"Namni bara jireenya isaatti wanta gaarii hojjetee itti gammaduu irra kan caalu wanta tokko illee gochuu akka hin dandeenye Nan beeka" Lal:3:-12 Kanaaf atis gaarii hojjedhu gatiin kee guddaadha. Dubbisuun ogummadha.
Hedduun keessan, Barreessaa fi barsiisaa, gargaaraa pirofeesaraa Fedhasaa Taaddasee ni beektu. Yeroo darbe haati ijoollee isaanii hedduu dhukkubsataa akka turan, karaa FB maxxansaa turan, Qaroon ija isaanii guutummaatti arguu akka dhaabee fi isaan yaalchisuuf qarshii qaban mara fixanii, rakkina keessa akka jiran ‘TV Mo'aa dubbataniiru. Kana malees barnoota digirii 3ffaa isaa hordofaa ture addaan dhaabee jira. Haguma humna keessanii cina dhaabadhaa adaraa. Gatii isaan Ogbarruu keenyaaf baasan jechaan ibsuun hedduu nama rakkisa. Isaan, gatii isaan baasan hagas hin jedhamu.
Isaan nama dhuunfaa tokko qofa miti nama guddaa keenya, Jabaa keenya, hayyuu keenya, abbaa dhaloota baay'eeti.
Fedhasaa Taaddase Guutaa
CBE: 1000282203298
OB: 1124962800001
Awash Bank: 01320173994800
CBO: 1000038382849
Lakk. Bilbilaa 0946677313
Dhaamsa Barattoota Eebbifamtoota
bara kanaaf (GC of 2023/2015 EC).
Hunda dursa barattoonni bu'aa ba'ii jireenyaa hunda mootani sadarkaa kana geessan baga firii dadhabbii keessanii agartan, baga gammaddan! Congratulations to you all GC of 2023 (both students of public and private universities)
Warreen #Exit_exam qabxii darbiinsaa fiddanii milkooftan baga gammaddan. Qorumsicha darbuun haga geessu itti agarsiisun gaaridha namatti tola. Ammoo gammachuu akka malee hin barbaachisu. Maal gammadda hiriyootakee sibira qabxicha hin galmeessine hin yaadattuu? Bzw #exit_exam wanta addaas miti barnoota fi qorumsa yoo ta'e barattoota sadarkaa kanaf haaraa miti, waanuma nama ajaa'ibus hinqabu, wantootuma barachaa turte deebite yaadattee deebisuudha. Dandeetti fi gahumsa kee guutu safara jechuu hin dandeenyu. Formaalitif malee waan addaa maal qaba, yoo barnootaa namuu walumaan waggaa 16 ykn 17 baranne! Qorumsicha dabarteef jireenyi hundi milkaa'a jechuu miti, qabxicha dhabdeef immoo kufte jechuu mitis! Failure is inability to be open to learn and change, not scoring under your expectation!
Warreen #Exit_exam qabxii darbiinsaa hin galmeessine qabxii 1 haga 5 qofaaf akka ta'e beeka! Hiriyoota kee biraa gaafa waan xiqqoof gufattu sitti dhagahama, hiriyaa keettis hedduu dhagahama. Kuni garuu kufaati jettee yaadnan sin taajjaba. Deebite qorumsicha fudhattee ni milkoofta. Challenge keessa dabartee as geesse beekta kanaaf kuni si ajaa'ibuu hinqabu. Beektef qofa qorumsicha hin dabartu, wallaaltefis galmeessuu hin dadhabdu beeki. Haalota garaagaraa fi carraatu murteessa. Department baratamu gargari, haalli nuuf mijatu gargari, miirri nuti keessa jirrus gargari. Department salphaatti dubbifamee hubatamu jira, kanneen osoo hagamuu dubbiste siif galeeyyu gaafilee isaa salphaatti hin hojjannes jira. Every entity in this world is not competitive, it is unique in nature! Kanaafu department keerraatti yeroof milkaa'u dadhabde jechuun kufaati miti.
@ImaltuuGuddinaa
Seenaa dhugaa jireenya namaa jijjiiru!
(Barreeffamni kun nama abdii kutannaa keessa jiruuf qoricha)
Maqaan isaa guutuun Nicholas James Vujicic jedhama. Bara 1982 (G.C) biyya Awustiraaliyaatti dhalate. Seenaan jireenya isaa ‘Wikipedia, the free encyclopedia’ irratti barreeffamee jiru akka ibsutti, wayita inni harkaa fi miilla guutuu hin taane waliin dhalatu maatiin isaa ogeessa fayyaa harkattillee isa ilaaluu jibbanii turan jedha.
Haala kanaan dhalachuu isaatti kan gaddan maatiin Vujicic, boodarra akka carraa Uumaa biraa isaaniif kennameetti hubatan. Namni kun harkaa fi miilla guutuu malee dhalachuun isaa hanguma inni jabaachaa adeemu miira isatti hin tolle keessa isa galchuu jalqabe. Dhiibbaan ilaalcha badaa hawaasa biraa isarra gahuu fi haala kanaan uumamuun isaa akka waan uumama addaa ta’e tokkootti akka inni of ilaalu isa taasise. Kana malees, yeroo inni umurii waggaa 10 keessa turetti miira dhiphinaa fi of jibbuu hamaa keessa galee akka ture seenaan jireenya isaa kun dabalee ni ibsa.
Haala hamaa fi dadhabsiisaa akkasii keessa utuma jiruu waan tokko hubate. “Ofii koon alatti namni na jabeessuu fi na honnachiisu hin jiru” jedhee ofii isaaf jaalala qabaachuu eegale. Ofii isaa akka nama jaallatamaa fi abdii jireenyaa gaarii qabuutti of ilaaluu itti fufe. Ilaalcha badaa ofiif qabaachaa ture sana ni jijjiire. Jireenya isaaf abjuu gaarii abjoochuu eegale.
Nick Vujicic, bara 2005 tti dhaabbata idil addunyaa ‘Life Without Limbs’ (Jireenya Harkaa fi Miilla Malee) jedhamuu fi dhaabbata ‘Attitude is Altitude’, kan gorsaawwan honnachiisoo fi barsiisoo ta’an itti kennamu hundeessuu danda’e. Namni jabaan kun nama harkaa fi miilla hin qabne ta’ee utuu jiruu hojiiwwan gurguddoo ‘ajab!’ nama jechisiisan hedduu hojjeteera. Jireenya isaatiinis tarree namoota milkaa’oo addunyaa keessa taa’uu danda’eera. Nick Vujicic fiilmii ‘The Butterfly Circus’ jedhamu irratti qooda fudhatee hojjeteera. Hojii isaa kanaanis bara 2010 ‘Method Fest Indepeendent Film Festval’ irratti dhiyaachuun badhaasa ‘Best Actor’ gonfatee ture.
Namni harkaa fi miilla hin qabne kun, jireenya dadhabsiisaa akkasii keessa utuma jiruu kitaabota hedduu barreessuunis maxxansiiseera. Keessumaa kitaabni isaa jalqabaa “Life Without Limits” jedhamu afaanota addunyaa kanaa 30 olitti hiikamuun jaallatamummaa guddaa horate. Hanga har’aattis kitaabni kun kitaaba jireenya namaa haalaan jijjiiru jedhamuun baay’ee dubbifamaa jira. Namni qaama hir’uu, garuu immoo mul’ata guutuu waliin dhalate kun biyyoota addunyaa 57 ol ta’an irra naanna’uun haasaawwan nama barsiisan, nama honnachiisanii fi hamilee namatti horan (motivational speech) taasisaa jira. Bakka deemu hundumaatti wayita haasaa taasisu hima jabaa akkas jedhuun eegala: “Haalli kee hangamuu yoo sitti ulfaateyyuu ni injifatta” jedha.
Kitaaba isaa ‘Life Without Limits’ jedhu keessattis yaadni inni barreesse tokko akkas jedha: “Ani jireenyi koo daangaa hin qabu jedheen amana. Atis haaluma kanaan waa’ee jireenya kee akka ati yaaddun barbaada. Gufuuwwan jireenyaa kamillee yoo qabaatte haaluma kanaan yaadi. Amma imala jireenyaa waliin eegallee jirra. Mee rakkoowwan ati jireenya keetti fidde yookiin akka namoonni biroon sirratti raawwataniif isaaniif heyyamte mara yaadi. Mee rakkoowwanii fi gufuuwwan jireenyaa kanarraa utuu walaba taatee maal akka uumuu dandeessu yaadi.”
Qabiyyee kitaaba isaa kanas ta’e, seenaa gabaabaan waa’ee nama jabaa kanaa waan guddaa tokko nama barsiisa. Innis abdii kutachuu dhiisuu dha. Ati inni seenaa kana dubbisaa jirtus waan ajaayibaa tokko akka irraa hubattu shakkii hin qabu. Yaada kee keessattis milkaa’ina nama harkaa fi miilla malee dhalate kanaa fi seenaa jireenya kee waliin madaalchisaa akka jirtu nan amana.
‘Inni eessaa ka’ee eessa ga’e?’ jettee of gaafachuun, atis eessaa ka’uun eessa ga’uu akka qabdu yaadaa jirta jedheen tilmaama. Eeyyee, anis akkuma ati akkasitti yaaddu barbaadeen seenaa kana haala kanaan qindeessee siif dhiyeesse malee, waa’ee miidhama nama kanaatiif gadditee akka ati hidhii xuuxxuuf miti. Inni har’a nama namni gaddeefii ‘anaa nyaatu!’ ittiin jedhu miti.
#Wacaa_Namoota
✔️Dhalli namaa uumama aja'ibsisaa lafaa kanaa irratti argaman jedhaman keessa warreen jalqabaati. Yeroon akkas jedhuu immoo aja'ibsisummaan isa gaarummaa inni hojjetee qofan osoo hin taanee sammuu isaa isa waan guddaa hojjeechuu danda'utti hamminaa waan jedhamee guutattee yeroo waan fokkisaa obboleessaa isa irratti dalaguudha. Yeroo kanaa ajaab ayi dhala namaa siif safuu namaa jechisisaa.
✔️Milkaa'uu namattii gammaduun osoo irraa jiraatuu, guddachuu namaa tokkoof sababaa ta'uu osoo danada'uu sababii tokko malee yeroo dhallii namaa walittii inaafuu arguun waanuma barama ta'a erga dhufe bubbulee jira.
Waantootni akkasii osoo siin mudatanii maal gochuuf yaaddee jirta?.
✔️ Murtoon nuti wacaa namoota innaaffaan guutamaniif laachuu qabnu keessa keenya jabbeessudhan, hangumaa waci namoota baay'aacha adeemu nuti immoo milkaa'insa keenyaf nama cimaa, of gahaa fi kan dhalootaaf bu'aa buusee darbuu akka taaneetti of yaaduun figichaa keenya itti fufudha.
✔️Waan sin dhibuu jireenya kee keessatti namni sii dura dhaabbatuu hin jiru taanan, kanneen sitti wacaan yoo dhabaman na amanii waan ati hojjeecha jirtu sun waan ulfaatina kaasu miti yookiin waan bu'aa guddaa buusee dhalootaf irraa hafaa ta'uu miti jechuudha.
✔️Wacii namoota akka ati adeemsa gaarii irraa jirtu sittii agarsiisuu qaba malee sodaadhan akka ati duubattii deebituu sii gochuun irraa hin Jiraatu, atis eeyyamuufi hin qabduu.
✔️Yeroo tokko illeetiwwaan hedduutu figichaa maratoonii riqichaa irra figuuf toora galanii fiigicha eegalanii osumaa fiiga jiraani namootnii dawwatan waan gara gara jedhani jechoota riqicha irra isaan kuufisuu itti dubbachaa itti waca turani yeroo kana illeetiwwaan hedduun riqicha irraa kufuun galaana keessatti dhidhimani dhuman, dhuma irratti illeetti tokko qofti dorgomichaa injiffanoodhaan xumurtee.
Namoonni wacaa turan sun akkaamiin illeettiin kun waca kanaa hundaa dandamattee injifachuu dandeesse jedhani gaafa qoratan waan isaan aja'ibee tokko dhagahan innis edaa illeettiin sun hin dhageessuu turte kanaa jechuun gurri ishee duudaadha. Maal jechuun barbaadee seetan akkuma illeettii kanaa nutis wacaa namootaaf gurraa keenyaa ergisuu hin qabnu. Hanga dhumatti mul'ata keenya irratti xiyyeeffachuutu nurraa jiraata.
"Ati namaa baay'ee cimadha, kanaaf yoomillee waca namootaaf gurra kee hin ergisiin"
#AA ti yuuniversiitii Amboo irraa
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa
#share gochu hin dagatina
Turtii gaarii...!!🙏🙏🙏🙏
#Adeemsa
✔️Kallattii jireenya keenya keessatti wantootni nuti dursa kennufi qabnu muraasni ni jiraatu. Isaan keessa kan nuti akka #of_ilaalleetti of ilaala adeemnu tokko #adeemsa nuti guyya guyyaan lafa kana irratti dabarsinuudha. Nuuf guyyaan irraa hafa ta'e yookiin guyyaan akkasuuman akka dabarsinuuf nuuf laatamee tokkollee hin jiru. Nuuf yeroon kamiyyuu itti yaadamee akka jireenya keenya jijjiruuf, akka dhaloota Kanaaf bu'aa tokko buusnuuf waluma galatti akka gaarummaa hojjenne dabarruuf carraa jireenya nuuf keennamedha.
✔️ Kanaaf #adeemsa akkami irra adeema akka jirru dhaabbanne itti haa yaadnu, jiraachuun koo dhaloota Kanaaf, maatii koof, hiriyoota koo fi lammii koof bu'aa moo ba'aadha Jenne of haa gaafatnuu.
Deemsi keenya imaltuu jireenya keenyati, taateen nuti guyya guyyaan dabarsinuu immoo murteessituu jireenya keenya kan boritii. Kanaaf haala irraa jirruu akkasumas garamitti adeema akka jirrus itti haa yaadnu.
Dhaloota sabaa isatti ba'aa ta'u osoo hin taanee kan sabaa isaaf furmaata haaraawaa fidu akka taanuuf waaqni nuu haa gargaaruu.
Turtii gaarii isiniffan hawwaa jallatamoo hordoftoota koo
@ImaltuuGuddinaa
@ImatuuGuddinaa
Kan katabee ana #AA ti yuuniversiitii #Amboo irraa
#share gochuun hiriyoota keessan biraan naaf gahaa
KOTTAA KOLFAA #12
Abbaa murtii: Abbaa kee fi haadha kee ajjeesuu kee ragaadhaan mirkaneeffannee jirra. Ajjeesuu kee ni amantaa?
Yakkamaa: Eyyee ajjeeseera.
Abbaa murtii: Akkana taanaan sitti murteessuuf jirra. Adaba kee wanta siif salphisuu danda'u waan nutti himattu qabdaa?
Yakkamaa: Kabajamoo abbaa murtii! Mucaa abbaa fi haadha hin qabne ta'uu koo ilaalcha keessa galchitanii adaba koo akka naaf salphistan kabajaanan isin gaafadha!
#Kottaa #Kolfaa
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa
Turtii gaarii....!!!!!
#Waggaa_Meeqatti?
(Eebbisaa Baayisaa)
• Platon waggaa 20tti barataa Socrates ta'e.
• Mozart waggaa 8tti muuziqaa isaa isa jalqabaa barreesse.
• Charles Dickens waggaa 12tti barnoota isaa addaan kutee warshaatti qacaramee hojii eegale. Abbaan isaa liqii kaffaluu dadhabuun waan jalaa hidhameef.
• Anne Frank waggaa 13tti kitaaba ishee yaadannoo guyyuu barreessuu jalqabde.
• Ralph Waldo Emerson waggaa 14tti Harvard seene.
• Bill Gates waggaa 19tti Microsoft hundeesse (namoota waliin). Waggaa 31tti immoo biliyeenera ta'e.
• Walliam Shakespear waggaa 31tti 'Romeo and Juliet' barreesse.
• Thomas Jefferson waggaa 33tti 'Declaration of Independence' barreesse.
• Mother Teresa waggaa 40tti 'Missionaries of Charity' hundeessite.
• Pablo Picasso waggaa 55tti fakkii 'Guernica' kaase.
• Winston Churchill waggaa 65tti muummee ministeeraa Biriteen ta'e.
• Nelson Mandela waggaa 75tti pirezidaantii Afrikaa Kibbaa ta'e.
• Frank Lloyd Wright waggaa 91tti hojii godambaa Guggenheim xumure.
• Ichijirou Araya waggaa 100tti gaara Fuji yaabbate.
Ijoollees ta'i jaarsa, dargaggeessas ta'i maanguddoo, umurii kam irrayyuu jiraadhu abjuu kee milkeessuu inuma dandeessa. Namoonni baay'een, "Kana booda eessan ga'a?" jedhanii hojii dhiisu. Kaan immoo, "Anoo ijoolleedhaa akkamittan danda'a?" jedhanii ijoollummaatti qabatu. Dhugaan jiru garuu wanti guddaan umurii otoo hin taane abjuu ofii raawwachuuf kutannoo qabaachuudha. Abdii kutuuf sababni hin jiru, yoo uumte malee!
Ergaa kana namaa jabaa #Eebbisaa_baayisaatu nuuf qoodee.
Jedhaa egaa! Galgala mishaa qabaadhaa!
#namabiyyaoromoo
#deemsiittifufa
@ImaltuuGuddinaa
Turti gaarii....!!!!!
#maaliif_isinitti fakkaata?
I don't understand why in banks pens are always attached to strings. We trust them with our money and they can't even trust us with just one pen 🖊️ 🙄🙄🥴
# especially CBE
Namoota si waliin hojii walfakkaataa hojjetan, dandeettiin nan caala jettee kan amantu garuu isaan si caalaa hojii sanatti milkaa’oo ta’an dhokadhuutii mala isaan ittiin hojjetan caqasii caaluuf yaali. Ammas caaluunii yoo dadhabde ofumaa waan isaan caaltu sitti fakkaatee gowwomaa jirta jechuudha ….kanaaf jara caaluu dadhabde kana mala isaan waliin hojjechuu dandeessu irratti hojjedhu.
Halaala teessee ofumaa namootatti guyyaa guutuu hamma hamattu yookin account fake dhaan post isaanii jala deemtee hamma arrabsitu, itti siqiitii jara waliin hojjedhuu eebba isaanii irraa qicadhu. Addunyaan yeroo hunda hadheessitootaaf utuu hin taane warra mo’aa jiraniif gurra laatti. Kanaaf ofumaa hinaaffaan anniisaa kee hin fixiin!
Isa mo’uu dadhabdeef deggeraa ta’ii waliin mo’i! ✌🏽
Kanaan dubbiisee irraa
@ImaltuuGuddinaa
Turti gaarii....!!!
#Ilaamee....!!!!
Guyyaan har'a ni darba waanti sirraa eegamuu garuu guyyaa darbuu kanaa keessatti waan hin dabarree tokko buufattee darbuu keedha
@ImaltuuGuddinaa
#AA_irraa
Turtii gaarii..!!!
#Si_dinqee_afaan_qabatta
•Si dinqee afaan qabatta, yeroo waajjira Polisii hattuun saamamu argitee;
•Si dinqee afaan qabatta, yeroo dhaabbata ittisa balaa ibidaa /Fire-Station/ ofumaa abiddaan gubatu argitee;
•Si dinqee afaan qabatta, yeroo gorsituu ga’elaa ofiiidhuma isaa gaa’ela hiiku argite;
•Si dinqee afaan qabatta, yeroo Komishinii Farra Malaanmaltummaa, ofumasaa malaanmaltummaan himatamu argitee;
•Si dinqee afaan qabatta, yeroo namini roobooti harkumaan hojjetee, roobootii waraana isuma irratti banu argitee;
•Si dinqee afaan qabatta, yeroo Paayileetii ol-fagaatee xiyyaara balaliisu, anaanoo lafaan namare jedhee dubbatu argitee;
•Si dinqee afaan qabatta, bara huccuun ammayyeefame oomishamee utuu jiruu garuu nama wayyaa jibbee qullaa deemu argitee;
•Si dinqee afaan qabatta, bara mirgi namaa sarbeemee jiruu, garuu mirgi beenladoota kabajamuu argitee;
•Si dinqee afaan qabatta, yeroo amantiin siyaasa ta’u, siyaasi immoo amantii ta’uu argitee;
•Si dinqee afaan qabatta, yeroo namni namummaa gadhiisee bineensa ta’u, garuu utuu bineensi immo amala namummaa horatu argitee;
•Si dinqee afaan qabatta, yeroo inni harka qalleessii wayyaa uffatu, garuu inni sooressi qullaa deemu argitee;
Horaa bulaa!
Maddii: fuula barruu #luba_fiqaaduu_beenyaa
@ImaltuuGuddinaa
Turtii gaarii..!!
ANI MAALIIFAN UUMAMEE?
What's your purpose of life.?
Jireenya keessatti waanti ati ta'uu qabdu sitti himameera ta'a,atis isa sitti himame hojjachuuf tattafatteetta ta'a,garuu itti hin milkooftu.Sababni isaa immoo,sitti himame malee,ati ofitti hin himne.Hojiin milkaa'ina qabu ofumaaf ofitti himuu irraa jalqaba!
Hundi keenya kennaa garaagaraa dhuunfaa dhuunfatti nuuf kenname qabna. Addunyaa kana irraa namoonni kennaan isaanii %100 walfakkaataa ta’an hin jirani. Kanaaf ofiikee dhiistee namoota biraa fakkaachuuf yaaluun dogoggora guddaadha. Waa’ee dandeettii keetii, carraawwan jireenyakee keessatti qabduufi eenyummaa dhuunfaakee yaadi malee nama biraa fakkaachuuf hin yaaliin.
Namni kamiyyuu jireenya isaa keessatti ergama mataa isaa ni qaba. uumaan tokko tokko keenyatti dirqama adda addaa kenneera. dirqama siif kenname namni biraan hojjechuu hin danda'u. kanaaf waanti nurraa eegamu kaayyoo uumamneef adda baafnee beekuufi of taanee jiraachuudha.
Akkaataa ati ofiikee itti ilaaltu akkaata ati itti tarkaanfaattu murteessa.kanaaf dandeettiikootti nan amanaa? jedhii of gaafadhu. Humna si keessa jirutti hin amantu taanaan milkaa’ina gonfachuu hin dandeessu. Bakkuma jirtutti waanuma of harkaa qabdu fayyadamiitii waan dandeessu hojjedhu. Kaayyookee irratti xiyyeeffattee waan hojjechuu dandeessu hojjennaan kanbiraa maaltu sirraa eegamaree?
Yoom akka hojjettu, maal akka hojjettu, akkamitti akka hojjettu qajeelfama nama biraa hin eeggatiin. Waan dandeessuu hojjechuudhaaf har’a siif guyyaa addaati. Kanaaf ganamaan ka’ii deemsakee eegali. Amma yoo imala eegalte karaa dhiyeeffattee bulta waan ta’eef.
Namoonni baay’een kaayyoo ofiisaanii ni beekuu, hojjechuuf garuu tarkaanfii hin fudhatan. Haala mijataa ykn nama si gargaaruu teessee eeguu irra kaayyoo uumaamteef jiraachuuf battala barreefama kana dubbisteen of qopheessi. Akka nama bidiruudhaan galaana irra naanna’uudhaan bashannanuu bakkuma tokko marsaa hin ooliin. Kaayyoo uumaamteef bakka gahuu qabdu gahuudhaaf ofiikee irratti murtoo fudhadhu. Milkaa’inni waan barbaadan argachuu osoo hin taanee imala jireenyaa eegaluudha. Milkaa’inni walitti fufinsaan daandii milkaa’inaa irra imaluudha malee bakka yaadaan gahuu qofaa miti.
Maxxansa kana yoo jaalatte #share godhi.
Join ❤️💕🎉
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa
Deemsi itti fufa
Join
@Imaltuuaguddinaa
@Imaltuuaguddinaa
@Imaltuuaguddinaa
#OduuAmmee
Firiin qormaata kutaa 12ffaa ifoomeera.
Firiin qabxiin barattootaa kutaa 12ffaa guyyaa har'aa halkan sa'a 5:30 irraa kaasuun akka ifoomu eejensiin madaallii barnootaafi qormaataa biyyaalessaa beeksiseera.
Barattoonni sa'atii himame irraa kaasuun karaawwan armaan gadii fayyadamuun qabxii keessan ilaallachuu ni dandeessu.
1. eaes.edu.et
2. Telegram 👉 @EAESbot
3. SMS 6284
#Nama_kan_biraatiin_of_hin_dorgomsiisin!
✍️hundumti keenyayyuu akkuma bifa keenyaa fedhii fi amalli keenyas garaa garadha.
✍️wantoota jireenya keenya keessatti gufuu nutti ta’anii gadda nutti uffisan keessaa inni guddaan ofii keenya nama kan biraatiin madaalu ykn dorgomsiisuudha
✍️qurxummiin simbirroo ilaaltee akka simbirroottin balali’uu qaba yoo jette simbirroon immoo qurxummii ilaaltee akka qurxummiittiin bishaan daakuu qaba yoo jette lamaan isaaniyyuu otuu hin milkaa’in abjoochaatuma hafu! egaa ofiikeen ofuma madaalii malee nama kan biraan hin madaalin!
Oolmaa gaarii siif hawwaa
Join ❤️❤️🎄❤️❤️
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa
ERGAA BAAY'EE BAREEDAA | @
▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Nama sooressa tokkotu karaa foddaa gadi ilaalee nama balfa keessaa waa baafachaa jiru argee... akkana jedhe, "Yaa waaqayyoo galatoomi ani hiyyeessa waan hin ta'iniif."
» Namtichi hiyyeessi tokkos nama qullaa isaa daandii irra deemaa, akka amala hin taane
wayii argisiisu tokko argee akkana jedhe, "Yaa Waaqayyoo galatoomi waan ani maarataa hin ta'iniif" jedhee.
» Namni maarataan sunis fuuldura isaatti ambuulaansii nama dhukkubsataa baatee
deemu argee akkana jedhe, "Yaa waaqayyo galatoomi ani dhukkubsataa miti" jedhe.
» Inni dhukkubsatee mana yaalaa keessa tures reeffa mana yaalaa keessaa bahee gara awwaalchaa deemu argee akkana jedhe, "Yaa Waaqayyoo galatoomi ani lubbuun jira" jedhe.
✪ Namni Waaqayyoon hin galateeffanne nama lubbuudhaan hin jirre qofaadha. Eebba fi jireenya Waaqayyo siif kenne hundumaaf maaliif Waaqayyoon hin galateeffattu?
Guyyaa har'aa eebbifamtuu
kanaafis maaliif isa hin galateeffattu?
✪ "Jireenyi maali?" Jireenyi maal akka ta'e hubachuuf iddoo 3 deemuu qabda;
1 ⁃ Hospitaala
2 ⁃ Mana sirreessaa (hidhaa)
3 ⁃ Iddoo awwaalchaa.
⩩ Hospitaalatti Fayyaa caalaa wanti gaariin akka hin jirre hubatta.
⩩ Mana hidhaatti Bilisummaan hangam gati jabeessa akka ta'e hubatta.
⩩ Iddoo awwaalchaatti jireenyi hammam gati jabeessa akka ta'e hubatta.
✪ Dacheen har'a miillaan irra deemnu kun boru mana keenya! Kan nama gaddisiisu hundi keenya har'a qullaa as dhufne. Harka qullaas asii deemna.
✪ Kanaafuu koottaa garraamummaadhaan yeroo hundumaa waanuma hundumaaf waaqayyoon eebbisaa isas jajachaa haa jiraannu.
✪ Waaqayyoo nu jaallata !
join
@ImaltuuGuddinaa
There are several signs that may indicate that someone is a toxic person:
♦️They are constantly negative: Toxic people tend to focus on the negative and find fault in everything, which can bring down the mood of those around them.
♦️They are always the victim: Toxic people have a habit of blaming others for their problems and rarely take responsibility for their own actions.
♦️ They are overly critical: Toxic people are quick to criticize others and rarely offer praise or positive feedback.
♦️They are manipulative: Toxic people may use manipulation tactics, such as guilt-tripping, to get their way.
♦️They are judgmental: Toxic people are often quick to judge others and may be intolerant of people who are different from them.
♦️They lack empathy: Toxic people may have a hard time understanding or caring about the feelings of others.
♦️They are controlling: Toxic people may try to control others or exert their power over them.
♦️ They are always right: Toxic people may have a hard time admitting when they are wrong or taking feedback from others.
♦️They are prone to anger: Toxic people may have a short fuse and become easily angered or aggressive.
♦️They are unreliable: Toxic people may make promises they can't keep or let others down consistently.
It's important to remember that these behaviors don't necessarily make someone a "bad" person, but they can have a negative impact on relationships and should be addressed if they are causing harm..🥂
@ImaltuuGuddinaa
#Paul_Richard_Alexander
Namni kun sababa dhibee Pooliyootiin umuriisaa waggaa 6 irraa kaasee hanga ammaatti waggoota 71 darbaniif meeshaa “Iron Lung” jedhamu keessa jiraachaa jira! Qaamnisaa mormaa gadi laamsha’ee jira. Meeshaa kana keessaa baanaan harganuu waan hin dandeenyeef tasa lubbuunsaa darba! Gidiraa hamaadha! Dhalli namaa akkasitti waggaa 71 jiraachuun akkam akka ulfaatu tilmaamaa!
Namni akkasii waa’ee jireenya borii ni abdata, ni barata, karoora baafata jettanii ni yaadduu?
Inni garuu;
- Abbaa seeraa (Lawyer) dha.
- Austin keessatti kan argamu University of Texas irraa Muummee Seeraatiin eebbifame
- Hojiin isaa; Mana murtiitti warreen adeemsa murtii barreessaniif barnootaafi leenjii kennuudha
- Kitaabota lama barreesseera: kitaabonni kunneen, “Three Minutes for a Dog” fi “My Life in an Iron Lung” jedhamu.
-
Kun akkamitti ta’a jechuu dandeessu!
- Yoo kaayyoo qabaatte, yoo kaayyoo keef hojjette bakka feete ni geessa. Wanti si daangessu hin jiraatu
- Paul Alexander, achi ciisee online baratee, achi ciisee dubbisee, achi ciisee waan barate sammuutti qabatee, achi ciisee qoramee, achi ciisee muummee seeraatiin yuunivarsiitii eebbifame!
-
Ati namni Waaqayyo fayyaa guutuu siif laate, kan harkaafi miila qabdu, kan deemtees ta’e hojjettee bakka garaa ga’uu dandeessu maaf abdii kutta? Maaf kufaatiitti of laatta? Maaf obsa dhabda?
Murteeffadhu malee ni milkoofta!
Join
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa
Turtii gaarii....!!
#MIIRA
✔️yeroo baay'ee jireenya keenya guyyuu keessatti mudannoowwan gammachisoo hin taanee kanneen akka nuti dafnee response gaarii hin taanee akka laatnu nu godhan hedduun nu mudatu. Maal kanaa qofa osoo dogongoraa mataa keenya hin ta'iin ilaalchi namoonni nuuf qaban, akkasumas arraba isaani isa akka eebootti namaa dhukkubsuun yeroo nu waranaan ni argina.
✔️Yeroo haalotni akkasii sii mudatan deebii akkami laatte beekta?, Akkuma isaani atis dhabbattee eeboo lammaffa itti darbattaa moo miiraa kee to'atte obsaan biraa darbuuf yaalta?.
✔️ Waanti gadheen kan jireenya keenya, kaayyoo keenya hunda altakkaan duwwaa nu jala godhu #Miiraa keenyadha. Miira ofiin gaggeeffamuun dhabaa nama godha, waan yaadne tokkoo karatti nu jalaa hambisaa maal kanaa qofa gaabbii sirreeffaama hin qabne akka gaabba hafnuu nu godha.
✔️Kanaaf jireenya kee keessatti haalotni mijaatoo hin taanee hammam sitti baay'atan illee hammam arrabsoowwan gara garaa sitti darbataman illee ati miira keen adeeemte murtoo tokko illee fudhachuuf hin yaaliin. Caallisi deemsa jalqabdee sanaa milkeeffachuuf xiyyeeffanan irratti carraqii.
Waan si dhibu namoonni baay'ee deemsa kee, milkaa'insa kee fi tattaaffii keetti gammadoo hin taanee hedduutu jiru isaan kara ittiin danqaa sitti ta'aan yeroo dhaban akka ati miira keessa galtee galmaa kee biraa hankaaktuuf xinsammuu keetti kara gara garaa bu'uu barbaaduu. Yeroo kanaa ati namoota akkasiif tasumaa gurraa hin laatiin caallisii obsaan deemsa jalqabdee sanaa milkeeffachuuf carraaqii.
✔️Dhagaan hamma Fedhe sagalee dhageesisee wacuus bishaan deemsa isa hin dhaabuu Kanaaf atis Namoonni akka ati miira keessa galtee galmaa Kee karatti hambistuuf hammam yoo yaalan illee isaanif yeroo tokko illee hin qabatiin obsaan deemsa kee itti fufi.
"Haalota ulfaatoo har'a irraa jirtu osoo hin taanee galma kee isa borii ilaallacha adeemi"
#AA dha yuuniversiitii Amboo irraa
Erga kanaa hiriyoota keessan biraan naaf gahuu hin dagatina
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa
Turtii gaarii...🙏🙏🙏
"Ofuma kee irra barbaadi"
Seenaa aja'ibaa kan irraa baradhaa!!
👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Barsiisaadha. Barsiisuuf daree seena.erga seeneen booda,baay'ee boodatti hafnee waan jirruuf dafnee deemna jedhee ariitiidhaan gabatee qulqulleessuu eegala. Barataan tokko iddoo teessuma isaatii ka'ee gara isaa dhufe.
" Taa'i eessa deemta?" Jedhan barsiisaan. Barataan "qalama koottuu na jalaa bade, deemeen barbaadadhee dhufa" jedhe baratan barsiisaan. Osoo barataan kun akkas barsiisaa isaatiin jedhu, barsiisaan qalama matuma isaa keessaatti arga. Baay'ee ofkeessatti dinqiisiifachuudhan "deemiitii barbaadhuu kootti" ittin jedhe.
Baratichiis barbaaduuf deema.erga deemeen booda dhabee gara dareetti deebi'e.barsiisaan iis "argattee qalama kee? " jedhen barataan.
Barataan "hin arganne soqee dhabeera "jedhe.
Barsiisaan akkas ittin jedhe "ati qalama kee hin ganne, qalamnii kee si'uma irra jiraa ofirra barbaadi "jedheen.
baratichiis ofirraatti arge.
Seenaan kun baayyee nama gaddisiisa.mucaan qalama isaa hin ganne,gate jedhee qalamnii innii barbaadu isuma irra jira. Yeroo hedduu baay'een keenna/keenya
Dandeettii keessa keenna/nya jiru hin arginu. osoo wantii guddaan keessa keenya jiruu wanta guddaa barbaaduun jireenya keenya xummurra.
Osoo si irra jiruu wantii atiin arguu dadhabdee barbaadaa jirtu maaliidha?i
Si keessa qabeenya guddaa addunyaaf ooluu jira.qabeenya kan baasii gabaa /gabayaa adduunyaaf dhiyeessi ofiis fayyadamaa ta'i.
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa
Turtii gaarii...!!!
#Gaafa_karaa_salphaa_filatan
Jireenyi gaafa karaa salphaa filatan, ni ulfaata.
Gaafa karaa ulfaataa filatan immoo ni salphata.
Jireenya of qabuudhaafi of to'achuudhaan jiraachuu jechuun, karaa salphaa fi gabaabaa dhiisanii, jireenya karaa dheeraafi jabaataa ta'een jiraachuu jechuudha. Kunis gaafa jireenyaaf gatii isheen barbaaddu sirriitti kaffaltuuf, bu'aan jireenyaa mijataafi kan qajeele ta'a. Garagarummaan namoota milkaa'aniifi milkaa'ina irraa fagaatanii, inni ijoon daandii jireenya isaan filatan irraa madda. Innis tokko karaa jabaataa ta'e filatee, jireenya salphaa ta'e jiraata. Tokko immoo karaa salphaa ta'e filate, jireenya ulfaataa ta'e jiraata.
Kanaafuu karaa jabaataa fi qorumsi keessa jiru filachuu jechuun, jireenya gariifi qulqulluu ta'e akka jiraattuuf qarshii qusachuu jechuudha.
Guyyaankee kan eebbifame haa ta'u.
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa
Turtii gaarii.....!!!!
Chaampiyoonii addunyaa tahuu irraa gara teessumaan oofamuutti
***********
Dhalataa Lammii Amerikaa kan tahee fi moggaasa masoo ‘’Kid Dynamite’’ jedhamuun kan beekamu Mikaayel G. Taayson bookserii ajaahibsiifatamaa ture. Bara 1985 hanga 2005tti dorgommii ciccimoo injifachaa kan turee fi maatii ispoortii irraa kabajaa fi ajaahibsiifannaa guddaa nama horatedha. Gosa ispoortii booksiingii keessatti namoota ulfaatina qaamaa guddaa qaban keessatti kan ramadamu yoo tahu, cimina isaa irraan kan kahe yeroo tokko maqaan masoo ‘’Nama balaafamaa addunyaa kanaa’’ jedhamus kennameefii akka ture baayogiraafiin isaa ni dubbata.
Har’a garuu dubbiin akkas miti. Umurii isaa wagga 56ffaatti namtichi cimaan addunyaa kun laaffatee gargaarsa namaatiin socho’a. Waggaa lama dura dhukkuba dugdaatiin qabamee siree isaa irraa ol jechuun akka itti cime dubbata.
Kanarraa maal baranna?
******
**Waayee borii waan beeknu hin qabnu, wanti fedhe yookiin wanti hin eegamne jireenya keenya irratti ta’uu danda’a. Jabinnii fi ciminni ilma namaa waan lakkaa’amu miti.
**Herregni ‘’yeroo tokko cimaa fi goota tahuun hamma dhumaatti cimaa fi goota nama taasisa ‘’ jedhu jireenya keessatti hin hojjetu. Hunduu ni jijjiirama. Fayyaan ni dhabama, bareedinni ni godaana,dinagdeen ni kufa, beekamtii argachuun ni dhidhima, goota tahuunis nama gana.
**Bara baraan cimaa, mo’ataa, urjii fi beekamaa tahuun hin jiru.
Wanti hunduu ni gedderama, ariitiidhaan nu dhiisee adeema. Kan hin gedderamne dubbii waaqayyoo qofa. [1 phexiroos 1:25]
@ImaltuuGuddinaa
Turti gaarii..!!!
#QOOSAAF
#Jireenyaa_dinqisaatuu nuuf qoosee
Yuunivarsiitii teessanii sababa ittiin maatii keessan maallaqa ergisiistan yoo dhabdan "Abbaayyee barsiisaan keenya kaleessa Raashfoord qabattanii daree hin seentan yoo ta'e gaafa Jimaataa Qormaata Fernaandeesii fi Odegaard irra hin teessani. kanaa alatti qabxiin Kaasemiiroo keessanii gara Chuwaameeniitti jijjiirama kanaafuu qarshii 2000 na barbaachisa yeroo darbes akkasuma Ancheloottiif jedheen qarshii 1000 ijoolleerraa fudhadheen liqiin narra jira" jettanii warri muudii qabattan mataatu isinirraa diigameera moo maaliif maatii keessanitti taphattu?😴
@ImaltuuGuddinaa
Turti gaarii... !!!
#Beekamuudhaf_osoo_hin_taanee_beekaa_ta'uudhaf_dhama'ii.
✔️Namoonni baay'een sababoota gara garaan hawwasaa biratti fudhatama argachuu, beekamtii goonfachuu barbaaduu kan isiin dhibu immoo waan tokko dalagani erga ummataa biratti bekamanii booda Kara hunda #influencial ta'uudhaf dhama'u garuu maal godha isaan durumaanuu kaayyoon isaanii beekamuudha malee waan tokko beekaanii miti.
✔️Waan isiin dhibu beekamuun barbaada osoo jettanii ni dandeessuu garuu akkuma gaguuraa keessaan gagaan guutame taatuu malee homa bu'aa isiin beekamu irraan argatan tokko illee hin jiru.
Mee faakkeenya tokkon isiniif kaasa Gaazexeessaan Iraaq Muntazeer al-Zayidii erga kophee isaa Pirezidantii US Joorj W Buushitti darbatee booda beekamtii idil-addunyaa argate.
Taateen kuni yeroo Pirezidant Buush Bagdaaditti ibsa miidiyaaleef bara 2008’tti kennaa jiranii mudate, namichi kun waan bira hin goone beekumsa adda qabatee miti sababidhuma akkas godheef qofa beekamtii guddaa argatee.
Garuu waan seenaaf ta'uu waan dhalootnii bor maqaa Isa ittiin waamu tokko iyyuu hin qabu. Inni akkasii beekamtii miira jedhama.
✔️Ati garuu obboleessaa/ttii koo dhaamsi ani sii qabu ofii beekamuuudhaf osoo hin taanee waa beekuudhaf, dhalootaf waan hin dabarree tokko buuste darbutu sirraa jiraata gaafa sanaa Namoonni siin beekuudhaf, sin dinqisifachuudhaf sii iyyaafatan lakkoofsa hin qabani.
✔️ Kanaaf waan goonu, waan yaannu kamiyyuu beekuudhaf akkasumas dhaloota Kanaaf bu'aa tokko buusuudhaafi waan maqaan keenyii awwalaa keenyaan olitti gaarummaan dubbatamuu tokko hojjenne haa dabarruun jedha.
"Beekamuun dura, beekuu haa dursiisnuu"
#Oromtichaa_AA
@Imaltuu_Guuddinaa
Turtii gaarii....!!!
Kan argitan kun #Annie_Belin jedhamti. Umurii dheeraa jiraatte. Waggaa 102ffaa ishee yommuu kabajattu, “Icciitiin umurii dheeraa jiraachuu kee maalidhaa?” jedhanii gaafannaan,
“Icciitiin umurii dheeraa jiraachuu koo dhimma na hin galchine keessa galuu dhiisuu kooti” jette!
Dhimma nama hin galchine keessa galuu dhiisuun hirriba nagaa nama raffisa, umurii namaa dheeressa!
Dilbata gaarii, nagaan oolaa!
Via #leta_kenei
@Imaltuu_Guudinaa
Turtii gaarii...!!!
#Mul'atnii_koo_maalii
Mul'ata keessan namoota Ijaarama sammuu guddataa fi qajeelaa qabu qooda malee namoota Sammuu Ego fi ijaarama sammuu dhaabbata qabu hin qoodiin.
Jireenya kee keessatti gaaffiin baay'ee bu'uura ta'e "Ani eenyu.? Mul'anni koohoo maalii?!
Hojii maneen kee inni guddaan adunyaa kana irra hamma jiraattutti mul'ata dhokataa uuman kee si keessa kaa'e barabaaddee argachuu fi fiixaan bahinsa isaaf irratti hojjeechuu dha. Mul'ata mataa keetii barabaadee argachuuf fi irratti hojjechuudhaa yoo baatte umurii kee guutuu garba mul'ata nama biroo taatee jiraatta jeechudha. Sammuu kee jijjiiruu yoo dandeesse, Jireenya kee jijjiiruu dandeessa!" Wiiliyaam Jeemsi
Mul'anni kee baay'ee gati jabeessadha Jireenya kee kessatti mul'anni ati baastee ittin hin hojjenne addunyaaf bu'aa hin qabu. Dhaloota kana fayyadu isa ati baastee ittiin hojjette qofadha.
Namoota mul'ata fi kaayyoo ofi beeku akka tannu Rabbii nu garagaruu
Your worst enemy lives in you.
#Share_it
Join ✍️✔️🎉💕❤️😍
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa
Wanta jijjiiruu hin dandeenye tokko amanii fudhadhu!
namoonni baay’ee gammachuu dhabanii gaddaan kan jiraataniif yeroo baay’ee wanta humna isaanii ol ta’e tokko ykn waan jijjiiruu hin dandeenye tokko jijjiiruudhaaf waan yaalaniifidha.jireenya keenya keessatti aangoo waan hunda jijjiiruu fi ofiis jijjiiramuu yoo qabaanne iyyuu wantoonni nuti tasumaa jijjiiruu hin dandeenye tokko tokko nii jiru.kanaaf wanta humna kee ol ta’e tokko jijjiiruuf jettee mataa of hin dhukkubsin.waan humna kee ol ta’e sana #waaqayyotti kennadhu.isatu waan hunda jijjiiruuf #humna qaba!
#ODASPECIALBOARDINGSCHOOL
Barattoonni Mana Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa /ODA SPECIAL BOARDING SCHOOL/ seenaa baroota darbanii irra deebi'uun bara kanas qabxii ol'aanaa galmeessuu itti fufanii jiru.
Barattoota 76 qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2014 qoraman keessaa:
👉Barattootni 21 /27.6%/ qabxii 600fi isaa ol,
👉Barattootni 45 qabxii 500-599 fi
👉Baratoonni 2 immoo qabxii 400 keessa kan galmeessan yoo ta'u gosa barnoota Herregaas100% galmeessuun kan danda'meefi qabxiin ol'aanaa ta'e 652 galmaa'ee jira.
Kanaafuu, uummanni keenya, barattootni, maatiin barattootaa, hawaasni mana barnootaa, boordiifi miseensonni WMO, hojjeettootni caasaa WMO sadarkaa sadarkaan jirtaniifi deeggartootni misoomaa hundi baga gammaddan baga gammanne!
1. Roobeeraa Asmaraa...............652
2. Biqilaa Haacaaluu.................. 650
3. Sanyii Dassaalany.................. 644
4. Olaanaa Abarraa.................... 641
5. Firaa'ol Danoo........................ 639
6. Geexee Boonaa...................... 637
7. Roobeeraa Bushuraa .............637
8. Barakat Kabbadaa .................635
9. Elihaam Jibriil ........................634
10. Hayaat Ibraahim.................. 630
11.Siyyum Waldee .....................630
12.Saamu 'eel Xaasoo............... 628
13. Firoomsaa Mohaammad ....625
14. Dastaa Nigusee ....................619
15. Naafyaad Daagim................ 619
16. Leencoo Baay'isaa ...............617
17. Meeroon Abbabaa............... 617
18. Indaaluu Qalbeessaa ...........616
19. Abdii Geetuu .........................614
20. Roobee Abaataa ..................614
21.Warquu Camadaa .................612
Waldaan Misooma Oromiyaa dhaloota qareeyyii, egeree saba keenyaa qajeelchan oomishaa jira. ( Webisegni )
Join ❤️✍️👇🙏🙏💕
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa
You can
Join 💕❤️🎉✍️🎄
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa
#Gaarummaan_haa_dursuu
Nuti biyyaa lafaa kana irraa kan jiraannuu marsa tokko qofan kanaa jechuun isumma Amma jiraacha jirru kanaa qofa jirannee addunya kanaa irraa darbinaa.
Marree taateen nutii guyyaa guyyaan jireenyaa keenya irratti dalagnuu immoo #amala (#behavior) isa jedhamuu nuuf Kenna.
Jireenyii nuti jiraannuu kan yeroo muraasaa ta'uu isa erga hubattee taateen ati guyya guyyaan dalagnuu waarreen armaan gadiin akka ta'aniif dhama'ii
✍️Nammummaa nama tokkof dursa kenni.
✍️ Gaarummaa yaadi, gaarii hojjedhuu, Gaarummaaf dursa kenni.
✍️Anumma irra fagaadhuu
✍️ Jireenya jiraattutti gammadii
✍️Uumakee waliin hariroo gaarii qabadhuu.
✍️Nama biroo immoo akka mataa keetiti jaalladhu (ilaalcha barbaadee iyyuu siif haa qabatuu)
✓egaa jireenya qajeela fi milkaa'insan guutee argachuuf qabxiileen armaan olii #amala (#behavior) kee ta'uun deemsa kee fiixaan siif baasuu
#share gochuu hin dagatinaa
Join ❤️✍️👇🙏
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa
@ImaltuuGuddinaa