagaan goolabamee jira.

Maashaa Allah!

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Taateewwan fi bu'aa ba'ii hamma kana booda Sawud Arabiyaan "Biyyummaan Falasxiin hanga mirkanaa'utti Israa'iil faana michummaa hin uumu" jechuun baacci! Garuu dhugaan jiru faallaa kanaa dha, Waan nama ajaa'ibu yeroo ammaa Sawudii keessatti dhimma Falasxiin dubbachuun sadarkaa hin danda'amne irra dhaqqabee jira! Faajjii qabsoo Falasxiinotaa qabatanii mul'achuun seeraan kan nama gaafachiisuu fi Miseensota Hamaas jedhamuun hidhaaf biyyi nama saaxiltu Sawud Arabiyaa dha.

Doolaara Boba'aa isheetiin sochii Islaamaa baha giddu-galeessaa keessa jiru danquu irratti Sawud Arabiyaan dorgomaa hin qabdu! Ulamaa'ii Muslimoota biratti jibbisiisuuf duula maqa-balleessii banteen biyyi hanga Sawudii milkaa'e hin jiru.

Kanaaf baacoo "Biyyummaan Falasxiin hanga mirkanaa'utti Israa'iil faana michummaa hin uumu" jedhu kanaan kanneen gowwomfaman seenaa hariiroo Sawudii, Ameerikaa fi Israa'iil gadi-fageenyaan hin beekne dha! Sawud Arabiyaan qabatamaan garuu maal akka taate beekuun hin ulfaatu.

Telegram /channel/JechotaGaggaarii join tolchaa.

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Qatar Shaampiyanii Waancaa Eeshiyaa taate..!

Gareen biyyaalessa Qatar dorgommii Waancaa Eeshiyaa bara 2024 Jordan 'n 3 fi 1n injifachuun Waancaa kaasuun carroomtee jirti.

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Kadir Martuu qalbi-qabeessa keenya.
😍❤️

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Ronwen Wiiliyaams- Goota Bafaanaa Bafaanaa.

Gootni yeroo itti mul'atu qaba, yeroo dhiphuu, yeroo waan qaban wallaalan mul'ata. Yeroo garee isaa baraaruun dirqama itti ta'utti, itti gaafatamummaa isaa bahatee gootummaa isaa mirkaneessa.

Dirree kubbaa miillaa irrattis gootni yeroo itti mul'atu qaba. Yeroo abdiin hundi dhumee, rukuttaan adda baastuu kennamu ammoo ittigaafatamummaa gara caalu kan fudhatu karra eegaa dha.

Kaleessas kanumatu ta'e. Afriikaan Kibbaa Keepverdee waliin daqiiqaa 120 keessatti goolii argachuu hin dandeenye.

Taphichi kan nuusa xumuraati. Afriikaan Kibbaa erga bara 2000tii Walakkaa xumuraaf geessee hin beektu. Kanaafis waggoota 24 booda walakkaa xumuraaf dhaqqabuus itti gaafatammaa guddaa kan fudhate karra eegaa Ronwen Wiiliyaams dha.

Rukuttaa adda baastuun yeroo hedduu carraatu murteessa. Hata'u malee gahumsi taphattoota rukutaniifi gahumsi karra eegaas murteessaa dha.

Wiiliyaams karra eegaa qofa miti. Dursaa taphattootaati. Ittigaafatamummaa dachaa qaba. Garuu inni ofitti amanamummaa guutuun gara hojiisaatti seene.

Rukuttaa jalqabaa Beebeen rukute. Wiiliyaams ni baraare. Rukuttaa biraa Wiilii Semeedoo haleele. Wiiliyaams hirree cimaan, kallattii sirriitti kufuun baraare. Rukuttaa 3ffaa Laaroos Duwaartee kallattiima walfakkaataatti dhukaase, Wiiliyaams garuu karri koo hin sarbamu jedhe. Kubbaawwan rukutaman jalqabaa 3 yoo baraaru warri Keepverdee abdii hin kutanne.

Taphattootni Afriikaa Kibbaas kubbaa rukutan sirnaan hin fayyadamne. Rukuttaa 4ffaan Wiiliyaams irratti yaalamte saaphana tuqxe. Rukuttaa 5ffaa garuu 'lakki, kana caala isiniif hin eeyyamu' jechuun Wiiliyaams baraare. Rukuttaa 5 keessaa 4 oolchuun Afriikaan Kibbaa 2f 1n injifatte.

Wiiliyaams seenaa isaa keessatti guyyaa kana hin irraanfatu. Warri Afriikaa Kibbaa ammoo galmee seenaan qabataniiru. Karra eegaan haala kanaan gootummaa agarsiisee yeroo dhiphinaa isaan ceesise hin jiru.

Karra eegaan umrii ganna 32 Ronwen Wiiliyaams ammallee taphoota 2 hafan irratti Afriikaa Kibbaaf raajii biraa fiduu danda'a. Biyyi isaa milkaa'uu baattus inni gahumsa dhuunfaa agarsiiseen Karra Eegaa Cimaa Waancaa Afriikaa 34ffaa ta'uuf ni danda'a.

Imala Kubbaa Miilaa Wiiliyaams

Afriikaa Kibbaa Port Elizaabeezitti kan dhalate Ronwen Wiiliyaams, jireenya kubbaa miilaa isaa Tootenaam Hotsparsitti eegale.

San boodas dargaggeessa ta'ee kilaba biyya isaa Suppar Ispoort Yuunaayitiditti bara 2004 makame. Bara 2012 tapha Shaampiyoonsi Liigii Afriikaa irratti tapha isaa jalqabaa kilaba isaaf hiriire.

Waggoota 12f Suppar Ispoort Yuunaayitidiif taphoota 278 taasiseera. Waancawwan Nedbank 3, waancaawwan MTN 2, waancaawwan Kaarliing 1 milkeesseera.

Gahumsa isaatti kan amane Maameeloodii Sandawons bara 2022 isa mallatteessise. Sandawons waliin waancaa PSL milkeesseera.

Biyya isaaf taphoota 37 kan taasise Wiiliyaams, kabaja Waancaa Afriikaa arguuf taphoota lama isa hafa.

Riikardii Rukuttaa 'Adda baastuu'

Galchi eegdotni hedduun rukuttaa adabbii saanduqa keessaa baraaruu irratti rakkoo hin qabani. Samir Handaanovich Peenaalitii 43, Woojzak Sheezniin Peenaalitii 26, Andree Konsigliin ammoo 25 baraaruun 1ffaa hanga 3ffaarra jiru.

Hata'u malee Rukuttaan Adda Baastuun peenaalitii kaanirraa adda. Karra eegdonni dhiibbaa guddaa jala waan seenaniif yeroon milkaa'an hagas mara hin mul'atu.

Waltajjiiwwan gurguddoo biyyaaf hiriiran irratti rukuttaa hedduu baraaruun hagas mara kan amaleeffatame miti. Wiiliyaams kubbaa 4 baraaruun kan jalqabaa ta'a.

Isatti aansuun Waancaa Addunyaa irratti rukuttaawwan adda baastuu sadii baraaruun karra eegaan Poorchugaal Rikaardoofi kan Kirooshiyaa Subaasich 1ffaarra jiru.

Gara kilabootaatti yoo dhufne ammoo karra eegaan lammii Jarman Daani'eel Baatiz bara 2020 kilabni isaa Elvelisberg waancaa DFP Pookaaliin tapha nuusa xumuraa Fortuna Duseldorf waliin taasise irratti rukuttaa adda baastuu shanan gooliirraa oolchuun seenaa hojjete.

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Taphataa Haafizal-Qur'aan Leeqaa..!!

Dorgommii tapha kubbaa miillaa liigii ol'aanoo Oromiyaa ramaddii A 'n Istaadiyamii magaalaa Naqamtee 'tti geggeeffamaa jiru irratti Kilabii Leeqaa 'f hiriiruun taphachaa kan jiru kun Maqaan isaa Ahmaddiin Muhammad jedhama, Taphattoota ijoo magaalaan Naqamtee qabdu keessaa tokko yoo ta'u taphatichi taphataa Haafizal-Qur'aan ta'uun isaa ammoo adda isa taasisa.

Guddadhuu mul'adhu, bakka yaaddeen si haa ga'u.

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Odeeffannoo gabaabaa!


Walii-galteen dhukaasa dhaabuu haguma dhihaachaa dhufeen ol'aantummaa dirree Waraanaa dhuunfachuuf lolli Gareen lamaan taasisaa jiran ijibbaachisaa ta'ee itti fufee jira.

Lolli guyyaa har'aa geggeeffamaa oole ulfaataa yoo ta'u Hamaas loltoota Waraanaa Israa'iil 15 ajjeesuun hedduu isaanii ammoo madoon adabee jira.

Hamaas har'a Lixa Gazzaa 'tti doonii waraana Israa'iil baatu Galaana irratti haleeluun barbadeessuu kan beeksise yoo ta'u kanaanis kasaaraan guddaa humna Waraanaa Israa'iil irra dhaqqabuu isaa Al-Jazeera 'n balballoomsee jira.

Gama kaaniin..!

Turkiin basaastota Israa'iil kan Mosad bobbaase 7 to'annaa jala oolchuu ifoomsitee jirti, Basaastonni kunneen ergamni isaanii hooggantoota Hamaas Turkii keessa jiraatan adamsuu ture.

Israa'iil Hamaas waliin Araara yoo buuste Hizbullaah faana lolatti seenuu akka dandeessu akeektee jirti! Hoogganaan Kaabinee Waraanaa Israa'iil Yu'av Galanti ibsa guyyaa har'aa kenneen "Hamaas waliin lola yoo dhaabne Hizbullaah faana guutummaatti gara lola Waraanaa 'tti ce'uu dandeenya" jedhee jira. Israa'iil haleellaa Hizbullaah sodaachuun Lammiilee ishee Kaaba Israa'iilii baasuun ishee kan yaadatamu dha.

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Nam-siyaasaa jabaa Aleeksii Navaalini kan Pirezidaantii Raashiya Puutiin ijibbaachise mana hidhaa keessatti du'e..
👇👇👇

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Afriikaan Kibbaa qabsoo biraaf of qopheessaa jirti..!!

Biyyi Gooticha Maandeellaa Afriikaan Kibbaa Mana murtii idil-addunyaa dura Israa'iiliin dhaabdee yakka daguuggaa sanyiin itti murteessistus dhaabbanni kun Israa'iil irratti tarkaanfii fudhachuu hin dandeenye! Kun akka mudatu dursitee kan beektu Afriikaan Kibbaa sochii gama kanaan jiru erga xumurteen booda gara qabsoo marsaa biraatti ceetee jirti. Qabsoon marsaa kanaas "Addunyaa Falasxiinota faana hiriirsuu!" dha.

Ministeera haajaa alaa Afriikaa Kibbaa fi Abukaatoon Falasxiinotaa Aadde Naledi Pandor biyyi isaanii Afriikaan Kibbaa qabsoo karaa nagaa kanaaf qophii xumuruu ishee mirkaneessanii jiru.

Ministeerri haajaa alaa Afriikaa Kibbaa kun ibsa ishee keessatti "Amma Addunyaan hirriba keessaa dammaqaa jira, Hammeenya Israa'iilis argaa jira! Eenyu akka Israa'iil hidhachiisee qulqulloota Falasxiin duguugsisaa jiru adda ba'ee jira!! Taateen kun amma Addunyaa guutuu irratti mufii ummataa guddaa uumee jira, Nuti ammoo ummata kana sadarkaa idil-addunyaa tti qindeessinee qabsoo itti fufna!" jette Ministeerri haajaa alaa Afriikaa Kibbaa.

"Biyyoonni Israa'iil f deeggarsa Meeshaalee Waraanaa taasisan darbees gargaarsa maallaqaa kan taasisan ni beekamu! Biyyoota kanneen Imbaasii isaanii Addunyaa guutuu keessatti argamu irratti hiriira mormii walirraa hin cinnee karaa nagaan ni geggeeffama!! Dhimma kana irratti akka idil addunyaatti dhaabbilee bilisummaa deeggarani fi ummattoota waliin qindoomina cimaan hojjechaa jirra!" kan jettu Ministeerittiin.

"Yeroo nuti (Afriikaa Kibbaa) sirna Appaartaayidii irratti qabsa'aa turre ummattoonni bilisummaa jaallatan guutuu Addunyaa irraa cinaa keenya hiriiranii nu deeggaraa turan! Nuti ammoo dabaree keenya ummattoota bilisummaa jaallatan kanaaf waardiyyaa dhaabbachuun nu Lammiilee Afriikaa Kibbaa irratti dirqamaa fi itti gaafatamummaa guddaa nurra jiru dha, Kana hubachuun Lammiileen Afriikaa Kibbaa marti nu waliin hiriiruun isaa itti fufa! Garuu wanti hubatamuu qabu tokko Afriikaan Kibbaa abadan wanti isheen gochuu hin dandeenye...

Biyyi Afriikaa Kibbaa abadan wanti isheen gochuu hin dandeenye Qabsoo kana dhaabuu dha!! Abadan qabsoo Falasxiinotaaf taasisnu hin dhaabnus hin dadhabsiisnus!" jechuun waadaa biyya ishee haaromsuun haasawa ishee goolabde Ministeerri haajaa alaa Afriikaa Kibbaa fi Abukaatoon Falasxiinotaa Aadde Naledi Pandor.

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Sammuun injifannootti amanu, injifatamuu ofii isaattis amanuuti qaba!

Osoo injifatamtee jirtuu of sobdee injifataa of fakkeessuuf hin yaaliin har'a injifatamuu kee amanuun kee bor akka injifattuuf si oonnachiisa.

Jumu'aa gaarii qabaadha.

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Fuula Facebook haaraa Gaazexeessaa Ammaar Link armaan gadiin hordofaa.

"Aswrwb akkam jirtu hiriyoottan koo?
Accountiin Facebook koo inni duraanii kan hordoftoota 88K qabu badeera. Tarii deebi'uu deebi'uu dhabuus danda'a.

Inshaa Allaah kana booda accountii isa kanaan hojii keenya itti fufna. Inshaa Allaah hanga daangaan guututti gaaffii hiriyummaa/request nan simadha.

Copy paste fi share gochuun namoota kaan biraan naaf ga'aa 🙏

👉https://www.facebook.com/profile.php?id=61555368857552

Amar Temam"

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Bakka Dhaloota Abiy Ahmad Gommaa Aggaaroo fi Astee Minilik..!!
👇👇👇

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

#History_Made
Arbi kufuuf dhihaate Risaa injifachuun Shaampiyoonii Afriikaa ta'e.
🏆 𝑻𝑯𝑬 𝑪𝑯𝑨𝑴𝑷𝑰𝑶𝑵𝑺 🏆 Cote D',Ivoire

🇨🇮 Côte d’Ivoire are crowned African Champions for the third time in their history! 🥇

#TotalEnergiesAFCON2023

Qopheessituun Waancaa Afrikaa 34ffaa Kootdivoor tapha xumuraan 2-1 Naajeriyaa injifachuun Seenaa ishee Keessatti yeroo 3ffaaf Shaampiyoonaa taate .

Tapha xumuraa waancaa Afrikaa marsaa 34ffaan qopheessituun dorgommichaa Kotidivaar (Arboonni) goolii 2 fi 1'n Naayijeeriyaa(Risaa) injifachuun yeroo 3ffaaf Shaampiyoonii taate.

Naayijeeriyaan goolii Wiiliyaam Ikoong boqonnaa dura galcheen dursa eegaltus, Firaanki Keesee boqonnaa booda Kotidivaar wal qixxeesse.

Tapha Kotidivaar caalmaa taphaa fudhatte kanaan dhukkuba Kaansarii qaama saalarraa fayyuun gara taphaatti kan deebi'e Sabaastiyaan Haalee daqiiqaa 81ffaarratti goolii injifannoo Kotidivaar labsite galche.

Dorgommii kana qopheessuuf Doolaara Ameerikaa biliyoona tokko ykn birrii Xoophiyaa biiliyoona 56 ol kan baaste Kotidivaar qabxii biyyoota biroo irratti hirkattee ramaddiirraa dabartus Shaampiyoonii Afriikaa ta'uun goolabde.

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Leenjisoo Diigaa goota Oromoo Minilikiin ijibbaachise!

Anaaf Gooti Leenjisoo Diigaa dha! Yaadannoon koo ammoo Aanolee, Azulee fi Calii Calanqoo dha.

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Shaampiyanii Waancaa Afriikaa Ivory coast uggum!

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Lubbuun Muslimootaa fi Kiristaanotaa lola Adawaa keessatti darbe illee wal caalti ture! Reenfi Kiristaanotaa funaanamee akka awwaalamu yoo godhamu kan Muslimootaa garuu akka Bineensaa dirree irratti dhiifamee Allaattiif kennamaa akka ture gorsaa MM kan ture Andargaachoo Tsiggeetu kitaaba isaa keessatti barreesse. Kanaaf Adawaa kabajuun gocha diinummaa kanas faana kabajuu jechuu dha!

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

"Biyyummaan Falasxiin hanga mirkanaa'utti Israa'iil faana michummaa hin uumu!" Sawud Arabiyaa.

Dubbiin kun dubbii fakkeessummaa Sawud Arabiyaan dhimma itti baatu dha. Faallaa kanaa ammoo Sawud Arabiyaan seenaa ishee keessatti guyyaa tokko diina Israa'iil taatee hin beektu! Sawud Arabiyaan guyyaa tokko atakaaroo Waraanaa fi diinagdee keessa Israa'iil waliin seentee hin beektu, Inumaayyuu biyyoota birmadummaa Israa'iil tiksuuf barbaachisan keessaa tokko Sawud Arabiyaa dha.

Ameerikaan Israa'iil n deeggaruu isheetiin yeroo biyyoonni Arabaa qoqqobbii Boba'aa irra ka'an dursitee Araboota ganuun biyyi Ameerikaaf boba'a dhiheessite Sawud Arabiyaa ture! Kana qofaa miti Boba'aa akka Addunyaatti sadarkaa duraan Addunyaaf kan dhiheessitu Sawud Arabiyaan bittaa fi gurgurtaa isaa Doolaara akka ta'u walii-galuun Doolaarri qarshii guddicha Addunyaa keenyaa akka ta'uuf gama isheetiin shoora ol'aanaa taphatte.

Bara 1973 booda biyyi Doolaara Ameerikaa hin qabne Boba'aa Sawud Arabiyaa bitachuu akka hin dandeenye taasiste! Walii-galtee Sawud Arabiyaan Ameerikaa waliin taasiste kun biyyoonni Arabaa hafan daandii Sawudii hordofanii Boba'aan Doolaaraan malee akka hin gurguramne taasise.

Gantummaa Sawud Arabiyaan raawwatte kun diinagdee Ameerikaa olkaasuun Israa'iil dachii Falasxiinotaa weerartee ijaaramte birmadummaa ishee tikfattee akka itti fuftu taasise! Doolaarri Tiriliyoonaan lakkaa'amu kan Sawud Arabiyaan Boba'aa ittiin gurgurtu Baankii Ameerikaa irratti dhangala'e! Ameerikaan ammoo Petiro-doolar kana fayyadamtee diingadee Addunyaa to'achuun Israa'iil n haga funyaaniitti hidhachiiste.

Kana booda ture Israa'iil dabalatee Sawud Arabiyaa fi Masriin kaayyoo Ameerikaa milkeessuuf ergamtuu ta'anii baha giddu-galeessaa keessatti kan bobbaafaman! Kanuma hordofuun seenaa keessatti mudatee kan hin beekne wal-dhibdeen biyyoota Islaamaa gidduutti uumame lolaa fi beelli hamaa baha giddu-galeessaa keessatti akka mudatu taasisuun ergama isaanii maniin gahan!! Waan nama ajaa'ibu ammoo Sawud Arabiyaan ergama ishee kana haga ammaatti amanamummaan itti fufuu ishee dha. Sawud Arabiyaan haga ammaatti Ameerikaa irratti Doolaara Tiriliyoona 1 ol dhangalaasuun michummaan isaanii hidda gadi jabeeffachuu isaa mirkaneessitee jirti.

Sawud Arabiyaa fi Ameerikaan michummaa Israa'iil n machaa'anii onneen isaanii osoo raafamaa jirtuu Sawudiin lafumaa ol kaatee " Biyyummaan Falasxiin hanga mirkanaa'utti Israa'iil faana michummaa hin uumu!" jette. Yeroo kana miidiyaaleen warra dhihaa Sawud Arabiyaan akkas jette jechuun wal-harkaa fuudhanii hafarsuu jalqaban, Kana booda hawaasni Muslimaa " Biyyi Sunnaa biyyi Tawhiidaa Israa'iil faana michummaa hin uumu jette" jechuun ishee faarsu! Kun immoo Ameerikaa, Israa'iil fi Sawudiif gammachuu guddaa dha (Kan garaa garaatu beeka)

Sawud Arabiyaan Israa'iiliif Abbaa oolmaa addaa dha! Daandiin qilleensaa Israa'iil gara Bahaa fi Kibba Addunyaa keenyaatti kan balali'u bulchiinsa Sawudii fayyadameeti, Huutiin Yaman yeroo sarara Galaana Diimaa addaan kutan bulchiinsa isaanii Israa'iiliif kan banan Sawudii, Imaaraatii fi Jordaan turan! Yeroo Misaa'illi Yaman gara Israa'iil tti furguggifamu qilleensa irratti rukutuun Misaa'ilicha Israa'iil irraa kan qolachaa turte Sawud Arabiyaa dha! Israa'iil yeroo Iraan waliin wal-dhabdee hamaa keessa seentu naannawaa baha giddu-galeessaa keessaa biyyi hanga Sawudii Israa'iiliif tumse hin jiru ture.

MM Israa'iil Biniyamiin Netaniyaahoo n Sawud Arabiyaa kan daawwate waggaa lama dura dha! Yeroo sana Muhammad Bin Salmaan faana sirriitti marii jabaa geggeessuun michummaa isaanii daran jabeessanii deebi'anii turan. Sana booda Aanga'oonni ol'aanoo Israa'iil Israa'iil hedduun Sawudii kan daawwatan yoo ta'u Aanga'oonni Sawudiis dabaree isaanii Israa'iil n daawwatanii turan. Boodarra MM Israa'iil 'f gaaffii "Sawudii waliin ni michoomtuu?" jechuun dhihaateef Netaniyaahoo n "Duris yoom diina taanee turre!" jechuun deebisee ture.

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Oromiyaan Biyya!
أوروميا هي دولة!

Jumu'aa Gaarii qabaadhaa.

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Bara 2021ttis karra eegaan Maameeloodii Sandawons Deenis Oniyaangoon tapha Keeptawon Siitii waliin taasisan irratti rukuttaawwan adda baastuu 5 irratti yaalame hundumasaa baraaruun seenaa biraa galmeessiseera.

Garee biyyaalessa Afriikaa Kibbaaf carraa gaarii hawwa.

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Karra eegaa itti-gaafatamummaa isaa dachaan ba'ate goota dirree kubbaa miilaa kan garee biyyaalessa Afriikaa kibbaa baraare..!!

Bal'ina isaa.
👇👇👇

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

"Qubeen dhiira
Khuulleen dubartiidha" Kadir Martuu.

Khuullee jechuun haadha manaa qubee Afaan Oromootin malee waan biraa miti jedhe Kadir Martuun.

"Maaster Hassan maal balleesse soddaa keenya kabajamaa Khuullee dhalchee qubee Afaan Oromoo Ilma Sheek Bakrii Saphaloo, ilma Sheek Mahammed Rashaad, ilma Haayilee Fidaaf nuuf kenne kanaaf galatoomi jannaan waan intala bareedduu tana nuuf kanneef" jedhe Kadir Martuu.

Kadir Martuu haa haasa'u♥️

Читать полностью…

Jechoota Gaggaarii️️

Khuullee sababeeffachuun namoonni Amantaa Islaamaaf jibbiinsa qaban ammuma sadarkaa sadarkaa isaaniitti ibsachaa jiru, Khuullee mormuun ni danda'ama garuu Amantaa Islaamaa xiqqeessuuf yaaluun hin danda'amu.

Ani gama kootiin Khuullee deeggaraa hin jiru garuu barreeffamoota namoota danuu keessaan jibbiinsa Islaamaa calaqqisu argaan jira.

Читать полностью…
Subscribe to a channel