For Feedback, Here is @Ifargan
Dhibaa'ummaa!
------------------
Namoonni dhibaa'oon hojjettoota gaarii miti. Hojii hundumaa karaa salphaan hojjechuuf yaalu. Hojiin karaa salphaan hojjetame immoo bu'aa xiqqoo qaba. Isaan guyyaa har'aa sa'aa meeqan hojjedhe jedhu malee, sa'aan hojjedhe keessatti hojii bu'aa hagamii qabun hojjedhe hin jedhan. Nama isaan hoogganu hin qaban taanaan immoo, tasumaa dalagaa hin dalagan. Hoogganaan namoota akkasiif barbaachise malee namoota itti gaafatamummaa isaanii haalaan bahuu danda'aniif miti.
Addunyaan kun namoota itti gaafatamummaa isaanii amanamummaan bahuu danda'aniif bakka guddaa qabdi. Garuu hojjettoota dhibaa'ootu, namoota akkasiitti gaaddisa uuma.
------------
@ifargantech
Amenti Bonja was born and raised in a place called Qile Doyo in Eastern Shoa. The primary school has studied at Qile Doyo primary school.
He learned his lesson in high school. After that when he studied medical at Jimma University, he got DV and went to America.
He went to America and got his first degree in engineering from Georgia institute of technology. Even though he is an engineer, his interest in literature has translated George Orwell's famous book 'Animal Farm' to Afan Oromo and presented it to readers for free.
For the readers 👇
https://drive.google.com/file/d/1ziOT000IxWOBiv1gIl6PfudDXvt84A2K/view?mibextid=Zxz2cZ
Adobe Illustrator is a professional vector-based design and drawing program. Used as part of a larger design workflow, Illustrator allows for the creation of everything from single design elements to entire compositions.
Читать полностью…DUBBIFAMUU QABA
Ati gammadaa/gammadduu dhaa?
------------------------
Nardos jedhamti. Dorgommii haasawa nama daddammaqsuu Donkey Tube irratti daqiiqaa sadiif taasifte irratti fakkeenya keessa koo tuquun akkan isiniif qoodu na taasise tokko kaaftee turte. Video sana argitaniittu ta'a.
Jireenya fuuldura keenyaa fi isa irra darbine wal cinaa qabdee dorgomsiifti. Elaamee fakkeenya tokkon isiniif kaasa jette, "Faranjiin gaafa konkolaataa uumu, fuuldura keetiin fuullee bal'aa tokko siif kaa'eera. Kunis kallattii feeteen gara fuuldurakee akka ilaalaa adeemtuufi. Bukkee keen immoo fuullee xiqqoo tokko, spiikiwoo, akka ati ittiin duuba kee ilaaltee qajeelchituu kolkolaataa kee sirreeffattee adeemsa kee gara fuulduraatti itti fuftuuf siif kaa'eera. Atis kanaaf, jireenya kee isa darbeef hin dhiphatiin. Isarra dhaabachuun jireenya kee gara fuulduraatti hoofi" jette.
Itti dabaluunis, "Namni hunduu osuu gammadaa ta'ee natti tola" jette. "Haa ta'u malee namoonni jireenya isaanii keessatti gammachuu kan dhaban waan jireenya isaanii namoota biroo waliin madaalchisaniifi" jette.
Waa danuu irraa hubattu jedheen yaada. Yaadota qajeelaan of guunnee jireenya keenya gara fuulduraatti haa hoofnu.
---------------
Galatoomaa!
By Ifargan Gudeta
@ifargantech @ifargantech
Released! #Share #Share
Kitaaba kuusaa walaloo
Yoo yaada qabaattan:- @ifargan
JOIN @ifargantech NOW!
Qaam'ee fi Kalaandarii Itoophiyaa
Xiinxala adeemsaa
Fuula - 4 in A5
Size - 151 kb
Barreessaa - Ifargan Guddataa
Kitaabni qoosaa haarawni kunooti. Waliif qoodaa. @ifargantech | Gaaddidduu Addunyaa
Читать полностью…CAGGINOO
(Kuusaa Walaloo)
Barreessaan: Caalaa Warquuti
Dubbisa gaarii!🙏🏻
@Orobook
Kitaaba haaraa! "Gadadoo Mana Hidhaa" Barreessaan Gammadaa Darajjee. Yeroo dhiyootti bifa PDF tiin!
Читать полностью…ChatGPT BEEKTUU?
-----------------------
Har'a waan haaraa fi isin baay'ee ajaa'ibsiifattan, baay'ee jaalattan tokkon qabadhee dhufe. Innis ChatGPT jedhama. ChatGPT kun kan hojjetamee hojiirra oole OpenAI dhaan yoo ta'u, web based chatbot system dha. Yeroo jalqabaaf November 30, 2022 jechuunis ji'a lama dura hojiirra oole. ChatGPT fayyadamuun gaaffii barbaaddan gaafattanii, ibsa bilchaataa waliin argachuu dandeessu.
Gaaffilee barnoota idilee waliin walqabatan, beekumsa waliigalaa kamuu, Waa'uma saayinsii barbaaddanii yoo gaafattan deebii quubsaa argattu. #model isaa #corpus_data hammaan hin tilmaamamnee fi maddeen garaagaraa irraa kan walitti qabameen kan hojjetudha.
ChatGPT kun #model machine learning kan Artificial Intelligence jedhamuun kan leenji'ee fi gaaffii kamiyyuu deebisuuf kan gahumsa qabudha.
Itoophiyaa keessatti ni hojjetaa? #Eeyyee#Eeyyee!
-----------------------------------
Moodelli kun sababoota garaagaraarraa kan ka'e ( Akka isaan jedhanitti ), biyyoota tokko tokkotti akka hojjetuuf hin eeyyamamne ture.
Ani garuu guyyaa waanti kun gadhiifamerraa kaasee fayyadamuuf dharraa olaanaan qabaadhe. Dhumarrattis milkaa'ee fayyadamuu danda'eera. Ergan fayyadamuu eegalees hamman isinitti himuu ol na gammachiise. Waanuma nuyi jaarraa kanatti barbaadnudha.
Namoota research garaagaraa hojjetaniif illee hamma jedhamuun ol hojii salphisaaf. Barattootaaf Assignment fi dalagaawwan biroo hojjechuuf haala mijataa uuma. Maal isaa! Ofiif hojjetaaf malee.
Waan nama ajaa'ibu keessaa deebiin isin chatbot kanarraa argattan #plagiarism takka kan of keessaa hin qabnedha. Deebii argattan blog yookaan website kamirraayyuu barbaaddanii hin argitan. Moodelli sun ofiisaa walitti isiniif qindeessa malee, deebii namni wayii hojjete hatee hin fidu.
Waan nama ajaa'ibu keessaa:- Theory akkuma ta'ettuu lafa feetanii walitti cortanii argachuu maltuyyuu! Gaaffii #Programming (Coding) barbaade gaafadhee yeroo inni ibsa isaa wajjin qindeessee naaf hojjetu argeen akka malee ta'e. Waanuma feetan yoo gaafattan implement godhee siniif fida. Hin beeku jechuun hin jiru.
Afaan Amaariffaan tiitooriyaalii mucaan xiqqaan tokko hojjete step jiru hunda ifaan isin akeeka. Step jiru yoo hordoftan isiniif hojjeta. Yoo isin rakkise ana quunnamaa. Ammaaf link https://www.youtube.com/watch?v=pas_3-8KtdQ kanaan seenuun video akkaataa itti Itoophiyaa keessatti fayyadamuun danda'amu ilaalaa.
Baay'ee jaalattu jedheen yaada!
Waliif qoodaa! Teeknooloojii wal barsiifna.
Odeeffannoo akkasii argachuuf channel kana #Follow taasisaa.
Ifargan G Eticha the dedicated man!
Jeff Dunham, an American ventriloquist, and his dummy friend Achmed, the death terrorist. I appreciate actors who use only their natural gifts to entertain the world. Nowadays Jeff Dunham is the most known ventriloquist in the world. Ventriloquists and beatboxers are my favorite entertainer. You can pass these two keywords to a YouTube search bar to get what I am talking about! Contact Achmed and Jeff Dunham on his youtube channel.
Читать полностью…Abbaankee manaa hin bahuu
Maal dallaa qabee tiksaa
Halkan yoon badee dhufes
Tiriika mooraatti ibsaa!
Gootomuuf sodaa lubbuu
Abbaan kee qawwee hin dhabuu
Fuullee bahii laalimee
Qeerrookee dallaa labuu!
Abbaankee baalabbaataa
Si butuuf sodaa shangoo
Baranni farra baataa
Hin beeku kankeef kankoo!
Silaa hanxaxii tooonee
Godoollee gad dhaabbannee
Jifuun nuuf baafti ifa,
Osoo waan dabaa yaannee
Abbaakee galaafannee
Rabbi nuun godhuu sifa?
YAADANNOO IJOOLLUMMAA - KUTAA 1FFAA
--------------------------------------------------————------
Yeroo ijoollummaa keenyaa yeroo huccuun haaraan nuuf bitamu baay'ee gammadna. Yeroon itti huccuun haaraan nuuf bitame sun nutti kennamu yoo guyyaa yookaan ganama ta'e yeroosuma uffannee ala bahuun hiriyootaa fi ollaatti agarsiifanna. Yoo yeroon isaa galgala ta'emmoo uffannee ilaallannee osuu gammachuu isaa hin fixatiin, "egaa boru uffattaa baafadhu" nuun jedhama. Haa ta'u malee baafannullee namatti hin amannu. Peestaalaan hidhannee of jala bulfanna. Ala baanee hiriyoota keenyatti agarsiifachuufis bari'emoo hin bariine jennee qaawwaan ala eegaa bulla. Carraan hirribaan qabamuu illee dhiphaadha. Sababa kanaaf halkanichillee nutti dheerachuu danda'a.
Karaa qaawwaa ifti xiqqoonshii mul'annaan daddafnee kaanee huccuu haaraa keenya uffannee ala baana, yoo haalaan hin bariine ta'emmoo maatii dhokannee manuma keessa bakka tokko teenya. Yeroo yaasaan bushaayee gahu dursinee balbala banachuun gadi baanee namoota naannootti argamuu malan hunda dura deemnee huccuu keenya agarsiifanna. Yoo ijoolleen ollaa fi hiriyoonni keenya gadi hin baane ta'e mana isaanii dhaqnee waamnee hirribaa kaasuun itti agarsiifanna. Yoo namoonni dursanii nurratti arguu baatan, "Eelaa... uffatan bitadhee... narraa bareedaa" jennee itti mul'ifanna.
Hiriyoonnii fi namoonni ollaa martuu, "si dhiisee haa dhumu" nuun jechuun dirqama. "si dhiisee haa dhumu" nuun jechuu baannaan huccuu haaraa bitachuu kootti inaafeera/inaafteetti jennee akka diinaatti fudhanna. Gallee maatii keenyattillee himanna. "Ebaluun huccuu koo argee/argitee si dhiisee haa dhumu naan hin jenne" jennaan. Haaloo guddaadha jechuudha. Amma ijoolleen ollaa huccuu keenya hawwanii gororanitti itti of jajna.
Ijoolleen ollaas dhiyeenyatti huccuu haaraa hin bitanne taanaan galanii boowuun maatii isaanii rakkisu. "Ebaluuf huccuun haaraan bitameera, anaafoo naaf hin bittanii?" jechuun maatii dararu. Nus gaafa dabaree keenyaa akkasuma goona jechuudha. Dabareen wal dharraasifanna.
Erga saatii murtaayeef ijoollee ollaatti agarsiifannee booda, "egaa baasii lafa kaa'i, guyyaa ayyaanaa uffatta, yeroo mana barumsaa deemtu uffattaa, guyyaa church deemtu uffattaa" jedhamnee akka ofirraa baafnu ajajamna. Amma huccuchi moofa'utti garuu halkan halkan garaa keenya jala bulfanna. Waanti kun martuu immoo huccuu yookaan kophee ta'uu danda'a.
Kutaa 2ffaan itti fufa!
Isin birawoo maaltu jira? Yaadannoo akkasii qabduu? Comment jalatti nuuf qoodaa!
Ana Ifargan Guddataa Itichaa dha.
Mudde 06, 2014 | Haramayaa irraa!
Walaloo: Harmee koo.mp3 :/ Barreessaa: Ifargan Guddataa
Sagaleen: Ifargan Gudeta
Mixing: Ifargan Gudeta
@ifargantech @ifargantech
Do you like science? What about technology? Interested in research ideas, and methodolies? Here, join this channel now: ▶ Century research consultancy 🙏
Читать полностью…Isa qabnu irratti haa xiyyeeffannu!
Bara duriiti jedhama. Namicha ogeessa, akkanuma waa beekuu danda'u tokkotu muka jala taa'ee kadhata godhata ture. Yeroo kadhannaaf ol jedhu kana, mukicha irraa imimmaan fuula isaatti gad cophuu eegale. Kadhannaa isaa xumuratee yommuu ol ilaalu, quuroo tokko mukicharratti arga. Quuroon kun akka malee boo'aa jira. Imimmaan fuulasaatti cophaa ture edaa quuroo kana irraati.
Yeroo kana argu namichi, "Yaa Quuroo nanaa, maal taatee boossa? Maaltu si mudate?" Jedhee gaafatan. Quurichis; "Gammachuu dhabeen jira. Namni na argu hunduu na ajjeessuuf dhagaa natti darbata. Yeroo damee mukaa irra taa'us, namni na argemoo na hin argine jedheen dhiphadha. Maaliif akka akkas namni na jibbu hin beeku. Kanatus gammachuu na dhorkata. Jireenyis na jibbisiisee jira" jedha, mataa buusee.
Yeroo kana namichi ogeessi waa beekuufi waan inni jedhu raawwachuu danda'u sun akkana jedhaan; "Ani ogeessadha. Waan barbaadde siif gochuu nan danda'a, waan garaakee natti himadhu." Quurichis, "Gooftakoo, yoo eeyyamakee ta'e gara daakkiyyeetti na jijjiiri" jechuun itti himata. "Akkuma ati jette gara daakkiyyeetti sin jijjiira. Garuu sanaan dura, daakkiyyee bira deemtee hammam gammadduu akka isheen taate adda baafatta" jedhaanii namichi.
Quuroon kunis, barbaachaaf balali'ee qajeele. Barbaacha yeroo dheeraan boodas, daakkiyyee sana argate. Itti dhiyaatee akkana jedheenii; "Ati baay'ee miidhagduudha. Miidhaginakeen cinatti namoonni baay'ee si jaallatu. Umama baallee qaban keessaa kan akkakee gammadoon tasumaa hin jirani."
Yeroo kana dhageessu daakkiyyeen; "Mee na dhiisi! Maal kootu bareeda amma. Halluu lafa guute keessaa adiin na uume uumaan! Koochoo ittiin balali'uu hin dandeenyes naaf kennee, naachi yoom na nyaata jedhee osoon yaadda'uu gammachuu isa kami kan ati odeessitu? Simbirroota keessaa kan hunduma caalaa gammaddu yoo barbaadde gara Piikookii deemi. Isheen halluu garagaraan kan faayamteefi baay'ee kan hawwattudha. Paarkii keessatti arachuus dandeessa." Daakkiyyeetu jedhaanii.
Akkuma daakkiyyeen akkana jetteen piikookii barbaachaaf gara paarkiitti balali'ee qajeele, quuroon sun. Achis gahee gara piikookiitti dhiyaachuun, "Piikook yaa ishee halluu gosa garagaraan faayamtee uumamte nanaa, ati uumama addaa ilmaan namaan jaallatamtedha. Carraa qabeettiidhas! Simbirroota keessaa kan akkakee gammachuu qabus waan jiru hin se'u!" Jedha.
Piikookiin kunis akkanaan deebii deebifti; "Namaan jaalatamuunkoo maal naaf godhee? Umuriikoo guutuu paarkii keessatti natti cufamee akkan hidhamaa ta'u na godhe malee! Faaya meeshaalee garagaraafis akkamitti akka barbaadan osoo beektee al takkaafuu nan hawwitu ture. Ani garuu hawwiinkoo, aluma takkaa osoon akkakee kana ta'ee balal'eema du'ee nan du'en jedhaa amma!"
Quurichis waan dhagahe kana ajaa'ibsiifachuun balal'uun qilleensarra asiif achi deddeebi'uu eegale.
•~~> Yeroo baay'ee xiyyeeffannoo keenya waan qabnurra osoo hin taane, waan hin qabneefi kan keenya hin taanerra godhanna. Haala kanaan gammachuu keenya gaaffii jala galchina. Gammachuun dhugaan garuu waan qabnu irratti xiyyeeffachuun dhufa. Akkasiin dorgommii yookaan birqabni hin barbaachifne jireenya keessaa bakka dhaba. Waan qabaniif bakka kennuu keessa waan dhaban argachuuf of qopheessuutu jira. Akkanuma, uuumaa isa waan qubnu sana nuuf kennes galateeffanna.
Kanaafuu, waan qabnu irratti xiyyeeffannee waan hin qabneef ifaajuu wayyan jedha.
Galatoomaa!🙏🏻
Dubbisuufi barreessuun ittuma fufa!
Abdiisaa Ejjetaati
@Orobook
Adobe photoshop CC 2015
It is professional. Try out!
HIRIYAA
ASOOSAMA GABAABAA
Ifargan Guddataatiin
Barruu PDF haaraa, 2023
Wal simachuu dhabuu dhalootaa
Barreessaa: Dhugoo Gaaddisaa
Publisher: @ifargantech
Are you a manager? Are you business owner? Are you a merchant? Are you an officer? Hey, you need multipurpose digital signature! Give me a call on 0919778608 or come on @Ifargan
Читать полностью…Kitaabni qoosaa haarawni kunooti. Waliif qoodaa. @ifargantech | Gaaddidduu Addunyaa
Читать полностью…Ani argaafuu hin fedhuu
Isheen kubbaa deeggartii
An callisaa kana
Isheen dhaabdee jeekkarti!
An hirriban jaaladha
Isheen sireefuu diina
Akkatti halkan maraa
Naannessa wal ariina!
Kunoo dugdan himadha
Eelaa quuqichoo siree
Silas ittanaa baatu
waan rabbi namaa hiree!
Naan taane natti hin taane
Nan dadhabe yaa firaa
Koottaa addaan nu baasaa
waanta qabnu nuu hiraa!
GATII GALFATA GAMEESSAA
---------------------------------------
Kitaaba Asoosamaa haaraa. Barreessaa Fayyisaa Hirphasaan kan qophaa'e.
All right reserved!
@ifargantech
@ifargantech
Chaanaaliiwwan isin seenuu qabdan... Best Channel of 2020
Читать полностью…Caalashii yaadha firaa
Dhirsikee mana jiraa?
Jaarsa kee raffifadhuu
Gad bahi na simadhuu!
Boroodhaan na laalladhu
Waa afaan na kaawwadhu!
Caalashii yaadha lootii
Giiftii guduunfaa kootii,
Foolii keen na marsitee
Qalbiikoo dabarsitee,
Dhirsakee naaf jibbitee
Jilbakees naaf irbitee!
Kunoo kee na taasifte
Qubeelaa na baasiftee
Manakoo adiyyeessee
Haadha ijoolleekoo gaggeessee
Kitaabni Fayyaa Sammuu jedhu kan gurmuu ogeessota yaala sammuutiin barreeffame tolaan PDF isaa isiniif gadhiifamee jira. Link /channel/sammuukoof/277 cuqaasuun gadi buufadhaa dubbisaa. Hiriyoota keessaniifis qoodaa.
@ifargantech @ifargantech
DU'A SHAWWADUUTTI NYAATAMTE....
😂😂😂😂😂😂
➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖➖
Guyyaa tokko du'atu mana namicha tokkoo dhufee, "Namichoo dabareen guyyaa har'aa kan keeti. Si fudhachuun dhufe" jedheen. Namichichis baay'ee na'uudhaan, "Anoo hin qophoofnee akkam naaf wayyaree?" jedheen sodaatee. Duutis, "Tartiiba galmee kootii keessatti maqaa keerra gaheen jira" jedheen.
Namichis, "Haa ta'u garuu maaf teessee xiqqoo boqonnaa fudhattee, nyaata ani si affeeru hin nyaatturee na fudhachuu keen dura" jedheen
Duutis, "Tole, natti tola" jedheen.
Namichi abbaa dabaree sunis, nyaata dhiyeessuuf keessatti kiniinii hirriba nama qabsiisu dabalee du'aaf kenne. Duutis akkuma kiniinii sana nyaata wajjin nyaateen hirribni isa qabe. Namichi abbaa dabaree du'aa sunis gammadee galmee du'aa sanarraa maqaasaa haqee dhuma tarree dabareerratti barreeffate.
Duutis amma rafu rafee yeroo hirribaa ka'utti namicha sanaan, "namichoo gaarummaa guddaa ati natti agarsiifteef yaadakoo jijjiireera. Adeemsakoo tartiiba dhumaarraan asii olee eegala" jedheen.
Gadheen du'a shawwaduutti nyaatamte. 😂😂😂😂😂😍
R I P jedhaa darbaa.
------------------------
@ifargantech